Yommuu Sodaa fi Rakkoon Cimu-Kutaa 5

Offline dubbisuf

Kutaa darbee keessatti yeroo lolaa fi sodaa haala munaafiqotaa ilaalle turre. Achirraa itti fufuun haala isaanii xumuraa ni ilaalla:

Amaloota Munaafiqootaa

Lola Irraa Dheessu
Kutaa darbe keessatti munaafiqonni sababa adda addaa dhiyeefachuun dirree lolaa irraa dheessaa akka turan ilaalle jirra. Dirree lolaa irraa dheessun isaanii kuni ajala (yeroo du’aa) isaanii akka hin tursiisnee fi umrii saanii hin dheeressinee Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni beeksisa:

33:16

Jedhi, “Du’a yookiin ajjeechaa irraa yoo dheessitan, dheessi isin hin fayyadu. Yoosan, xiqqoo malee hin qananiisifamtan.” Suuratu Al-Ahzaab 33:16

Yaa Nabiyyicha munaafiqota kanniinin akkana jedhi: du’a ykn ajjeecha sodaachun dirree waraanaa irraa dheessun isin hin fayyadu. Dhugumatti, kuni ajala (yeroo du’aa) keessan hin tursiisu. Yoo dheessitan, addunyaa tana keessatti hamma umrii isaaniif murtaa’etti malee hin qananiisifamtan.[1] Hanga yeroo isiniif murtaa’etti addunyaa tanatti akka fayyadamtan isiniif hayyamama. Ergasii, wanti isin irratti murtaa’e ni dhufa. Innis du’a.

Tarii dhimma isa fayyadu ykn fayyadu hin dandeenyef jedhe namni lola isarratti dirqama ta’e dhiisu keessa faayda maaltu jiraa? Tarii osoo dirqama kana irraa garagalee deemu yeroma san du’uu danda’a. Yookiin immoo turee umriin isaaf dheeratu danda’a. Garuu osoo turee fi umriin isaa dheerate, abadii (zalaalamii) ni turaa? Lakki. Xiqqoo malee hin tursiifamu. Hanga fedhe yeroon isaa haa dheeratu, dhugumatti baay’ee xiqqaadha.

Kanaaf, Aakhiran yommuu wal bira qabamtu addunyaan homaayyu miti. Rabbiin olta’aan ni jedha:

“Garuu jireenya addunyaa filattu. Aakhiraan caaltuu fi irra turtuu taatee osoo jirtuu.” Suuratu Al-A’alaa 87:16-17

Yaa namoota! Faayaa fi miidhaginna addunyaa qananii Aakhiraa caalchiftu. Gandi Aakhiraa addunyaa caalaa gaarii fi yeroo hundaa turtuu tan taatedha.

Nabiyyiin sallallahu aleyh wassallam akkana jechuun beeksiisan:
‏ مَوْضِعُ سَوْطٍ فِي الْجَنَّةِ خَيْرٌ مِنَ الدُّنْيَا وَمَا فِيهَا ‏”‏‏.‏
“Jannata keessatti bakki alangeen qabattu gahuu addunyaa fi wanta ishii keessa jiru hunda caala.” Sahiih Al-Bukhaari 6415

Yeroo Aakhiratin yommuu wal bira qabamu addunyaa keessatti wanti itti fayyadaman homaayyu miti. Kanaafi Rabbiin ni jedha: “Yoosan, xiqqoo malee hin qananiisifamtan.”

Kunoo asitti wanti biraa ni jira:osoo ajjeefamaniyyuu karaa Rabbii keessatti waan ajjeefamaniif isaan jiraattota ta’u. Rabbiin olta’aan ni jedha:

2:154

“Namoota karaa Rabbii keessatti ajjeefaman “warra du’aaniidha” hin jedhinaa. Kana irra, isaan jiraattota, garuu isin hin beektan.” Suuratu Al-Baqarah 2:154

Kuni arrabaan jechuu irraa dubbii dhoowwamneedha. Inumaa qalbiin, “Isaan warra du’aniidha.” jennee yaadu irraa ni dhoowwamne. Rabbiin olta’aan ni jedha:

3:169

“Kanneen karaa Rabbii keessatti ajjeefaman, du’aa akka ta’anitti hin yaadinaa. Kana irra, isaan jiraattota Gooftaa isaanii biratti sooramaniidha.” Suuratu Aali-Imraan 3:169

Namni karaa Rabbii keessatti ajjeefame du’aa akka ta’etti dubbachuunis ta’e yaadun hin hayyamamu. Kana irra, inni qaaman kan du’eedha. Garuu jireenya barzakha ruuhiin jiraata. (Ruuhin isaa qaaman erga addaan baate booda jireenya barzakha ni jiraatti.) Jireenyi barzakha akka jireenya addunyaati miti. Osoo akka jireenya addunyaa ta’e silaa namoota kanniin awwaaluun hin hayyamamu ture. Osoo isaan akka jireenya addunyaa kan jiraatan ta’ee ergasii nuti isaan awwaallee, silaa isaan kan ajjeesne fi balleessinee taana.[2] (Barzakha jechuun du’aa fi Guyyaa Qiyaamaa jidduu wanta jiruudha. Namni du’e Barzakha keessa seenee jira. Hanga Guyyaa Qiyaamaa kaafamu Barzakha keessa tura.)

Ergasii itti aanse Rabbiin olta’aan ni jedhe:

33:17

“Hamtuu yoo isinitti fedhe yookiin rahmata isiniif fedhe Rabbiin irraa kan isin eegu eenyudhaa? Rabbiin ala ofiif tiiksaa fi gargaaraa hin argatan.” Suuratu Al-Ahzaab 33:17

Badiinsa ykn moo’atamu isinitti yoo fedhe, eenyutu Rabbiin irraa isin eegaa? Deebiin: eenyullee hin danda’u. Yookiin yoo Rabbiin rahmata isiniif fedhee eenyutu waan badaan isin tuqaa?

“Rabbiin ala ofiif tiiksaa fi gargaaraa hin argatan.” Namoonni lola irraa dheessan kunnin Rabbiin ala kan isaan fayyadu ykn waan gaarii isaaniif fidu ykn miidhaa isaan irraa deebisu hin argatan. [3]  

Namoota Waan gaarii irraa nama gufachisanii fi duubatti harkisan Rabbiin ni beeka

33:18

“Isin keessaa kanneen gufachiisanii fi kanneen obboleeyyan isaaniitin “Gara keenyaatti koottaa” jedhan Rabbiin beekee jira. Xiqqoo malee lola hin dhaqan.” Suuratu Al-Ahzaab 33:18

Karaa Rabbii irraa warroota namoota biroo duubatti harkisanii fi warroota obboleeyyan isaanitiin, “Gara keenya koottaa nutti dabalamaa, Muhammadin dhiisaa, isa waliin lola irratti hin argaminaa, dhugumatti du’a isaatiin du’a keessan isiniif sodaanna.” jedhan, dhugumatti Rabbiin ni beeka. Isaan ijjannoo laamshessuu waliin yeroo xiqqoo malee gara lolaa hin dhufan. Xiqqoo tanaayyu na argaa fi na dhagayaaf dhufu.[4] 

Yeroo sodaan dhufu ijji naanna’uu fi yeroo sodaan deemu arraba qaraan nama waraanu

“Isin irratti doy’oota ta’ani. Yommuu sodaan dhufu, du’a irraa kan ka’e akka nama gaggabeetti ijji isaanii naanna’uun gara keetitti kan ilaalan ta’anii isaan argita. Yeroo sodaan deeme immoo kheeyri irratti kan haafayan ta’anii arraba qaraan isin waraanu. Isaan suni hin amanne. Kanaafu, Rabbiin hojiiwwan isaanii jalaa balleesse. Kuni Rabbiin irratti salphaadha.” Suuratu Al-Ahzaab 33:19

Munaafiqonni nafsee isaanii keessa diinummaa fi jibbummaan, jireenya tana jaallachuu fi du’a jibbuun waan jiruuf isin irratti qabeenyaan, nafseen, humnaa fi jaalalan, doy’oota. (Isin waliin loluuf qabeenya hin baasan, humnaa fi nafsee ofii hin wareegan. Do’ya jechuun nama wanta tokko qabatuudha.) Yommuu lolli argamu, du’a sodaatu. Ajjeechaa sodaachuu fi dheessu irraa kan ka’e aqliin isaanii waan deemeef, ijji isaanii akka ija nama duuti itti dhufte naannooftutti naannooftu taate gara kee kan ilaalan argita. (Munaafiqonni waraana irraa garmalee sodaachu irraa kan ka’e ijji isaanii akka ija nama du’uu hedu naannofti. Yommuu sodaan dhufu ijji isaanii ni jijjiramti, haalli isaaniis ni jijjirama)

Yommuu lolli dhumatee fi sodaan qabbanaa’e, arraba qaraa nama rakkisuun isin waraanu. Yeroo boojin qoqqoodamu warra doy’ooman, hinaafanii fi haafayan ta’anii isaan argita.[5] Qataadan ni jedha: Boojii biratti namoota hunda caalaa kan haafayan, qooda badaa qaban, “nuuf kennaa, nuuf kennaa, isin waliin [lola irratti] argamnee jirra.” Jedhaniidha. Yeroo lolaa immoo hunda caalaa dabeessotaa fi haqa gargaaru kan dhiisaniidha.”

Isaan kana waliinu kheeyri (waan gaarii) irratti doy’oota. Kana jechuun isaan keessa kheeyrin hin jiru. Isaan lugnummaa (dabeessummaa), kijibaa fi xiqqeenya kheeyri walitti qaban. Kanaafi ni jedhe: “Isaan suni hin amanne. Kanaafu, Rabbiin hojiiwwan isaanii jalaa balleesse. Kuni Rabbiin irratti salphaadha.”[6]

Aayah tana irraa barnoota baratamu:

  • Munaafiqonni warra doy’ooman, haafayani fi dabeessota ta’aniidha.
  • Ammas, munaafiqonni jireenya addunyaa garmalee akka jaallatan ni argina. Sababni isaan sadarkaa sodaa ol’aanaa kana irra gahaniif jireenya tanaaf waan haafayanii fi waraanan du’uu waan sodaataniifi.
  • Sodaan erga deemee booda munaafiqonni dubbiin gootota. Yeroo lolaa fi rakkoo immoo hundaa caalaa dabeessota.
  • Munaafiqonni mu’mintoota irratti garmalee gara-jabaattota ta’uu. “Arraba qaraatin isin waraanu” jedhu keessatti ni arganna.
  • Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wanta qalbii keessa jiru ni beeka. “Isaan suni hin amanne.” Kana jechuun qalbii isaanitiin hin amanne. Nuti gubbaadhaa akka amananitti beekna. Garuu dhugaadhaan isaan hin amanne. Kanaafu, kuni Rabbiin wanta qalbii keessa jiru akka beeku agarsiisa.
  • Amaloota munaafiqonni ittiin ibsaman kanniin irraa of eegu.
  • Keessaanis ta’ee alaanis ta’ee kufriin hojiin akka baduuf sababa ta’a. ragaan kanaa: “Kanaafu, Rabbiin hojiiwwan isaanii jalaa balleesse.”[7] 

Yeroo Rakkoo Muslimoota irraa dheessun fageenya irraa odeefannoo argachuuf jaallachuu

“Ahzaab (gareen diinaa gamtooman) hin deemnee yaadu. Ahzaab yoo dhufan, jiraattota baadiyaa waliin baadiyaa keessa ta’anii oduu keessan irraa gaggaafachuu jaallatu. Osoo isin keessa ta’aniillee, xiqqoo malee hin lolan.” Suuratu Al-Ahzaab 33:20

Munaafiqonni Ahzaaba Rabbiin moo’anna badaa moo’ate akka hin deemnetti yaadu. Kunis ciminna sodaa fi dabeessummaa irraa kan ka’eedha. Osoo Ahzaab gara Madiinaa deebi’anii, silaa munaafiqonnii kunniin Madiinaa irraa fagaachuun jiraattoota baadiyaa waliin baadiyaa keessatti ta’uu hawwuu. Fagoo irraa oduu keessan iyyaafatu, gaggaafatu. “Muhammadi fi sahaabonni isaa badanii jiruu?” jedhanii namoota gaggaafatu turan.

Baay’inna lugnummaa, gadi xiqqeenyaa fi dadhabbinna yaqiina isaanii irraa kan ka’e osoo isin keessa ta’aniyyu xiqqoo malee hin lolan.[8]

Guduunfaa
Keeyyattoonni armaan olii lolaan kan wal qabatanii fi haala munaafiqoota ifatti kan baasaniidha. Namni tokko keeyyattoota kanniin bu’uura godhachuun, “Koronaa jalaa dheessun du’a jalaa nama hin baasu” jechuun of eeggannoo barbaachisu yoo hin godhin, dogongora keessa seena. Kaayyoo shari’aa Islaamaa keessaa tokko: balaa guddaa hawaasa irra gahuu deebisuu fi too’achudha. Koronaan dhibee hawaasa miidhu waan ta’eef namni of eeggannoo gochuu fi qajeelfamota ittisa dhibee hordofuu qaba. Kana yommuu godhu immoo akka munaafiqota armaan olii sodaa cimaan guuttamu hin qabu.

Gama biraatin, aayaatni armaan olii jajjabeenya akka qabaannu, obsinu fi du’aaf of qopheessun nu taasisu. Eeti, koronaa jalaa dheessun du’a jalaa nama hin baasu. Chaayina irraa dheessanii warri Ameerikaa fi Awrooppaatti galan, amma haalli isaani akkami? Yeroo kanatti hadiisa Rasuulaa (SAW) armaan gadii kana hojii irra akka oolchan nama taasisa:
‏ إِذَا سَمِعْتُمْ بِالطَّاعُونِ بِأَرْضٍ فَلاَ تَدْخُلُوهَا، وَإِذَا وَقَعَ بِأَرْضٍ وَأَنْتُمْ بِهَا فَلاَ تَخْرُجُوا مِنْهَا ‏”
Lafa (biyya) takka keessatti dhibee weeraraa yoo dhageessan, [biyya san] hin seeninaa. Osoo isin achi keessa jirtanu biyya takka keessatti yoo argame immoo, ishii (biyya san) keessaa hin bahinaa. Sahiih Al-Bukhaari 5728 (Himni jalqabaa dhibee weeraraa kan akka koronaa irraa of eeggannoo akka goonu, himni lammataa immoo akka obsinuu nuuf dhaama.)

Ammas, namni bakka dhibeen weeraraa itti ka’etti, obsee fi mindaa Rabbiin irraa abdachuun biyya san keessa turee, ergasii yoo du’e, mindaa shahiidatu isaaf jira. (Ilaali sahiih Al-Bukhaari-5734)


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Muyassar-420
[2] Tafsiiru Al-Qur’aanil Kariim-Suuratu Al-Ahzaab-Ibn Useymiin-fuula 131-132
[3] Madda fuula 137-138
[4] Tafsiiru Muyassar-420
[5] Madda olii
[6] Al-Misbaahu Al-Muniir fii zahziib Tafsiir Ibn Kasiir-1121
[7] Tafsiiru Al-Qur’aanil Kariim-Suuratu Al-Ahzaab-Ibn Useymiin-fuula 151-153
[8] Tafsiiru Muyassar-420, Tafsiiru Xabarii-19/57

Yommuu Sodaa fi Rakkoon Cimu-Kutaa 6
Yommuu Sodaa fi Rakkoon Cimu-Kutaa 4
Offline dubbisuf

Leave a Reply