Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 1

Offline dubbisuf

Hanga ammaatti dubbiii fi hojii iimaana diigu ilaalun duratti seensa ilaalaa turreera. Ammas, dubbii iimaana diigan gurguddaa irraa jalqabna. Dubbii iimaana diigan jalatti: Hiika shirkii, gosoota shirkii, tawhiida asmaa wa sifaata keessatti dubbii iimaana diigu, tawhiida uluuhiyyah keessatti dubbii iimaana diigu fi kanneen biroo ni ilaalla. Isin hanga xumuraatti waliin turuuf qophiidhaa? Mata-dureen kuni mata-duree garmalee ijoo akka ta’e hin dagatinaa.

Mee dubbii iimaana diigutti seenun dura “hiika diigtoota (nawaaqid)” haa ilaallu.
Akka wali galtee beektotaatti hiikni nawaaqida (diigtoota)- amantiiwwan yookiin dubbiwwan yookiin hojiwwan iimaana balleessanii fi muraniidha. Wantoota kanaan iimaanni namtichaa ni bada, geengoo Islaama fi iimaanaa keessaa isa baasun balaa kufrii fi riddaatti isa seensisa. Rabbiin kanarraa nu haa eegu.[1] Riddaa jechuun Islaama irraa duubatti deebi’uudha.

Gabaabumatti dubbii fi hojii iimaana diigan jechuun dubbii fi hojii iimaana namaa balleessu fi Islaama keessaa nama baasudha. Kanarratti dabalatee, Aakhiratti adabbii abadiitiif nama saaxila.

Kufriin dubbii fi hojii akka ta’e mirkanaa’e jira. Kufriin dubbii zaahiraa arrabaan ta’uu danda’a. Nama dubbii beekkamaa dubbate irratti kufrii murteessuu fi kufriin waamun Qur’aana keessa akka jiru warri beekumsaa wal hin dhabne.

Kana keessaa wanta jecha Rabbii olta’aa keessatti dhufeedha:

“Isaannan (namoonni) ‘Rabbiin sadaffaa sadeeniti’ jedhan dhugumatti kafaranii jiru.” Suuratu al-Maa’ida 5:73

Dubbiiwwan iimaana diigan kana ilaalchisee gareen gariin daangaa darban, gariin immoo ni hanqisan. Gareen daangaa darbee kuni osoo ulaagaalee fi wantoota dhoowwan hin ilaalin, nama jecha kufrii dubbate hundarratti kufrii maxxansan. Faallaa kanaa immoo, gareen biraa garmalee hanqisuu fi dhiisuun dubbiiwwan iimaana diigan qalbiin halaala gochuun wal qabsiisan. Fakkeenyaf, “Yoo halaala hin godhin Rasuula (Ergamaa Rabbii) arrabsuun kufrii miti” jedhan. Inumaa gariin isaanii namni kufrii ifa bahaa osoo beeku dubbate, hanga kufrii ta’uu amanutti hin kafaru jedhan. Keeyyanni Qur’aana agarsiisuu waliin yoo kana amanan malee kiristaanota ‘Rabbiin sadaffaa sadeeniti’ jedhan hin kafarsiisne. Kuni hundi dogongora. Haqni karaa jiddu-galeessaa irra jira.

Rabbii olta’aa irraa qajeelcha, haqa qunnamuu kajeelun osoo daangaa hin darbinii fi hin dhiisin boqonnaa kana keessatti dubbii iimaana diigan ni dhiyeessa.

Jalqaba irratti, barbaachisummaa qajeelfamoota kafarsisuu irraa wanta duratti dubbatamee yaadachisna. Dubbiin wali galaa dubbii arrabaa fi dubbii qalbii akka hammatu beeksiisu barbaanna. (Dubbiin qalbii wanta qalbiin itti amanteedha. Fkn, Iisaan Gooftaadha ykn ilma Gooftaati jedhanii amanuun kufriidha. Dubbiin arrabaa immoo wanta namni arrabaan jedhuudha. Tarii namni dubbii kufrii kana taphaaf, qoosaaf, mormiif ykn sababa biraatiif jechuu danda’a. Kunniin dubbii kufrii nama kafarsiisuudha.)

Boqonnaa 1Tawhiida Keessatti Dubbiiwwan iimaana diigan

1.1-Tawhiidu Ar-Rubuubiyyah keessatti dubbii iimaana diigan
Baniinsa qorannoo kanaa keessatti jalqaba hubannoo ykn hiika tawhiidu ar-rubuubiyyah ni dubbanna. Hiikni isaa: Rabbiin subhaanahu Gooftaa uumuun, rizqii kennuun, too’achuu fi qindeessun adda akka ta’e amanuudha. Inni jiraachisaa, ajjeesaa, Kan fayyadu, yeroo rakkoo kadhaa deebisuun adda kan ta’e ta’uu amanuudha. (Gabaabumatti, Tahwiidu Ar-Rubuubiyyah (Gooftummaa) jechuun Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa hojii Isaa keessatti Kophaa gargaaraa fi shariika hin qabne ta’uu amanuudha.)

Akkuma Ibn Al-Qayyim ibsa hiika tawhiida kanaa ilaalchise jedhu: “Namni [tawhiida kanatti amanu] Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Arshii ol olta’ee wantoota hundaa Kan eeguu fi jiraachisu ta’uu ragaa bahuudha. Dhimma gabrootaa kophaa Isaa Kan qindeessu, Uumaan, razzaqaan, kennaan, dhoowwataan, ajjeesaan, jiraachisaan, keessaa fi alaan dhimma bulchiinsaa Kan qindeessu Isa malee akka hin jirree [ragaa bahuudha.] Wanti Inni fedhe ni ta’a, wanti Inni hin feene immoo hin ta’u. Mixiin hayyama Isaatiin malee hin sochootu. Fedhii Isaatiin malee taaten kamiyyuu hin adeemsifamu. Beekumsa Isaatin malee baalli mukaa hin harca’u . Samii torbanii fi dachii keessatti hanga madaalaa atomi wanti gahu, sanii gadi ykn wanti san caalu Isa jalaa hin miliqu. ” (Madaarija saalikiin 3/510)

Dubbiiwwan iimaana diigan kan tawhiida kana faalleessan baaay’etu jira. Isaan keessaa hundarra ijoon: tawhiida kana keessatti shirkiidha. Shakkii hin qabu, shirkiin hundee sharrii hundaati fi walitti qabama isaati. Zanbii (badii) hundarra guddaa ta’eedha.  Sababni isaas, akkuma hojii gaggaarii hunda balleessuu fi abbicha ibidda keessatti zalaalamiif akka turutti geessu, shirkiin zanbii tokkicha Rabbiin araarama irraa dhabamsiiseedha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

4:48

Dhugumatti Rabbiin Isatti waa qindeefamuu hin araaramu. Waan sanaa gadii nama fedheef ni araarama. Namni Rabbitti qindeesse, dhugumatti cubbuu guddaa uumee jira.”Suuraa An-Nisaa 4:48

Namni osoo hin tawbatin shirkii irratti du’e, Rabbiin irraa araarama hin argatu.

Jaabir ibn Abdullah akka gabaasetti Ergamaan Rabbii sallallahu aleyh wassalam akkana jedhan: “Namni osoo homaa Rabbitti hin qindeessin Isa qunname, Jannata seene. Namni waa Isatti osoo qindeessu Isa qunname, ibidda seene.” Sahiih Muslim 93

Shirkiin fokkuu ta’uu ilaalchisee Ibn Al-Qayyim akkana jedha: “Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namoonni akka haqummaan dhaabbataniif Ergamtoota Isaa erge, Kitaabban Isaa buuse. Haqni hunda caalu tawhiida. Tawhiinni mataa haqummaati fi kan gadi dhaabudha. Shirkiin immoo zulmiidha (miidhaa fi cunqursaadha). Akkuma Rabbiin olta’aan jedhe: “Dhugumatti, shirkiin zulmii guddaadha.” (Luqmaan 31:13) Shirkiin zulmii hunda caaludha. Tawhiinni immoo haqummaa hunda caaludha. Wanta hunda caalaa wanti hundarra kaayyoo kana (tawhiida) faallessu, zanbii gurguddaa keessaa zanbii hundarra guddaa ta’eedha…  Wanti hundarra kaayyoo kanaan walitti galu immoo dirqamoota hunda caalaa dirqama kan ta’eedha. Hundee kana xinxallii sirrii itti xinxalli. Bal’innaan isa ilaali. [Hundee kanaan (tawhiidaan)] gabroota Isaa irratti wanta dirqama godhe, wanta haraama isaan irratti godhe fi wal darbiinsa sadarkaalee ajajamuu fi faallessu keessatti warra murteessan hunda caalaa Murteessaa gaarii kan ta’e, aalama hunda caalaa Beekaa Kan ta’e beeki. (Kana jechuun Tawhiidan Rabbiin beeki).

Shirkiin mataan isaa kaayyoo kana waan faallessuuf badii gurguddaa keessaa badii hunda caalaa guddaa ta’eedha. Nama mushrika ta’e hundarratti Rabbiin Jannata haraama (dhoowwaa) godhe. Dhiiga, qabeenyaa fi maatii isaa warra tawhiidaatiif hayyame. Isa qofa gabbaruu yommuu dhiisan gabroota akka godhatan [hayyame]. Rabbin subhaanahu mushrika irraa hojii ol fuudhu ykn isaaf shafa’aa (jaarsummaa) hayyamu ykn Aakhiratti du’aayi (kadhaa) isaatiif deebii deebisuu didee jira.  Dhugumatti, mushrikni (namni Rabbitti waa qindeessu) yommuu uumamtoota Isaa keessaa waa Isaaf qixxeessaa (fakkaataa) godhu, wallaaltota hunda caalaa Rabbiin kan wallaaledha…” (Al-Jawaabul Kaafi-fuula 172-173)

In sha Allah kutaa itti aanu keessatti hiika shirkii ni ilaalla.


[1] Al-Imaanu haqiiqatuh, khawaarimuh, nawaaqiduh inda ahli sunnati wal jama’afuula 672, Abdullah bin Abdulhamid Al-Asarii
Nawaaqidul Iimaani al-qawliyah wal amalayah” fuula 94-96, Abdulaziz bin Muhammad

Hiika Shirkii
Uzrii Wallaalummaa-Kutaa 2
Offline dubbisuf

Leave a Reply