Fuulli Namoota Rabbiin irratti Sobanii Gurraacha’u fi Milkii Muttaqootaa

Offline dubbisuf

TAFSIIRA SUURATU AZ-ZUMAR-KUTAA 18
Addunyaan tuni iddoo qormaataa erga taate, iddoo fi yeroon firiin Qormaataa itti mul’atu jiraachu qaba. Akkasi miti ree? Addunyaan tuni namoota jalqaba irraa kaase hanga dhumaa jiran hundaaf qormaata waan taatef, firiin qormaata asirratti hin mul’atu. Mee itti yaadi, osoo barattoonni qoramanuu firiin qormaata ifa ni bahaa? Dhugumatti, hangi qormaanni dhumatutti ifa hin bahu. Haaluma kanaan, hanga namoonni addunyaa tana keessatti dhufu qaban dhufanii xumuramanitti yeroon firiin qormaata itti mul’atu hin jalqabamu. Yeromaa qormaanni addunyaa tanaa xumuramu, firiin mul’achuu eegala. Kunis Guyyaa Qiyaamaa jalqabama. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala wanta darbe, ammaa fi gara fuunduraatti dhufu hunda waan beekuf, wanta Guyyaa san adeemsifamu muraasa isaa nuuf hime jira. Mee har’a achi keessaa haala namoota kufanii fi milkaa’anii haa ilaallu:

39:60

“Guyyaa Qiyaamaa warroota Rabbiin irratti soban fuulli isaanii gurraacha’ee argita. Sila of tuultootaaf iddoon jireenyaa Jahannamin keessa mitii?” Suuratu Az-Zumar 39:60

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa salphinna warra Isa irratti sobanii dubbata. Guyyaa Qiyaamaa fuulli isaanii akka halkan garmalee dukkanaa’a gurraacha’a. Namoonni iddoo wal gahiitti walitti qabaman kana ni beeku. Haqni garmalee ifa akka ganamaati. Akkuma isaan fuula haqaa kijibsiisuun gurraachessan, Rabbiinis fuula isaanii gurraachesse. Jazaan gosa hojiitini. Fuulli isaanii gurraacha, Jahannam keessatti adabbii cimaatu isaaniif jira. “Sila of tuultootaaf iddoon jireenyaa Jahannamin keessa mitii?” Kana jechuun iddoon jireenyaa fi turtii namoota haqaa fi Gooftaa isaanii gabbaruu irraa of tuulaniif Jahannam keessa mitii? Eeyyeen, iddoon isaan jiraatanii fi turan Jahannam keessa.

Rabbiin irratti sobuun, shariika ykn ilma qaba jechuun dubbachuu, wanta Isaaf hin malleen Isa ibsuu, ykn nabiyyummaa odeessu ykn shari’aa keessatti wanta Inni hin jenne jechuu of keessatti hammata.[1] 

Rabbiin ilmoo ykn shariika qaba jedhanii dubbachuun kijiba hundarra guddaa fi badaa ta’eedha. Fakkeenyaaf, Iisaan (Iyyasuus) ilma Gooftaati jechuu. Dhugumatti, kuni kijiba guddaadha. (Ilaali Suuratu As-Saffaat 37:151-152, Suuratu An-Nisaa 4:171, Suuratu Yuunus 10:68-69)

“nabiyyummaa odeessu” kana jechuun Rabbiin nabiyyi godhee osoo isa hin ergin, namni tokko “Ani Nabiyyiidha, wahyiin (beeksisni) Rabbiin irraa natti bu’e.” jedhe odeessudha. (ilaali suuratu Al-An’aam 6:93) Kuni Rabbii olta’aa irratti kijibuudha. “shari’aa keessatti wanta Inni hin jenne jechuu”-fakkeenyaf wanta Inni halaala godhe “Kuni haraama” jechu. Ykn wanta haraama godhe, “Kuni halaala” jechuu. Kuni hundi Rabbiin irratti sobuudha. (Ilaali suuratu An-Nahl 16:116)

Namoonni Rabbiin irratti kijiban osoo fuulli isaanii addunyaa keessatti adii ta’eyyuu Guyyaa Qiyaamaa akka cilee gurraacha’a. Rabbiin kanarraa nu haa eegu. Rabbiin haala warra of tuulanii erga dubbatee boodaa faallaa isaanii kan ta’an haala muttaqoota dubbate:

“Rabbiin warra Isa sodaatan milkii isaanitiin isaan baraara. Hamtuun isaan hin tuqu, isaan hin gaddanis.” Suuratu Az-Zumar 39:61
Rabbiin warra waan Inni itti ajaje hojjechuu fi wanta Inni dhoowwe dhiisun Isa sodaatan, Jahannamii fi gurraachinna fuulaa irraa ni baraara. Sababni isaas, isaan bira meeshaa ittiin nagaha (najaa) bahantu jira. Meeshaan kunis “Rabbiin sodaachuu (taqwaa)”dha.[2]

Hundeen taqwaa jecha wiqaayah jedhamu irraa kan fudhatameedha. Wiqaayah jechuun eeggumsa (protection) jechuudha. Taqwaan wiqaayah irraa erga fudhatamee, taqwaa jechuun “Wanta azaaba (adabbii) Rabbii irraa nama eegu godhachuudha.” jennee ibsu dandeenya. Wanta azaaba Isaa irraa nama eegu hin jiru, wantoota Inni itti ajaje hojjachuu fi wantoota Inni dhoowwe irraa fagaachun malee. Kanaaf akkana jenna, taqwaa ilaalchisee dubbiin hundarraa wali gala: taqwaa jechuun wantoota itti ajajaman hojjachuu fi wantoota dhoowwaman irraa fagaachudha.[3]

Kanaafu, wanta Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa itti ajaje hojjachuu fi wanta Inni dhoowwe irraa fagaachun azaaba (adabbii) Isaa irraa eeggumsa namaaf ta’aa jechuudha. Kanaafi, taqwaan meeshaa azaaba (adabbii) cimaa san jalaa nagaha ittiin bahan jenne. Namni taqwaa qabuu isaa fi adabbii jidduu eeggumsa godhata.

“Hamtuun isaan hin tuqu, isaan hin gaddanis.” Kana jechuun adabbii Jahannam irraa wanti isaan tuqu tokkollee hin jiru. Akkasumas, qooda addunyaa irraa wanta isaan jala darbeef hin gaddan.[4]

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa warroota taqwaa qabaniif irra darbuu fi isaaniif araaramuun, milkaa’inna isaaniif murteessuun, iddoo milkaa’innaa isaan geessun rakkoo fi adabbii hundarraa isaan baraara.

Waan baraaramaniif wanti hamaan isaan jibban isaan hin tuqu, wanta jaallatamaa ykn abdatamaa isaan jala darbeef ykn darbuu isaa sodaataniif hin gaddan. Kana irra, isaan warra gammadan, mirqaananii fi tasgabbaa’aniidha.[5] Isaan yeroo hundaa qananii keessa ta’u. Kanaafi akkana jedhe: “Hamtuun isaan hin tuqu, isaan hin gaddanis.” Kana jechuun [adabbiin isaan rakkisuu isaan hin tuqu], wanta darbe irrattis hin gaddan. Sababni isaas, gaddi wanta darbe irratti ta’a. Yaaddon immoo wanta dhufuuf ta’a. Wanta gara fuunduraatti dhufuuf akkana jedhe: “Hamtuun isaan hin tuqu” Wanta darbeef immoo: “isaan hin gaddanis.” Kana jechuun wanta darbe irratti hin gaddan. Sababni isaas, yeroo darbe keessatti wanta isaan irraa eeggamu hin dhiisne ykn hin hanqisne. Kana irra, gatii yeroo ni beekan. Wanta azaaba (adabbii) Rabbii irraa ittiin nagaha bahaniin ni hojjatan.[6] Innis wanta itti ajajaman hojjachuu fi wanta irraa dhoowwaman dhiisuudha.

Rabbiin Uumaa wantoota hundaati. Inni wantoota hundaa irratti Wakiila. Furtuwwan samiiwwanii fi dachii kan Isaati. Warroonni aayaata Rabbiitti kafaran, isaan sun isaanumatu kasaartota.” Suuratu Az-Zumar 39:62-63

“Rabbiin Uumaa wantoota hundaati.”
Jechi khalaqa (uume)jedhu hiika taqdiir (hamma fi boca wanta tokko murteessuu) fi wanta tokko fakkeenya dursaa tokko malee jalqabuu fi dhabama irraa argamsiisuu qaba.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa sirna guutuu ta’een hamma fi boca wantoota hundaa Kan murteessu, dhabama irraa Kan argamsiisu fi wanta duraan uumaman Kan too’atudha.[7] Rabbiin subhaanahu wantoota hundaa erga uumee, wantoonni kunniin turuu fi jireenyi isaanii itti fufuuf maal barbaachisaa? Yeroo hundaa eeggumsaa addaan hin cinne isaan barbaachisa. Kanaafi itti aanse ni jedha: “Inni wantoota hundaa irratti Wakiila.” Kana jechuun Rabbiin wantoota hundaa Kan eeguu fi qindeessudha.[8]

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wantoota hundaa kan eegu, hanga fedhe haa xiqqaatu kutaalee wanta uumee hunda, argamsiisuun, tursiisuun, jijjiruun kan too’atu fi isa keessatti wanta fedhe Kan hojjatuudha. Sababni isaas, Inni beekumsa guutuu homtu jalaa hin miliqne, dandeetti guutuu homtu Isa hin dadhabsiisne fi ogummaa guutuu wanta hunda bakka isaaf malu kaa’u qaba.

“Furtuwwan samiiwwanii fi dachii kan Isaati.” Kana jechuun furtuuwwan kuusaa samiiwwanii fi dachii kan Rabbiiti. Isa irraa uumamtoota Isaatiif akka fedhetti kenna.[9] Aayan tuni akkuma agarsiistu kuusaawwan samii fi dachii keessa jiran kan Rabbii qofa. Kuusaawwan kanniin keessaa kuusaa rizqii, kuusaa albuudotaa, kuusaa humnaa fi kanneen biroo. Furtuun kuusaa hundaa kan Rabbii qofa. Yoo Inni kuusaa Isaa bane, kan cufu hin jiru. Yoo kuusaa Isaa cufe, kan banu hin jiru. Ni jedha:

35:2

“Rahmata irraa wanta Rabbiin namootaaf banu, ishii kan qabu hin jiru. Wanta Inni qabe, Isa booda kan gadi isa dhiisu hin jiru. Inni Injifataa, Ogeessa.” Suuratu Faaxir 35:2

Kana jechuun rizqii, rooba, fayyaa, beekumsaa fi qananii biroo irraa wanta Rabbiin namootaaf banu, eenyullee rahmata kana qabuu hin danda’u. Rahmata kana irraa wanta Rabbiin qabe, Isa booda eenyullee gadi lakkisuu ykn ergu hin danda’u.[10]Kanaafu, furtuu kuusaa samii fi dachii Isa qofatu harkaa qaba.

 “Warroonni aayaata Rabbiitti kafaran, isaan sun isaanumatu kasaartota.”
Kana jechuun namoonni keeyyattoota Qur’aanaa fi ragaalee ifaa isa keessa jiran mormanii fi kijibsiisan, isaan sun addunyaa fi Aakhiratti kasaartoota. “Isaan sun” yommuu jedhu, rahmata Rabbii irraa fagaachuu fi sadarkaan isaanii gadi aanaa ta’uu agarsiisa. “Isaanumatu” yommuu jedhu, nama biraa osoo hin ta’in kasaaraa guddaa fi guutuu kan kasaare isaanuma.[11] Sababni isaas, nafsee ofii ni kasaarsan, qananii Jannataa ni dhaban, adabbii ibidda ofitti fidan.

Namoonni kunniin Aakhiratti kasaaran isaanii ifa. Addunyatti hoo maalidha yoo jedhame, Rabbiin gabbaruu fi Isaaf hojii qulqulleessuu irraa wanta qalbiin ittiin fooyyoftuu ni kasaaran. Zikrii arrabni ittiin fooyyo’u ni kasaaran. Rabbiif ajajamu irraa wanta qaamni ittiin fooyya’u ni kasaaran. Bakka kana hundaa wanta qalbii fi qaama balleessun bakka buusan.[12] (Kasaaru jechuun wanta tokko dhabuu, gatuudha. Namoonni kunniin yommuu kafaran (amanuu didanii fi morman), ibaadaa qalbiin ittiin tasgabbooftu fi qaamni fayyaa itti ta’uu ni dhaban. Kanaafi, addunyaa keessatti namoonni hundarra jeeqamanii fi tasgabbii hin qabne, namoota kafaraniidha.) Aakhiratti immoo Jannata qananii kasaarun adabbii laalessatti kufu.

Jireenya isaanii zalaalamii keessatti mataa wanta qabanii kasaaranii osoo jiranuu, akkamitti kasaaraa guutuu hin kasaarree? Qaama isaanii, amaloota isaanii fi jireenya isaanii keessatti yeroo isaanii zalaalamii kasaaranii jiru. Yeroo isaanii guutuu ibidda Jahannam keessatti kan gubatan godhanii jiru. Nama jaamaa ta’e malee namni aqlii fi argituu qabuu kasaaraa ifa bahe kanaaf nafsee ofii ni saaxilaa?[13]

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kufrii fi badii gurguddaa kasaaraa guddaa kanatti nama geessu hundarraa nu haa tiiksu.


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Sa’dii-856[2] Tafsiiru Sa’dii-856[3] Tafsiiru Qur’aanil kariim-Suuratu Zumar-fuula 409[4] Tafsiiru Muyassar-465[5] Ma’aariju tafakkuri-12/263[6] Tafsiiru Qur’aanil kariim-Suuratu Zumar-fuula 426-427[7] Ma’aariju tafakkuri-12/263[8] Tafsiiru Qur’aanil kariim-Suuratu Zumar-fuula 429[9] Tafsiiru muyassar-465[10] Tafsiiru Muyassar-434[11] Tafsiiru Qur’aanil kariim-Suuratu Zumar-fuula 433, madda olii[12] Tafsiiru Sa’dii-857[13] Ma’aariju tafakkuri-12/265

Tafsiira Suuratu Az-Zumar-Kutaa-19
Adabbiin Dura Gara Gooftaa Keessanii Deebi'aa
Offline dubbisuf

Leave a Reply