Dubbii fi Hojii Iimaana Diigan-Seensa-2

Offline dubbisuf

Kutaa darbee keessatti barbaachisummaa wantoota iimaana diigan barachuu jalqabne turre. Har’as itti fufuun kutaa hafee ni ilaalla. Kutaa kana keessatti balaa guddaa namoonni baay’een itti mucucaatan ilaalla. Balaan kunis “Takfiir (kafarsiisuu)dha” Erga kana xumurre booda hiika iimaanaa lamu irra deebi’un bal’innaan ni ilaalla.

3-Wantoonni iimaana diigan kunniin ifa bahuu fi isaan irraa of eeggachuu dirqama haa ta’uu malee, namni biyyoota Muslimaa haala wali galaatin ilaalu, wantoonni iimaana diigan kunniin isaan haguuganii akka jiran ni arga. Namni kana argu, wanta iimaana diigu bifa adda addaatin ragaa ni baha, ni dhagaya, ni dubbisa. Wantoonni iimaana diigan kunniin dhimma baratamaa ta’anii jiru. Inumaa dhimmichi kana caalaa daangaa darbee jira. Namoota keessa raabsuu fi isaan jallisuuf wantoonni iimaana diigan kunniin maqaalee nafseen jaallattuun moggaafamanii jiru.

4- Mata duree kana (Dubbii fi hojii iimaana diigan) barachuu wanta jabeessu keessaa tokko, wantoota iimaana diigan kanniin ilaalchise Muslimoota keessaa ijjannoon namoonni baay’een qaban takkaa daangaa darbuu takkaa immoo laaffisuu irraa bilisa kan ta’e miti. Wantoota iimaana diigan kanniin ilaalchise nama daangaa darbee fi garmalee jabeessetu jira. Wanta isaan keessaa hin taane itti seensise. Faallaa kanaa immoo, namoota wantoota iimaana diigan kanniin akka salphaatti ilaalanii fi “Kunniin wantoota dhoowwamaa qofa, amanti keessaa nama hin baasan” jedhantu jira.

Rabbiin olta’aan warra Sunnah (ahli Sunnah) haqa irraa wanta isaan keessatti wal dhabaniif hayyama Isaatiin ni qajeelche. Kanaafu, ahli sunnah wal jama’aa beekumsaa fi haqummaan dhimma kana ni raggaasisan, warra daangaa darbanii fi warra laaffisan ykn hanqisan jidduutti karaa jidduu galeessaa qabatan.

Eybii (hanqinna) warra bid’aa keessaa tokko: gariin garii kafarsiisuudha. Wanta faarfamaa warra beekumsaa keessaa tokko immoo dogongorte waliin jedhu malee wal hin kafarsiisan.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namni tokko osoo hin kafarin Muslimoota keessaa eenyullee kafarsiisu irraa akeekachisee jira. Ni jedha:

“Yaa warra amantan! Yommuu karaa Rabbii keessa [qabsoof] deemtan, addaan baafadhaa. Faaydaa jireenya addunyaa barbaadun nama nageenya isinitti dhiyeesse, “Ati mu’minaa miti” hin jedhinaan. Rabbiin bira boojuu baay’eetu jira. Isinis duraan akkuma kana turtan, ergasii Rabbiin isin irratti tola oole. Kanaafu, addaan baafadhaa. Dhugumatti, Rabbiin wanta isin hojjattan beekaa ta’eera.” Suuratu An-Nisaa 4:94

Yaa warra Rabbii fi Ergamaa Isaa dhugoomsitanii fi shari’aa Isaatti bultan, yommuu karaa Rabbii keessatti qabsaa’uf dachii keessa deemtan, nama ajjeesu qabdanii fi hin qabnee addaan baafadhaa. Nama dhugaadhaan isinitti, Rabbii fi Ergamaa Isaatti kan duulu ta’uu mirkaneefattan malee nama tokkoyyuu ajjeessuuf hin jarjarinaa. Nama mallatoolee Islaamaa isarraa mul’atanii fi isiniin hin lolle irraa iimaana hin dhabamsiisinaa (Ati nama amanee miti hin jedhinaan). Tarii nama amanee ta’ee iimaana isaa dhoksuu danda’aati.[1]

Abu Zarr (radiyallahu anhu) akka gabaasetti Ergamaan Rabbii (Sallallahu aleyh wassallam) akkana jedhan:
وَمَنْ دَعَا رَجُلاً بِالْكُفْرِ أَوْ قَالَ عَدُوَّ اللَّهِ ‏.‏ وَلَيْسَ كَذَلِكَ إِلاَّ حَارَ عَلَيْهِ 
“Namni nama tokko kufriin waame yookiin diina Rabbii jedheen, garuu inni akkas yoo hin ta’in, [kufriin] isarratti gadi deebi’a.” Sahiih Muslim-61, Sahiih Al-Bukhaari-6045

Abdullah ibn Umar (radiyallahu anhumaa) akka gabaasetti Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) akkana jedhan:
أَيُّمَا امْرِئٍ قَالَ لأَخِيهِ يَا كَافِرُ ‏.‏ فَقَدْ بَاءَ بِهَا أَحَدُهُمَا إِنْ كَانَ كَمَا قَالَ وَإِلاَّ رَجَعَتْ عَلَيْهِ ‏”‏ ‏.
Namni kamiyyuu obboleessa isaatiin “Yaa Kaafir” jedheen, isaan lamaan keessaa tokko irratti [kufriin] deebi’ee jira. Akkuma inni jedhe yoo ta’e, [kufriin namtichaa mirkanaa’e.] Garuu yoo dhugaa hin ta’in, isa irratti deebi’a (Kufriin nama obboleessa isaa Muslimaatin “kaafira” jedhe irratti deebi’a.)” Sahiih Muslim 60

Ibsa hadiisa kanaa ilaalchisee Ibn Daqiiq Al-İid ni jedha:
Kuni nama Muslimoota keessaa nama hojii kufrii hin hojjanne kafarsiiseef sodaachisa guddaadha. Warra kalaamaa (mutakallimiin), warra Sunnah fi hadiisaan hariiro qaban jedhaman irraa waxmadii guddaa namoonni baay’een itti taraniidha.  Yommuu amanti keessatti wal dhaban, namoota isaan faallessan irratti ni jabaatu, kufrii isaan irratti murteessu.”  (Ihkaamul Ahkaami sharih umdatul ahkaami-4/76)

Sheykhul Islaam ibn Taymiyah jecha isaa kanaan akka jechuun wanta armaan olii jabeessa:
“Ragaan ergaa [Rabbii] isarratti dhaabbachuu yoo beeke malee nama dhuunfaa kaafira, faasiqa ykn nama ma’asiya hojjatu jedhanii waamu irraa namoota guddisanii dhoowwan keessaa ani tokkoodha. Namni ragaan ergaa isarratti erga dhaabbatee booda, namni ragaa kana faallesse yeroo garii kaafira ta’a, yeroo garii faasiqa ta’a, yeroo biraa immoo nama ma’asiyaa hojjatu ta’a. Rabbiin dogongora ummata kana akka araarameef nan mirkaneessa. Kuni dogongora dhimmoota odeefannoo dubbii fi dhimmoota hojii of keessatti hammata.” (Al-Fataawaa 3/229)

(Wanti asitti jechuu barbaade, ragaan Qur’aanaa fi hadiisaa isaaf dhiyeefamun dura nama Musliimaa tokkoon kaafira ykn faasiqa jechuun dhoowwadha. Garuu ragaan Qur’aanaa fi hadiisa erga isaaf dhiyeefame booda fudhachuu yoo didee fi faallesse, hojii isaa irratti hundaa’ee takkaa kaafira ta’a, takkaa faasiqa ta’a.)

Imaamu Shawkaani kafarsiisutti jarjaruu irraa akkana jechuun akeekachiisa:
“Beeki, namticha Muslimaa irratti amanti Islaamaa keessaa bahuu fi kufrii keessa seenuu isaa murteessuutti tarkaanfachuun Muslima Rabbii fi Guyyaa Aakhiraatti amanuuf hin malu, ragaa aduu guyyaa caalaa ifeen malee. Sababni isaas, hadiisa sahiih karaa garee sahaabota baay’een gabaafamee keessatti, namni obboleessa isaatin yaa kaafira jedhe, [kufriin] isaan keessaa tokko irratti akka deebi’u mirkanaa’ee jira.” (Al-Sayl al-Jariiril Mutadaffiq alaa hadaa’iqi azhaari-4/578)

Beektonni kunniini fi kanneen biroo yommuu balaa dhimma kanaa mirkaneessanii fi nama kaafira hin taane kafarsiisu irraa akeekachiisan, dhimma kana laaffisanii fi nama ragaadhaan kufriin isaa ifatti bahee Islaamaa isaaf murteessuun balbala riddah cufanii jiran jechuu miti. (riddah jechuun Islaama irraa duubatti deebi’udha.) Dhimmi kuni (nama ragaadhaan ifaan ifatti kufri mul’ise kafarsiisu dhiisun) jallinnaa fi balaadhaan dhimma jalqabaati gadi miti.  Karaan lamaanu balaalefatamaadha.

Namoonni gariin dogongoranii jiru. Daangaa darbitoota irratti deebii deebisuu barbaadan, kanaafu, adeemsa duubatti harkisuu adeeman. Dirqamni nurra jiru, tooftaa bid’aa bid’aan deebisuu irraa akeekachiisudha. Sobni sobaan hin deebifamu. Ibsi dhimma kanaa beekumsaa fi haqummaan adda baafama. Ahlu sunnaan haqa ni beeku, namootaaf ni mararfatu.

Abu Ma’aali Jawniyyi Khawaarija kafarsiisu ilaalchise gaafatame ture. “Kaafira amanti keessa seensiisuu fi Muslima achi keessaa baasun amanti keessatti garmalee guddaadha.” jechuun dhiifama gaafate.

Sheykhu Abdullah bin Muhammad bin Abdulwahhaab akkana jedha:
“Gabaabamutti, namni nafsee ofiitiif dhugaa ta’e, beekumsaa fi ragaa Rabbiin irraa ta’een malee dhimma kana keessatti dubbachuu hin qabu. Hubannoo isaatii fi sammuu isaa akka gaariitti ilaalu qofaaf nama Islaama keessaa baasu irraa of haa eeggatu. Dhugumatti, nama Islaama keessaa baasuun ykn seensisuun dhimmoota amanti keessaa isa guddaa kan ta’eedha. Sheyxaanni dhimma kana keessatti namoota baay’ee mucuceesse jira. Garee tokko akka hanqisan taasisuun nama kufrii isaa keeyyanni Qur’aanaa, Sunnah fi ijmaa’a agarsiisan Islaama murteessaniif. Garee biraa immoo daangaa akka darban taasisuun nama Muslima ta’uu isaa Qur’aanni, Sunnah fi ijmaa’a murteessan ni kafarsiisan.” (Ad-Duraru Sinniyatu 8/217)

5-Dhimmi dhumaa barbaachisummaa mataa duree kana ni jabeessa. Innis, wal mormiin jalqabaa ummata kana keessatti uumame wal mormii kafarsiisu (takfiira) ti. Ummata kana keessatti bid’aan jalqaba dhalatee bid’aa Khawaarijaa badiin nama kafarsiisaniidha. (Khawaarijonni nama shirkii gadiitti badii gurguddaa Islaama keessa nama hin baasne hojjate, kaafira jedhuun.) Kanarratti dabalatee, bid’aan isaanii Sunnah fi gabaasa keessatti bid’aa hunda caalaa ifaan ifatti balaalefatamuudha. Balballi kafarsiisu fi kafarsiisu dhiisu balbala fitnaa fi qormaanni keessatti guddateedha, addaan faffaca’uun keessatti baay’ate, fedhiin qullaa fi ilaalchi gargar itti ta’eedha.

Guduunfaa
Nama Muslimaa tokko kafarsiisuuf ulaagaalee guuttamu qabantu jira. Kanaafu, namni tokko akkanumatti lafaa ol ka’ee nama Muslimaatin kaafira jechuu irraa of haa eeggatu. Sababni isaas, kafarsiisuun dhimma garmalee jabaa fi sodaachisa ta’eedha. Yoo inni Muslimaan kaafira jedhe, kufriin isaan lamaan keessaa tokko irratti deebi’a. Akkuma inni jedhe kaafira yoo ta’e, nama lammata irratti mirkanaa’a. Ta’uu baannan, nama jalqabaa irratti deebi’a. Yaa dargaggoota keenya hukmi (murtii) akkanaatti hin jarjarinaa!

Ammas kafarsiisuu irraa yommuu akeekachisnu, nama ulaagaaleen kafarsiisu isa keessatti argaman kafarsiisu hin qabnu jechu miti. Kana irra, nama Muslima tokko kafarsiisuun duratti ulaagaalee irra barbaadu qabna. In sha Allah, gara fuunduraatti ulaagaalee kanniin ni ilaalla.


[1] Tafsiiru Muyassar-93, Tafsiiru Xabarii-7/351
Nawaaqidul Iimaani qawliyat wal amalayat” fuula 6-9, Abdulaziz bin Muhammad

Hiika Iimaanaa fi Wanta Isa diiguu
Dubbii fi Hojii Iimaana Diigan-Seensa-1
Offline dubbisuf

Leave a Reply