Tafsiira Suuratu Az-Zumar-kutaa 20

Offline dubbisuf

Tarii jireenya keessatti wantoota nama sodaachisanii fi rifachiisan baay’ee arguu fi dhagayuu dandeenya. Boombin ykn niwuklarri yommuu dhooyu hangam akka nama rifachiisu ni beekna. Garuu kunniin wanta manneen diigu ykn namoota fixuudha. Garuu Guyyaa tokko sagaleen cimaan addunyaa guutuu diddiigu, lubbu-qabeenyin itti dhuman ni argama. Guyyaa kana Guyyaa Qiyaamaa jennaan. Mee har’a kutaa gara dhumaa suuratu Az-Zumar kana keessatti wanta garmalee rifachisaa adeemsifamu kanaa fi jazaa namootaa haa ilaallu. Tarii Guyyaa cimaa kana beekun of qopheessuuf tattaafanna.

39:68

Xurumbaan ni afuufama. Warrii samiiwwan keessaatii fi warri dachii keessa jiran hunduu ni dhumu, nama Rabbiin fedhe malee. Ergasii yeroo lammataas ni afuufama, yeroma san isaan dhaabbatanii kan ilaalan ta’u.” (Suuratu az-Zumar 39:68)

“Xurumbaan ni afuufama.”
Xurumbaa jechuun uumama guddaa akka gaafati. Garri tokko qaawwa dhiphoo qaba, gara fuunduraatin immoo qaawwa bal’aa kan qabuudha. Garaan isaa qullaadha. Keessaan yommuu afuufamu sagalee ni baasa. Xurumbaan Guyyaa Qiyaamaa afuufamu guddinna isaa Rabbii uumetu beeka. Malaykaan xurumbaa kana afuufu Israafil (aleyh salaam). Xurumbaan kuni si’a lama afuufama.

Afuuffi tokkoffaa keessatti, “Warrii samiiwwan keessaatii fi warri dachii keessa jiran hunduu ni dhumu, nama Rabbiin fedhe malee.”

Nama Rabbiin akka hin duune fedhe malee samii fi dachii keessa kanneen jiran hundi ni du’u.
Afuuffi lammataa keessatti immoo namoonni ni kaafamu. Yommuu Israafil yeroo lammataaf xurumbaa afuufu, namoonni du’an qabrii (awwaalcha) isaanii keessaa kaafamuun dachii mahashar (wal-gahii) ilaalu, dirree wal gahii kana keessatti wanta ijji isaanii irra buutu ni ilaalu.

Afuuffi lammataa kanaan ruuhin gara qaamaatti seenti. Addunyaa keessatti qaama keessa turte irraa du’aan erga addaan baate booda xurumbaan kuni yommuu afuufamu ruuhin hundi gara qaama ishiitti deebiti. Ergasii gara qorannoo, murtii fi jazaatti oofamu.[1] 

39:69

“Dachiinis ifa Gooftaa ishiitin ni ifti. Galmeenis ni kaa’ama. Nabiyyoonni fi ragooleen ni fidamu. Gidduu isaanitti haqaan murteefama, isaan homaa hin miidhaman” Suuratu Az-Zumar 39:69

Guyyaa Qiyaamaa ifti amma jiru ni bada. Aduun ni maramti, jiiyni ifa dhaba, urjiileenis ifni isaanii haaqamun harca’u. Kanaafu, namoonni dukkana keessa ta’u. Yeroo kanatti “dachiin ifa Gooftaa ishiitin ni ifti.” Yommuu Rabbiin guddaan olta’ee namoota jidduutti murteessuf dhufu, dachiin ifa Isaatin ifti. “Galmeenis ni kaa’ama.” Kana jechuun kitaabni hojiin namootaa keessatti galmeefame ni dhiyeefama. Namni hundi wanta gaarii fi badaa hojjate kitaaba kana keessatti ni argata. Akkana isaan jedhama: “Kitaaba kee dubbisi. Har’a ati mataan kee of irratti herregaa ta’uuf gahaadha.” Suuratu Al-Israa 17:14

Nabiyyoonni fi ragooleen ni fidamu.” Ummata isaanitti ergaa geessu isaanii gaafatamuf, isaan irratti ragaa bahuuf Nabiyyoonnis ni fidamu. Ragooleenis ni fidamu. Ragooleen kunniin, malaaykoota, kutaalee qaamaa, hordoftoota Nabiyyootaa namoota waan gaariitti ajajanii fi waan badaa irraa dhoowwaniidha.

 “Gidduu isaanitti haqaan murteefama” Kana jechuun haqa guutuun namoota jidduutti murteefama. Sababni isaas, qorannoon Rabbii nama hin miine, wantoota hundaa takka takkaan beeku irraa kan baheedha. Ammas, wanti isaan hojjatan hundi Malaykoota kabajamoo ajaja Isaa gonkumaa hin faallessineen kan galmaa’edha. Ammas, ragooleen isaan irratti ragaa bahu. Kanaafu, osoo homaa hin miidhamin haqaan isaan jidduutti murteefama.[2] Hojii isaa irratti hundaa’e kan badhaafamu qabu ni badhaafama, kan adabamu qabu ni adabama.

39:70

Lubbuun hundi wanta hojjatteef jazaan guutuun kennamaaf. Inni wanta isaan hojjatan hundarra beeka.” Suuratu Az-Zumar 39:70

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa yeroo sanitti kheeyris ta’e sharriis ta’e jazaa hojii nama hundaa ni kafalaaf. Isaaf ajajamuus ta’i Isa faallessuu irraa wanta namoonni addunyaa keessatti hojjatan hunda caalaa beeka. Kana beeku keessatti homtu Isa jalaa hin miliqu. Guyyaa Qiyaamaa hojii kana irratti jazaa ni kafalaaf. [3]  (Jazaan mindaa fi adabbii of keessatti qabata. Namni Rabbii olta’aatti fi wanta Isarraa dhufetti erga amanee booda hojii gaggaarii hojjate, mindaa dacha dachaa argata. Namni amanuu dhiise fi Rabbiif ajajamu dide immoo adabbii isaaf malu adabama.)

Itti aanse jazaa namoota kafaranii (amanuu dhiisanii fi Gooftaa isaanitiif ajajamu didanii) dubbata:

Warroonni kafaran gara Jahannam garee gareen oofamu. Yommuu ishii bira gahan, balbaloonni ishii ni banamu. Waardiyonni isaaniin ni jedhu, “Sila isin keessaa Ergamtoonni keeyyattoota Gooftaa keessanii isin irratti dubbisanii fi qunnamtii Guyyaa keessanii kana isin akeekachiisan isinitti hin dhufnee?” Isaanis ni jedhu, “Eeyyen! [Dhufanii jiru]. Garuu jechi adabbii kaafiroota irratti mirkanoofte.” Suuratu az-Zumar 39:71

Kufriin gosa lama: kufrii waakkachuu (kufr juhuud) fi kufrii of tuulu (kufr istikbaar). Haqa Rabbiin irraa dhufe kijibsiisuun kufrii waakkachuuti (osoo beekanu mormuuti). Wanta Rabbiin itti ajaje hojjachuu dhiisun kufrii of tuuluti. Aayan tuni gosoota kufrii lamaanu ni hammatti.[4]

Namoonni Rabbiitti, Malaykotatti, Kitaabanitti, Ergamtoota Isaatti, Guyyaa Qiyaamatti fi qadaratti amanuu didanii fi Isaaf ajajamuu irraa of tuulan, gara Jahannam garee gareen oofamu. Jahannam maqaa ganda azaabaa (adabbii)ti. Rabbiin namoota adabbiin isaaniif maluuf qopheesse. Oofamu jechuun namni tokko ykn sani oli duubarra deemun gara fuunduraatti akka deeman gochuudha. Zumar jechuun gareewwan addaan babahan (garee garee).
Namoonni kafaran hamma yakka isaanii irratti hundaa’e garee gareen gara Jahannam oofamu.

“Yommuu ishii bira gahan, balbaloonni ishii ni banamu.”
Namoonni kafaran kunniin dhufuun dura Jahannam cufaa turte. Garuu yeroma isaan Jahannamiin bira gahaniin balbaloonni takkamaan banamu. Takkamaan banamuun kuni wanta garmalee isaan jibbisiisuudha. Sababni isaas, Jahannamitti seenun dura osoo qarqara irrallee ta’e dhaabbatanii jaallatu. Garuu hatamtamaan adabbiitti akka seenaniif balbaloonni tasa isaanitti banamu. Rabbiin kanarraa nu haa tiiksu.

“Waardiyonni isaaniin ni jedhu, “Sila isin keessaa Ergamtoonni keeyyattoota Gooftaa keessanii isin irratti dubbisanii fi qunnamtii Guyyaa keessanii kana isin akeekachiisan isinitti hin dhufnee?”
“Waardiyoonni” Kunniin Malaykoota balbala Jahannam bira akka ta’anii fi eegan bakka buufamaniidha. Amalli isaanii gara-jabaataa, humni isaanii garmalee cimaadha.

 “isin keessaa Ergamtoonni” kana jechuun isiniin ala osoo hin ta’in isin keessaa. Rabbiin osoo malaykoota Ergamtoota godhee namootatti ergee silaa irraa dheessu turan. Garuu Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) rahmata Isaatiin namoota keessaa nama tokko filachuun ergamaa godhee ergee. Kanaafu, ergamtoonni kunniin ilma namaa irraa kan ta’aniidha.

“keeyyattoota Gooftaa keessanii isin irratti dubbisanii” asitti keeyyattoonni beeksisa (wahyii) Rabbiin irraa bu’aniidha. Qur’aanaa fi kitaabban nabiyyoota darban irratti bu’an of keessatti hammata.[5]

“qunnamtii Guyyaa keessanii kana isin akeekachiisan” Ergamtoonni Guyyaa kana keessa wanta badaa isin qunnamu, guddinnaa fi ulfaatinna isaa isin akeekachisan.

Kana booda ibsi aayah: Waardiyoonni Jahannam eegan kunniin kaafirootaan akkana jedhu: “Sila Ergamtoonni isin keessaa ta’an, keeyyattoota Gooftaa keessanii isin irratti dubbisanii fi wanta Guyyaa keessan kana keessatti isin qunnamu isin akeekachisan isinitti hin dhufnee?”[6]

Kaafiroonni akkana jechuun deebisu: “Eeyyen! [Dhufanii jiru]. Garuu jechi adabbii kaafiroota irratti mirkanoofte.”
Kana jechuun: Eeyyeen Ergamtoonni Gooftaa keenyaa haqaan nutti dhufanii jira. Guyyaa kana nu akeekachisanii jiru. Garuu nuti isaan kijibsifnee fi faallessinee jechi Rabbii “Adabbiin Isaa warra kafaraniif ta’a” jettu nurratti mirkanoofte jirti.[7] Akkuma Rabbiin subhaanahu bakka biraatti jedhe:

“[Jahannam] dallansuu irraa kan ka’e ciccituutti dhiyaatti; dhawaata gareen wahii ishii keessatti darbamuun waardiyyoonni ishii, “Sila Akeekachisaan isinitti hin dhufnee?” [jechuun] isaan gaafatu. “Eeyyen; dhugumatti akeekachisaan nutti dhufeera, garuu ni sobsiifne. ‘Rabbiin homaa hin buufne; isin jallinna guddaa keessa jirtu.’ jenneen.” jedhu. “Osoo kan dhageenyu yookiin kan xinxallinu taanee, silaa warra ibidda boba’aa keessaa hin taanu turre.” jedhan.” Suuratu Al-Mulk (Tabaaraka) 67:8-10

Kaafironni kunniin erga waqqafamanii booda, akkana isaaniin jedhama:

“Achi keessatti hafoo ta’aatii balbaloota Jahannam seenaa. Iddoon jireenya of tuultoota waa fokkate!” jedhama.” Suuratu Az-Zumar 39:72

Isaan xiqqeessuu fi salphisuuf akkana isaaniin jedhama: achi keessa kan turtan, gonkumaa kan keessaa hin baane ta’aatii balbaloota Jahannam seenaa.

Jahannam balbala torba akka qabdu Qur’aana keessatti dhufee jira. Gareen hundii balbala isaaniif maluu fi hojii isaaniitiin wal gituun seenu. Erga seenanii booda abadii achi keessa turu. Rabbiin rahmata Isaatiin kanarraa nu haa eegu. “Iddoon jireenya of tuultoota waa fokkate!” kana jechuun iddoon gahuumsaa namoota Rabbitti amanuu fi shari’aa Isaatti buluu irraa of tuulanii garmalee fokkate.[8] Jahannam iddoo jireenyaa yeroo hundaa keessa turaniidha. Kunis, namoonni kunniin haqa irratti of tuulan. Gooftaa isaan uumee fi qananiisuuf gadi jechuu fi ajajamuu irraa ni boonan. Kanaafu, Rabbiin isaan xiqqeessuu fi salphisuun gosa hojii isaaniitiin isaan mindeesse.

Kuni jazaa (adabbii) warra amanuu didaniitii fi Gooftaa isaanitiif ajajamuu fi gadi jechuu irraa of tuulaniiti. Mindaan warra amananii fi Gooftaa isaanitiif ajajamanii hoo? Itti aanse ni dubbata:
“Warri Gooftaa isaanii sodaatan garee gareen gara Jannataa oofamu. Yeroma isaan ishiitti dhufanii balbaloonni ishii banaman, Waardiyoonni ishii, “Nageenyi isin irra haa jiraatu, qulqulluu taatanii jirtu. Keessatti hafoo ta’aatii ishii (Jannata) seenaa.” Isaaniin jedhu.” Suuratu Az-Zumar 39:73
Kutaa itti aanu keessatti ibsa kanaa In sha Allah ni ilaalla…


Kitaabban wabii:
[1] Ma’aariju Tafakkuri-12/276-277
[2] Tafsiiru sa’adii-858, Ma’aarij-12/278-279
[3] Tafsiiru Xabarii-20/264
[4] Tafsiiru Qur’aanil kariim-Suuratu Zumar-fuula 478-479
[5] Tafsiiru Qur’aanil kariim-Suuratu Zumar-fuula 480-482
[6] Tafsiiru Xabarii-20/264
[7] Tafsiiru Ibn Kasiir-6/471, Tafsiiru muyassar-466
[8] Tafsiiru muyassar-466

Tafsiira Suuratu Az-Zumar-Xumura
Tafsiira Suuratu Az-Zumar-Kutaa-19
Offline dubbisuf

Leave a Reply