Adabbiin Dura Gara Gooftaa Keessanii Deebi’aa

Offline dubbisuf

TAFSIIRA SUURATU AZ-ZUMAR-KUTAA 17
Kutaa kana keessatti seerota Rabbii olta’aa keessaa seera tokko ni baranna. Innis, namni adabbiin Rabbii bu’uun dura badii irraa buqqa’uun gara Isaatti deebi’ee fi Isaaf ajajame, adabbii jalaa ni baha. Namni didee badii isaa itti fufe immoo adabbiin yommuu dhufu, nama isa gargaaree adabbii jalaa isa baasu hin argatu. Keeyyattoonni (aayaatni) armaan gadi dhugaa kana ifa godhu:

39:54

Adabbiin isinitti dhufuun dura gara Gooftaa keessanii deebi’aa, Isaafis harka kennaa. Sana booda hin tumsamtanu.” Suuratu Az-Zumar 39:54

Adabbiin isinitti dhufuun dura gara Gooftaa keessanii deebi’aa,” Kana jechuun yaa namoota! addunyaa keessatti adabbiin isinitti bu’uun dura shirkii fi badii irraa buqqa’uun gara Gooftaa isin uumee fi isin qananiisutti deebi’aa. Isarraa fagaachu irraa gara Isatti dhiyaachuutti deebi’aa. “Isaafis harka kennaa.” Kana jechuun hojii qulqulleessuun Gooftaa keessaniif masakamaa, gadi jedhaa, ajajamaa. Al-Inaabah (deebi’uun) kuni qalbiin ta’a. Harka kennuun immoo qaamoleen ta’an.[1] Namni jalqaba qalbiin gara Rabbii deebi’a. Kaafira yoo ta’e qalbiin amanuun isarra jira. Ergasii hojii isarraa eeggamu hojjachuun Rabbiif ajajama. Kan akka salaata, soomaa fi kkf hojjachuu. Kanniin lamaan (hojii qalbii fi qaamaa) keessatti ikhlaasni barbaachisaadha.

“Sana booda hin tumsamtanu.” Kana jechuun osoo isin gara Rabbii hin deebi’inii fi Isaaf hin ajajamiin adabbiin yoo isinitti dhufe, kan isin gargaaru fi adabbii kana irraa isin baraaru hin jiru. [2] Sababni isaas, namoonni sababa badii isaanitiin adabbiin Rabbiin irraa yoo isaanitti dhufe, kan isaan irraa deebisu hin jiru. Qur’aana keessatti, “Yeroo Rabbiin namootatti hamtuu fedhe, isaaf deebisaan hin jiru. Isaan ala tiiksaan isaaniif hin jiru.” (Suuratu Ar-Ra’ad 13:11) Kana jechuun adabbii, rakkoo fi wanta isaan jibban yoo isaan irratti buusu fedhe, eenyullee deebisu hin danda’u. “Isaan ala tiiksaan isaaniif hin jiru.” Rabbiin ala wanta badaa isaan jibban irraa kan isaan eegu fi waan gaarii isaan jaallatan kan isaaniif fidu hin jiru. Kanaafu, badii hojjachuu itti fufuu irraa of haa qusatan.[3]

39:55

“Osoo isin hin beekin tasa adabbiin isinitti dhufuun dura irra gaarii waan Gooftaa keessan irraa gara keessanitti bu’e hordofaa.” Suuratu Az-Zumar 39:55

Yaa namoota! Osoo isin hin beekin tasa adabbiin isinitti dhufuun dura wanta hundarra gaarii Gooftaa keessan irraa gara keessanitti bu’e hordofaa. Wanti hundarra gaarii ta’e kuni Qur’aana. Wanti isa keessa jiru hundi gaariidha. Akkaataan Qur’aana kana itti hordofan immoo: Wanta Gooftaan keessan Qur’aana keessatti ajaje hojjachuu fi wanta dhoowwe irraa fagaachudha.[4]

Gaabbuun dura gara Gooftaa keessanii osoo deebitanii?

Lubbuun [takka] “Gama Rabbiitiin wanta hanqiseef yaa gaabbi kiyya! Dhugumatti, ani warra qishnan irraa ture.” akka hin jenneef. Yookiin “Osoo Rabbiin na qajeelchee, silaa muttaqoota irraa nan ta’aa ture” [akka hin] jenneef. Yookiin yommuu adabbii argitu, “Osoo carraa [gara addunyaatti deebi’uu] tokko qabaadhee toltuu hojjattoota keessaa ta’ee maal qabaa!” [akka hin] jenneef [gara Gooftaa keessanii deebi’aa, Isaaf ajajamaa].” Suuratu Az-Zumar 39:56-58

Addunyaa keessatti wanta nama qunnamu irraa erga akeekachisee booda aayaata (keeyyattoota) tanniin keessatti wanta Aakhiratti nama qunnamu irraa akeekachiisa. Namni gaflaa keessatti taree yoo Gooftaa isaa dagatee fi Qur’aana Isarraa bu’ee hordofuu didee, Guyyaa Murtii akkana jedha:
“Gama Rabbiitiin wanta hanqiseef yaa gaabbi kiyya! Dhugumatti, ani warra qishnan irraa ture.”
Asitti Gama Rabbiitiin jechuun haqa Rabbii fi shari’aa Isaa.[5]
Kana booda ibsi aayah: Guyyaa Murtii nafseen takka gaabbuun “Addunyaa keessatti wanta Rabbiin itti ajaje hojjachuu dhiisuu kootiif, Isaaf ajajamuu fi haqa Isaa keessatti waan hanqiseef yaa gaabbii koo! Addunyaa keessatti ajaja Rabbii, Kitaaba Isaa, Ergamaa Isaatii fi namoota Isatti amananiitti qoosaa fi baacaa ture.” akka hin jenneef Gooftaa keessaniif ajajamaa, gara Isaatti deebi’aa.[6]

Namni kuni wanta Rabbiin subhaanahu itti ajaje hojjachuu dhiisuu qofa irratti hin dhaabbanne. Kana irra, Ergamaatti, Qur’aanaa fi warroota amananiitti baacaa fi qoosaa ture. Oduu du’aan booda kaafamutti ni qoosa. As keessa namoota Rabbii olta’aaf ajajamuu didanii fi shari’aa Isaatti qoosaniif akeekachiisa cimaatu jira. Guyyaa Qiyaamaa gocha isaanii kanaaf garmalee gaabbu.

Yookiin “Osoo Rabbiin na qajeelchee, silaa muttaqoota irraa nan ta’aa ture” [akka hin] jenneef. Yookiin yommuu adabbii argitu, “Osoo carraa [gara addunyaatti deebi’uu] tokko qabaadhee toltuu hojjattoota keessaa ta’ee maal qabaa!” [akka hin] jenneef [gara Gooftaa keessanii deebi’aa, Isaaf ajajamaa].

Yaa namoota! Guyyaa Qiyaamaa nafseen: “Ajaja Rabbii keessatti wanta dhiiseef yaa gaabbii koo!” Ammas nafseen biraas, “Osoo Rabbiin haqatti na qajeelchee, silaa Isaaf ajajamuu fi jaalala Isaa barbaaduun namoota Isa sodaatan (muttaqoota) keessaa nan ta’aa ture.” Yookiin tan biraa yommuu adabbii Rabbii argitu, “Osoo carraan addunyaatti deebi’uu naaf jiraatee warroota toltuu hojjatan keessaa ta’ee maal qabaa!” akka hin jenneef gara Gooftaa keessanii deebi’aa, Isaaf ajajamaa.[7]

Nafseen tuni wanta feete jechuun haa gaabbitu, dhumarratti deebii akkanaatu ishiif kennama:

“Lakki! Dhugumatti Aayaanni Kiyya sitti dhufanii jiru. Garuu ati isaan kijibsiifte, of tuulte, kaafiroota irraas taate.” Suuratu Az-Zumar 39:59

Kana jechuun: dubbiin akka ati jettuu miti. Keeyyattoonnii fi mallatooleen ifaa Kiyya haqa agarsiisan sitti dhufanii jiru. Garuu ati ni kijibsiifte, isaan fudhachuu fi hordofuu irraa of tuulte. Rabbii fi Ergamtoota Isaatti warra kafaran keessaa taate.[8]

Asitti kijibsiisuu fi of tuuluu jidduu garaagarummaa maaltu jiraa? Deebiin isaa akkana:
Jalqaba kijibsiisuu jechuun wanta tokko soba akka ta’etti ilaaluudha. Of tuuluu jechuun immoo “Ani guddaa fi kabajamaadha” ofiin jechuun haqa fudhachuu ykn itti buluu diduudha. Kanaafu kijibsiisuun odeefannoon wal qabata. Of tuulun immoo murtiiwwan ajajaa fi dhoowwutiin wal qabata.

Namni Guyyaa Qiyaamaa gaabbi cimaa gaabbuu fi hawwii sobaa hawwuu kuni, odeefannoo Ergamtoonni itti beeksisan ykn kitaaba Rabbii keessatti dhufe ni kijibsiisa. Fkn, du’aan booda kaafamu ni kijibsiisa. “Du’aan booda kaafamanii qoratamuun ni jira” yommuu isaan jedhamu, “kuni soba” jechuun yaada. Ammas, wanta Rabbiin itti ajaje hojjachuu fi wanta Inni dhoowwe dhiisu irraa of tuula. Fkn, salaata salaatu irraa of tuula. Ajajoota biroottis buluu irraa of tuula.

Kanaafu, sababa odeefannoo dhugaa Rabbiin irraa dhufe kijibsiisee fi ajajoota Isaatti buluu irraa of tuulef kaafirota keessaa ta’e.[9]

Guduunfaa
Jireenyi addunyaa iddoo qormaataa waan taateef namoota hundaafu yeroon qormaata isaanii murtaa’adha. Kana keessatti namoonni bakka lamatti qoodamu:
1ffaa-Namoota addunyaan tuni iddoo qormaata ta’uu hin beeknedha. Wanti gaarii fi badaan isaan qunnamu wanta baratame waan ta’ef homattu hin lakkaa’an. Gooftaa isaanitiif hin ajajaman. Yaanni isaanii guutuun addunyaa tana qofa. Namoota akkanaa: “Adabbiin isinitti dhufuun dura gara Gooftaa keessanii deebi’aa, Isaafis harka kennaa (ajajamaa). Osoo isin gara Rabbii hin deebi’inii fi Isaaf hin ajajamiin adabbiin yoo isinitti dhufee, gargaarsa hin argattan” jechuun affeerun wanta maluudha.
2ffaa-Namoota addunyaan iddoo qormaata akka taate beekun wanta isaan irraa barbaadamu hojjataniidha. Yeroon qormaata namaa, takkaa du’aan takkaa immoo adabbiin tasa dhufuun akka xumuramu waan beekaniif, yeroo hundaa of eeggannoo godhu. Of eeggannoon kunis: wanta Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa itti ajaje hojjachuu fi wanta Inni dhoowwe dhiisudha. Kuni warra milkaa’udha.


Kitaabban wabii:
[1] Zaadul Masiir-1233, Tafsiiru Qur’aanil kariim-Suuratu Zumar-fuula 386-387 (Ibn Useymiin) [2] Tafsiiru Qur’aanil kariim-Suuratu Zumar-fuula 387, Tafsiiru Xabarii-20/232[3] Tafsiiru Sa’dii-fuula 479[4] Tafsiiru Muyassar-464, Tafsiiru Xabarii-20/232[5] Tafsiiru Qur’aanil kariim-Suuratu Zumar-fuula 399[6] Tafsiiru Muyassar-464[7] Tafsiiru Xabarii-20/235-236[8] Tafsiiru Muyassar-465[9] Tafsiiru Qur’aanil kariim-Suuratu Zumar-fuula 416

Fuulli Namoota Rabbiin irratti Sobanii Gurraacha'u fi Milkii Muttaqootaa
Tafsiira Suuratu Az-Zumar-Kutaa 16
Offline dubbisuf

Leave a Reply