Uzrii Wallaalummaa-Kutaa 1

Offline dubbisuf

Uzrii jechuun sababa ykn rakkoo dhiyeefataniidha. Fkn, mana barnootaa irraa yoo hafte, barsiisan sababa ykn rakkoo kee dhiyeefadhu yoo jedhe, sababni ykn rakkoon dhiyeefattu kuni uzriidha.

Wantoota Muslima dhuunfaa tokko kafarsiisu dhoowwan kan hubannoo keessa galfamu qabu keessaa tokko: uzrii wallaalummaati. Daangaa darbaa fi hanqisaa jidduu dhimma kana keessatti namoonni baay’een itti taranii jiru. Asitti nama wallaalummaa guutumaan guututti uzrii godhutu jira.  Gama biraatin immoo nama guutumaan guututti dhoowwutu jira. Haqni isaan lamaan jidduutti giddu galeessa. Haala armaan gadiitin dhimma kana irraa wanta nu ilaallatu ni guduunfina.

1-Wallaalummaan (jahlin) asitti barbaadame nafseen beekumsa irraa duwwaa ta’uudha. Yookiin wanta beekkamu qabu ilaalchise beekumsa dhabuudha. Jalqaba irratti akkana jechuun jabeessina: wallaalumman dhimma hundee ta’e hanga danda’aniin kaasun barbaachisuudha. Ammas wallaalaa barsiisuuf carraaqun namarraa eeggama. Yommuu Ibn Abdul Barr-rahimahullahu-hadiisa ibn Abbaas (radiyallahu anhumaa) dhiyeessu: Namtichi tokko Rasuulaaf (SAW) meeshaa khamri (dhugaati nama macheessu) of keessaa qabu kenneef. Ergasii, Nabiyyiin (SAW) ni jedhan: Rabbiin haraama godhee jiraa beektee?” Namtichis ni jedhe, “Lakki, [hin beeknee]”… Sahiih Muslim 1579

Kana booda ibn Abdulbarr ni jedhe: hadiisa kana keessa nama hin beekne irraa cubbuun akka ol fuudhame ragaatu jira. Rabbiin azza wa jalla ni jedha:

“Hanga Ergamaa ergunitti kan adabnu hin taane.” Suuratu Al-Israa 17:15
Haa ta’uu malee, namni barachuu danda’ee garuu barachuu dhiise, cubbuu hojjate jira. Rabbiin hundarra beeka.” (At-Tamhiid 4/140)

Al-Qaraafi ni jedha:
Bu’uurri shari’aa akka agarsiisuutti wallaalummaan namni ittisuu danda’uu hundi, wallaalaaf ragaa ta’uu hin danda’u. Sababni isaas, Rabbiin uumamtoota Isaatti ergaadhaan ergamtoota ergee fi ergaa kana akka beekan, ergasii hojii irra oolchan isaan irratti dirqama godhee jira. Ergaa kana beeku fi itti hojjachuun dirqamoota lama. Namni barachuu fi itti hojjachuu dhiisee wallaalaa ta’ee yoo hafee, dirqamoota lama dhiisuu isaatiif badii lama hojjatee jira.” (Al-Furuuq 4/264)

Kanarratti ibn Taymiyaan akkana jechuun jabeessa: “Uzriin amantii keessatti argamu turtiin isaa kan barbaadamu miti. Kana irra, wanti barbaadamu hanga danda’ameen uzrii kana balleessudha. Osoo kana ta’uu baate, silaa beekumsa ibsuun dirqama hin ta’uu ture, namoota wallaalummaa isaanii keessatti dhiisuun gaarii ta’aa ture, ragaalee dhimmoota wal fakkaatan ibsuu irra dhiisun gaarii ta’aa ture.” (Majmuu’al Fataawaa 20/279) (Wanti asitti jechuu barbaade, amantii keessatti wallaalummaa kaasuuf beekumsa ibsuun, wallaalaa barsiisuun, akkasumas, barachuun dirqama.)

Ibn Al-Lahhaam ni jedha: “Namni murtii wallaalee, murtii barachuu keessatti yoo hin hanqisinii fi hin dhiisin qofa dhiifamni isaaf godhama. Garuu yoo hanqisee ykn dhiise, dhiifamni isaaf hin godhamu.” (Al-Qawaa’idu wal-fawaa’idul Usuuliyyati fuula 58)

Suyuuxin ni jedha: wanta namoonni harki caalan keessatti wal qixa ta’an dhoowwaa ta’uu isaa namni wallaalee, isarraa hin fuudhamu, Islaamatti seenu isaatiif haarawa kan ta’e yookiin baadiyaa keessatti guddatee wanti akkanaa isarraa kan dhokatu yoo ta’e malee.” (Al-Ashbaahu wanazaa’iru-fuula 200) (Fakkeenyaf, khamriin (dhugaatin nama macheessu) dhoowwaa ta’uu wanta namoonni harka caalan beekaniidha. Namni Islaamatti seenu isaatiif haarawa yoo ta’e ykn baadiyaa beekumsi itti hin barsiifamnetti yoo guddate malee, “Ani khamriin dhoowwaa ta’uu hin beeku” yoo jedhe, kuni isarraa hin fuudhamu.)

2-Dhimma kana keessatti wanti biraa xiyyeefannoo itti kennuu barbaachisu: nama dhama’iinsi irratti baay’atuu, kan akka nama haarawa Islaamatti seenee, nama baadiyatti guddate fi kan kana fakkaataniin wal qabatee dhimma kafarsiisu keessatti uzriin wallaalummaa ni ilaallama.

Imaamu Shaafi’in waa’ee sifaata Rabbii fi wanta inni itti amanu ilaalchisee ni gaafatame. Innis ni jedhe: “Rabbiin olta’aan maqaalee fi sifaataa kitaabni ittiin dhufee fi Nabiyyiin uummata isaa beeksise qaba. Uumamtoota Rabbii keessaa namni ragaan irratti dhaabbate maqaalee fi sifaata kanniin deebisuu hin danda’u. Sababni isaas, Qur’aanni ittiin bu’ee jira, Ergamaa Rabbii sallallahu aleyh wassallam irraa wanta namoonni haqaa fi qajeelon gabaasan keessatti [maqaalee fi sifaata kanniin] dubbachuun isaanii sirrii (sahiih) akka ta’e mirkanaa’e jira. Namni kana booda, ragaan erga isarratti dhaabbate booda yoo faallesse, inni kaafira. Garuu ragaan isarratti dhaabbachuun dura, wallaalummaa [isaatiif] dhiifamni isaaf godhama. Sababni isaas, kana beekun sammuudhaan, itti xinxalluun, qalbiidhaani fi yaadan hin danda’amu. Odeefannoon (Ergaan Islaamaa) erga isa bira gahee booda malee [Muslimoota keessaa] eenyullee wallaalummaan hin kafarsiisnu. ” (Mukhtasaral Uluwwi-fuula 177)

Imaamu Al-Bukhaarin ni jedha: Namni jechi Rabbii uumama (makhluuqa) akka hin taanee hin beekne, inni ni barsiifama, wallaalumman isaa gara Qur’aanaa fi sunnaatti deebifama. Namni erga beekee booda dide, haqa osoo beeku faallessee jira. Rabbiin olta’aan ni jedha:

9:115

Wanta eeggachuu (dhiisu) qaban hanga isaaniif ibsuutti Rabbiin ummata tokko erga qajeelche booda hin jallisu. Dhugumatti, Rabbiin waan hundaa Beekaadha.” Suuratu At-Tawbah 9:115

(Fakkeenyaaf, mushrikoota du’aniif araarama kadhachuun dhoowwamaadha. Namoonni Rabbiin qajeelche wanti dhoowwame kuni isaaniif ibsamuun dura yoo mushrikootaaf araarama kadhatan, Rabbiin hanga wanta kana isaaniif ibsuutti malee jallinna isaan irratti hin murteessu. (ilaali Tafsiiru Xabarii-12/47))

Ammas, Rabbiin olta’aan ni jedha:

“Namni karaan sirriin ifa isaaf erga ta’e booda Ergamaa faallessee fi karaa mu’mintootaatiin ala [karaa biraa] hordofe, karaa inni filate keessatti isa dhiisna; Jahannamis isa seensifna. Gahuumsi waa fokkate!” Suuratu An-Nisaa 4:115 (Khalqu Af’aalil Ibaadi-61)

Ibn Hazm ni jedha: Namni tokko osoo Islaamawee (Islaama keessa seenee) fi shari’a Islaamaa hin beekne ta’ee- ergasii khamriin (dhugaatin nama macheessu) halaala akka ta’ee fi nama irra salaanni akka hin jirre amane, murtiin Rabbii olta’aa isa bira kan hin geenyee yoo ta’ee, wal dhabbii tokko malee inni kaafira hin ta’u. Hanga ragaan isa irratti dhaabbatutti malee. Erga [ragaan isarratti dhaabbate booda khamriin halaala ta’u fi nama irra salaanni akka hin jirre amanuu] yoo itti fufe, akka wali galtee ummataatti inni kaafira.” (Al-Muhallaa13/151)

Bakka kanatti ibn Taymiyaan ni jedha:
Garuu namoota keessaa nama murtiwwan kanniin irraa muraasa isaanii wallaalutu jira. Hanga ragaan isa irratti dhaabbatutti [Muslimoota irraa] eenyurrattillee kufriin hin murteefamu. Akkuma Rabbiin olta’aan jedhe: “Akka Ergamtoota booda Rabbiin irratti namootaaf ragaan hin argamneef gammachiistootaa fi akeekachistoota goonee Ergamtoota [ergine]. Rabbiin Injifataa, Ogeessa ta’eera.” Suuratu An-Nisaa 4:165

Kanaafi, osoo namni tokko Islaamawee ergasii salaanni isarratti dirqama ta’uu hin beeknee ykn khamriin haraama ta’uu hin beekne, dirqama ta’uu kanaa fi haraama ta’uu kanaa amanuu dhiisuu isaatiif hin kafaru. Inumaa, hanga ragaan Nabiyyii isa bira gahutti hin adabamu.” (Majmuu’al Fataawaa-11/406)

Bakka biraattis akkana jedha: “Nama [Muslimaa] dhuunfaa tokko kafarsiisuu fi isa ajjeessun hayyamamaa ta’uuf ragaan Nabiyyii isa bira gahuu irratti hundaa’a. Namni amanti irraa waa wallaale hundi kan kafaru miti.” (Ar-Raddu Alal Bakri-fuula 258)

Guduunfaa
✐ Nama Musliimaa dhuunfaa tokko kafarsiisuf wantoota ilaallamu qaban keessaa tokko wallaalummaadha.
✐ Wallaalummaan asitti barbaadame, namni beekumsa irraa duwwaa ta’uu ykn wanta beekkamu qabu ilaalchisee beekumsa dhabuudha.
✐ Namni Musliimaa Islaama irraa waa wallaalee dogongora hojjate, hanga ragaan Islaamaa isa gahutti malee kufriin isarratti hin murtaa’u.
✐ Wallaallummaan akka uzritti haa ilaallamu malee nama hundaaf uzrii ta’uu hin danda’u.
✐ Namni haalli isaaf mijaa’e osoo barachuu danda’uu yoo dhiise, wanta hojjatuuf ni qabama. Fkn, Osoo dandeetti qabu, waa’ee Islaama ilaalchisee da’awaa irratti argamuu yoo dide ykn odiyoo fi vidiyoo dhageefachu irraa yoo garagale ykn kitaaba fi barruulee yoo dubbisuu didee, badii hojjatuf ni qabama. Kutaa itti aanutti dubbii beektotaatin dabalata ni ilaalla.

Madda:
Nawaaqidul Iimaani al-qawliyah wal amalayah” fuula 55-58, Abdulaziz bin Muhammad

Uzrii Wallaalummaa-Kutaa 2
Akeekachisuun dura qabamuun hin jiru
Offline dubbisuf

Leave a Reply