Yommuu Sodaa fi Rakkoon cimuu-Kutaa 1

Bismillahi
Nageenyi fi rahmanni Rabbii Nabiyyii Xumuraa Muhammad ilma namaatiif fakkeeya gaarii ta’uu irra haa jiraatu. Nabiyyiin sallallahu aleyh wassallam yeroo qormaataa fi rakkoo fakkeenya gaarii namaaf ta’u. Namoota hunda caalaa kan qoramuu fi rakkoon itti cimu nabiyyoota. Kunis, isaan qulqulleessuu fi sadarkaa isaanii olkaasufi. Akkuma beekkamu rakkoon wantoota sadii gurguddaaf nama qunnama: 1ffaa-qormaataaf, 2ffaa-adabbiif, 3ffaa-barsiisuu fi qulqulleessufi.

Rakkoon yeroo ammaa addunyaan keessa jirtu kanniin sadan keessaa hin bahu. Koronaan nama hundaafu qormaata. Gama biraatin namoota gariif adabbiidha, namoota gariif immoo barsiisuu fi qulqulleessudha. Qormaanni wanta nama keessa jiru ifatti baasa. Kan akka dhugaa iimaanaa namni qabu, nifaaqa, obsa fi kkf. Adabbiin immoo namoota daangaa darban karaa sirritti akka deebi’an isaanitti akeeka. Barsiisuu fi qulqulleessuun immoo akkuma warqiin ibiddaan waddamee xuriin isaa qulqullaa’u rakkoonis namoota badii fi amaloota hir’uu adda addaa irraa isaan qulqulleessa.

Seenaa Nabiyyii sallallahu aleyh wassallam keessatti rakkoo cimaa koronaa kanaan wal fakkaatu mee haa ilaallu. Seenaan kuni seenaa duula Khandaq ykn Ahzaab jedhamuudha. Akkuma koronaa kana keessatti rakkoon baay’een namoota qunnamaa jiru duula Khandaq kana keessatti rakkoon baay’een Muslimoota muudate ture. Wanti koronaa irraa adda godhu, lola san keessatti duuti baay’een hin jiru ture. Kanarraa kan hafe, kan akka sodaa, beelaa, dhiphinnaa fi rakkoon biroo yeroo ammaa namoota muudataa jiru Muslimoota yeroo saniis muudatee jira. Ciminna sodaa fi rakkoo duula Khandaq keessatti Muslimoota muudate Qur’aanni akkana jechuun ibsa:

“Yaa warra amantan! Yeroo hoomaan (loltuun) waraanaa isinitti dhufee ergasii bubbee fi hoomaa [malaykotaa] isin hin argine isaanitti ergine, qananii Rabbii isin irra jiru yaadadhaa. Rabbiin wanta isin hojjattan Argaa ta’eera. Yeroo gara gubbaa keessanii fi gara-jallaa keessaniin isinitti dhufan, yeroo ijjis [sodaa irraa kan ka’e] dabde, qalbiinis kokkee geessee fi waa’ee Rabbii ilaalchisee yaada [adda addaa] yaaddan, [yaadadhaa].” Suuratu Al-Ahzaab 33:9-10

Seenaa kana irra deebine qorachuun qormaata kana haala salphaan akka dabarru nu taasisa. Akkuma duulli Khandaq mu’mintoota dhugaa fi munaafiqota adda baase, koronaan kunis adda baasun waan hin hafneedha. Wanti munaafiqonni yeroo san jedhan, namoonni ammaas jechuun waan hin oolledha. Kanaafu, seenaa kana aayah Qur’aanaa waliin wal qabsiifne yoo baranne akkam bareedaa! 

Hiika jecha ijoo: Sahaabota jechuun-namoota Nabii Muhammadin (SAW) qunnaman (arganii) fi itti amananiidha. (SAW=Sallallahu Aleyh Wassallam) Ansaarota-Jiraattota Madiinaa Nabiyyi fi namoota gara isaanitti godaanan gargaaran. Muhaajiroota-Namoota Makkaan irraa gara Madiina godaanan.

Duula Khandaq ykn Ahzaab

Duraan dursee Khandaq jechuun booyi bal’aa, dheeraa fi gadi fagoo diina irraa of eeguf qotamuudha. Ingiliffaan “Trench”. Ahzaab jechuun immoo gareewwan garagaraa bakka tokkotti gamtoomaniidha. Duulli kuni duula Khandaq kan jedhameef sababa naannawa Madiinaatti booyin bal’aan, dheeraa fi gadi fagoon qotameefi. Ammas, maqaa biraatin Duula Ahzaab kan jedhameef Muslimoota Madiina keessa jiraatanitti duuluf gareewwan adda addaa walitti dhufuun waan gamtoomaniif. Gareewwan kunniinis Qureeshota, Ghaxafaan fi kanneen biroo.

Duulli Khandaq akka hijraatti bara 5ffaa keessa adeemsifame. Sababa itti adeemsifameef beekuf xiqqoo gara duubaatti deebi’uu barbaachisa.

Yommuu Nabiyyiin sallallahu aleyh wassallam ergaman Madiinaa keessa gosa yahuudaa baay’eetu jiraataa ture. Nabiyyiin (SAW) gara Madiinaa erga godaananii booda heera ittiin bulmaataa fi waliin jireenyaa jiraattoota Madiinaatiif baasan. Jiraattoota Madiinaa kanniin keessaa gosoota yahuudota waliin wali galtee uuman. Wali galtee kanniin keessaa Muslimoota irratti diina akka hin gargaarree fi ofitti hin qabneedha. Garuu Yahuudonni wali galtee kana diigun Muslimoota irratti humna diinaa jabeessan.

Gosoota Yahuudaa keessaa gosti Banii An-Nadiir jedhamtu, Nabiyyii (sallallahu aleyh wassallam) ajjeesuf yaalte. Nabiyyiin sahaaboota isaa garii waliin haajaaf gara iddoo jireenya Banii An-Nadiir deeme. Osoo dhaaba mana jalaa taa’anu, gosti tuni isa ajjeesuf mala dhoofte. Ergasii Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Nabiyyitti dhara (shira) isaanii kana beeksise. Nabiyyinis yoosu achi baqatanii deeman. Ergasii sababa wali galtee diiganii fi Nabiyyi ajjeessuuf yaalaniif Banii An-Nadiir Madiinaa keessaa baasuuf murteessan. Gosti tuni gariin bakka Khaybar jedhamtu deeman, gariin immoo gara Shaam deeman. (Suuratu Al-Hashr keessatti waa’ee Madinaa keessaa baafamu gosa tanaa ni arganna.)

Banii An-Nadiir irraa warri Khaybarin qubatan, meeshaa isaanii qofa osoo hin ta’in jibba Muslimootaaf qabaniis qalbii keessatti guuttatanii bahan. Khaybar keessa homaa hin turre, yoosu Muslimoota irraa gadoo baafachuuf mala dhayuu jalqaban. Dhumarratti, Muslimoota irratti lola banuuf gosoota biraa waliin gamtoomu irratti wali galan. Kaayyoo isaanii galmaan gahuuf, jiila Sallaam ibn Abi Al-Huqayq, Huyyi ibn Akhxab, Kinaanah ibn Ar-Rabii’i ibn Huqayq, Huuzah bin Qays Al-Waa’ilii fi Abi Ammaar of keessaa qabu gara Makkaa ergan. Jiilli kuni wanta kaayyeefame galmaan ni gahe. Innis gosoota Arabaa Muslimootatti lola akka banan kakaasu fi gamtoomsudha. Qureeshonni, Ghaxafaani fi gosti biroo gamtoominnaan Madiinaa weeraruuf irratti wali galan. Qureeshonni Muslimoota waliin diinumaa hadhaawaa waan qabaniif salphamatti yahuudota waliin wali galan. Ghaxafaan immoo diinumma Muslimoota waliin hin qabanii turan. Garuu boojii lolaa fi qabeenya Madiinaa argachuuf isaaniin wali galan.

Wali galteen loltummaa ni guuttame. Qureeshonni, Yahudoonni fi Ghaxafaan wali galtee loltummaa kana keessatti kutaa barbaachisaa qabatu. Ulaagalee irratti wali galan qabu. Ulaagaalee kanniin keessaa inni ijoon, waraana gamtooman kana keessatti Ghaxafaan loltuu kuma jahaan hirmachuu, yahuudonni oomisha temiraa waggaa tokkoo gosa Ghaxafaaniif kennudha. Qureeshonnis loltuu kuma afur walitti qabde. Ghaxafaan kuma jaha. Kanaafu wali galatti, loltu kuma kudhan ta’an. Hoggantummaan loltuu Abu Sufiyaanitti kenname.

Yommuu Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) loltuun kuni hundi gara Madiinaa dhiyaachaa akka jiru dhagayan, kuni Muslimoota ni yaachise. Lolaaf of qopheessan, Madiinaa keessatti eeggumsa gochuu fi balaa dhufu ittisuuf ni mirkaneessan. Loltuun Muslimootaa kuma sadii hin caalu ture.

Salmaan Al-Faarisi naannawa Madiinaatti booyin akka qotamu yaada dhiyeesse. Malli kuni Faarisota (Pershiyoota) biratti mala lolaa hordofaniidha. Salmaan ni jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii! Nuti lafa Faaris keessatti duula waraanaa yoo sodaanne, naannawa keenyatti booyi qotna.” Ergamaan Rabbiis yaada isaa fudhachuun booyi qotutti ajaje. Booyin kuni naannawa kaaba dhiyaa Madiina kallatti diinni ni seena jedhame sodaatameen qotamu eegalame. Madiinaa keessa garreen ni jiru. Gaara Sala’aa jedhamu of duubatti dhiisun gara diinni seenuuf qopha’een booyi qotan.

Ergamaan Rabbiis (SAW) qotiinsa booyi sahaabota isaa jidduutti qoqqoode. Namoota kudhaniif hanga ciqilee afurtamaa akka qotan qoodef. Dheerinni booyii gara ciqilee kuma shanii, gadi fageenyi ciqilee torbaa hanga kudhanii, bal’inni ciqilee sagali ol ni gaha.

Ergamaan Rabbii sallallahu aleyh wassallam Muslimoota mindaan abdachiisuun booyi qotu irratti ni hojjatan. Muslimoonni isa waliin ni hojjatan. Qorri garmalee cimaa ture. Wanta lubbuun akka hin baane dhoowwu malee nyaata isaan jabeessu hin argatan. Inumaa yeroo garii sanu hin argatan.

Abu Xalha ni jedh: Ergamaa Rabbiitti (SAW) beela himanne. Dhagaa garaa keenyatti hidhame irraa uffata keenya saaqne, Ergamaan Rabbii immoo dhagaa lama irraa uffata saaqan.” (Jaami’u At-Tirmizii 2371)

Kana jechuun Nabiyyiin (SAW) beela irraa kan ka’e dhagaa lama garaa irratti hidhatan. Sahaabonni beela irraa kan ka’e dhagaa tokko tokko garaa irratti hidhachuun booyi qotan. Isaan kana waliinu warra gammadan, Rabbiif galata galchanii fi faarsan turan. Waadaa isaaniif galame hin shakkan, eenyullee hin ajiifatan.

Anas radiyallahu anhu ni jedha: Ergamaan Rabbii sallallahu aleyh wassallam gara booyi ni bahan. Yommuu bahuu, muhaajironni fi Ansaaronni ganama qorraan booyi qotu. Gabroota kana isaaniif hojjatan hin qabanu turan. Nabiyyiin (SAW) beelaa fi dadhabbii isaanii yommuu argu akkana jedhe:
Yaa Rabbii!Jiruun jiruu Aakhiraati
Ansaaraa fi Muhaajiraaf araarami

Sahaabonnis deebii deebisuun ni jedhan:
Nuti warra Muhammadif waadaa seenee
Qabsoo irrattii hanga lubbuun jiruu abadii

(Kana jechuun nuti hanga lubbuun jirruu qabsaa’uuf warra Nabii Muhammadif (SAW) waadaa seenedha.) (Sahiih Al-Bukhaari 4099)

Seenaa kana irraa wanta baay’ee baranna: Isaan keessaa tokko, diinni isaan marsuu fi booyi qotu waliin beela cimaa irratti obsuu. Nabiyyii fi sahaabonni beela irraa kan ka’e dhagaa garaa irratti hidhatan. Kuni kan nama barsiisu, namni yommuu maallaqa dhabu ykn beelan rukutamu, beelli qormaata akka ta’e beekun obsuu fi rahmata Rabbii abdachudha. Nabiyyii fi sahaabota hojii ulfaataa kana hojjachuu waliin beelli isaan rukute. Isaan kana waliinu ni obsan, warra gammadanii fi Rabbiif galata galchan turan. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Dhugumatti sodaa fi beela irraa wanta tokkoon, akkasumas qabeenya, lubbuu fi fuduraale irraa hir’isuun isin qorra (mokkorra). Warra obsan gammachiisi. Isaan yeroo balaan isaan tuqe, “Dhugumatti nuti kan Rabbiiti, nuti gara Isaatti deebi’oodha.” Jedhaniidha. Isaan warra faaruu fi rahmanni Gooftaa isaanii irraa ta’e isaan irra jiruudha. Warri suni isaanumatu qajeelfamoodha. ” Suuratu Al-Baqarah 2:155-157

Duula Khandaq ilaalu itti fufna, In sha Allah

Kitaabban wabii:
Siiratu Nabawi– fuula 345-349, Abul Hasan Nadawi
As-Siiratu Nabawiyyati–fuula 548, 592–, Alii Muhammad Sallaabi

Print Friendly, PDF & Email
Yommuu Sodaa fi Rakkoon Cimu-Kutaa 2
Seerota Rabbii (S.W) keessaa-seera rakkoon, dhibeen... namoota qabuu

Leave a Reply