Yommuu Sodaa fi Rakkoon Cimu-Kutaa 2

Offline dubbisuf

Kutaa darbe keessatti, bo’oo seenaa keessatti qormaata ciccimoo Muslimoota muudatan keessaa duula Khandaq ykn Ahzaab ilaalle turre. Duulli kuni Qureeshota, Ghaxafan fi kanneen biroo walitti qabuun gara loltu kuma kudhaniitiin Madiinaa marsan. Kaayyoon isaanii Muslimoota balleessu ykn duguugudha. Dhugumatti kuni qormaata guddaa sodaan, dhiphinnaa fi rakkoodhaan nama hurgufuudha. Mee itti yaadi, lakkoofsi namoota si deeggaranii xiqqaa ta’anii osoo jiranu, diinni lakkoofsan garmalee baay’ee ta’e irraa jalaan yoo si marse maaltu sitti dhagahamaa? Garuu akkuma Ibn Useymiin (rahimahullahu) jedhe, “Nama haala akkanaa keessatti kufe malee kana dubbiin ibsuun hin danda’amu.”

Sababa koronaatin sodaa fi rakkoon addunyaa ammaa haguugaa jirus xiqqaa miti. Tarii seenaa kana barachuu fi yaadachun obsaa fi jajjabeenya namaaf kenna.

Muslimootatti Qormaanni cimu
Muslimoonni mataa ofii, magaalaa, qabeenyaa fi maatii isaanii loltu waraana kuma kudhanitti lakkaawamu irraa eeguf of eeggannoo barbaachisuu haa godhaniyyu malee, rakkoo fi qormaata cimaa keessa seenan. Kuni garuu dinqisiisaa miti, seera Rabbii olta’aa keessaa tokko injifannoon rakkoon booda dhufa, mindaa erga qoramanii booda argatan, akkuma injifannoon dhiyaatun rakkoon dabala ykn cima.

Haalonni armaan gadi qormaanni fi rakkoon Muslimootatti akka cimu taasisanii jiru:

1ffaa-Gosti Yahuudaa Bani Qureyza jedhamtu wali galtee Muslimoota waliin qaban diigun gara duubaatin isaan haleeluf yaalte:

Muslimoonni Bani Qureyza kibba Madiinaa jiraatan waliin wali galtee uuman. Wali galtee waan uumaniif gara duubaatin Bani Qureyzan Muslimootatti hin duultu jechuudha. Kanaafu, Muslimoonni garee guddaa loltu kuma kudhan of keessa qabutti duuluuf gara fuunduraatti deeman. Kanaaf, booyi qotan. Garuu kana waliinu Muslimoonni amala yahuudaa waan beekaniif, Baniin Qureeyza nu ganti jechuun sodaatan. Kanaafu, yoo bani Qureeyzaan isaan gante, duubaa fi duraan Muslimoonni ibidda lama jidduutti kufuu jechuudha. Yahuudonni duuba isaanitiin yommuu jiran, loltuun lakkoofsi isaanii baay’ee immoo fuundura isaanitiin jiru.

Hogganaan Bani An-Nadiir dubbii isaa mi’aawaa fi waadaa sobaatin hogganaa Bani Qureyzaa kan ta’e Ka’ab ibn Asad loltuu gamtoomanitti (Ahzaabatti) akka dabalamu gorse. Oduun Baniin Qureyza wali galtee isaanii akka diigan Muslimoota jidduutti ni faca’e. Rasuulli (SAW) Banii Qureeyzan wali galtee isaa fi isaan jidduu jiru akka diigan sodaataa ture. Kanaafi, Nabiyyiin (SAW) Zubayr ibn Awwaam akka oduu isaanii fiduuf isaanitti erge. Zubeeyris ni deeme. Ergasii ilaale deebi’uun akkana jedhe: “Yaa Ergamaa Rabbii! Mooraa isaanii tottolchaa, [haala salphaan Muslimootatti duuluuf] karaa isaanii qulqulleessaa fi horii isaanii walitti qabaa akka jiran arge.”

Banii Qureyzaan wali galte diigu isaanii mallattooleen agarsiisan erga baay’atanii, Nabiyyiin (SAW) Sa’ad ibn Mu’aaz, Sa’ad ibn Ubbaadah, Abdullah ibn Rawaah fi Khawwaat ibn Jubeyr erge. Akkanas isaaniin jedhe: namoota kana ilaalchisee wanti nu gahe dhugaa ta’u ykn ta’uu dhiisu deemati ilaalaa. Yoo dhugaa ta’e, haala ani qofti hubadhuun natti himaa. Namoota hin dadhabsiisinaa (kana jechuun, Bani Qureyzaan wali galtee isaanii diigan jechuun hamilee Muslimootaa hin cabsinaa). Yoo isaan wanta nuu fi isaan jidduutti irratti wali galle guutuuf murteessan, namootatti labsaa.”

Dhiironni afran kunniinis bahuun gara isaanitti deeman. Isaanis Bani Qureyzaan wali galtee akka diigan ni mirkaneessan. Ergasii gara Nabiyyii deebi’uun nagaha gaafatanii jecha inni qofti hubatuun Bani Qureyzaan wali galtee akka diigde itti himan.

Nabiyyiinis (sallallahu aleyh wassallam) ganiinsa Bani Qureeyzaa gadi dhaabbannaa fi ijjannoon ni fudhatan. Sababoota fi tarkaanfilee ruuhi mu’mintoota (warra amananii) jabbeessan ni fudhatan. Kanaafu, Nabiyyiin (SAW) Salamat ibn Aslam garee namoota dhibba lama of keessaa qabuu fi Zayd ibn Haarisah garee namoota dhibba sadii of keessaa qabu waliin Madiinaa akka eegan erge. Gareen lamaan kunniin banii Qureeyzaatti sodaa afuufuf sagalee olkaasun, “Allahu akbar” jedhu. Yeroo kana keessatti Banii Qureyzaan garee gamtooman (ahzaab) waliin hirmaachuuf qophaa’an. Garee gamtooman kanatti gargaarsaf jecha gaala diigdama fe’aa teemiraa, garbuu fi tiin ofirra qaban ergan. Garuu osoo gaalonni digdamni fe’aa ofirraa qaban loltu bira hin gahin Muslimoonni booji’anii gara Nabiyyii sallallahu aleyh wassallam fidan.

Bani Qureyzaan yommuu loltu gamtoomanitti dabalamtu, hoggantoonni warra gamtoomani ni onnatan, ofitti amanamummaan isaanii ni dabale. Muslimoota irratti rakkoon garmalee ni cime. Qur’aanni sodaa fi dhiphinna irraa kan ka’e haala cimaa fi hamaa Muslimoota muudate haala kanaan ibsa.

“Yaa warra amantan! Yeroo hoomaan (loltuun) waraanaa isinitti dhufee ergasii bubbee fi hoomaa [malaykotaa] isin hin argine isaanitti ergine, qananii Rabbii isin irra jiru yaadadhaa. Rabbiin wanta isin hojjattan Argaa ta’eera. Yeroo gara gubbaa keessanii fi gara-jallaa keessaniin isinitti dhufanyeroo ijjis [sodaa irraa kan ka’e] dabde, qalbiinis kokkee geessee fi waa’ee Rabbii ilaalchisee yaada [adda addaa] yaaddan, [yaadadhaa].” Suuratu Al-Ahzaab 33:9-10

Yaa tuuta warra amanee! Guyyoota Ahzaaba Madiinaa keessatti qananii Rabbiin isin irratti oole yaadadhaa: Yeroo Madiinaan alatti Mushrikoonni, Madiinaa keessaa fi naannawa ishii irraa immoo yahuudootaa fi munaafiqonni isin irratti walitti qabaman [qananii Rabbiin isin irratti oole yaadadha]. Gara hundaan isin marsan. Ergasii, garee gamtooman irratti bubbee jabduu dukkaana isaanii buqqistee fi okotee isaanii darbite ni ergine. Samii irraa Malaykoota isin hin argine isaanitti ergine. Sodaan qalbii isaanii keessatti uumame. Rabbiin wanta isin hojjattan hundaa Kan arguudha. Homtu Isarraa hin dhokatu.[1]

33:11

“Achitti mu’mintoonni ni qoraman, sochii cimaas ni sochoofaman”Suuratu Al-Ahzaab 33:11

In sha Allah kutaa itti aanu keessatti aayaata armaan olii bal’innaan ibsa waliin ni ilaalla.


[1] Tafsiiru Muyassar-419
As-Siiratu Nabawiyyati–fuula 598-600–, Alii Muhammad Sallaabi
Noble Life of The Prophet [English]-1366-1369

Yommuu Sodaa fi Rakkoon Cimu-Kutaa 3
Yommuu Sodaa fi Rakkoon cimuu-Kutaa 1
Offline dubbisuf

One comment

Leave a Reply