Hiika Shirkii

Offline dubbisuf

Kutaa darbe keessatti dubbii iimaana diigu jalqabnee turre. Wanta iimaana diigu fi balleessu keessaa tokko shirkiidha jennee jirra. Mee har’a hiika shirkii haa ilaallu.

Akka lugaatti: Shirkii jechuun hirmaataa (qooda fudhataa) godhachuudha. Kana jechuun tokko kan biraatiif hirmaataa (shariika) akka ta’etti ilaaludha.
اعلم ـ وفقك الله لهداه ـ أن الشرك في اللغة هو : اتخاذ الشريك يعني أن يُجعل واحداً شريكاً لآخر
Know – may Allaah guide you – that the word shirk in Arabic means taking a partner, i.e., regarding someone as the partner of another.”

Gara Afaan Oromootti yommuu deebisnu, hiikni dhiyoon shirkii: “itti qindeessu, hirmaachisu, wanta tokkoof qooda gochuu” ta’a.

Akka shari’aatti immoo shirkii jechuun Rubuubiyyah (Gooftummaa) ykn ibaadaa ykn maqaalee fi sifaata Isaa keessatti Rabbii olta’aaf shariika (qooda fudhataa) ykn dorgomaa, fakkaataa fi qixxaataa gochuudha. [1] (Shirkii rubuubiyya keessatti, shirkii ibaada keessatti, fi shirkii maqaalee fi sifaata keessatti yommuu ilaallu caalatti kuni ifa nuuf ta’a.)

Namni amaloota Rabbiif qofa ta’ee wanta biraatiif godhe inni mushrika (nama shirkii hojjateedha.) Kanaafu, hundeen shirkii fakkeessuu fi fakkaachudha. Ibn Al-Qayyim ni jedha: Haqiiqaan shirkii: Khaaliqan wal fakkaachuu fi makhluuqa (uumamaa) Khaaliqatti fakkeessudha…” (Jawaabul Kaafi-326)

Mushrikni amaloota Gabbaramaa (Rabbii) qofaaf ta’e keessatti makhluuqa Khaaliqatti fakkeessa.

Amaloota Gabbaramaa (Rabbii) keessaa:
1-Aangoo rakkoo buusu, fayyaduu, kennuu fi dhoowwachuu irratti adda ta’uu. Kuni kadhaa, sodaa, abdii, tawakkula Isa qofarratti akka rarraasan nama taasisa. Namni wantoota kanniin uumamtootatti rarraase, makhluuqa Khaaliqatti fakkeesse. Fakkeessun hunda caalaa fokkuu ta’e, wanta mataa isaatiin dadhabaa hiyyeessa ta’e Danda’aa Zaata Isaatiin Dureessa ta’etti fakkeeessudha.

2-Amaloota gabbaramaa qofaaf ta’an keessaa tokko gara hundaan guutuu ta’uudha. Gara kamiiniyyuu hir’inni Isa keessa hin jiru. Kuni ibaadan hundi Isaa qofaaf akka ta’uu dirqama godha. Ol-Guddisuun, garmalee kabajuun, sodaan, du’aayin (kadhaan), abdachuun, tawbaan, tawakkulli, gargaarsa barbaadun, jaalala guutuu waliin gadi of qabuu guutuun, kunniin hundi sammuun, shari’aa fi uumamaan (fixraan) Isa qofaaf ta’uu qabu. Isaan ala wanta biraatiif ta’uu irraa ni dhoowwama. Namni ibaadaa kanniin keessaa wanta tokko Isaan (Rabbiin) ala kan biraatiif godhe, wanta biraa kana fakkaataa Kan hin qabneetti fakkeesse jira. Kuni fakkeessu hundarra fokkuu fi soba ta’eedha.

3-Amaloota Gabbaramaa qofaaf ta’an keessaa: ibaadaa miila lama irratti dhaabbate wanta biraatiif gochuudha. Isaanis: of xiqqeessu daangaa ol’aanaa irra gahe fi jaalalaa daangaa ol’aanaa irra gaheedha. Kuni ibaadaan guutuu ta’uudha. Namni jaalala [daangaa ol’aanaa irra gahe], of xiqqeessu fi of qadi qabuu Rabbiin ala wanta biraatiif kenne, haqa Isaaf qulqulluu ta’ee keessatti Isatti fakkeesse.

4-Amaloota Gabbaramaa qofaaf ta’an keessaa sujuuda. Namni Rabbiin ala wanta biraatiif sujuude, makhluuqa Rabbitti fakkeesse.

(5-Amaloota Rabbii olta’aa qofaaf ta’an keessaa wanta tokko dhabama irra argamsiisuu fi uumuudha. Namni wanta Rabbiin qofti uumuu makhluuqni ni uuma ykn wanti suni ofiin of uumee jedhe, makhluuqa Khaaliqatti fakkeesse jira.)

Ahmad Ad-Dahlawi akkana jechuun dubbata: “Haqiiqan shirkii, namoota keessaa kanneen ol guddifaman garii keessatti “Bu’aan ajaa’ibaa nama ol guddifamu kanarraa argame sababa inni amaloota guutuu sanyii namaa keessatti hin beekkamnee qabuuf” jedhee namni tokko amanuudha. Amaloonni guutun kunniin Rabbii olta’aa qofaaf kan ta’aniidha, Isaan ala kan biraa keessatti hin argaman. Garuu namni amaloota kanniin nama ol-guddisuu kanaaf gochuun gadi of xiqqeessu guutuu isa biratti gadi of xiqqeessa, hojii gabroonni Rabbiin waliin hojjatan isa waliin hojjata. (Akkuma gabroonni Rabbiin gabbaran innis isa gabbara)”*

(Dhugumatti, namoonni Rabbiin ala wanta biraa gabbaran (waaqefatan) wanta gabbaran san Rabbii olta’aatti fakkeessani jiru. Akkuma keeyyata armaan olii irraa hubannu, namni Rabbiin ala wanta biraa gabbaru, amaloota Rabbii tokkicha qofaaf ta’an, wanta gabbaruu saniif godha. Kanaafu, isa kadhata, gadi jedhaaf, of gadi xiqqeessaaf, qalma qalaaf, silati seenaaf, ibaadaa biroo hojjataaf.

Fakkeenyaaf, ilma dhiiraa namaaf kennu kan danda’u Rabbii olta’aa malee hin jiru. Ilma dhiiraa uumun wanta Rabbiin qofti hojjatuudha. Namni ilma dhiiraa dhabe tokko, waliyyi ykn malaykaa ykn nabiyyii irraa “Yaa ebalu ilma naaf kenni” jedhee yoo kadhate, dhugumatti mahkluuqa Khaaliqatti fakkeesse ykn wal qixxeesse jira. Sababni isaas, namni kuni “Akkuma Khaaliqni ilma dhiiraa namaaf kennu, namni inni kadhatus ilma dhiiraa kennu ni danda’a” jedhe amanaa jira. Dhugumatti, kuni Rabbii olta’aaf shariika ykn qixxaataa ykn fakkaataa gochuudha. Kuni hojii fokkuudha. Kanaafi, warri shirkii hojjatan akkana jechuun ibidda keessaa iyyu:

Rabbiin kakanne! Dhugumatti jallinna ifa bahaa keessa turre, yommuu Gooftaa aalamaatti isin qixxeessinu.” Suuratu Ash-Shu’uraa 26:97-98)

Kuni hundi gama fakkeessutiini.

Gama Isatti of fakkeessutti (umamaan Uumatti of fakkeessutti) yoo dhufne immoo- namni of ol guddisuu fi of tuuluun, haala daangaa darbeen namoonni akka isa jajan, ol guddisan, abdatan, sodaatan, gargaarsifatan, qalbii isatti rarraasan, isaaf gadi jedhan isaan waame, Rabbitti of fakkeesse, Gooftummaa fi ibaadaa Isa keessatti Isaan morkatee jira. Fakkeenyaf, Fira’awni akkana jechuun uummata isaa waame:

79:24

“‘Ani gooftaa keessan ol’aanadha’ jedhe” Suuratu An-Naazi’aat 79:24

Akkuma Ergamaan Rabbii (SAW) jedhan: Guyyaa Qiyaamaa namoonni hundarra adabbiin cimaa ta’an, namoota suuraa kaasaniidha. Isaaniin ni jedhama: wanta uumtan jiraachisaa.” Kuni hojjachuu qofa keessatti Rabbiitti of fakkeessudha. Namni harka isaatin suuraa kaasu garmalee kan adabamu erga ta’ee, Gooftummaa fi ibaadaa keessatti Rabbitti of faakkessun hoo akkam ta’inna laata?[2] (Namni namoonni akka isa gabbaranii fi gadi jedhaniif barbaadu haalli isaa akkam ta’inna laata?)

Gosoota shirkii

Shirkiin gosoota baay’ee qaba. Kanaafi, Aalimman (beektonni) shirkii bakka adda addaatti qoodanii jiru. San keessaa wanta iimaamu ibn Al-Qayyim kaase eerun ni danda’ama. Shirkiin gosa lama: 1ffaan-Shirkii Zaata, sifaataa fi hojiiwwan Rabbiitiin wal qabateedha. 2ffaan-shirkii ibaadaan wal qabateedha.) (Al-Jawaabul Kaafi 309-310)

Shirkiin jalqabaa rubuubiyyah (Gooftummaa), maqaalee fi sifaataa Isaatin wal qabata. Kan lammataa immoo shirkii uluuhiyyah (ibaadan) wal qabatuudha. Kanniin hundaa hiika isaa ni ilaalla.

Kuni ifa erga nuuf ta’e, Islaama keessaa baasu fi baasu dhiisu irratti hundaa’e shirkii bakka lama gurguddaatti qoodun ni danda’ama. Isaaniis: “Shirkii guddaa fi shirkii xiqqaa”

Shirkiin guddaan: Zaata Isaa keessatti ykn maqaalee fi sifaata Isaa keessatti Rabbiin waliin shariika ykn fakkaata, dorgomaa, qixxaata gochuudha. Yookiin wanta Rabbiin qofti haqa godhatu garii keessatti wanta biraa Rabbiin wal qixxeessudha.

Yookiin akkana jedhamuun ni danda’ama: shirkiin guddaan- namni tokko rubuubiyyah (Gooftummaa) ykn ibaadaa ykn maqaalee fi sifaata (amaloota) Isaa keessatti Rabbiif nidda (dorgomaa, qixxaataa, fakkaataa) gochuudha. Shirkiin guddaan kuni tawhiidan wal qabachuu irratti hundaa’e bakka lamatti ramadama:
Ramaddii 1ffaa- Shirkii Zaata, sifaataa fi hojiiwwan Rabbiitiin wal qabatee. (Rubuubiyyah, maqaalee fi sifaata keessatti shirkii)
Ramaddii 2ffaa: shirkii ibaadaan wal qabatee. (Ibaadaa keessatti shirkii)

Shirkiin xiqqaan immoo shirkii guddaa gadi yommuu ta’uu, kan akka riyaa (na argaa) hin baay’annee. Shirkiin guddaan Islaama keessaa guutumatti kan nama baasu fi iimaana diigudha. Shirkiin xiqqaan immoo Islaama keessaa nama hin baasu. Garuu badii gurguddaa keessaayyi.[3]

In sha Allah kutaa itti aanu keessatti “Rubuubiyyah (Gooftummaa) keessatti shirkii jechuun maal jechuudhaa?” kan jedhu ni ilaalla. Tokkoon tokkoon wantoota armaan olii yoo ilaalle, waa’ee shirkii sirritti hubataa adeemna.


Maddoota wabii:
[1] Arabic: https://islamqa.info/ar/answers/34817/7 ,
English: https://islamqa.info/en/answers/34817/what-is-the-true-meaning-of-shirk-and-what-are-its-types, Ash-Shirku fiil qadiimi wal hadiisi-fuula 113-115,121,126 Abu Bakr Muhammad Zakariya
[2] Ash-Shirku fiil qadiimi wal hadiisi-fuula 127-129 Abu Bakr Muhammad Zakariya
[3] Ash-Shirku fiil qadiimi wal hadiisi-fuula 140-173 Abu Bakr Muhammad Zakariya
*Nawaaqidul Iimaani al-qawliyah wal amalayah” fuula 285, Abdulaziz bin Muhammad

Dubbii Iimaana diigu-Kutaa 2
Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 1
Offline dubbisuf

Leave a Reply