Tafsiira Suuratu Az-Zumar-Kutaa-19

Namni hundarra wallaalan eenyudhaa? Wanti hojii gaggaarii hojjatan hunda nama jalaa balleessu maalidhaa? Shukrii fi al-hamd jidduu garaagarummaa maaltu jiraa? Hiikni shukrii maali? Gaafiwwan kanniinif deebii asi gaditti ni arganna:

39:64

Jedhi, “Yaa wallaaltoota! Sila Rabbiin ala wanta biraa akka gabbaru na ajajjuu?” Suuratu Az-Zumar 39:64

“Yaa wallaaltoota!” kana jechuun haqiiqaa wanta Rabbiif ta’uu qabuu fi haqiiqaa sanamoota gabbaruu kanneen wallaalan. Jechi “wallaaltoota” jedhu hiika “gowwootas” qabaachu danda’a. sababni isaas, yeroo garii wallaalummaan “gowwummaa” ibsuuf ni barbaadama. Yeroo biraa immoo hiika “beekumsa dhabuu” qaba.

“Sila Rabbiin ala wanta biraa akka gabbaru na ajajjuu?” Wanti Rabbiin ala gabbaramu jiraataa fi du’aa, gaarii fi badaa, lubbu-dhabeessaa fi lubbu-qabeessa hunda hammata.

Faaydalee aayah tanaa keessaa:
Faaydaa 1ffaa: Gowwumma fi wallaalummaa namoota Rabbiin ala wanta biraa gabbaruutti nama ajajanii! Namoonni Rabbiin ala wanta biraa gabbaruutti (waaqefachuutti) nama waaman gowwoota fi wallaaltoota. Sababni isaas, wanta nama hin fayyannee fi hin miinee gabbaruun (waaqefachuun) gowwummaa fi wallaalummaa malee maal ta’uu danda’aa? Nama dhagaa gabbaruun maal jettaniin? Nama waliyyi, nabiyyi, malaykoota isa hin dhageenye fi dhimma isaa hin beekne gabbaruun maal jettuun?

Faaydaa 2ffaa-Rabbii olta’aa gabbaruun beekumsaa fi qajeelinna. Sababni isaas, Isaan ala wanta biraa gabbaruun wallaalummaa fi jallinna erga ta’ee, Isa gabbaruun beekumsaa fi qajeelinnna ta’a.
Faaydaa 3ffaa-Mushrikoonni Nabiyyiin (SAW) Rabbiin ala wanta biraa akka gabbaruuf yaalaa kan turan erga ta’anii, hordoftoota Nabiyyii (SAW) irratti hoo yaalin isaanii akkam ta’inna laataa? Dhugumatti Nabiyyii caalaa hordoftoota isaa Rabbiin ala wanta biraa akka gabbaran yaali guddaa godhu.

Faayda kana irraa faaydan biraa ni baha: namoota gara shirkii fi kufriitti waaman irraa of eeggannoo gochuu. Fakkeenyaf, Kiristaanota gara shirkii fi kufriitti nama waaman irraa of eeggachu. Kiristaanonni wanta danda’an hundaan Muslimoota jallisuu fi kiristaana gochuuf ni carraaqu. Kana yoo dadhaban wanti xiqqaan isaan gochuu danda’an, kiristaana keessa osoo seenu baatanillee Islaama keessaa isaan baasudha. Kuni yeroo ammaa ifa kan ta’eedha. Muslimoota gara Kiristaanatti waamuuf tamsaasa (broadcast) cimaa ifa bahe dhaabaa akka jiran ni argita. Ergaalee xixxiqoo irraa kaasee hanga kitaabban gurguddaa gahuutti kitaabban baay’ee barreessuun Muslimoota keessa raabsu. Ammas, ergaa kijibaa isaanitti namoota waamuuf gara biyyoota hiyyeeyi fi dadhaboo ta’an deemuun dhaabbilee barnootaa, bashannanaa fi fayyaa ni ijaaru. Ergasii churchi ijaaru.[1]

Kanaafu, namni peenxen gowwoomu hin qabu. “Jedhi, “Yaa wallaaltoota! Sila Rabbiin ala wanta biraa akka gabbaru na ajajju?” Dhugumatti ani wanta isin itti na waamtan yoo hojjadhe, addunyaa fi Aakhirah nan kasaara. Hojiin hundi na jalaa bada. Kanaafi itti aanse ni jedha:

39:65

Dhugumatti gara keetii fi gara warra siin duraatti “Yoo Rabbiin wajjiin waan biraa gabbarte, dalagaan kee ni bada; warra kasaaran irraas taata.” [jechuun] beeksisni godhamee jira.” Suuratu Az-Zumar 39:65

Yaa Rasuula dhugumatti gara keeti fi ergamtoota siin dura turaniitti akkana jedhamuun beeksifame: Rabbiin waliin waan biraa yoo gabbarte, hojiin kee ni bada. Warra badanii fi kasaaran keessaa taata. Sababni isaas, shirkii waliin hojiin gaariin fudhatama hin argatu.[2]

Beeksisni kuni jalqaba nabiyyitti haa qajeelu malee namoota hundaaf kan ta’uudha.
Rabbiin waliin wanta biraa gabbaruun (waaqefachun) shirkiidha. Fkn, namni sanamaaf gadi jedhu, kadhatu, qalma qaluu, sujuuda bu’u fi kkf hojjatu, shirkii hojjatee jira. Ammas, namni nama awwaalame kadhatu, silati seenuuf, qalma qaluuf, gargaarsaa fi birmannaa irraa barbaadu, shirkii hojjatee jira. Ammas, namni Iyyasuus gooftaadha jechuun kadhatu fi waaqefatu shirkii hojjatee jira. Namni kana hojjate, hojiin isaa hundi jalaa bada. Kaayyoo barbaade hin gahu.

Faaydaalee aayah tanaa keessaa:
1-shirkiin hojii namni hojjatu hunda balleessa. Hojii gaarii hojjatuuf mindaa gaarii Rabbiin irraa hin argatu. “Yoo Rabbiin wajjiin waan biraa gabbarte, dalagaan kee ni bada”
2-Guddinna shirkii-badii keessaa badii hundarra badaa ta’eedha. Kanaafi, hojii hunda balleessa.
3-Shirkiin addunyaa fi Aakhiratti kasaaraaf sababa ta’a. “warra kasaaran irraas taata” jedhu keessatti ni arganna.

4-Kaafiroonni addunyaa keessatti osoo bu’aa buufatanillee dhugaadhaan isaan addunyaa fi Aakhirah kan kasaaraniidha.[3] Yeroo isaanii guutuu wanta jaalalaa fi mindaa Rabbii isaaniif hin argamsiisne irratti dabarsuun kasaaru. Aakhiratti immoo qananii Jannataa guddaa san dhabuu fi adabbii ibiddaatiif of saaxiluun kasaaru. Namni kasaaraa kana hunda jalaa bahuuf maal gochuu qaba ree? Namni kasaaraa kana hunda jalaa akka bahuuf itti aanse akkana jechuun ajaja:

39:66

“Kana irra, Rabbiin qofa gabbari. Galateefattoota keessaas ta’i.” Suuratu Az-Zumar 39:66
Kana jechuun shirkiin baaxila (soba) waan ta’eef shirkii dhiisii Rabbii olta’aa qofa gabbari.[4] Rabbiin ala wanta biraa akka gabbartuuf (waaqefattuuf) wanta kaafironni itti si waamaniif deebii hin deebisin. Jaalala Gooftaa keeti argachuuf fedhii guddaa yoo qabaatte, Rabbiin qofa gabbari.

“Galateefattoota keessaas ta’i.” kana jechuun qananii Rabbiin sirratti ooleef warra Isa galateefatan keessaa ta’i. Qananiiwwan kanniin keessaa gurguddoon: Rabbii tokkicha gabbaruutti si qajeelchu, sanamaa fi wanta biraa gabbaruu irraa qulqulla’uudha.[5]

Namni tokko osoo akkana jedhe: Sila galanni (shukriin) faarsu (al-hamd) dha. Yookiin isaan alaa?
Deebiin: Isaan lamaan (shukrii fi al-hamd) jidduu walii galaa fi adda bahuutu jira. Qananii argataniif deebii kennuu keessatti shukrii fi al-hamd walitti dhufu. Haala kana keessatti, al-hamd shukriidha. Sababni isaas, al-hamd arrabaan Rabbiin faarsuudha. Namni erga nyaata nyaate ykn dhugaati dhugee booda “Alhamdulillah” yoo jedhe, dubbii kanaan shaakira (galateefataa) fi haamida (kan faarsu) ta’a. Qananiif deebii kennuu malee Al-Hamd Rabbiin amaloota guutuun ibsuun adda ta’a. (Kana jechuun qananii osoo hin argatin amaloota guutuun Rabbiin faarsun Al-Hamd ta’a.) Rabbiin Jiraataa Guddaa akka ta’ee fi wanta kana fakkaatanin yoo Isa faarsite, kuni al-hamd ta’a. Garuu shukrii miti. Sababni isaas, qananii argatteef deebii kennu miti. Tarii ibaadaa waan ta’eef akka shukriittis ilaalu dandeenya. Qananii siif kenneef galata akka ta’uuf Rabbiif ajajamuun yoo dhaabbattee kuni shukriidha.[6]

Gabaabumatti Al-hamd qananii argatanii dhiisanii Rabbii olta’aa arrabaan faarsudha. (Fkn, Alhamdulillah jechuu) Shukriin immoo qananii argataniif arrabaan, qaamaa fi qalbiin galata galchuudha. Kunis kan ta’u: qananiin Isarraa akka ta’e amanuu, arrabaan Isa faarsu, qalbiin Isaaf of gadi qabuu, wanta Inni jaallatu qananii saniin hojjachuu fi wanta Inni jibbuu ittiin hojjachuu dhiisudha. Asirraa ka’uun, shukriin “Alhamdulillah” jechuu qofa akka hin taane ni hubanna. Namoonni gariin wanta Rabbiin itti ajajee dhiisaa fi wanta Inni dhoowwe hojjataa arraba qofaan Alhamdulillah yommuu jedhan shukrii (galateefachuu) isaan irraa eeggamu galmaan waan gahan isaanitti fakkaata. Shukrin arrabaan Rabbii olta’aa faarsu, qalbiin itti amanuu, jaallachuu fi of gadi qabuu, fi qaaman wanta itti ajajaman hojjachuu of keessatti qabata.

Isaan Rabbiin guddinna Isaaf malu hin guddifne (hin kabajne). Guyyaa Qiyaamaa dachiin guutuun qabaa Isaa keessa taati; samiiwwanis mirga Isaatiin maramtuudha. Inni qulqullaa’e, waan isaan itti qindeessan irraas olta’e.” Suuratu Az-Zumar 39:67

Mushrikoonni kunniin Rabbii olta’aa waliin yommuu wanta nama hin fayyannee fi hin miine gabbaran, guddinna Isaaf maluu hin guddifne. Makhluuqa (uumamaa) dadhabaa Khaaliqa Guddaan wal qixxeessan. Guddinna dandeetti Isaa irraa kan ka’e Guyyaa Qiyaamaa dachiin hundii qabaa Isaa keessa taati. Akkasumas, samiin torbaniis harka mirkaa Isaatiin maramti.[7]

Guyyaa Qiyaamaa samiin akka galmeen ykn waraqaan maramutti ni maramti:

21:104

“Guyyaa samii akka barreessaan xalayaa (galmee) marutti marru [yaadadhu]. Akkuma uumama duraa jalqabnetti isa ni deebifna. [Kuni] waadaa Nu irra jiruudha. Dhugumatti Nuti ni hojjanna.” suuratu Anbiyaa 21:104

“Inni qulqullaa’e, waan isaan itti qindeessan irraas olta’e.”
Rabbiin subhaanahu wanta mushrikoonni kunniin Isatti qindeessan irraa qulqullaa’e, olta’e.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wantoota lama irraa qulqulleessuun ni barbaachisa:
1ffaa-Fakkaataa fi shariika irraa Isa qulqulleessu,
2ffaa-hanqinnaa fi wanta Isaaf hin malle irraa Isa qulqulleessu.

Rabbiin fakkaataa fi shariika hin qabu. Wanti Isa fakkaatu tokkollee hin jiru. Kanaafu, Inni fakkaataa fi shariika qabaachu irraa qulqullaa’e. Ammas, hanqinna akka rafuu, du’uu, nyaachu, dhuguu, dadhabinnaa fi kkf irraa Rabbiin qulqullaa’e. Akkasumas, wantoota Isaaf hin malle kan akka ilmaa fi niiti qabaachu irraa qulqullaa’e olta’e.  Namni yommuu “Subhaanallah (Rabbiin qulqullaa’e), subhaana Rabbiyal aziim (Gooftaan kiyya Guddaan qulqullaa’e)” jedhu, wantoota lamaan armaan olii irraa Rabbiin qulqulleessaa akka jiru haa yaadatu.


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Qur’aanil kariim-Suuratu Zumar(10MB)-fuula 438-439, Ibn Useymiin
[2] Tafsiiru Muyassar-465
[3] Tafsiiru Qur’aanil kariim-Suuratu Zumar-fuula 442
[4] Madda olii-fuula 444
[5] Tafsiiru Xabarii-20/244
[6] Tafsiiru Qur’aanil kariim-Suuratu Zumar-fuula 445
[7] Tafsiiru Muyassar-465

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Az-Zumar-kutaa 20
Fuulli Namoota Rabbiin irratti Sobanii Gurraacha'u fi Milkii Muttaqootaa

Leave a Reply