Akeekachisuun dura qabamuun hin jiru

Offline dubbisuf

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Ergamtoota gammachistootaa fi akeekachistoota gochuun ni erge, ilmaan namaatiif sababoota qajeelinnaa ni godheef. Ogummaa fi haqummaan Isaa guutuu ta’uu irraa kan ka’ee ragaan erga irratti dhaabbatee booda malee eenyullee hin adabu. Akkuma akkana jedhe:

“Hanga Ergamaa ergunitti kan adabnu hin taane.” Suuratu Al-Israa 17:15

Kana jechuun Ergamtoota erguu fi kitaabban buusun ragaa irratti erga dhaabe booda malee Rabbiin eenyullee hin azzabu (hin adabu).[1]

Ammas Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

4:165

“Akka Ergamtoota booda Rabbiin irratti namootaaf ragaan hin argamneef gammachiistootaa fi akeekachistoota goonee Ergamtoota [ergine]. Rabbiin Injifataa, Ogeessaa ta’eera.” Suuratu An-Nisaa 4:165

(Gara uumamtoota Kiyyaatti ergamtoota mindaa Kiyyaan gammachiisanii fi adabbii Kiyyaan akeekachisan gochuun ergee jira. Ergamtoonni erga ergamanii booda namootaaf ragaan rakkoo ittiin dhiyeefatanii fi himatan akka hin jirreef (hin argamneef) Ergamtoota erge. Ergamtoota erguun dura osoo namoota adabe, silaa “Yaa Raabbi! Ergamtoonni Kee nutti hin dhufne” jechuun rakkoo himatu turan. Kanaafu, akka rakkoo kana hin himanneef ergamtoota erge.)

Rabbiin olta’aan ni jedha:

“[Jahannam] dallansuu irraa kan ka’e ciccituutti dhiyaatti; dhawaata gareen wahii ishii keessatti darbamuun waardiyyoonni ishii, “Sila Akeekachisaan isinitti hin dhufnee?” [jechuun] isaan gaafatu. “Eeyyen; dhugumatti akeekachiisaan nutti dhufeera, garuu ni sobsiifne. ‘Rabbiin homaa hin buufne; isin jallinna guddaa keessa jirtu.’ jenneen.” Jedhu.” Suuratu Al-Mulk 67:8-9

Abu Hureyran (radiyallahu anhu) akka gabaasetti Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassalam) akkana jedhan: Kan harka Isaa nafseen Muhammad jirtuun kakadhe! Ummata kana keessaa Kiristaanas ta’e Yahuudaas ta’e eenyullee waa’ee kiyyaa dhagayee ergasii wanta ani ittiin ergameetti osoo hin amanin du’u hin jiru, warra ibiddaa keessaa yoo ta’e malee.” Sahiih Muslim 153 (Yahuudota fi kiristaanota keessaa namni waa’ee Nabii Muhammad (sallallahu aleyh wassallam) dhagayee ergasii osoo itti hin amaniin yoo du’e, warra ibidda seenan keessaa ta’a.)

Wanta darbee daran ibsuuf dubbii aalimoota irraa muraasa haala armaan gadiitiin ni filanna:
Ash-Shaaxibii ni jedha: “Ergamtoota erga ergee booda malee sababa faallessuutiin nama akka hin qabne seerri Rabbii (Subhaanahu) uumamtoota Isaa keessatti darbee jira. Ragaan erga isaan irratti dhaabbate booda, namni fedhee haa amanu, namni fedhee haa kafaru. Hundaafu jazaa isa fakkaatutu jira. Ragaa gadi dhaabuf Qur’aana ragaa ifaa godhee buuse, mu’jizaa (raajii) irraa harka Ergamaa Isaa irratti wanta muraasa gahaa ta’e ni dabale.”(Al-Mawaafiqaat 3/377)

Ibn Taymiyaan ni jedha: “Hundee kana mirkaneessun waan hafuu hin qabneedha. Nama ergamaa itti erguun ragaan isarratti dhaabbate malee Rabbiin eenyullee akka hin adabne keeyyattoonni agarsiisanii jiru.”

Ergasii keeyyattoota Qur’aana kana agarsiisan ni dhiyeesse… itti aanse ni jedhe: “Erga akkana ta’e, akkuma beekkamu ragaan nama Qur’aanni bira gahee irratti dhaabbata. (Nama ergaan Qur’aanaa isa gahee, ragaan isarratti dhaabbatee jira jechuudha.) Akkuma jecha Rabbii olta’aa:

Jedhi, “Anaa fi isin jidduutti Rabbiin ragaa bahaadha. Isinii fi nama inni bira gahee ittiin akeekachisuuf Qur’aanni kuni gara kiyyatti buufame.” Suuratu Al-An’aam 6:19

Namni Qur’aana irraa muraasni isaa bira gahe, hamma isa bira gaheen ragaan isarratti dhaabbatee jira.

 Ergasii ni jedhe: wanti salafaa fi imaamtoonni ummataa irra jiran, Rabbiin nama ergaan bira gahee malee hin adabu. Akkumaa Qur’aanaa fi sunnan agarsiisanitti nama Ergamtoota faallesse malee hin adabu. Namoota ragaan irratti hin dhaabbannee kanneen akka daa’immanii, maraattota, warra waamichi (da’awaan) Islaamaa hin geenye, kanniin ilaalchise dubbii [garagaraatu] jira. Isaan keessaa ifa kan ta’ee, wanta gabaasni ittiin dhufeedha: namoonni kunniin Guyyaa Qiyaamaa ni qoramu. Namni Rabbiif ajajamuutti isaan ajaju itti ergama. Yoo ajajamaniif, mindaan isaaniif mala. Yoo faallessan immoo adabbiin isaaniif mala.” (Al-Jawaabu as-Sahiih liman baddala diinal Masiih 1/309-312)

Ergaan erga gahee booda malee adabbiin akka hin jirre bakka biraattis akkana jechuun jabeessa:
“Ergaa itti geessun booda malee Rabbiin eenyullee akka hin adabne Qur’aanaa fi sunnan agarsiisanii jiru. Nama himni takka isa hin geenye, jalqabuma isa hin adabu. Bal’innaan osoo hin ta’in nama himni takka geesse immoo, wanta ragaan ergaa isarratti ittiin dhaabbate mormuu isaatiif malee hin adabu. Kuni kan akka jecha Rabbii: Akka Ergamtoota booda Rabbiin irratti namootaaf ragaan hin argamneef gammachiistootaa fi akeekachistoota goonee Ergamtoota [ergine].” Suuratu An-Nisaa 4:165

Ammas jecha Isaa:

“Yaa tuuta Jinnii fi namootaa! Sila isin keessaa Ergamtoonni keeyyattoota Kiyya isin irratti dubbisanii fi qunnamti Guyyaa keessanii kana isin akeekachiisan isinitti hin dhufnee?” Suuratu Al-An’aam 6:130

Ibn Taymiyan keeyyattoota baay’ee kaase. (Majmuu’al Fataawaa 12/493)
Ibn al-Qayyimis akkana jechuun mirkaneessa: “Adabbiin sababa lamaaf namaaf mala:
1ffaa-Ragaa irraa garagaluu, fedhuu dhiisu fi itti hojjachuu didu.
2ffaa-Ragaan kuni erga dhaabbate booda osoo beekanu faallessu fi wanta ragaan namarraa barbaadu fedhuu dhiisu.  Kan jalqabaa kufrii irraa garagaluuti (kufru I’iraad). Kan lammataa immoo kufrii osoo beekanu faallessuuti (Kufru Inaad). Hanga ragaan dhaabbatuti malee, kan Rabbiin adabbii irraa dhabamsiise, wallaalummaa ragaan irratti hin dhaabbannee fi ragaa kana beeku dadhabaniidha.” (Xariiqu al-Hijrateyn fuula 414, ilaali Madaariju saalikiin 1/188) (Kana jechuun namoonni Rabbiin hin adabne, namoota ragaan isaan hin geenye fi ragaa kana beeku dadhabaniidha.)

Guduunfaa
✐Asitti “ragaa” yommuu jennu: Ergaa Islaamati
✐Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Ergamtoota hanga ergutti malee nama hin adabu. Ergamtoota erga ergee booda namoonni ragaa ittiin uzrii (rakkoo fi sababa) dhiyeefatan hin qaban. Guyyaa Qiyaamaa rakkoo himachuu hin danda’an.
✐ Ergamaa bara baraanii fi nama tokkoon tokkootti erguun dirqama miti. Kana irra, Ergamaa kanarratti kitaaba buusun, kitaabni kuni akka namoota hunda gahu gochuun gahaadha. Kanaafu, namni Qur’aanni isa gahee, ragaan isarratti dhaabbate jiraa jechuudha. Qur’aanni takkaa karaa Ergamaatin takkaa immoo karaa hordoftoota Ergamaatin isa gahuu danda’a. Qur’aana irraa hamma isa gaheen ragaan isarratti dhaabbata.


[1] Tafsiiru Muyassar-283
Nawaaqidul Iimaani al-qawliyah wal amalayah” fuula 55-58, Abdulaziz bin Muhammad

Uzrii Wallaalummaa-Kutaa 1
Ulaagalee nama Muslimaa dhuunfaa kafarsiisuu
Offline dubbisuf

Leave a Reply