Seerota Rabbii (S.W) keessaa-seera rakkoon, dhibeen… namoota qabuu

Offline dubbisuf

Addunyaan tuni akkanumatti uumamte tan dagatamte osoo hin ta’in seera ittiin bulmaataa qabdi. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa addunyaa tana keessa seerota Isaa hin jijjiramne kaa’e jira. Namni seerota kanniin beekee itti bulee, rakkoo fi adabbii hangana hin jedhamne keessaa baha. Namni kana dide immoo rakkoo fi adabbii cimaaf of saaxila. Dhibeen koronaa yeroo ammaa addunyaa haguuge kuni seera Rabbii olta’aa kan hordofuudha. Sababni isaas, vaayrasini kuni wanta lubbuu qabu waan ta’eef Rabbiitu isa uume, seera Isaatiif masakama. Kanaafu, mee har’a madda sirrii irraa seera kana haa barannu.

“Seerri kuni Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namoota sababa badii isaaniitiin balleessu guutuu isaan balleessuun dura qormaatan, waraanan, rakkoon, balaa adda addaatin isaan wal’aana. Akka araarama kadhachuun, tawbachuu fi gadi of qabuun Isatti warwaatan, wanta itti ajaje akka hordofanii fi wanta dhoowwe irraa akka fagaataniif, rakkoo fi balaa adda addaatin isaan qaba.

Hiyyummaan, waraanaa fi rakkoolee adda addaatin isaan qoruun kuni isaan dammaqsuuf, akeekachiisuuf, yaadachisuu fi gorsuufi. Yommuu hiyyummaan, waraanan fi rakkoolee adda addaatin isaan qoru, “Haalli isin keessa jirtan badaadha. Kanaafu dammaqaa, gara Gooftaa keessanii deebi’aa” jechuun isaanitti beeksiisa, isaan akeekachisa. Yoo isaan beeksisaa fi akeekachisa kana hubachuun gara Rabbii deebi’anii fi of fooyyessan, wanta isaanitti buuse isaan irraa kaasa, adabbii fi balleessuun wali galaa isaanitti hin bu’u.

Ta’uu baannan, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa balaa fi rakkoolee isaanitti buuse kana isaan irraa kaasee yeroo muraasaaf isaan dhiisa. Ergasii tasa adabbii cimaa wali galaa isaan qaba. Seera kana jechi Rabbii olta’aa ni agarsiisa:

“Gara magaalaa tokkootu nabiyyii hin ergine, akka isaan gadi of qabaniif jiraattota ishii ba’asaa’i fi darraa’in kan qabnu yoo ta’e malee. Ergasii, hanga baay’atanii, “Rakkoo fi mijaa’inni (badhaadhinni) abbooti keenya tuqee jira” jedhanitti iddoo hamtuu toltuu bakka buufne. Ergasii osoo isaan hin beekin tasa isaan qabne.” Suuratu Al-A’araaf 7:94-95

Rabbiin subhaanahu wa ta’aala ummattoota darban keessaa ummata shirkii fi badii keessatti daangaa darbanitti nabiyyi ergee. Ergasii yoo isaan isa kijibsiisan, akka gadi of qabanii fi gara Isaatti deebi’an rakkoon, hiyyummaa fi dhibeen isaan qabe.
Ba’asaa’i– beela, hiyyummaa, dhiphinna jireenyaa, waraana
Darraa’i– immoo dhibee, rakkoo cimaa, qabeenya fi lubbuu irratti wantoota miidhaa fidan hunda.
Kaayyoon beelan, hiyyummaan, waraanan, dhibee fi kan kana fakkaataniin isaan qabu keessa jiru, akka of gadi qabanii Isa kadhataniif Gooftaa isaanii isaan yaadachiisuuf.[1]

“akka isaan gadi of qabaniif” kana jechuun akka Gooftaa isaaniitiif gadi jedhaniif, kufrii fi badii isaanii irraa buqqa’uun gara Isaatti deebi’aniif, Isatti warwaataniif hiyyummaan, dhibee fi rakkoolee adda addaatin isaan qabne.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akka namoonni gadi of qabaniif rakkoon, hiyyummaa fi dhibeen isaan qabe. Garuu isaan wanta isaan irraa barbaade tokkollee hin hojjanne. Kana jechuun Isaaf gadi hin jenne, hin tawbanne, Isatti hin warwaanne (du’aayi hin goone). Yeroon rakkoo, beelaa, hiyyummaa fi dhibee hanga ture turee erga darbe booda isaan qoruuf: “iddoo hamtuu toltuu bakka buufne.”

Kana jechuun haala isaanitti jijjirre, rakkoo irraa gara qananii fi mijaa’innaatti, dhibee irraa gara fayyaatti, hiyyummaa irraa gara durummaatti jijjirre.[2] Ummanni kuni lakkoofsan ni baay’atan, qabeenyi isaaniis ni baay’ate.

Rakkoon isaanirraa deemee qananiin erga isaaniif dhufee booda ni jedhan:
 “Rakkoo fi mijaa’inni (badhaadhinni) abbooti keenya tuqee jira” kana jechuun kuni aadaa adeemsifamuudha. Namoota darbanii fi boodarra dhufan keessa jira. Yeroo garii mijaa’inna keessa ta’u, yeroo biraa immoo rakkoo keessa ta’u. Yeroo garii gadda keessa ta’u, yeroo biraa immoo gammachuu keessa ta’u. Kuni wanta uumamaan deddeebi’uudha. Kana duuba kaayyoon biraa hin jiru.” Jedhan.  Namoonni kunniin rakkoo fi badhaadhinni yaadachisuuf, gorsaa fi suuta suutan qabuuf akka ta’e itti hin yaanne.[3]

Hanga wanta isaaniif kennametti garmalee gammadanii fi addunyaan duraan caalaa isaan gammachiistu taatutti, “osoo isaan hin beekin tasa isaan qabne.” Kana jechuun osoo isaan tasgabbii fi nageenya keessa jiranuu tasa adabbiin isaan qabne. Akka adabamanii fi badan sammuu isaanii keessa hin qaxxaamuru, wanta Rabbiin isaaniif kenne irratti dandeetti akka qaban, isaan akka hin bannee fi hin deemne ta’uu yaadan. Sadarkaa gadi aanaa kufrii fi badii gurguddaa hojjachuu keessatti waan lixaniif adabbii isaan balleessun isaan qabe. Seera Rabbii kana ilaalchise ammas suuratu Al-An’aam keessatti ni arganna:

(42)-Dhugumatti gara ummattoota siin duraatti [Ergamtoota] erginee jirra. Akka isaan gadi of qabaniif hiyyummaa fi dhukkubaan isaan qabne. (43)-Kanaafu, yeroo adabbiin Keenya isaanitti dhufe maaliif gadi of hin qabnee? Garuu qalbiin isaanii ni gogde, sheyxaannis waan hojjataa turan isaaniif miidhagse. (44)-Wanta ittiin gorfamaa turan yommuu dagatan, balbaloota wanta [gaarii] hunda isaanitti banne. Yeroo isaan wanta isaaniif kennametti gammadan, tasa isaan qabne. Isaan yoosu abdii murattoota ta’an. (45)-Kanaafu, boodden namoota zulmii (miidhaa, cunqursaa) hojjatanii ni murame. Faaruun hundi kan Gooftaa aalamaati.” Suuratu Al-An’aam: 42-45

Yaa Rasuula! Siin dura ummattoota darbanitti Ergamtoota gara Rabbiitti isaan waaman erginee jirra. Garuu isaan ni kijibsiisan. Kanaafu, akka Gooftaa isaaniitiif gadi jedhan, of gadi qabanii fi tawbataniif qabeenya isaanii keessatti rakkoo fi hiyyummaan isaan qorre (qormaanne). Qaama isaanii immoo dhibee fi laalaan isaan qorre.[4] Wanta isaanitti bu’ee akka isaan irraa kaasuf gadi of qabuun yoo Rabbiin kadhatanii ergasii isaan irraa kaase, rakkoo fi dhibeen kuni isaaniif yaadachisaa fi gorsa ta’a. Gooftaa isaanii isaan yaadachisa, adabbii Isaa guddaa isaan balleessu irraa isaan akeekachisa.

“Kanaafu, yeroo adabbiin Keenya isaanitti dhufe maaliif gadi of hin qabnee?” kana jechuun yommuu kanaan (hiyyummaan, rakkoo fi dhibeen) isaan qorru, maaliif Nuuf gadi of qabnee? hin warwaannee? “Garuu qalbiin isaanii ni gogde, sheyxaannis waan hojjataa turan isaaniif miidhagse.” Garuu qalbiin isaanii waan gogdeef gadi of hin qabne, hin tawbanne, Gooftaa isaanii araarama hin kadhanne. Sheyxaanni shirkii fi badii adda addaa hojjataa turan isaaniif miidhagse. Ammas, sheyxaanni rakkoo, hiyyumma fi dhibee irraa wanti isaanitti bu’e sababa badii hojjataniitin akka hin taane isaaniti miidhagse. Akkasumas, wanti isaanitti bu’e, jijjirama yeroo haala uumamaatin argamu malee homaayyu akka hin taane isaanitti bareechise. Rakkooleen kunniin wanta dhufanii darbaniidha, kana duuba kaayyon biraa hin jiru jechuun isaanitti miidhagse.[5]

“Wanta ittiin gorfamaa turan yommuu dagatan, balbaloota wanta [gaarii] hundaa isaanitti banne.”
Rakkoo, hiyyummaa fi dhibee irraa wanta ittiin gorfaman, akkasumas, wanta Ergamtoonni Gooftaa isaanii ykn namoonni Ergamtoota hordofan (daa’iwwan) yaadachisaa fi gorsaa turan yommuu dagatan, “balbaloota wanta [gaarii] hunda isaanitti banne.” Kana jechuun jireenya addunyaa keessatti rizqii (qabeenya, qananii adda addaa) isaaniif bal’isne, faayda jireenya addunyaa irraa wanta nafseen isaanii barbaaddu karaa ittiin argatan isaaniif laaffisne.[6]

Jecha gabaaban: Yommuu isaan ajajoota Rabbiitti buluu didanii irraa garagalan, suuta suutaan isaan qabuuf balbaloota rizqii isaanitti banne, rakkoo mijaa’innatti, dhibee fayyaatti jijjirreef.

“Yeroo isaan wanta isaaniif kennametti gammadan, tasa isaan qabne.”
Yeroma isaan qananii isaaniif kenname kanatti of tuulanii fi ittiin of dinqisiifatan, tasa adabbiin isaan qabne. Isaan yoosu wanta gaarii hunda irraa abdii kutan. Osoo isaan itti hin yaadin, gaflaa fi tasgabbii keessa osoo jiranu qabamuun adabbii keessaa hundarra cimaa kan ta’eedha.[7]

Namoonni kunniin qananii jireenya addunyaa irraa wanta isaaniif kennameen of tuulan, daangaa darban. Kanaafu, Rabbiin adabbii isaan balleessun tasa isaan qabe. Isaan yoosu warra abdii muratan, gaabban, adabbii Rabbii irraa wanta isaan eeguu hojjachuu kan hin dandeenye ta’anii cal’isan.[8]

Hasan Al-Basri ni jedha: “Nama Rabbiin rizqii kenneefii ergasii Rabbiin isa qoraa akka hin jirretti yaade, dhugumatti inni beekumsa hin qabu. Akkasumas, namni rizqii xiqqoo qabaatee, Rabbiin gara isaa kan hin mil’anne godhee yaade, dhugumatti inni beekumsa hin qabu.”[9]

 “Kanaafu, boodden namoota zulmii (miidhaa, cunqursaa) hojjatanii ni murame.” Namoonni kunniin Rabbiitti kafaranii fi Ergamtoota Isaa kijibsiisaa waan turaniif hundeen isaanii ni buqqa’e, lafarraa ni haxaawaman. Isaan irraa eenyullee duubatti hin hafne.

Namoota zaalimtoota dachii keessa badii hojjachu fi babal’isuun wiirtuu ta’an lafarraa balleessuu fi haxaawun, qananii guddaa faaruu fi galata guddaa barbaachisuudha.[10] Kanaafu, “Faaruun hundi kan Gooftaa aalamaati”

Guduunfaa
❗Seerri Rabbii uumamtoota Isaa keessatti gadi dhaabbataadha.
❗Yommuu rakkoon, hiyyummaan, beelli, hoongen, dhibeen, waraanni fi kkf namatti bu’an, wanti namoota irraa eeggamu: Rabbii olta’aaf gadi of qabuu, badii isaanii amanun tawbachuu, araarama kadhachuu fi Isaaf ajajamuudha. Aayaata armaan olii keessatti kana ni hubanna.
❗Namoonni wanta isaan irraa barbaadamu kana yoo hojjatan, rakkoon isaan irraa ka’a, adabbii guddaa jalaa nagaha bahu. Garuu kana gochuu yoo didan, tooftaan isaanitti baafama. Tooftaan kunis: rakkoo fi dhibee isaan irraa kaasun qananii fi fayyaa isaaniif kennuudha. Yoo isaan qananii fi fayyaa kana keessatti Rabbiif galata galchuu didanii badii isaanii itti fufan, guyyaa tokko tasa osoo isaan hin beekin adabbii isaan balleessuun isaan qaba. San booda addunyaa tana irraa haxaawamanii badu. Addunyaa tana irraa haa badanii malee Guyyaa Qiyaamaa kaafamun adabbii hundarra guddaaf saaxilamu.
❗Dhibeen koronaa addunyaa hunda waliin gahaa jiru kunis tarii seera kana hojii irra oolchuf ta’uu danda’a. Kanaafu, namni dammaquun gara Rabbii deebi’u, tawbachuu, Isaaf of gadi qabuu, ajajamuu fi itti warwaachuu (du’aayi baay’isuu) qaba.
❗ Namoonni baay’een yommuu rakkoon adda addaa fi dhibeen isaanitti bu’ee ergasii qananii fi fayyaan isaaniif dhufu, “Kuni aadaa deddeebi’uudha” jedhu. Rakkoo fi qananii keessa Rabbii olta’aa irraa gorsi, akeekachisni, yaadachisni fi suuta suutan qabuun akka jiru hin hubatan.

“Dhibeen koronaa kuni akka ka’uuf bakka tokkotti dhufnee du’aayi goona” jechuun dhibeen caalatti akka babal’atu waan taasisuuf, namni wanta aalimmanii fi ogeeyyin fayyaa jedhan haa caqasu. Du’aayi jama’aan gochuun dirqamaa miti. Inumaa kan jaallatamu du’aayi addatti fi dhoksaan kan godhamudha.

7:55

“Gooftaa keessan gadi of qabuu fi dhoksaan kadhaa. Dhugumatti, Inni daangaa darbitoota hin jaallatu.” Suuratu Al-A’araaf 7:55


Kitaabban wabii:
[1] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-5/457
[2] Tafsiir Ibn Kasiir-4/63
[3] Tafsiiru Sa’dii-336
[4] Tafsiiru Muyassar-132
[5] Ma’aariju 5/459
[6] Madda olii
[7] Tafsiiru Muyassar-132, Tafsiiru Sa’dii-285
[8] Ma’aariju Tafakkuri-5/460
[9] Tafsiiru Ibn Kasiir 3/536, Tafsiir Ibn Kathiir English Translation-3/348
[10] Ma’aariju Tafakkuri-5/460-461

Yommuu Sodaa fi Rakkoon cimuu-Kutaa 1
Koronaa Vaayras (COVID-19)
Offline dubbisuf

Leave a Reply