Uzrii Wallaalummaa-Kutaa 2

Offline dubbisuf

3-Dhimma kafarsiisu keessatti wallaallummaan akka ilaallamu yommuu mirkaneessinu, nama wallaalumma himate hundaaf wallaalummaan uzrii fudhatama argatu jechuu miti. Kanaafi, imaamu Shaafi’iin ni jedha: “Dhugumatti, beekumsa irraa nama sammuu isaa irratti haguuggame malee nama umrii saalfanna gahe hundaaf wanta wallaalluun hin danda’amnetu jira. Fakkeenyaaf kan akka salaata shanani, ji’a Ramadaanaa soomu, yoo danda’an hajjuu, zakaa, Rabbiin zinaa, ajjeechaa, hanna, khamrii fi kkf dhoowwu.” (Ar-Risaalah fuula 357)

Ammas, akkuma Ibn Qudaaman waa’ee nama salaata dhiisu ilaalchisee yommuu dubbatu jedhu: “Nama dirqama isaa (salaataa) kan mormuu yoo ta’e, inni ni qoratama. Namoota kana wallaalan kan akka nama haarawa Islaamatti seenee ykn baadiyatti guddatte keessaa yoo ta’e, salaanni dirqama ta’uu isatti beeksifama, ni barsiifama. Uzrii waan qabuuf kufriin isarratti hin murteefamu. Namoota kana hin wallaalle irraa yoo ta’e, kan akka Muslimoota irraa nama magaalatti guddattee keessaa yoo ta’e, dhiifamni isaaf hin godhamu, wallaalummaa himachuun isarraa hin fuudhamu. Kufriin isarratti murteefama. Sababni isaas, ragaan salaanni dirqama ta’uu agarsiisan Qur’aanaa fi hadiisa keessatti ifa. Muslimoonni haala itti fufaan hojjatu. Nama haalli isaa akkana ta’ee irratti dirqamni isaa (salaataa) hin dhokatu. Rabbii olta’aa, Ergamaa Isaatii fi wal-galtee ummataa kijibsisuun yoo ta’ee malee salaata hin mormu. [Osoo beeku dirqama salaataa yoo morme], Islaama irraa duubatti kan deebi’u ta’a. Ani kana keessatti garaagarummaa [hayyootaa] hin beeku.” (al-Mughnii 2/442)

Wanta ijoo beekkamu qabu keessaa, dhimmoota baay’eetu uzrii wallaalummaatin wal qabata. Isaan keessaa gosa dhimma wallaalamee, kan akka dhimmi dhokataa ta’uu. Akkasumas, haala wallaalaa, kan akka Islaamaaf haarawa ta’u ykn baadiyatti kan guddate ta’u. Haala naannoo irrattis hundaa’e, jiraachuun ykn dhabamuun beekumsaa gargar baafama.

Ibn Taymiyaan ni jedha: Islaama keessa seenuu isaatiif haarawa waan ta’eef ykn baadiyaa fagoo keessatti waan guddateef nama wantoota dhoowwamoo irraa wanta tokko akka halaalatti ilaale, aalimonni (beektonni) hin kafarsiisan. Dhugumatti murtiin kufrii ergaan Islaamaa erga gahee booda malee hin ta’u. Kanniin keessaa baay’een isaanii tarii keeyyattoonni wanta inni ilaale faallessan isa hin geenye ta’a, nabiyyiin kanaan ergamuu hin beeku ta’a.” (Majmuu’al Fataawaa-27/501)

Sheykhu Muhammad ibn Abdulwahhaab rahimahullahu akkana jedha: “Namni ragaan isarratti hin dhaabbannee nama Islaama keessa seenu isaatiif haarawa ta’e fi nama baadiyatti guddateedha. Yookiin dhimma dhokataa keessatti ta’e, fakkeenyaf as-sarf fi al-axf. Hanga beekutti hin kafaru…. Ragaan Rabbii Qur’aana. Nama Qur’aanni gahee, ragaan isa gahee jira.” (Majmuu’atu mu’alifaati sheikh Muhammad ibn Abdulwahhaab-3/11) (As-Sarf fi Al-Axf gosa sihriiti- “Niiti abbaa manaa ishii biratti jaallatamtu taasisa, ishii irraa hin garagalu” jechuun odeessu.)

Fatwaa Lujnati Daa’imati lil-buhuusil ilmiyyati wa iftaa’i (Qorannoo beekumsaatii fi fatwaatiif Mana maree gadi dhaabbataa) keessatti akkana jechuun dhufe:

“Dhimmoota amantii keessatti nama tokkoof wallaalummaan dhiifama ni godhamaaf moo hin godhamuuf ilaalchisee, garaagarummaa umrii saalfanna gahuu fi gahuu dhiisu, garaagarummaa dhimma mataa isaa (dhimmichi ifa ta’u fi dhokataa ta’uu), wal caalu hubannoo namootaa irratti hundaa’e murtiin gargar ta’a.”

Namni biyya keessa jiraatu keessatti waamicha gara Islaamaa (da’awaa) kan dhagayuu ergasii kan hin amannee fi haqa hin barbaannee yoo ta’e, inni murtii nama waamichi Islaamaa isa gahee fi kufrii irra ture keessaa ta’a.” (Namni ergaa Islaamaa dhagayee garuu kan hin amannee yoo ta’e, ergaan Islaamaa isa gahee jechuudha.)

Namni biyya Islaama hin taane keessa jiraate, Nabiyyii sallallahu aleyh wassallam irraa homaa hin dhageenye ykn Qur’aanaa fi Islaama irraa hin dhageenye immoo, kuni murtiin isaa murtii warra da’waan Islaamaa hin geenyeti. Ragaa gadi dhaabuu fi uzrii hanbisuuf beektonni Muslimaa hundee fi damee shari’aa Islaamaa isatti geessun isaan irra jira… Garuu gama ragaatin ykn ragaaleetiin murtiwwan shari’aa irraa wanta dhokatu keessatti nama faallesseen, “Amane ykn kafare” hin jedhamu. Garuu “Sirrii hojjate ykn dogongore” jedhama.” (Lujnati Daa’imati lil-buhuusil ilmiyyati wa iftaa’i-2/97)

Wanta beeksisuun bareedu keessaa tokko, uzrii wallaalummaatin namoonni kufrii hojjatan kufrii ifatti baasanii osoo jiranuu, isaanirraa kufrii dhabamsiisu jechuu miti. Kana ilaalchise ibn Taymiyaan ni jedha: Huud ummata isaatiin akkana akka jedhe Rabbiin beeksisee jira.

11:50

“Gara Aad obboleessa isaanii Huud [ergine]. Inni ni jedhe,“Yaa ummata kiyya! Rabbiin gabbaraa, Isaan ala gabbaramaan biraa isiniif hin jiru. Isin warra kijiba uuman malee homaayyu miti.” Suuratu Huud 11:50

Murtii isaan isa faallessaniin murteessun dura Rabbiin waliin gabbaramaa biraa gochuu isaanitiif warra kijiba uuman isaan godhe. Maqaan mushrik ergaan dura gadi dhaabbataadha (mirkanaa’adha). Sababni isaas, inni (mushrikni) Rabbitti waa qindeessa, itti qixxeessa, gabbaramtota biroo Isa waliin godha, Ergamaan dura, qixxaatota (equals) Isaaf godha.” (Majmuu’al Fataawaa 20/37-38)

Ibn Al-Qayyim baqannaalee (sadarkaalee) namoota wayitti ajajamanii fi wayirraa dhoowwamanii yommuu dubbatu, baqannaa akkeessitootaa, kaafirootaa fi hordoftoota wallaaltota ta’anii ni kaase. Baqannaa kana ilaalchisee wanta jedhee keessaa:

Wallaaltoota matooti fi hoggantoota isaanii akkeessan osoo ta’aniillee baqannaan kuni kaafirota akka ta’an ummanni (Muslimoonni) irratti wali galanii jiru….Ergamaa Rabbii (SAW) irraa akkana jechuun mirkanaa’e: “Dhugumatti Jannata nafsee Muslima taate malee eenyullee hin seenu.” (Sahiih Muslim 221) Kan akkeessu kuni Muslimaa miti. Inni nama waa hubatuu, ajajamuu fi dhoowwamuudha. Namni waa hubatu, ajajamu fi dhoowwamu Islaamaa ykn kufrii keessaa hin bahu.(Takkaa Islaama keessa ta’a, takkaa immoo kufrii keessa ta’a.) Namni da’awaan isa hin geenye immoo haala san keessatti kan ajajamu fi dhoowwamu miti. Inni akka daa’immanii fi warra maraataniiti.”

Islaamni Rabbii Tokkicha shariik hin qabne tokkichoomsu fi Isa qofa gabbaruu, Rabbiitti fi Ergamaa Isaatti amanuu fi wanta inni ittiin dhufee keessatti isa hordofuudha. Gabrichi kanaan yoo hin dhufin, Muslimaa miti. Kaafira osoo beeku faallessu yoo hin ta’in, kaafira wallaaladha. Fiixeen baqannaa kanaa, kaafiroota osoo beekanu haqa faallessan osoo hin ta’in kaafirota wallaaltota. Osoo beekanu haqa faallessu dhiisun isaanii kaafirota ta’uu keessaa isaan hin baasu.  Dirqamni gabricha irra jiru, namni kamiyyuu Islaaman ala amantii biraatti bulee kaafira akka ta’e amanuudha.” (Xariiqu hijrateyn fuula 411=gabaabbinnaan)

Sheykh Abdullah bin Abdurahmaan Abu Baxiin ni jedha: “Rabbiin subhaanahu kufrii isaanii ifatti dubbachuu waliin wallaalummaa kaafirota baay’ee beeksisee jira. Kufrii isaanii ilaalchisee Muslimni kan hin shakkine ta’uu waliin Kiristaanota wallaalummaan ibsee jira. Yeroo ammaa, Yahuudotaa fi Kiristaanonni baay’een wallaaltoota akkeessaniidha. Nuti isaan kaafirota akka ta’an ni amanna. Kufrii nama kufrii isaanii shakkes.” (Ad-Duraru As-Sinniyati 8/213)

Fatwaa Lujnati Daa’imati lil-buhuusil ilmiyyati wa iftaa’i (Qorannoo beekumsaatii fi fatwaatiif Mana maree gadi dhaabbataa) keessatti wanti armaan gadii dhufe jira:

“Namni kamiyyuu ergaa Nabiyyii keenyaa Muhammad sallallahu aleyh wassalam fi shari’aa keessatti wanta inni fidetti amanee, kana booda Rabbiin ala waliyyiif, abbaa qabriitiif ykn sheykhaaf yoo sujuude, kaafira Islaama irraa deebi’e ta’uun ilaallama. Osoo yeroo sujuudu shahaadateyni dubbateyyuu, ibaadaa keessatti Rabbiin waliin waan biraa kan qindeessu (mushrika) akka ta’etti ilaallama. Sababni isaas, wanta dubbii isaa diigu waan hojjateef. (Dubbiin isaa: Ash-hadu an Laa ilaah illallah (Haqaan Gabbaramaan Rabbii malee akka hin jirre ragaa nan baha). Wanti dubbii kana diigu ykn faallessu immoo: Rabbiin ala wanta biraatiif sujuududha.) Garuu namni kuni wallaalumma isaatiif uzriin isaaf godhamu danda’a. Hanga barsifamuutti fi ragaan isarratti dhaabbatutti adabbiin isatti hin buufamu. Akka nafsee ofii gamaggamee tarii tawbatuuf uzrii isaaf gochuun guyyaa sadiif ni dhiifama (ni tursiifama). Ibsa booda Rabbiin ala wanta biraatiif sujuudu yoo itti fufe, Islaama irraa duubatti deebi’u isaatiif ni ajjeefama…Adabbii itti buusun dura ibsaa fi ragaa dhaabun uzrii isaaf gochuuf malee ibsa booda kaafira akka hin jedhamneefi miti. Fakkeenyaaf, Rabbiin ala wanta biraatiif sujuudu irraa wanta isarraa argameef inni kaafira waan jedhamuuf.” (Lujnati Daa’imati lil-buhuusil ilmiyyati wa iftaa’i 1/220)

Wanta armaan olitti darbe irraa hundee amanti fi wanta biraa keessatti wallaalummaan guutuman guututti uzriidha jechuun dogongora akka ta’e ni hubanna. Ammas, wallaalumman guutumaan guututti uzrii miti jechuun dogongora akka ta’e ni hubanna. Kana irra, hundee amanti irraa dhimmoota ifaan ifatti beekkaman keessatti faallessuu fi dhimmoota dhoksaa ibsa barbaachisan keessatti faallessu addaan baasu barbaachisa. Akkasumas, murtiwwan addunyaa (zaahiraa) fi murtiwwan Aakhirah (keessaa) addaan baasun barbaachisaadha.

Madda:
Nawaaqidul Iimaani al-qawliyah wal amalayah” fuula 65-69, Abdulaziz bin Muhammad

Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 1
Uzrii Wallaalummaa-Kutaa 1
Offline dubbisuf

Leave a Reply