Ulaagalee nama Muslimaa dhuunfaa kafarsiisuu

Offline dubbisuf

Nama Musliimaa tokko kafarsiisanii Islaama keessaa baasun dhimma salphaa miti. Kutaa darbe keessatti kafarsiisu wali galaatii fi kafarsiisuu adda baafame jechuun ilaalle turre. Kafarsiisuun wali galaa “Namni kana hojjate kafare” jechuun haala wali galaati fi dimshaashan dubbachuudha. Kafarsiisuun adda baafame immoo nama dhuunfaa tokko ykn garee tokko addatti baasun “Ati kafarte ykn isaan kafaran” jechuudha. Muslima keessaa nama dhuunfaa kafarsiisuuf ulaagaaleen guuttamu qaban ni jiru. Namni ulaagaalee kanniin osoo hin ilaalin nama Muslimaa kafarsiisutti fiigu hin qabu. Mee ulaagaale kanniin haa ilaallu.

Ulaagaalee nama dhuunfaa tokko ittiin kafarsiisan kanneen armaan gadi afranii:
1ffaa-Dubbiin ykn hojiin ykn dhiisun kuni kufrii ta’uu ragaaleen Qur’aanaa fi hadiisa agarsiisu
2ffaa-Dubbiin ykn hojiin kufrii kuni nama dhuunfaa kanarratti argamuun isaa mirkanaa’u.
3ffaa-Ragaan Qur’aanaa fi hadiisa isa gahuu
4ffaa– Isa irraa wanti kafarsiisuu dhoowwu cituu

Ibsa
✍Dubbiin ykn hojiin ykn dhiisun kuni ragaaleen Qur’aanaa fi hadiisaa akka agarsiisanitti kufrii ta’uun yoo hin mirkanaa’in, “dubbiin ykn hojiin ykn dhiisun kuni kufriidha” jedhee murteessun eenyufillee hin hayyamamu. Sababni isaas, kuni beekumsa malee Rabbiin irratti dubbachuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkaan jedhee jira:

7:33

Jedhi, “Wanti Gooftaan kiyya haraama godhe: gochoota fokkatoo, isaan irraa waan ifa bahee fi waan dhokate, dilii, haqa malee daangaa darbuu, waan Inni ragaa isaaf hin buusin Rabbitti qindeessuu fi Rabbiin irratti waan hin beekne dubbachuudha.” Suuratu Al-A’araaf 7:33

✍Dubbiin ykn hojiin ykn dhiisun kuni nama dhuunfaa kana irratti argamuun yoo hin mirkanaa’in, shakkii qofaan “kaafira” jechuun hin hayyamamu. Rabbiin olta’aan waan akkana jedheef:

17:36

Waan beekumsa isaa hin qabnees hin hordofin. Dhugumatti, dhageettin, argituu fi qalbiin, kuni hundinuu isa irraa ni gaafatamu.” Suuratu Al-Israa 17:36

Sababni isaas, nama Musliima kafarsiisun haqa malee dhiiga nama nagahaa halaala gochuutti geessa. Hadiisa sahiih keessatti Abdullah ibn Umar (radiyallahu anhumaa) akka gabaasetti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
‏ أَيُّمَا امْرِئٍ قَالَ لأَخِيهِ يَا كَافِرُ ‏.‏ فَقَدْ بَاءَ بِهَا أَحَدُهُمَا إِنْ كَانَ كَمَا قَالَ وَإِلاَّ رَجَعَتْ عَلَيْهِ ‏
Namni kamiyyuu obboleessa isaatiin “Yaa Kaafir” jedheen, isaan lamaan keessaa tokko irratti [kufriin] deebi’ee jira. Akkuma inni jedhe yoo ta’e, [kufriin namtichaa mirkanaa’e.] Garuu yoo dhugaa hin ta’in, isa irratti deebi’a (Kufriin nama obboleessa isaa Muslimaatin “kaafira” jedhe irratti deebi’a.)
Sahiih Muslim 60

✍Ammas nama Muslimaa ragaan Qur’aanaa fi hadiisaa hin geenye, kufrii irratti hin murteefamu. (Kutaa itti aanu keessatti kana bal’innaan ilaalla.)

Ulaagaleen sadan kunniin erga guuttamanii, kana jechuun dubbiin, hojiin ykn dhiisun kuni kufrii ta’uu mirkaneefamu, nama dhuunfaa irratti argamuun mirkanaa’u fi nama kana ragaan gahuun erga mirkanaa’e, garuu wanti kafarsiisu dhoowwu yoo isa keessatti argame, yoosan inni hin kafaru.

Wantoota kafarsiisu dhoowwan keessaa:
Dirqiisiisuu– namni tokko qalbiin isaa iimaanan tasgabboofte osoo jirtu kufrii irratti yoo dirqisiifamee kafare, kufriin isarratti hin murteefamu. Sababni isaas, wanti kafarsiisu dhoowwu waan jiruuf. Innis dirqisiisuudha. Rabbiin olta’aan ni jedha:

Qalbiin isaa iimaanan tasgabboofte osoo jirtu nama dirqisiifamee malee, amanuu isaa booda namni Rabbitti kafaree fi kufriif qoma isaa bal’ise, Rabbiin irraa dallansutu isaan irra jira, isaaniif azaaba (adabbii) guddaatu jira.” Suuratu Al-Israa 16:106

(Fakkeenyaf, namni Musliimaa tokko kafirootan qabamee jecha kufrii akka dubbatu ni dirqisiifama. Namni Muslimaa kuni qalbiin isaa iimaanan tasgabboofte osoo jirtu jecha kufrii kana yoo dubbate, inni hin kafaru.)

Wantoota kafarsiisu dhoowwan keessaa:
Garmalee waan gammadeef ykn gaddeef ykn sodaateef ykn kanaan ala wanta biraatif nama irratti niyyaan isaa cufamuun wanta jedhu kan hin beekne ta’uu. Rabbiin akkana waan jedheef:

“Wanta dogongortan keessatti badiin isin irra hin jiru. Garuu wanta qalbiin teessan itti xiyyeefatteen [qabamtu]. Rabbiin Araaramaa, Rahmata godhaa ta’eera.” Suuratu Al-Ahzaab 33:5

Anas bin Maalik akka gabaasetti, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
Isin keessaa nama [akkanaa] caalaa yommuu gabrichi gara Isaatti tawbatu Rabbiin tawbaa isaatti garmalee gammada. [Namni kuni] lafa gammoojjii keessatti gaala isaa irra ture. Sooranni fi dhugaatin isaa ishii irra kan jiru ta’ee isa jalaa sokkite (badde). Innis ishii irraa abdii kute. Ergasii, ishii irraa abdii kutee osoo jiruu gara muka takkaa deemee gaaddisa jala ciise. Osoo inni haala akkanaa keessa jiruu, gaalli isa bira dhaabbatte. Funyoo ishii ittiin masaku qabatee garmalee gammaduu irraa kan ka’ee ni jedhe, “Yaa Rabbii! Ati gabricha kiyya, ani gooftaa keeti. Ciminna gammachuu irraa kan ka’e ni dogongore.” Sahiih Muslim 2747

Namtichi kuni dogongora Islaama keessaa isa baasu dogongoree jira. Garuu Islaama keessaa bahuu irraa ni dhoowwame, sababni isaas garmalee gammaduu irraa kan ka’e niyyaa isaa irratti waan cufameef wanta jedhu hin beeku. Gooftaa isaa faarsu barbaade. Garuu garmalee gammaduu irraa kan ka’ee jechoota osoo itti xiyyeefatee dubbate ittiin kafaruu dubbate. Kanaafu, dirqamni namarra jiru hanga ulaagaaleen kafarsiisuu guuttamanittii fi wantoonni dhoowwan dhabamanitti, garee tokko ykn nama dhuunfaa tokko irratti kufrii gadi furuu irraa of eeggachuudha.[1]

Guduunfaa
✍Ulaagaaleen armaan olii nama Muslimaa dhuunfaa tokko kafarsiisuuf kan itti fayyadamaniidha. Nama dhuunfaa hundeen isaa duraanu kaafira ta’e kafarsiisuf ulaagaaleen kunniin hin barbaachisan. Fakkeenyaf, nama dhuunfaa Kiristaanaa tokkoon kaafira jechuun ni danda’ama, inumaa dirqama. Sababni isaas, jalqabumaa inni amanti Islaamaa keessa hin seenne. Kafarsiisun namni tokko amanti Islaaman ala akka jiru irratti murteessudha. Namni kiristaana kuni duraanu Islaaman ala waan jiruuf kaafira.
✍Gabaabumatti, namni tokko nama Musliimaa dhuunfaa tokko kafarsiisuuf ulaagaalee kanniin irra barbaadu qaba. Jarjaree yoo kafarsiise mataa ofii irratti wanta hin taane fida. Keessumaayyu nama Islaama qabatee garuu dogongore kafarsiisuuf ariifatu hin qabu. Kana yommuu jennu immoo nama Islaama keessaa bahee kufrii labsee fi amanti biraa keessa seene kafarsiisu hin qabnu jechuu miti. Nama Islaama keessaa bahee kufrii labsee fi amanti biraa keessa seene, kaafira jennaan. Haaluma kanaan, Kiristaanota, Yahudoota, mulhidoota (athiest) fi namoota karaa isaanii hordofan ykn Islaamaa fi Muslimootatti duulanii fi dhiiga isaanii hayyaman kaafirota jennaan.[2]


[1] Majmuu’al Fataawaa wa rasaa’ili- Shekh Muhammad ibn Salih Useymiin-3/52-55, https://www.ajurry.com/vb/showthread.php?t=36744
[2] Al-Imaanu haqiiqatuh, khawaarimuh, nawaaqiduh inda ahli sunnati wal jama’a-fuula 800, Abdullah bin Abdulhamid Al-Asarii

Akeekachisuun dura qabamuun hin jiru
Kafarsiisu wali galaati fi kafarsiisu adda baafame
Offline dubbisuf

Leave a Reply