Yommuu Sodaa fi Rakkoon Cimu-Kutaa 3

Offline dubbisuf

Guduunfaa Duula Khandaq/Ahzaab

“Yaa warra amantan! Yeroo hoomaan (loltuun) waraanaa isinitti dhufee ergasii bubbee fi hoomaa [malaykotaa] isin hin argine isaanitti ergine, qananii Rabbii isin irra jiru yaadadhaa. Rabbiin wanta isin hojjattan Argaa ta’eera. Yeroo gara gubbaa keessanii fi gara-jallaa keessaniin isinitti dhufanyeroo ijjis [sodaa irraa kan ka’e] dabde, qalbiinis kokkee geessee fi waa’ee Rabbii ilaalchisee yaada [adda addaa] yaaddan, [yaadadhaa].” Suuratu Al-Ahzaab 33:9-10

Seena duula Khandaq ykn Ahzaab aayaata kanniinin wal-qabsiisee akka nuuf guduunfuuf Ibn Kasiiriif haa dhiisnu:

“Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa yeroo diinonni isaanii isaaniin loluuf walitti qabamanii fi shira isaan baasan san isaan irraa deebisuu fi moo’achuun qananii fi tola gabroota Isaa amanan irratti oole dubbata. Kuni bara Khandaqi. Kunis ji’a shawwaal keessa bara 5ffaadha. Sababni gareen gamtooman (Ahzaab) itti dhufaniif: gareen hoggantoota gosa yahuudaa Banii An-Nadiir jedhaman kan Ergamaan Rabbii (SAW) Madiinaa keessaa gara Khaybar baase, walitti qabamuun gara Makkaa deeman. [Gareen hoggantoota Bani An-Nadiir] kunis Sallaam ibn Abi Al-Huqayq, Sallaam ibn Mishkam, Kinaanah ibn Ar-Rabii’i fi kanneen biroo of keessatti qabachuun gara Makkaa deemanii hoggantoota Qureeshotaatin wal gahan. Nabiyyi irratti lola akka banan kakaasan. Mataa ofii irraa gargaarsaa fi deeggarsa isaaniif (Qureeshotaaf) waadaa galan. Qureeshonnis kanaaf tole jechuun deebii deebisaniif. Ergasii [hoggantoonni Banii Nadiir] gara Ghaxafaan deemun gara lolaatti waaman. Isaaniis (Ghaxafaan) deebii ni deebisaniif. Qureeshonni gosoota ishii garagaraa irraa dhiirotaa fi namoota isaan hordofan waliin ni baate. Hooggannaan isaanii Abu Sufiyaan Sahkru bin Harb ture. Ghaxafaan immoo Uyayna bin Hisn bin Badrin hoogganamte. Walitti qabaan isaanii gara kuma kudhanii ni gahu. Yommuu Ergamaan Rabbii (SAW) adeemsa isaanii dhagayu, naannawa Madiinaa gara bahaatti aanu booyi akka qotan Muslimoota ajaje. Kunis akeekkaa Salmaan Al-Faarisitini (radiyallahu anhu). Muslimoonni booyi kana qotu keessatti ni hojjattan, humna guddaa baasan. Ergamaan Rabbiis (SAW) isaan waliin hojjataa, biyyee kaasaa fi qotaa ture. Qonna isaa kana keessatti mallattoolee fi ragaaleen baay’een ifa ta’an argamanii jiru.

Mushrikoonni dhufanii baha Madiinaa Uhuditti dhiyaatu qubatan. Isaan irraa gareen biroo iddoo olka’aa Madiinaa irra qubatan. Akkuma Rabbiin olta’aan jedhe,

“Yeroo gara gubbaa keessanii fi gara-jallaa keessaniin isinitti dhufan”

Ergamaan Rabbii sallallahu aleyh wassallam sahaabota isaanii waliin ni bahan. Isaan lakkoofsan gara kuma sadii ni gahu, “Lakkoofsi isaanii dhibba torbas” jedhamee jira. Nabiyyii fi sahaabonni dugda isaanii gara [gaara] Sala’aa garagalchuun fuula isaanii immoo gara diinotatti garagalchan. Booyin qotame bishaan of keessaa hin qabu. Booyin kuni garee lamaan jidduu ta’uun warra faradoo fi lafoo deeman akka isaan (Muslimoota) hin geenye ni dhoowwa. Ijoollee fi dubartoonni iddoo eeggamaa Madiinaa keessa ta’an. Banii Qureyzaan gosa yahuudaa taate, mooraa cimaa kibba-bahaa Madinaatti qabuu turan. Nabiyyii (SAW) waliin wali galtee fi eeggumsa qabu turan. Isaan gara loltoota dhibba saddeeti ni ta’u. Gosa Bani An-Nadrii irraa Huyayy ibn Akhxab gara isaanii deemuun hanga wali galtee [Nabiyyii] diigaanii fi garee gamtoomanitti dabalamanitti isaan sossobee amansiise. Rakkoon ni guddate, dhimmi ni cime, haalli ni dhiphate. Akkuma Rabbiin olta’aan jedhe:

“Achitti mu’mintoonni ni qoraman, sochii cimaas ni sochoofaman.”

Isaan (Gareen gamtooman) Nabiyyii (SAW) fi sahaabota gara ji’a tokkoo ni ugguran (ni marsan). Garuu isaan bira hin gahan. Amr ibn Wudd Al-Aamiriyy fi dhiiroota isa waliin jiran gara Muslimootaatti qaxxaamuran malee lolli isaan jidduutti hin adeemsifamne. Amr ibn Wudd jaahiliyyah keessatti dhiirota faradoo gootummaan beekkaman keessaa tokko ture. Ergamaan Rabbii (SAW) [Muslimoota irraa] loltuu faradoo gara isaatti [akka bahan] waaman. Ni jedhame, eenyullee isatti achi hin baane. Ergasii Aliyyiin ni ajaje. Innis itti bahe. Yeroo muraasaaf erga waliin qabsaa’anii booda Aliyyi Amrin ni ajjeese. Kunis mallattoo injifannoo ta’e.

Rabbiin azza wa jalla bubbee garmalee bubbistu garee gamtoomanitti erge. Garmalee bubbisuu irraa kan ka’e dukkaanas ta’e wanti biraa isaaniif hin hafne. (Bubbeen dukkaana isaanii buqqiste darbiti.) Ibidda bobeefachu hin dandeenye, homaas hojjachuu hin dandeenye. Kanaafu, gareen gamtooman (Ahzaab) kunniin kasaaranii achi deeman. Akkuma Rabbiin olta’aan jedhe:

“Yaa warra amantan! Yeroo hoomaan (loltuun) waraanaa isinitti dhufee ergasii bubbee fi hoomaa [malaykotaa] isin hin argine isaanitti ergine, qananii Rabbii isin irra jiru yaadadhaa.”

Mujaahid ni jedha: Suni bubbee bahaa turte.” Yaanni kuni hadiisa biraatin ni deeggarama: “Bubbee bahaatin injifannoon naaf kenname, ummanni Aad bubbee dhiyaatin badan.Sahiih Al-Bukhaari-4105

“hoomaa isin hin argine” kuni malaykoota agarsiisa. Malaykoonni isaan (garee gamtooman) ni sochoosan, qalbii isaanitti sodaa darban. Hogganaan gosa hundaa akkana jechaa ture: “Yaa ilmaan ebalu ebalu gara kootti.” Isaanis isa biratti walitti qabaman. Sodaa Rabbiin qalbii isaanitti darbe irraa kan ka’e innis ni jedha: “Of haa baraarru, of haa bararru!”

Sahiih Muslim akka gabaasetti, Ibraahim At-Taymiyy akka gabaasetti, abbaan isaa ni jedha: Nuti Huzeyfaa ibn Yamaan (radiyallahu anhu) bira turre. Namtichi tokko akkana isaan jedhe: Osoo Ergamaa Rabbii (SAW) waliin wal qunname silaa isa waliin nan lolaa ture, qabsoo ol’aanaa qabsaa’a ture. Huzeeyfaanis ni jedheen, “Dhugumatti ati kana ni hojjattaa? Yeroo duula Ahzaab halkan garmalee qorraa fi bubbee Ergamaa Rabbii (SAW) waliin ture. Ergamaan Rabbii (Sallallahu Aleyh Wassallam) ni jedhan: “Sila namtichi oduu namootaa naaf fidee Guyyaa Qiyaamaa na waliin ta’u jiraa?

Nu keessaa eenyullee deebii hin deebisneef. Yeroo lammafaa fi sadaffaaf irra deddeebi’e. Ergasii Nabiyyiin (SAW) ni jedhe: Yaa Huzeyfaa! Ka’ii oduu namootaa nuuf fidi.”

Yommuu maqaa kiyyaan na waamu, dhaabbachuu malee filannoo biraa hin qabu. Ni jedhe, “Oduu namootaa naaf fidi. Garuu isaan natti hin dammaqsin.” Kanaafu, anis hanga isaan bira gahuu akka waan handarii keessa deemuu gara fuunduraatti deemu itti fufe. Yommuu achi gahu, Abu Sufiyaan ibiddaan dugda ofii hoo’isa. Xiyya kiyya isatti darbuu barbaade. Ergasii jecha Ergamaa Rabbii (SAW) “Isaan natti hin dammaqsin” jedhu nan yaadadhe. Osoo isatti xiyya darbadhee, silaa nan rukutaa ture. Ergasii akka waan handarii keessa deemu gara duubaatti deebi’e. Ergamaa Rabbiitis(SAW) nan dhufe. Erga deebi’ee booda garmalee qorradhe. Ergamaa Rabbiittis nan beeksise. Shaarbi (uffata) ittiin salaataa ture irraa kan hafe natti uwwise. Hanga subiitti nan rafe. Yommuu bariisifadhu, Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan: “Yaa nama baay’isee rafu, ka’i.” Sahiih Muslim 1788

Jechi Rabbii olta’aa: Yeroo gara gubbaa keessanii fi gara-jallaa keessaniin isinitti dhufan.”

“Gara gubbaa keessanii” kunniin garee gamtoomaniidha (ahzaaba). Huzeeyfa irraa akka gabaafametti, “gara-jallaa keessanii”, isaan kunniin Bani Qureyzaa dha.[1]

yeroo ijjis [sodaa irraa kan ka’e] dabde, qalbiinis kokkee geessee”

Sodaan garmalee cimuu irraa kan ka’e, ijji isaanii wanta hunda irraa gara diina isaan marseetti dabde. Diina kana ilaalu malee wanta biraa ni dagatte. Mufassiroonni gariin ni jedhu, hiikni “zaaghatil Absaaru”, ijji teessuma ishii irraa dabde, kana jechuun ciminna sodaa irraa kan ka’e bobaaste.

Sodaa irraa kan ka’e namni wanta fuundura isaatti eeguu fi sodaatu ilaalu malee homaa kan hin ilaalle ta’e. Kuni uumama namaa keessatti wanta mul’atuudha. Namni yommuu sodaatu, ijji isa gara kamittu ni garagalti, wanta gara kanaattis, gara dhuma isaattis. Tasa balaan isatti bu’uu sodaachu irraa kan ka’e ijji ni bobaasti.

qalbiinis kokkee geesse.” Sodaa fi naasu irraa kan ka’e qalbiinis kokkee geesse. Kuni ciminna sodaa agarsiisa. Garmalee sodaachu fi dhiphachuu irraa kan ka’e qalbiin akka waan isaa keessaa bahu hedduu taate. Namni garmalee yommuu sodaatu, qalbiin isaa akka duraani hin hargantu, hin dhikkistu.[2]

 “waa’ee Rabbii ilaalchisee yaada [adda addaa] yaaddan”

Ibn Jariir ni jedha: namoonni gariin Ergamaa Rabbii (SAW) waliin jiran bu’aan badaan warra amanan irratti akka ta’u fi Rabbiin kana akka isaanitti hojjatu yaadan.”

waa’ee Rabbii ilaalchisee yaada [adda addaa] yaaddan” Hasan kana ilaalchisee ni jedha: yaada garagaraatu ture. Munaafiqonni, Muhammadi (SAW) fi sahaabonni isaa lafarraa ni dugugamu (ni badu) jechuun yaadan. Mu’mintoonni immoo wanta Rabbii fi Ergamaan Isaa waadaa galan haqa akka ta’ee fi osoo mushrikonni jibbanillee diinii Isaa (Islaama) amanti hundaarratti akka moosisu ni mirkaneefatan.”

Ibn Abi Haatim akka gabaasetti, Abu Sa’id radiyallahu anhu ni jedha: Guyyaa Khandaq ni jenne, “Yaa Ergamaa Rabbii! Qalbiin kokkee geessee jirti, wanti jennu jiraa?” Nabiyyinis (SAW) ni jedhan: “Eeyyen. Jedhaa:
اللَّهُمَّ اسْتُرْ عَوْرَاتِنَا وَآمِنْ رَوْعَاتِنَا
Allaahumma-stur awraatinaa wa-aamin raw’aatinaa.”
“Yaa Rabbii! Hanqinna (dadhabinna) keenyaa haguugi, sodaa keenya tasgabeessi.”

Ergasii Rabbiin fuula diinaa bubbeen dhayee isaan moo’ate.[3]

33:11

“Achitti mu’mintoonni ni qoraman, sochii cimaas ni sochoofaman Suuratu Al-Ahzaab 33:11

Bakka cimaa saniitti warri amanan ni qoraman, mu’minni munaafiqa irraa addaan baafame beekkame. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa dhiphinna guddaa nuti dubbiin ibsu hin dandeenyeen mu’mintoota qore. Nama kana keessatti kufe malee dhiphinni guddaan kuni nutti dhagahamu hin danda’u. Nuti amma asitti, fakkii haala sanii sammuu keessatti kaasuu fi yaadu hin dandeenyu. Garuu namni haala cimaa sanitti kufe ni beeka.

“Achitti mu’mintoonni ni qoraman” namni niyyaan isaa qulqulluu (mukhlisa) ta’e kan biraa irraa akka adda baafamuuf ni mokkoraman. “sochii cimaas ni sochoofaman” sodaa fi rifannaa cimaa irraa kan ka’e kirkira cimaa ni kirkiran. Kan ittiin qoraman, qormaata cimaa fi kirkira (sochii) cimaadha. Sochiin cimaan isaan muudate kuni sochii lafaati miti. Garuu sochii (kirkira) nafseeti. Nafseen ni kirkirte, wanti guddaan ishii qunname. Sababni isaas, Araboota irraa gareen gamtaa’an (Ahzaab), Banii Qureyzaan wali galtee diiguun, beela, ifaajee, dadhabbii fi qorri bakka tokkotti walitti qabaman. Wantoonni shan isaan irratti wal gahan. Wantoota shanan kanniin keessaa takkattinu kirkira nafseetiif gahaadha. Shanan bakka tokkotti yoo wal gahan hoo akkam ta’inna haalli? Dhimmoota garmalee ulfaatodha. Bakka kanatti Rasuulli (aleyh sallaatu wassalaam) beela irraa kan ka’e dhagaa garaa irratti hidhataa ture. Akkamitti haala kana yaadu dandeessaa? Namni dhugaa jireenyaa keessatti haala san ibsuu hin danda’u. Kanaafi, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedhe: “sochii cimaas ni sochoofaman”

Qormaanni kunniin isaan irratti waan wal gaheef sochiin guddaan nafsee isaanii sochoose.[4] Kanaafi, nifaaqni ifatti mul’ate, munaafiqonni fi warri qalbii isaanii keessa dhukkubni shakkii jiru wanta dubbatan ni dubbatan.

Qormaanni Guddaan akkanaa osoo nu qunname maal taana laata?



[1] Al-Misbaahu  Al-Muniir fii zahziib Tafsiir Ibn Kasiir-1119, Tafsiir Ibn Kasiir-English Traslation-7/646-647
[2] Tafsiiru Al-Qur’aanil Kariim-Suuratu Al-Ahzaab-Ibn Useymiin-fuula 100-101
[3] Al-Misbaahu  Al-Muniir fii zahziib Tafsiir Ibn Kasiir-1119, Tafsiir Ibn Kasiir-English Traslation-7/646-647
[4] Tafsiiru Al-Qur’aanil Kariim-Suuratu Al-Ahzaab-Ibn Useymiin-fuula 105-106

Yommuu Sodaa fi Rakkoon Cimu-Kutaa 4
Yommuu Sodaa fi Rakkoon Cimu-Kutaa 2
Offline dubbisuf

Leave a Reply