Gosoota Kufrii-Kutaa 2

Offline dubbisuf

6-Kufrii Arrabsuu fi itti qoosu
Kufrii irraa gosti kuni amanti Islaamaa guddaa kana irraa wanta tokkotti qoosun ykn gadi xiqqeessun ykn arrabsuun kufrii argamuudha. Ragaan kanaa:

“Yoo isaan gaafatte, dhugumatti [akkana] jedhu: “Nuti haasawatti kan seennu fi taphannu qofa turre.” Jedhi, “Sila Rabbiitti, keeyyattoota Isaatti fi Ergamaa Isaatti qishnaa (qoosaa) turtanii?” Rakkoo hin dhiyeefatinaa! Erga amantanii booda kafartanii jirtu. Isin keessaa garee tokkoof yoo irra dabarre, garee biraa immoo ni adabna, isaan yakkamtoota waan turaniif.” Suuratu At-Tawbah 9:65-66

(Kutaa kana gara fuunduraatti mata-duree “Rabbii olta’aa arrabsuu fi Isatti qoosu, Ergamaa Isaa arrabsuu fi itti qoosu” jedhu jalatti bal’innaan ilaalla. In sha Allah)

7-Kufrii jibbuu
Kufrii irraa gosti kuni amanti Islaamaa jibbuun ykn murtiwwan isaa irraa waa jibbuun ykn Nabiyyi Islaamaa Muhammad bin Abdullah (sallallahu aleyh wassallam) jibbuun ykn shari’aa irraa wanta inni ittiin dhufee jibbuun, “osoo amantin kuni ykn Ergamaan kuni ykn murtiiwwan shari’aa kuni jiraachu baate” jedhanii hawwuun argama.

Sababni isaas, jibbuun faallaa ol guddisuuti. Ol guddisuu jechuun wanta tokko jaallachuun fudhachuu, isaaf masakamuu fi harka kennuudha. Jaallachuun sharxii Laa ilaah illallah keessaa tokko. Kanaafu, jaalalli sharxii ol-guddisuu fi sharxii Islaamaa keessaa tokko jechuudha. Amanti kana ol-guddisuu keessaa tokko isa jaallachuu, Rabbii olta’aa jaallachuu, Ergamaa Isaa amanamaa ta’ee Muhammad bin Abdullah sallallahu aleyh wassallam jaallachuudha. Akkasumas, shari’aa Isaa irraa wanta Rabbiin buuse jaallachuu, namoota Isatti amanan, Isa sodaatanii fi dhugaa ta’an jaallachuudha.

Jibbuun immoo kana hunda diiga. Kanaafu, jibbuun jaalala, fudhachuu, masakamuu, harka kennuu diiga. Diinummaa haqaaf qaban dabala. Rabbiin olta’aan ni jedha:

47:9

“Suni sababa isaan wanta Rabbiin buuse jibbaniif, kanaafu hojiiwwan isaanii jalaa balleesse.” (Suuratu Muhammad 47:9)

Ammas bakka biraatti ni jedha:

“Isaan erga karaan qajeelan ifa isaaniif ta’ee booda duubatti deebi’an, sheyxaanni isaan sossobee abdii isaaniif dheeresse. Suni sababa isaan, warroota wanta Rabbiin buuse jibbaniin “Dhimma muraasa keessatti isiniif ajajamna” jedhaniif. Rabbiin iccitii isaanii ni beeka. “Yommuu Malaykoonni fuula isaaniitii fi dugda isaanii rukutaa nafsee isaanii fudhatan [haalli] akkam ta’aa? Suni sababa isaan wanta Rabbiin dallansiisu hordofanii fi jaalala Isaa jibbaniif. Kanaafu, Inni hojiiwwan isaanii jalaa balleesse.” Suuratu Muhammad 47:25-28

Namoonni erga haqni isaaniif ifa ta’e booda, qajeelinnaa fi iimaana irraa gara kufriitti deebi’an, sheyxaanni kana isaaniif bareechise. Kana jechuun sheyxaanni Iimaana irraa duubatti deebi’u isaanif bareechise. Abdii sobaatin isaan gowwoomse. Dheerinna umrii isaaniif waadaa gale. “Isaaniif waadaa seena, isaan hawwisiisa. Sheyxaanni gowwomsaa malee isaaniif waadaa hin seenu.” (suuratu An-Nisaa 4:120)

Hanga kufrii keessatti lixanitti dheeressuun kuni sababa isaan namoota wanta Rabbiin buuse jibbaniin akkana jedhaniifi: “Dhimma muraasa keessatti isiniif ajajamna.” Dhimmi muraasni kuni ajaja Rabbii fi Ergamaa Isaa kan faallessudha. Rabbiin wanta namoonni kunniin dhoksan ni beeka. Kanaafu, Muslimni wanta ajaja Rabbii fi ajaja Ergamaa Isaa faallessu keessatti Rabbiin ala kan biraatiif ajajamuu irraa of haa eeggatu.

Yommuu Malaykoonni fuulaa fi dugda isaanii rukutaa nafsee isaanii baasan haalli namoota iimaana irraa duubatti deebi’anii akkam ta’inna laata? Adabbiin isaaniif malu fi argatan kuni sababa isaan wanta Rabbiin dallansiisu hordofanii fi wanta Isa gammachiisu jibbaniifi. Rabbiinis hojii isaanii jalaa balleesse. Kan akka sadaqaa, firummaa sufuu fi kanneen biroo.[1] Mindaa hojii hojjatanii hin argatan.

Hojiin akka nama jalaa baduuf sababa kan ta’u kufriidha.

Namni kufrii gurguddaa kanniin irratti du’e ibidda keessa yeroo hundaaf tura, hojiiwwan isaa hundi jalaa bada. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“Isin keessaa namni amanti isaa irraa duubatti deebi’ee ergasii kaafira ta’ee du’e, isaan sun addunyaa fi Aakhiratti dalagaan isaanii jalaa badde. Isaan sun warra ibiddaati. Isaan achi keessatti hafoodha.” Suuratu Al-Baqarah 2:217

Yaa Muslimoota namni isin keessaa kaafirotaaf ajajamuun Islaama irraa duubatti deebi’e, ergasii kufrii irratti du’e, addunyaa fi Aakhiratti hojiin isaa jalaa bade. Ibidda Jahannamitti kan maxxanu, gonkumaa achi keessaa kan hin baane ta’a, yeroo hundaa achi keessa jiraata.

Guduunfaa
Kufriin amantii, dubbii fi hojii iimaana faalleessuu fi diigudha. Kufriin guddaan guutumaan guututti iimaana kan balleessu fi gonkumaa iimaana waliin bakka tokkotti ta’uu kan hin dandeenyedha. Akkuma iimaanni dubbii fi hojii qalbii, dubbii arrabaa fi hojii qaamolee of keessatti qabatu, kufriinis dubbii fi hojii qalbii, dubbii arrabaa fi hojii qaamolee of keessatti qabata. Gosoonni kufrii hanga ammaa tarreessine gosoota kufrii keessaa ijoo ta’anii fi kan qalbiin, arrabaa fi qaaman hojjatamaniidha. Gabatee armaan gadi keessatti iimaanaa fi kufrii wal bira qabuun gosoota kufrii armaan olitti tarreessine fi kan biroo haala wali galaatiin ni arganna.

IimaanaKufrii
Dubbii QalbiiHaqa Islaamatti Amanuu, dhugoomsuHaqa Islaamatti Amanuu diduu, Kijibsiisu, faallaa Islaamaa amanuu
Hojii QalbiiJaallachuu, ol-guddisuu, ikhlaasa, yaqiina, gadi of qabuuIslaama jibbuu, diina itti ta’u fi gadi xiqqeessu, shirkii, nifaaqa, shakkii, of tuuluu
Dubbii ArrabaaShahaadateyn dubbachu fi mirkaneessuIslaama Waakkachu, mormuu, arrabsuu, itti qoosu fi dubbii kufrii dubbachuu
Hojii qaamoleeRabbii olta’aaf Ajajamu, itti buluuAjaja Rabbii irraa garagaluu, of tuuluu irraa kan ka’e ajajamufii didu,hojiiwwan kufrii hojjachuu

Kutaa itti aanu keessatti ibsa aalimmani itti dabaluun wanta armaan olii kana ifa goona. www.sammubani.com guyyaa guyyaan daawwachu hin dagatinaa.


[1] Tafsiiru Muyassar-509, Tafsiiru Qurxubii-19/279, Tafsiiru ibn Kasiir-6/661,
Al-Imaanu haqiiqatuh, khawaarimuh, nawaaqiduh inda ahli sunnati wal jama’a-fuula 679-681, Abdullah bin Abdulhamid Al-Asarii

Gosoota Kufrii-Kutaa 3
Gosoota Kufrii-Kutaa 1
Offline dubbisuf

Leave a Reply