Tafsiira Suuratu Az-Zumar-Xumura

Offline dubbisuf

Kunoo kutaa Xumuraa suuratu Az-zumar. Akkuma yeroo darbe jenne zumar jechuun “garee garee”dha. Namoonni addunyaa keessatti garee garee ta’uun badaas ta’i gaarii hojjatan, akkasuma Guyyaa Murtiis garee gareen ta’uun jazaa hojii isaanii argatu. Har’a, aayata hafan sadan ilaalun jalatti suuratu az-zumar ni guduunfina. Haala kanaan, suurah barreeddu torban sadiif waliin turre ni xumurra. Garuu hojii irra oolchun hanga du’aatti nu waliin tura. Guduunfaa keessatti qabxiileen ijoon waan tuqamaniif namni hundu akka dubbisu ni affeerama.

Itti aansun mindaa warra Rabbiin sodaatanii dubbata:

“Warri Gooftaa isaanii sodaatan garee gareen gara Jannataa oofamu. Yeroma isaan ishiitti dhufanii balbaloonni ishii banaman, Waardiyoonni ishii, “Nageenyi isin irra haa jiraatu, qulqulluu taatanii jirtu. Keessatti hafoo ta’aatii ishii (Jannata) seenaa.” Isaaniin jedhu.” Suuratu Az-Zumar 39:73

Addunyaa keessatti wanta itti ajajaman hojjachuu fi wanta irraa dhoowwaman dhiisuun warroonni Gooftaa isaanii sodaatan garee gareen gara Jannataa kabajaan oofamu. Yeroo Jannata bira gahan, akka seenaniif shafa’aan isaaniif godhama. Ergasii balbaloonni Jannataa isaaniif banamu. Malaykoonni balbala Jannataa eeguuf bakka buufaman kabaja guddaan, “Nageenyi isin irra haa jiraatu, wanta badaa hundarraa nagaha taatanii jirtu. Haalli keessanis qulqulluu ta’e. Achii keessatti zalaalami kan turtan ta’aatii Jannata seenaa” isaaniin jedhu.[1]

Garee gareen” jecha jedhu itti xinxalli. Warroonni Jannataa akkuma addunyaa irratti hojii gaarii irratti waliin hirmaachuun hojjachaa turan, yeroo gara Jannataa deemaniis wal jaallachaa fi mirqaanaa waliin deemu. Kabajaa fi gammachuu guddaan deemu. Tokkoon tokkoon deemu irraa gareen akkanatti waliin deemun gammachuu fi mirqaansu guddaa fida.

Haaluma kanaan, warri ibiddaas gara Jahannam garee gareen deemu. Akkuma addunyaa keessatti waan badaa waliin hojjachaa turan gara Jahannamis garee gareen waliin deemu. Garuu haalli isaanii faallaa warra Jannataati. Warri Jannataa wal jaallachaa fi mirqaanaa yommuu deeman, warra ibiddaa immoo wal jibbaa, wal abaaraa fi ajiifachaa gara Jahannam adeemu. Tokkoon tokkoon deemu irra garee gareen deemun isaaniif salphinnaa fi gadda guddaa ta’a.

Warri Jannataa fi warri Jahannam yommuu iddoo itti gala isaanii gahan dubbiin waardiyoonni itti dubbatan guutumaan guututti garagara.

Waardiyoonni Jannataa muttaqootaan (warra Rabbiin sodaataniif) akkana jedhu:“Nageenyi isin irra haa jiraatu.” Nageenya sharrii fi wanta jibbaa hundarraa nagaha ta’uu of keessatti qabateen jalqaban. Kana jechuun: nagaha taatan, guyyaa kana booda wanti isin jibbitan isin hin tuqu. Ergasii itti aansanii ni jedhan: “qulqulluu taatanii jirtu. Keessatti hafoo ta’aatii ishii (Jannata) seenaa.[2]

qulqulluu taatanii jirtu” kana jechuun qalbiin teessan Rabbiin beekuun, Jaallachuu fi Isa sodaachuun qulqulloofte (tolte), arrabni keessanis zikrii Isaatiin tole, qaamni keessanis Isaaf ajajamuun tole (qulqullaa’e). Sababa qulqullooftaniif ishii keessatti yeroo hundaa kan jiraattan ta’aatii Jannata seenaa. Sababni isaas, Jannani ganda warra qulqullaa’eti. Warra qulqullaa’e malee eenyullee ishiif hin malu.[3]

Malaykoonni wantoota sadiin isaan gammachiisu: nageenya, qulqullinnaa fi yeroo hundaaf (zalaalamiif) keessa turu. Erga Jannata keessa seenanii booda:

39:74

“Ni jedhan, ‘Faaruun hundi kan Rabbii waadaa Isaa dhugaa nuuf godhee fi dachii [Jannataas] nu dhaalchiseeti. Jannata keessa iddoo barbaanne qubanna. Mindaan hojjattoota waa tole!’” Suuratu az-Zumar 39:74

“Faaruun hundi kan Rabbii waadaa Isaa dhugaa nuuf godhee” galanni qulqulluu fi faaruun hundi kan Rabbii waadaa Isaa nuuf guuteti. Waadaan kunis: “Yoo Isatti fi wantoota Isarraa dhufanitti amannee, osoo homaa Isatti hin qindeessin (hin shaarrakin) Isaaf gadi jennee fi ajajamnee, Jannata nu seensisuudha.” Kunoo har’a waadaa kana nuuf guute. Kanaafu, dachii Jannataa nu dhaalchise. Jannata keessa iddoo barbaanne qubanna.

“Mindaan hojjattoota waa tole!” kana jechuun mindaan namoota Rabbiif ajajamanii fi addunyaa keessatti Isaaf hojjatanii garmalee bareede.[4] Mindaan kunis Jannata.

39:75

“Malaykoota naannawa Arshii marsanii faaruu Gooftaa isaaniitiin [Isa] qulqulleessan argita. Isaan jidduutti haqaan murteefama. “Faaruun hundi kan Rabbii Gooftaa aalamaati.” jedhama.” Suuratu Az-Zumar 39:75

Guyyaa Murtii Malaykoota Arshii gara hundaan marsanii faaruu waliin Gooftaa isaanii wanta Isaaf hin malle hundarraa qulqulleessan argita. “faaruu Gooftaa isaaniitiin [Isa] qulqulleessan” kana jechuun Isa faarsu waliin Isa qulqulleessu. Akkana jedhu: Subhaanallahi wa bihamdihi (Faaruu Isaa waliin Rabbiin qulqullaa’e).

Faarsuu fi qulqulleessu bakka tokkotti fiduun Kan faarfamuu fi qulqulleefamu guutuu ta’uu agarsiisa. Sababni isaas, tasbiih (qulqulleessudhaan) hir’inni ni deema ykn ni dhabama. (Namni yommuu Rabbiin qulqulleessu hir’innaa fi wanta Isaaf hin mallee hundarra Isa qulqulleessa.) Faaruudhaan immoo guutummaa mirkaneessudha. (Namni yommuu Rabbiin faarsu amaloota guutuu Isaa mirkaneessaa jira.) Kanaafu qulqulleessuu fi faarsu bakka tokkotti fiduun lamaan isaanii adda addatti ta’uu caalaa hiika guutuu kenna.[5]

“Isaan jidduutti haqaan murteefama.” Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa haqummaan umamtoota jidduutti murteessa. Kanaafu, warra iimaana qaban Jannata seensisa, warra kafaran immoo ibidda seensisa. “Faaruun hundi kan Rabbii Gooftaa aalamaati.” jedhama. Murtiin erga dhumatee boodaa malaykoonni, Ergamtoonni, nabiyyoonni fi kanneen biroo “faaruun hundi kan Rabbii aalama uumee, Isaan dhuunfatee, too’atuu fi qindeessuuti “jedhu. Aalama jechuun Rabbiin ala wantoota jiran hunda.[6] Uumamtoonni hundi aalama.

Guduunfaa

✒Qur’aanni Rabbiin irraa akka bu’e mirkaneessu fi itti amanuu. Erga amananii booda wanta isa keessa jiruu hordofuu, wanta itti ajaje hojjachuu fi wanta dhoowwe irraa fagaachudha. Wanti hundarra guddaan itti ajaje: Rabbii olta’aa gabbaruudha (Isaaf gadi jechuu fi ajajamuudha). Wanti hundarra badaan irraa dhoowwe immoo, Rabbiin waliin waan biraa gabbaruudha (shirkiidha).  

✒Wanta Qur’aana keessatti itti ajajaman hojjachuu fi wanta irraa dhoowwaman dhiisun fooyya’iinsa fi faayda nafsee isaatiif qofa akka ta’e namni haa beeku. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ibaadaa namni hojjatu irraa faayda hin argatu, badii namni hojjatuunis hin miidhamu. Faaydaa fi fooyya’iinsa kan argatu namuma ibaada hojjateedha. Sababni isaas, addunyaa keessatti jireenya tasgabbii jiraata, Aakhirattis qananii Jannataa keessa yeroo hundaaf jiraata. Namni Rabbiif gadi jechuu fi ajajamu didee, fi badii hojjatu, lubbuma ofii miidha. Sababni isaas, jireenya tana keessatti jireenya dhiphoo fi jeequmsaan guuttamte jiraata. Aakhirattis adabbii cimaaf of saaxila. Qur’aana keessatti:

Namni hojii gaarii hojjate, nafsema isaatifi. Namni badii hojjates ishima irratti. Gooftaan kee gabroota kan miidhuu miti.” Suuratu Fussilat 41:46

Kana jechuun namni Rabbii fi Ergamaa Isaatiif ajajamuun hojii gaarii hojjate, mindaan hojii isaa nafsee isaatiif ta’a. Namni Rabbii fi Ergamaa Isaa faallessuun badii hojjate immoo ba’aan (adabbiin) hojii isaa nafsee isaa irratti ta’a. Toltuu hir’isuun ykn badii dabaluun Gooftaan kee gabroota kan miidhu miti.[7]

✒ Ammas, namni yeroma rakkoo qofa Rabbiin kan barbaadu fi itti dheessu ergasii yommuu toltuun dhuftu kan irraa garagalu ta’uu hin qabu. Kana irra, yeroo hundaa gabricha Isaa ta’uu qaba. Yeroo rakkoo, “Yaa Rabbii! Rakkoo kana narraa kaasi” jedhe kadhachuun, yommuu qananii isaaf kennu immoo, “Qananii kana beekumsa kiyyaan argadhe” jechuun nama irraa ni bareedaa? Kuni waakkachuu hin ta’uu? Kanaafu, namni yeroo rakkoo fi toltu Rabbiif ajajamuu fi qananii argateef Isa kan galateefatu ta’uun isarraa bareeda. “Qananii kana beekumsa kiyyaan argadhe” jechuu irra “Kuni tola Rabbiin naaf kenneedha. Isa galateefachuu ykn galateefachuu dhiisu kiyya ifatti baasuuf qormaata Isarraa ta’eedha.” Jechuudha.

✒ Namoonni Rabbiin sodaachuu fi Isaaf ajajamuu irratti obsan mindaan isaanii lakkoofsa hin qabu. Herreega (hisaaba) malee isaaniif kennama.
✒Rabbii olta’aa faallessuu fi badii hojjachuu irraa wanti nama qabu keessaa tokko azaaba (adabbii) Guyyaa Guddaa sodaachudha. Guyyaan guddaan kuni Guyyaa Qiyaamati.
✒Namoonni Rabbiin alatti wanta biraa gabbaran (waaqefatan) kasaaraa guddaa kasaaru. Aakhiratti Jannata qananii dhabuu fi adabbii Jahannamiif saaxilamuun of kasaarsu.
✒Namoonni Rabbiin ala wanta biraa gabbaruu irraa fagaatanii fi Rabbii Tokkicha qofa gabbaran immoo wanta gammachiisatu isaaniif jira.
✒Namoonni sammuu waa hubattuu fi waan badaa irraa nama dhoowwitu qaban, namoota dubbii dhageefatanii ykn dubbisanii hundarra gaarii kan ta’ee hordofaniidha. Dubbiin hundarra gaarii ta’e Qur’aana. Namoonni Qur’aanaa fi Sunnah Nabiyyi hordofan warra Rabbiin qajeelchedha.
✒Fakkeenyi nama Rabbii tokkicha gabbaruu, akka gabricha bulchaa tokko qofaaf buluuti. Fakkeenyi nama Rabbiin ala wantoota biraa gabbaru immoo akka gabricha bulchitoota baay’eef buluuti. Kunniin lamaan wal qixaa?

Suurah tana irraa guduunfa baay’ee baasu dandeenya. Garuu guduunfan yoo baay’ate waan nama hifachiisuf amma tuqaalee ijoo suuran tuni irra naannooftutti haa gabaabsinu:
1-Buufama Qur’aana- Qur’aanni Rabbiin irraa buufamu jalqaba irrattis, walakkaa irrattis ni dubbata. Ergasii Qur’aana kana akka hordofan itti ajaja.
2-Rabbii Tokkicha gabbaruu fi shirkii irraa fagaachu-Ammas suurah tana keessatti irra deddeebi’uun tawhiidatti (Rabbiin tokkichoomsutti) waama. Shirkii irraa ni akeekachiisa. Nama shirkii hojjatu hojiin isaa akka jalaa badu ni beeksisa.
3-Jazaa (mindaa fi adabbii)– Qur’aana buusun, tawhiidatti ajajuu fi shirkii irraa dhoowwun taphaafi miti. Kana irra haqaafi. Kana jechuun fooyya’insa namootaatiif, nama Qur’aana hordofe, tawhiida hojii irra oolchu fi shirkii irraa fagaatef mindaa gaarii kennuuf, nama kana didee immoo adabuufi. Kanaafi, walakkaa fi xumura suurah irratti jazaa garee lamaan kana ni dubbate. Jazaan nama Qur’aana hordofuu fi Gooftaa Isaatiif ajajamu irraa of tuulee, Jahannami. Jazaan namaa Qur’aana hordofee fi Gooftaa Isaatiif ajajamee immoo Jannata.

Kanaafu, namni qabxiilee sadan kanniin sammuutti galfachuun jireenya keessa haa tarkaanfatu. Alhamdulillahi Rabbiil aalamiin. Tafsiirri suuratu Az-Zumar asirratti xumurame. 


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru muyassar-466
[2] Bidaa’u Tafsiir-2/402
[3] Tafsiiru Sa’dii-859
[4] Tafsiiru Xabarii-20/270-271, Ma’aariju Tafakkuri-12/284
[5] Tafsiiru Qur’aanil kariim-Suuratu Zumar-fuula 515
[6] Tafsiiru Muyassar-467, madda olii
[7] Tafsiiru Muyassar-481

Tafsiira Suuratu Az-Zumar-guutuu
Tafsiira Suuratu Az-Zumar-kutaa 20
Offline dubbisuf

Leave a Reply