Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 3

Offline dubbisuf

Kutaa darbee keessatti Gooftummaa (Rubuubiyyah) keessatti shirkiin maal akka ta’e ilaalle jirra. Akka yaadannootti, Gooftummaa keessatti wanta shirkii ta’uu keessaa: wanta Rabbiin qofti hojjatu wanti bira ni hojjata ykn wanti tokko ofiin of uuma jechuun amanuudha.Kana keessa shirkiin gosoota baay’ee akka jiran ilaalle jirra. Har’a isaan keessaa “Qidamul aalam (Dursa addunyaa)” jedhamu ilaalla.

Hiikni jecha “Qidamul Aalam (Dursa addunyaa)” jedhu: “Addunyaan dursaa fi yeroo hundaa tan turtuudha. Hundemaa, addunyaan kan hin jirree miti. Kana irra, duraanis jiraa turte, ammas jiraachu itti fufti.[1] (Samii fi dachiin erga hin jirree booda kan argamanii miti. Duraanu ni jiru. Ammas, jiraachu itti fufu.)”

Yaanni kuni soba akka ta’e warri amanti hundi irratti wali galu. Inumaa, saayinsinis kuni soba akka ta’e ni mirkaneessa. Saayinsin yeroo ammaa addunyaan tuni jalqaba akka qabdu nuuf hima. Uumamni aduu, urjiilee, akkanatti akkanatti jalqabamee jechuun ni hima.

Ibn Taymiyaan dubbii sobaa armaan olii ilaalchisee akkana jedha: “Dubbiin “Dursa addunyaa” jedhu dubbii warri sammuu qaban soba akka ta’e irratti wali galaniidha. Yaanni kuni soba ta’uu kan mirkaneessu warra amanti tokko qofaa osoo hin ta’in warra amanti hundaati. Isaanin ala harki caalaan majuusaa fi mushrikoota Araba, hindii fi kanneen biroo soba ta’u ni amanu. Falaasfonni bebbekamoon harki caalaan addunyaan tuni dhabamaan booda kan argamte ta’uu ni amanu. Inumaa wali galli isaanii Rabbiin Uumaa wanta hundaa akka ta’e ni amanu.” Majmuu’al fataawaa 5/565)

Akkaataa jechi kuni iimaana itti diigu

Dubbiin, “Dursa addunyaa” jedhu wantoota iimaana diigan keessaa tokko ta’uu shakkii hin qabu. Akkaataa iimaana itti diigu karaa baay’een ilaalun ni danda’ama:

(A)-Yaanni “Dursa addunyaa” jedhu kuni “Khaaliqni (Uumaan) hin jiru” jechuun mormuu of keessatti qabata. Ibn Taymiyaan ni jedha: Hundeen jecha falaasfota kanniinii: “pilaanetonni dursa kan turanii fi yeroo hundaa turuu kan itti fufaniidha. Rabbiin fedhii fi dandeetti Isaatiin guyyaa jaha keessatti hin uumne.” kan jedhuudha.

Ammas ni jedha: “Inumaa haqiiqaan jecha isaanii: “Wantoonni argaman argamsiisaa (uumaa) malee argaman. Akkasumas, erga argamanii booda sababa dhabamuutti isaan geessu tokko malee baduu” kan jedhuudha.” (Majmuu’al Fataawaa 12/42-43)

Ahmad Ad-Dardiir Maalikiyy wantoota Islaama irraa duubatti nama deebisutti nama geessan yommuu tarreessu wanta dubbate keessaa: “Dubbiin Dursa Addunyaa jedhu gara “Uumaan addunyaa uume hin jiru…” jechuutti nama geessa. Dubbiin kuni gara dandeetti fi fedhii [Rabbii] dhabamsiisutti nama geessa. Kuni ifaan ifatti Qur’aanaa fi Ergamaa (SAW) kijibsiisuudha.” (Haashati Dusuuqi alaa sharih al-kabiir-4/268)

(B)– Dubbiin “dursa addunyaa” jedhu wanta Ergamtoonni irratti wali galanii fi kitaabban ittiin bu’an kijibsiisuudha. Akkasumas, uumama qulqulluu fi sammuu ifaatin kan walitti bu’uu fi wal faallessuudha. Ibn Taymiyaan ni jedha: Uumama (fixrah) keessatti wanti tokko hojjatamaa fi uumamaa ta’uun isaa kan hin jirre erga ta’ee booda argamuu barbaachisa. (Kana jechuun wanti tokko uumamaadha yoo jedhame, duraan kan hin jirre ta’uu qaba. Ergasii kan argamuudha.) Kanaafi, uumama samiiwwanii fi dachii irraa wanti Rabbiin subhaanahu kitaaba Isaa keessatti beeksisee, samii fi dachiin dhabamaan booda kan argaman ta’uu wanta namoonni hundu hubachuu danda’aniidha. “Isaan lamaan uumamtota ta’anii osoo jiranu Rabbii olta’aa waliin yeroo hundaa turan” yaada jedhu immoo, uumamni (fixraan) ni morma. Dahriyyaa irraa garee xiqqoo, kan akka ibn Siinaa fi fakkaattota isaa malee kana eenyullee hin jenne.” (Al-Fataawaa 27/226)

Ibn Al-Qayyim ni jedha: Jechi Rabbii olta’aa:

“Rabbiin Kan samiiwwan, dachii fi wantoota isaan lamaan jidduu jiran guyyoota jaha keessatti uumeedha. Ergasii Arshii irratti olta’e.” Suuratu As-Sajdah 32:4

Aayan (keeyyanni) tuni jecha jallattootaa, “Addunyaan duraanu jirti, akkanuma turte, akkanumattis itti fufti. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa dandeetti fi fedhii Isaatiin addunyaa tana hin uumne” jedhanii soba ta’uu mirkaneessiti…” (Ijtimaa’ul-Juyuushil Islaamiyyati-fuula 95)

Dubbii tuni (Dursa addunyaa) jedhu wanta Rasuula (sallallahu aleyh wassalam) irraa dhufee ifaan ifatti faallessa. Yommuu akkana jedhu:
 ‏”‏ كَانَ اللَّهُ وَلَمْ يَكُنْ شَىْءٌ قَبْلَهُ، وَكَانَ عَرْشُهُ عَلَى الْمَاءِ
“Rabbiin turee, Isa dura homtu hin turre. Arshiin Isaa bishaan gubbaa ture…”
“There was Allah and nothing else before Him and His Throne was over the water…
Sahiih Al-Bukhaari 7418

Haafiz ibn Hajar ni jedha: “Hadiisa kana keessa gosni yeroo kan argame ta’uu fi Rabbiin uumamtoota kanniin kan hin jirre erga ta’anii booda kan argamsiisee ta’uu [ragaa agarsiisutu jira.]…” (Fatih Al-Baari 6/290)

Wantoonni Rabbiin ala jiran hundi dhabamaan booda kan argamaniidha. Sababni isaas, Rabbiin awwala Isa dura homtu hin turreedha.  (Uumamtoonni hundi uumamuun dura hin jiranii turan. Ergasii Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa isaan uume.)

(C)– Addunyaan tan argamtee (uumamte) ta’uu wanta Muslimoonni irratti wali galanii fi shari’aa kan baase irraa gabaafni mirkanaa’an dhufeedha. Sababa kanarraa kan ka’e, namni kana faallesse ni kafara. (Namni “Samii fi dachiin kan argaman (uumamanii) miti. Duraanis akkanuma turan. Akkanumattis turuu itti fufan.” Jedhe ni kafara.)

Kana ilaalchise kunoo dubbii muraasa aalimoota:

Qaadi iyaad ni jedha: “Dubbiin hundi Gooftummaa ykn tokkichummaa [Rabbii] dhabamsiisun ykn Rabbiin ala ykn Rabbiin waliin waan biraa gabbaruun ifatti bahe kufriidha… Yookiin akkana jechuun “Rabbiin subhaanahu ilma ykn niiti ykn haadha qaba ykn wanta tokko irraa dhalataadha ykn yeroo jalqaba hin qabne (azalii) keessatti Isaan ala wanti tokko Isa waliin dursaadha ykn Isaan ala addunyaa kan uumee ni jira.. ykn Isaan ala kan qindeessu ni jira”… kuni hundi akka walii galtee Muslimootaatti kufriidha.

Hanga akkana jedhuutti: “Haaluma kanaan, nama “dursa addunyaa (qidamul aalami) ykn [addunyaan] yeroo hundaa ni turti [gonkumaa hin baddu]” jedhe, ykn ilaalcha falaasfaa fi dahriyyah garii irratti hundaa’un kana keessatti shakke irratti kufrii jala murree mirkaneessina.” ( Ash-Shafaa 2/604-606)

Nawawin ni jedha: “Al-Mutawalli akkana jedha: “Namni dursa addunyaa ykn Uumaan erga hin jirree booda argame jedhee amane, kaafira ta’a.” (Rawdatu Xaalibiin 1/64)

Ibn Hajar Al-Haytamii ni jedha: “Isaan keessaa dubbiin kufrii ta’u: amanun ykn osoo beekanu faallessuun ykn qoosun argamuudha. Kana keessaa, “Dursa addunyaatti amanuu ykn Uumaan (Khaaliqni) erga hin jirree booda argame jedhanii amanuu” I’ilaamu biqawaaxi’il Islaami-fuula 35)

Mullaa Ali Qaarii ni jedha: “Namni dursa addunyaatti osoo amanuu umrii isaa guutuu Rabbif ajajamuu fi ibaadaa hojjachuu itti fufe, warra qiblaa (Muslimoota) keessaa hin ta’u.” (Sharih Al-Fiqhul akbar fuula 23=gabaabbinnaan)

Mansuur Al-Bahuutiyy ni jedha: “Yookiin namni dursa addunyaa amane ykn Uumaan (Khaaliqni) erga hin jirree booda argame jedhee amane, inni kaafira, Qur’aana, Sunnah fi ijmaa’a (wali galtee Muslimoota) waan kijibsiiseef.” (Kashaaf Al-Qanaa’i an mitanil-Iqnaa’i 6/171)

Guduunfa
Qidamul Aalami (Dursa Addunyaa) jechuun “samii fi dachiin duraanu jiru, dhabamaan booda hin argamne. Haaluma kanaan jiraachu itti fufu, gonkuma hin badan” jechuun yaadudha. Dhugumatti kuni “Khaaliqni samii fi dachii uume hin jiru. Akkanumatti ofumaan argaman” jechuutti nama geessa. Kuni ifaan ifatti kufriidha. Namni yaada akkanaatti amane Islaama keessaa baha.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

2:117

[Rabbiin] Jalqabaa samii fi dachiiti. Yeroo dhimma wayii murteesse, wanti Inni isaan jedhu, “Argami (ta’i)” qofa; yeroma san argama (ta’a).”  
“Originator of the heavens and the earth. When He decrees a matter, He only says to it, “Be,” and it is.” Suuratu Al-Baqara 2:117
Kana jechuun samii fi dachii Kan argamsiise ykn uume Rabbii Olta’aadha. Wanta tokko akka argamu yoo murteesse, “ta’i” jedhaan. Wanti sunis yoosu ta’ee argama.


[1] Ash-Shirku fiil qadiimi wal hadiisi-fuula 143 Abu Bakr Muhammad Zakariya
Nawaaqidul Iimaani al-qawliyah wal amalayah” fuula 97-105, Abdulaziz bin Muhammad

Dubbii Iimaanaa Diigu-Kutaa 4.1
Dubbii Iimaana diigu-Kutaa 2
Offline dubbisuf

Leave a Reply