Dubbii Iimaana diigu-Kutaa 2

Offline dubbisuf

Kutaa darbe keessatti hiika shirkii fi gosoota isaa ilaalle turre. Kutaa kana keessatti Gooftummaa keessatti shirkii ni ilaalla.

Rubuubiyyah (Gooftummaa) keessatti shirkii jechuun maal jechuudhaa?
Shekhul Islaam ibn Taymiyah-rahimahullahu- ni jedha: Rubuubiyyah keessatti shirkiin- Dhugumatti Gooftaan subhaanahu Qabaataa, too’ataa, qindeessaa, kennaa, dhoorgataa, kan fayyadu, Kan gadi buusu, olkaasu, Kan jabeessu kan salphisudha. Namni Kan kennu ykn dhoorgatu ykn fayyadu ykn jabeessu ykn salphisu Rabbiin ala jedhee ragaa bahe, rubuubiyyah (Gooftummaa) Isaa keessatti shirkii hojjate.” (Majmuu’al Fataawaa 1/92)

Bakka biraattis akkana jedha: “Gooftummaa keessatti shirkiin- Rabbiin ala hojjataa of danda’e mirkaneessudha (Rabbiin ala wanti tokko mataa ofii qofaan kana hojjata jechuun mirkaneessudha). Kan akka lubbu-qabeessi hojii ofii of danda’e akka argamsiisu godhanii [yaadu]. Urjiilee ykn qaamolee uumamaa ykn sammuu ykn nafsee ykn malaykaa fi kanneen biroo, taatewwan irraa wanta tokko of danda’anii adda hojjatan [jechuun yaadu]. Dhugaan dubbii namoota kanniinii: wantoota adeemsifaman (taatewwan) hojjataa irraa dhabamsiisuudha.” (Dar’u ta’aarudi-7/390)

Jecha gabaaban akkana jechuun ni danda’ama: Namni amaloota Gooftummaa keessatti wanta biraa Rabbiitti qindeesse ykn amaloota kanniin irraa waa morme, ykn Isaan ala wanta biraatti Isa fakkeesse ykn wanta biraa Isatti fakkeessee, Rabbitti akka qindeessetti (shirkii hojjatetti) lakkaawama.[1]

Gooftummaa keessatti shirkiin bifa lama qaba:

Bifti 1ffaan: shirku ta’axiil (shirkii dhabamsiisu)
Kuni shirkii hundarra fokkuu ta’eedha. Kan akka shirkii fira’awnaa. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wanta Fira’awni Haamaanan jedhe akkana jechuun beeksisa:

Fira’awni ni jedhe, “Yaa Haamaan! Akka karaalee gahuuf gamoo naaf ijaari. Karaalee samiiwwanii [gaheetin] gara Gooftaa Muusaa ilaalati. Dhugumatti, ani inni sobaa ta’uu isaa yaada.” Suuratu Ghaafir 40:36-37

Yommuu Muusaan Gooftaa aalaamaa hundaa mirkaneessuu fi Isaaf harka kennuutti isa waamu, Fira’awni akkana jechuun Muusaa kijibsisee: “Yaa Haamaan! Balbaloota samiiwwanii fi wanta isaanitti na geessu akka gahuuf ijaarsa guddaa naaf ijaari. Ergasii mataa kiyyaan Gooftaa Muusaa ilaala. Waamicha (da’awaa) isaa:“Nuuf Gooftaatu jira, Inni samiiwwanii ol jira.” jedhu keessatti Muusaan sobaa akka ta’een yaada.[3]

Ta’axiila (dhabamsiisu) kana shirkii kan jenneef, shirkii fi dhabamsiisuun kan wal qabataniidha. Mu’axxil (namni [haqa Rabbiif malu] dhabamsiisee) hundi mushrika, mushrikni hundi mu’axxila. Mushrikni Khaaliqa subhaanahu wa ta’aalaa fi sifaata Isaa kan mirkaneessu ta’uu danda’a. Garuu haqa tawhiidaa dhabamsiise. Hundee fi bu’uurri shirkiin itti deebi’uu dhabamsiisuudha. Dhabamsiisuun kuni bakka lamatti qoodun ni danda’ama:

1-Hojjataa fi Uumaa irraa hojjatamaa dhabamsiisu. Kana irraa, shirkii warra “Addunyaan duraanu tan jirtuu fi yeroo hundaa tan turtuudha. Hundeemaa, addunyaan kan hin jirree miti. Kana irra, duraanis jiraa turte, ammas jiraachu itti fufti.” jedhanii. Isaan biratti taatewwaan uumaman sababootaa fi karaa jiddu-galeessaa argamuuf gargaaraniin kan wal qabataniidha. Sababoota fi karaalee jidduu galeessaa kanniin sammuu fi nafsee jedhuun.

Ammas kana irraa shirkiin biraa: Uumaa kawnii (yuniversii) kana uumee mormuu. (Etistiin zamana kanaa Uumaan dachii, samii fi wantoota isaan keessa jiran uumee hin jiru jechuun mormu. Kuni shirkii fi kufrii adabbii cimaatti nama geessudha. Deebii kanaa namni argachuu barbaadu, barruu “Rabbitti amanee” jedhu dubbisuu ykn haala kitaabatin argachuu danda’a.)

2- Maqaalee, sifaata (amaloota) fi hojiiwwan Isaa dhabamsiisuun Rabbii olta’aa irraa guutummaa Isaa dhabamsiisu. Shirkii kana irraa: namoota maqaalee Rabbii olta’aa ykn amaloota Isaa ykn hojiiwwan Isaa dhabamsiisaniidha. Kan akka Jahmiyyah daangaa darbanii, Qaraamixah. Warri kuni Rabbii olta’aaf maqaas ta’i amaloota hin mirkaneessine.

Shirkii kana keessa nama ergaa Ergamaa Rabbii mormu, shirkii nama qadara mormuu, Rabbiin ala seera baasu, halaala gochuu fi haraama gochuu ni seena.[4]

Bifti 2ffaa: Osoo hin dhabamsisiin shirkii andaada (dorgomtootaa, fakkaattootaa fi qixxaattotaa)
Kuni maqaalee, sifaataa fi Gooftummaa Isaa osoo hin dhabamsiisin Rabbiin waliin gabbaramaa (gooftaa) biraa gochuudha. Kana irraa:

1-Shirkii Kiristaanotaa Rabbii olta’aa sadaffaa sadeeni godhan, Masiih gooftaa godhan, haadha isaas gooftaa waaqefatan godhan.

2-Shirkii Majuusaa:“wanti gaariin argamu ifaan (nuuran) walqabata, wanta badaan argamu dukkanaan wal qabata” jedhanii. (Majuusaan warra ibidda waaqefataniidha. Wanta gaarii kan argamsiisu ifa (nuura). Wanta badaa (sharrii) kan argamsiisu dukkana jechuun dubbatu. Kuni shirkiidha. Ifaa fi dukkanni waa uumuu ykn argamsiisu hin danda’an. Kan waa uumuu Rabbii tokkicha.)

3-Shirkii Qadariyyah akkana jedhanii: “Lubbu-qabeessi hojii mataa ofii kan uumu isuma. Hojiin isaa fedhii fi dandeetti Rabbiitiin alatti argama. (Osoo Rabbiin subhaanahu hin fedhin hojiin namaa argama.)”

4-Shirkii namticha waa’ee Gooftaa isaa ilaalchise Nabii Ibraahimin falmee:

2:258

“Sila gara nama Rabbiin mootummaa isaaf kenninaan Gooftaa isaa ilaalchisee Ibraahimin falme hin ilaallee? Yeroo Ibraahim, “Gooftaan kiyya Kan jiraachisuu fi ajjeesudha.”jedhe. Innis, “Anis nan jiraachisa, nan ajjeesa.”jedhe. Ibraahim ni jedhe, “Dhugumatti Rabbiin aduu bahaan fida, ati immoo dhiyaan fidi.” Achumaan kan kafare dhama’e. Rabbiin namoota zaalimtoota (miidhaa hojjatan) hin qajeelchu.” Suuratu Al-Baqarah 2:258

Namtichi kuni Rabbiin mootummaa (aangoo) waan isaaf kenneef of tuulee daangaa darbe. “Gooftaan kee eenyu?” jechuun Nabii Ibraahimin gaafate. Ibraahimis akkana jechuun deebise: “Gooftaan kiyya uumamtootaaf jireenya kan kennuudha. Ammas, yeroo du’aa lubbuu isaan keessaa Kan fudhatuudha. Inni jiraachisuu fi yeroo du’aa nafsee fudhachuun kophaa kan ta’eedha.” Namtichis ni jedhe, “Anis nan jiraachisa, nan ajjeesa. Kana jechuun nama ajjeesu barbaade nan ajjeesa. Nama tursiisu barbaade nan tursiisa.” Ergasii Ibraahim ni jedheen: “Rabbiin ani gabbaru aduu bahaan fida. Ati seera Rabbii kana jijjiruun dhiyaan fiduu dandeessaa?” Ergasii kaafirri kuni ni dhama’e. Mormiin isaas ni cite. Dhimmi isaa akka dhimma zaalimtootaa Rabbiin haqaa fi wanta sirriitti hin qajeelchineeti.[5]

Namtichi kuni nafsee ofii Rabbii olta’aaf dorgomaa godhe. Akkuma Rabbiin jiraachisuu fi ajjeesu, anis nan jiraachisa nan ajjeessa jechuun odeesse. Kuni shirkiidha.

5-Gosa kana irraa shirkii warra urjiilee dhimmoota addunyaa qindeessan godhanii. Mushrikoonni Saa’iba jedhamanii fi kanneen biroo urjiileen dhimmoota addunyaa qindeessu ykn too’atu jechuun yaadu ykn amanu. Fakkeenyaf, rooba roobsu fi kkf jechuun yaadu. Kuni shirkiidha.

6-Shirkii kana irraa aduu, ibidda fi kanneen biroo gabbaruudha. Namoota kanniin keessaa nama wanti inni gabbaruu gooftaa dhugaati jechuun odeessitu jira.[6]

Kanneen armaan olii keessaa fakkeenya tokko bal’innaan dhiyeessu irratti gabaabbanna. Innis “Qadamul aalami (Dursa addunyaa)” Kutaa itti aanu keessatti In sha Allah ni ilaalla.

Guduunfaa
Rubuubiyyah (Gooftummaa) keessatti hiika shirkii ilaalchisee Muhammad Rashiid Ridaa ni jedha: “Inni (shirkiin) Rabbii olta’aan ala kan biraa Isa waliin ni uuma, ni too’ata jechuudha. Yookiin ibaadaa Rabbii keessatti murtiwwan amanti, halaala gochuu fi haraama gochuu Isaan ala kan biraa irraa fudhatamuudha. Kana jechuun Kitaaba fi wahyi Ergamaan Isaa [ummattatti] geessen alatti kan biraa irraa fudhatamuudha.” (Tafsiiru Manaar 2/55)

(Kanaafu, Gooftummaa keessatti shirkiin takkaa uumuu fi too’annan takkaa immoo murtiin ta’a. Namni Rabbiin ala wanti tokko addunyaa tana keessatti wanta Rabbiin qofti uumuu ni uuma ykn addunyaa guutuu ni too’ata jedhee yoo amane, Gooftummaa keessatti shirkii hojjate jira. Ammas, kitaaba Rabbiin buusen ala murtii madda biraa irraa yoo barbaade, shirkii hojjate jira. Fakkeenyaf, amanti keessatti murtiwwan ibaadaa kan akka akkaata itti salaatani, soomanii, murtii halaala fi haraamaa kitaaba Rabbii fi Sunnah Ergamaa Isaa dhiisee kan biraa irraa yoo barbaade, shirkii hojjate jira. Akka fakkeenyatti Kiristaanonni fi yahuudonni Kitaaba Rabbii guutumatti dhiisanii qeysotaa fi moloksee irraa murtii halaalaa fi haraamaa barbaadan. Ilaali suuratu tawbaa 9:31.)

Jecha gabaaban: Namni tokko wanta Rabbiin qofti hojjatu uumamtoota keessaa namni ykn malaaykan ykn Jinniin ykn wanti biraa ni hojjata jedhee yoo amane, Gooftummaa keessatti shirkii hojjatee jira.[2])


Kitaabban wabii:
[1] Ash-Shirku fiil qadiimi wal hadiisi-fuula 141-142 Abu Bakr Muhammad Zakariya
[2] https://sammubani.files.wordpress.com/2020/01/tawhiid-1.pdf fuula 20
[3] Tafsiiru Muyassar-471
[5] Tafsiiru Muyassar-43
[6] Ash-Shirku fiil qadiimi wal hadiisi-fuula 142-146 Abu Bakr Muhammad Zakariya

Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 3
Hiika Shirkii
Offline dubbisuf

Leave a Reply