Yommuu Sodaa fi Rakkoon Cimu-Kutaa 4

Offline dubbisuf

Wanti Qalbii keessatti dhokate yommuu ifatti bahu fi Mu’minni (namni dhugaan amanee) fi munaafiqni addaan baafaman
Tarii namni jireenya keessatti yaadaa fi amantii badaa dhoksuu danda’a. Keessumayyuu, munaafiqonni kufrii dhoksuun iimaana mul’isu. Garuu Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ilmaan namaa iddoo qormaataa waan kaa’ef isaan qoruun gaarii fi badaa, nama dhugaati fi kijibaa addaan baasu malee hin dhiisu. Ni jedha:

“Hanga gaarii irraa badaa adda baasutti Rabbiin [haala] isin irra jirtan irratti mu’mintoota kan dhiisu miti.” Suuratu Aali-Imraan 3:179

Yaa warra Rabbii fi Ergamaa Isaa dhugoomsitanii fi shari’aa Isaatti bultan, hanga gaarii irraa badaa adda baasutti, mu’minaa fi munaafiqni walitti makamuun haala amma jirtan kanarratti Rabbiin isin hin dhiisu. (Kunis isin qoruun ta’a.)  Kanaafu, munaafiqni mu’mina dhugaa irraa adda bahee beekkama.[1]

Duulli Khandaq/Ahzaab qormaata cimaa mu’minni fi munaafiqni ittiin adda bahuun beekkamaniidha. Wanti mu’mintoota keessa jiru ifatti bahe. Haala isaanii akkana jechuun ibse:

33:22

Yommuu mu’mintoonni Ahzaab (garee diinaa gamtoome) argan, “Kuni wanta Rabbii fi Ergamaan Isaa waadaa nuuf galaniidha. Rabbii fi Ergamaan Isaa dhugaa dubbataniiru.” Jedhan. [Kuni] amanuu fi harka kennuu malee waan biraa isaaniif hin daballe.” Suuratu Al-Ahzaab 33:22 (Ibsa Aayah tana bakka ishiitti ni ilaalla.)

Yaanni badaa fi shakkii qalbii munaafiqoota keessa jirus ifatti bahe. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa dubbii fi haala isaaniis akkana jechuun ibse:

(12)-Yeroo munaafiqonnii fi kanneen qalbii isaanii keessa dhukkubni [shakkii] jiru, “Rabbii fi Ergamaan Isaa gowwoomsaa malee homaa waadaa nuuf hin seenne.”jedhan, [yaadadhaa]. (13)-Yeroo isaan keessaa gareen wayii, “Yaa warra Yasrib! Iddoon turtii isiniif hin jiru, kanaafu [gara manaa] deebi’aa.” jedhan.  Ammas, Osoo [manneen isaanii] qullaa hin ta’in “Manneen keenya qullaadha.” jechuun isaan keessaa gareen wayii Nabiyyii hayyama gaafatu. Isaan dheessa malee homaa hin barbaadan.” Suuratu Al-Ahzaab 33:12-13

“Yeroo munaafiqonnii fi kanneen qalbii isaanii keessa dhukkubni [shakkii] jiru, “Rabbii fi Ergamaan Isaa gowwoomsaa malee homaa waadaa nuuf hin seenne.jedhan

Rabbii olta’aatti maganfadha. Namni dubbii akkanaa akkamitti dubbataa? Garuu-Rabbiin kanarraa nu haa tiiksuti- qalbiin isaanii kufrii ykn shakkii irratti dachaafamtee jirti. Sababni isaas, namoonni qalbii isaanii keessa dhukkubni jiru isaan bira shakkii fi amantii dadhabaatu jira. Munaafiqota bira immoo kufriitu jira. Kanaaf, ni jedhan: “Rabbii fi Ergamaan Isaa gowwoomsaa malee homaa waadaa nuuf hin seenne.”

Rabbiin guddaan qulqullaa’e! Rabbii fi Ergamaan Isaa wanta nama gowwoomsu waadaa isiniif seenu, isin irratti sobuu? Kuni gonkumaa wanta hin danda’amneedha. Kana irra, Rabbii fi Ergamaan Isaa haqa malee waan biraa waadaa hin galle. Garuu ilkee kanniisaa erga dhandhamanii booda malee dammii hin argamu. Ifaajeen waan hafuu hin qabneedha. [Hojii itti ajajaman hojjachuu] itti fufuun dirqama. Osoo kuni jiraachu baate silaa namni dhugaa nama sobaa irraa adda hin baafamu ture. Mu’minni kaafira irraa adda bahee hin beekkamu ture. Kanaafu, qormaanni waan hafuu hin qabneedha.

Rasuulli sallallahu aleyh wassallam sahaabota isaatiif injifannoo waadaa galee ture. Mu’mintoonni kanatti amanani jiru. Munaafiqonni fi warroonni qalbii isaanii keessa dhukkubni [shakkii] jiruu immoo dubbii kana ni dubbatan: “Rabbii fi Ergamaan Isaa gowwoomsaa malee homaa waadaa nuuf hin seenne.” Rabbiin kakadhe! Kijibanii jiru. Rabbii fi Ergamaan Isaa haqaa fi dhugaa malee waadaa hin seenne.[2]

Faallaa kanaa mu’mintoonni (warri dhugaan amanan) akkana jedhan: “Kuni wanta Rabbii fi Ergamaan Isaa waadaa nuuf galaniidha. Rabbii fi Ergamaan Isaa dhugaa dubbataniiru.” (Suuratu Al-Ahzaab 33:22)

Duula Ahzaab kana keessatti munaafiqni nifaaqini isaa ifatti bahe. Namni qalbii isaa keessa shakkiin jiruu immoo haalli isaa ni dadhabe, iimaanni isaa dadhabaa fi haalli keessa jiruu garmalee dhiphisaa waan ta’eef hasaasa nafsee isaa keessatti arge ni hafuurse. Namoonni biroo ni jedhan, akkuma Rabbiin nutti himu: Yeroo isaan keessaa gareen wayii “Yaa warra Yasrib! Iddoon turtii isiniif hin jiru, kanaafu [gara manaa] deebi’aa.” jedhan, [yaadadhu].

Munaafiqoota irraa gareen biraa mu’mintoota waamun akkana jedhan: Yaa warra Yasrib dirree lolaa kasaaraa (itti moo’ataman) keessatti bakki dhaabbannaa fi turtii isiniif hin jiru. Gara mana keessan Madiinaa keessatti argamutti deebi’aa. Yasrib maqaa durii Madiinaati. 

“Iddoon turtii isiniif hin jiru” kan jedhaniif duula irraa dheessu waan barbaadaniifi. Lola keessatti Nabiyyii (SAW) waliin turuu hin barbaadan, Isaan munaafiqoota waan ta’aniif. Munaafiqni lola irratti obsa hin qabu. Inumaa loluu hin barbaadu.

Jecha isaa, “Yaa warra Yasrib!” jedhu keessaa sabboonummaa fi gosummaa wanta akeekutu jira. Sababni isaas, maqaa iddoo jireenyaatin isaan waame. “Yaa obboleeyyan keenya!” ykn “Yaa Muslimoota” hin jenne. Kana irra, “Yaa warra Yasrib” jedhe. Sababni isaas, inni sabboonaa waan tureef isa bira amantiin sababa isaatiif loluuf hin jiru.

Ammas, Osoo [manneen isaanii] qullaa hin ta’in “Manneen keenya qullaadha. jechuun isaan keessaa gareen wayii Nabiyyii hayyama gaafatu. Isaan dheessa malee homaa hin barbaadan.” Suuratu Al-Ahzaab 33:13

Munaafiqota irraa gareen biraa gara mana isaanitti deebi’uuf “Manneen keenya qullaadha.” Jedhanii ragaa dhiyeefachuun Nabiyyi hayyama gaafatu. “manneen keenya qullaa” jechuun manneen keenya diinota irraa kan eeggamanii miti, diinota irraa wanti manneen keenya eegu hin jiru. Garuu manneen isaanii akka isaan jedhanii miti. “Isaan dheessa malee homaa hin barbaadan.” Kana jechuun namoonni kunniin lola irraa dheessu malee fedhii homaatu hin qaban. Manneen kan eeggamaniidha. Madiinaa irratti wanta sodaatamu caalaa isaan (manneen) irratti hin sodaatamu.[3]

Osoo akka Kafaran Gaafatamanii Yoosu kafaruu

33:14

Osoo gama hundaan isaan irratti seenamee ergasii fitnaa gaafatamanii, silaa ni raawwatu turan. Ishii irraa waa xiqqoo malee homaa hin turan.” Suuratu Al-Ahzaab 33:14

Kana jechuun osoo diinonni gama hundaan Madiinaa seenanii, ergasii munaafiqota kanniin fitnaa gaafatanii, silaa yoosu deebii deebisuuf. Asitti fitnaan, kufrii keessa seenudha ykn shirkiidha. Osoo gareen gamtooman Madiinaa keessa seenun akka kafaran munaafiqota kanniin gaafatanii, munaafiqoonni yoosu kafaru (Islaama irraa duubatti deebi’u). Sodaa fi rifannaan xiqqoolee osoo ta’ee iimaana irratti gadi hin dhaabbatan. Sababni isaas, munaafiqonni namoota duniyaa malee wanta biraa hin barbaannedha. “Ishii irraa waa xiqqoo malee homaa hin turan” kana jechuun fitnaa irraa yeroo xiqqoo malee homaa duubatti hin harkifatan. Yoosu kafaru.[4]

Kuni munaafiqonni hangam lugna (dabeessota) akka ta’an agarsiisa. Akkasumas, iimaanni qalbii isaanii keessatti hidda qabate hin jiru. Osoo iimaanni hidda qabatee, silaa kufriif yoosu deebii hin deebisan, ni didu turan. Ammas, munaafiqonni addunyaa malee wanta biraa hin barbaadan. Nama addunyaa qofa barbaadu malee namni Aakhiratti amanu ni kafaraa???

33:15

“Dhugumatti, kana dura akka dugda hin garagalchine Rabbiif waadaa galanii turan. Waadaan Rabbii gaafatamaa ta’eera.” Suuratu Al-Ahzaab 33:15

Munaafiqonni kunniin duula khandaq dura yoo lola irratti argaman akka hin dheessinee fi yommuu gara qabsoo (jihaadaa) waamaman akka duubatti hin hafnee harka Ergamaa Isaa irratti Rabbiif waadaa galanii jiru. Garuu isaan waadaa isaanii ni ganan (ni diigan). Aakhiratti Rabbiin kana irratti isaan qorata, waadaa kana irraa isaan gaafata. Waadaan Rabbii kan irraa gaafamuu fi irratti qoratamu ta’ee jira.[5]

“akka dugda hin garagalchine” kana jechuun diina isaanitti dugda akka hin garagalchine. Hundemaa yommuu diinan lolan fuulan itti garagalan. Yoo diinatti dugda garagalchan, kuni hiika lola irraa dheessu qabaa jechuudha. Kanaafu, munaafiqonni kunniin yeroo diinotan wal qunnaman dugda akka itti hin garagalchinee (lola irraa hin dheessine) waadaa seenan. Garuu isaan waadaa isaanii ni diigan.

Guduunfaa
✒Addunyaan tuni iddoo qormaataa waan taatef lolas ta’i dhibees ta’i wanta biraas ta’i qormaanni nama dhugaati fi nama sobaa addaan baasu argamuun waan hin hafneedha.
✒Yommuu fitnaan (qormaanni cimaan) dhufu, wanti keessi namaa jiru ifatti baha. Kanaafu, namni dhugaa fi sobaa addaan baafama.
✒Namni dhugaa iimaana irratti gadi dhaabbata. Namni sobaa immoo iimaana irraa duubatti deebi’a.
✒Namni dhugaa waadaan Rabbii dhugaa akka ta’e amanuun obsa. Namni sobaa immoo waadaa Rabbii akka sobaatti ilaalun abdi kuta.
✒Waadaa Rabbii keessaa: addunyaa tana keessatti namoota qoru, namoota obsan gargaaru fi injifannoo kennuufi, karaa bahiinsa isaaniif gochu, lakkoofsa malee mindaa isaaniif kennu, daandii qajeelaatti qajeelchu fi kanneen biroo.


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Muyassar-73
[2] Tafsiiru Al-Qur’aanil Kariim-Suuratu Al-Ahzaab-Ibn Useymiin-fuula 110-111
[3] Madda olii, Tafsiiru Muyassar-419
[4] Al-Misbaahu  Al-Muniir fii zahziib Tafsiir Ibn Kasiir-1120, Tafsiiru Muyassar-419, Tafsiiru Al-Qur’aanil Kariim-Suuratu Al-Ahzaab-Ibn Useymiin-fuula 123-125
[5] Tafsiiru Muyassar-419

Yommuu Sodaa fi Rakkoon Cimu-Kutaa 5
Yommuu Sodaa fi Rakkoon Cimu-Kutaa 3
Offline dubbisuf

Leave a Reply