Yommuu Sodaa fi Rakkoon Cimu-Kutaa 6

Kutaa darbe keessatti yeroo sodaa fi rakkoo cimaa amaloota munaafiqota ilaalle turre. Akka yaadachisaatti munaafiqonni yeroo sodaa fi rakkoon dhalatu, garmalee sodaan guuttamu. Akka nama du’uu ijji isaanii naannofti. Lola irraa ni dheessu. Garuu rakkoo fi sodaan erga deeme booda dubbiin goottota. Hojiin dabeessota, dubbiin goottota. Namoota dhugaa cimanii hojjatanii fi hawaasaa Muslimaa irraa badii deebisuuf carraaqan arraba isaanii qaraan rakkisu. Amalli isaanii badaan biroo waadaa Rabbii fi Ergamaan Isaa galan hin dhugoomsan, itti hin amanan. Kanaafu, hojiin isaanii Rabbiin biratti fudhatama hin qabu.

Mu’mintoonni immoo faallaa kanaati. Mee har’a yeroo rakkoo fi sodaa waa’ee mu’mintootaa (warra dhugaan amananii) haa ilaallu.

Yeroo Rakkoo fi Laafinna Ergamaa Rabbii (SAW) keessa fakkeenya gaariitu isiniif jira

33:21

Dhugumatti nama Rabbii fi Guyyaa Aakhiraa kajeeluf ammas Rabbiin baay’isee yaadatuuf Ergamaa Rabbii keessa hidhannaa (fakkeenya) gaariitu isiniif jira.” Suuratu Al-Ahzaab 33:21

Aayan kabajamtuun tuni dubbii, hojiwwanii fi haala isaa keessatti Ergamaa Rabbiitti (SAW) hidhachuu keessatti hundee guddaadha. Kanaafi, Rabbiin tabaaraka wa ta’aalaa namoonni guyyaa Ahzaab obsa, kutannoo, lolaaf hidhannoo, qabsoo isaatii fi Gooftaa isaa irraa karaa bahiinsa eegu keessatti Nabiiyyi fakkeenya akka godhatan ajaje. Hanga Guyyaa Murtiitti nageenyi fi rahmanni itti fufaan isarra haa jiraatu. Kanaafi, Rabbiin olta’aan guyyaa Ahzaab dhimma isaanii keessatti namoota dhiphatan, jeeqaman, kirkiraniin akkana jedhe: “Dhugumatti nama Rabbii fi Guyyaa Aakhiraa kajeeluf ammas Rabbiin baay’isee yaadatuuf Ergamaa Rabbii keessa hidhannaa (fakkeenya) gaariitu isiniif jira.

Maaliif fakkeenya isa hin godhannee, amala isaa hin hordofnee?[1]

Rasuulli (SAW) jireenya guutuu keessatti fakkeenya gaarii namaaf ta’u. Ergamaa Rabbiitti hidhachuu jechuun dubbiin, hojiin, amantii fi niyyaan isaan walitti galuudha. Namni hojiin, dubbiin, amantii fi niyyaan isaa akka hojii, dubbii, amantii fi niyyaa Nabiyyii (Sallallahu Aleyh Wassallam) ta’e hidhannaa gaarii itti hidhatee jira.

Garuu Ergamaa Rabbiitti (SAW) kan hidhatu ykn fakkeenya godhatu, nama Rabbii fi Guyyaa Aakhiraa kajeeluu fi Rabbiin baay’isee yaadatuudha.

Guyyaan Aakhiraa Guyyaa Qiyaamaati. Guyyaa Aakhiraa kan jedhameef isa booda guyyaan biraa waan hin jirreefi. Guyyaan kuni marsaa dhumaa uumamtootati. Sababni isaas, namni jireenya keessatti marsaa afur qaba. Marsaa garaa haadhaa isaa keessatti, marsaa addunyaa keessattii, marsaa qabrii keessattii, marsaan afraffaan Guyyaa Qiyaamati. Kuni marsaalee afur. Achitti halkanis ta’ee guyyaan hin jiru. Sababni isaas, aduun maramte ibiddatti darbamti.

Jechi Rabbii olta’aa: “nama Rabbii fi Guyyaa Aakhiraa kajeeluf”

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Qur’aana keessatti yeroo baay’ee Isatti fi Guyyaa Aakhiratti amanuu walitti hidha. “Rabbii fi Guyyaa Aakhiraatti amanaa.” (An-Nisaa 4:39). Sababni isaas, Guyyaa Aakhiraatti amanuun hojii akka hojjatan nama taasisa. Ati Guyyaan tokko hojii keetiif kan jazaa itti argattu akka jiruu yoo amante, Guyyaa kanaaf ni hojjatta. Faallaa kanaa, namni Guyyaa Aakhiraa mormuu (itti hin amanne), guyyaa kanaaf hin hojjatu. Sababni isaas, addunyaa tana malee wanti biraa hin jiru jedhee amana. Garuu namni Guyyaa Aakhiraatti yoo amane, kuni akka hojjatu isa taasisa. Kanaafi ni jedhe: “nama Rabbii fi Guyyaa Aakhiraa kajeeluf ammas Rabbiin baay’isee yaadatuuf

Rabbiin yaadachuun (zikriin) qalbiin, arrabaa fi qaamoleen ta’a: Zikriin qalbiin kan ta’uu, namni keeyyattoota, mallattoolee, maqaalee fi sifaata Rabbiitti xinxalluu. Arrabaanis Isa faarsuun ta’a. Qaamanis kan akka salaata keessatti ruku’aa fi sujuuda bu’uu, dhaabbanaa fi taa’umsa. Kanaafu, zikriin qalbii keessatti, arraba keessatti fi qaamolee keessatti ta’a.

Namni aaqilli ijjannoo qabu Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa yaadachu (zakkaruu) hin dhiisu. Sababni isaas, uumamtoota Isaa hunda keessa mallatoolee tokkichummaa fi ogummaa Isaa agarsiisantu jira. Wanti kamiyyu kawni (yuniversi) kana keessatti argitu, Rabbiin si yaadachiisa.

Haaluma kanaan hojii kee keessatti ijjannoo yoo qabaatte, hojii gaarii kamiyyuu hojjattu ibaadaa gochuu dandeessa. Namni ijjannoo qabu hojii aadaa ibaadaa godha. Namni gaafilli immoo hojii ibaadaa aadaa godha. Namni ijjannoo yoo qabaate, zikrii Rabbiitiif kan itti fayyadamu yoo ta’e malee umrii isaa irraa sakandii hin gubu.[2]

Yeroo Sodaa fi Rakkoo Cimaa Wanta Mu’mintoonni (warri amanan) jedhan
Itti aansee Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa haala gabroota Isaa amananii dubbata:

33:22

Yommuu mu’mintoonni Ahzaab argan, “Kuni wanta Rabbii fi Ergamaan Isaa waadaa nuuf galaniidha. Rabbii fi Ergamaan Isaa dhugaa dubbataniiru.” Jedhan. [Kuni] amanuu fi harka kennuu malee waan biraa isaaniif hin daballe.” Suuratu Al-Ahzaab 33:22

Ibn Abbaas (radiyallahu anhumaa) fi Qataadan ni jedhan: [Waadaan Rabbiin isaaniif gale] kuni jecha Rabbii suuratu Al-Baqarah keessa jiruudha:

2:214

 “Sila fakkaatan warra isinin dura darbanii osoo isinitti hin dhufin Jannata seenuu yaadduu? Hiyyummaa fi rakkinni isaan tuqxe; hanga Ergamaa fi warri isa waliin amanan “Sila gargaarsi Rabbii yoomi?” jedhan gahanitti ni sochoofaman. Eeyyen! Dhugumatti, gargaarsi Rabbii dhiyoodha.” (Suuratu al-Baqarah 2:214)

(Yaa warra amantan! Qormaanni (rakkoon) warra amanan isiniin duraatti dhufe osoo isinittis hin dhufin Jannata seenu ni yaadduu? Dhugumatti, hiyyummaan, dhibee fi rakkinni adda addaa isaan tuqee jira. Hanga Ergamaa fi warri amanan, “Gargaarsi Rabbii yoom dhufa?” jedhan gahanitti sodaa adda addaatin hurgufamanii jiru. Eeyyen, gargaarsi Rabbii warra amananitti dhiyoodha.)

Warri amanan yommuu garee gamtooman isaan marsanii argan, aayah armaan olii yaadachuun “Kuni qormaata gargaarsi dhiyoon itti aane dhufu kan Rabbii fi Ergamaan Isaa waadaa nuuf galaniidha” jedhan. Kanaafi, Rabbiin olta’aan ni jedhe, “Rabbii fi Ergamaan Isaa dhugaa dubbataniiru.[3]

Kuni faallaa munaafiqootatti. Mu’mintoonni “Kuni wanta Rabbii fi Ergamaan Isaa waadaa nuuf galaniidha. Rabbii fi Ergamaan Isaa dhugaa dubbataniiru.” Yommuu jedhan, munaafiqonni immoo, “Rabbii fi Ergamaan Isaa gowwoomsaa malee homaa waadaa nuuf hin galle.” Jedhan.

Mu’mintoota bira yaqiina (shakkii tokko malee dhugaan amanuu) waan qabanii fi niyyaan isaanii gaarii waan ta’eef dubbii haqaa jedhan. Munaafiqonni immoo yaqiina waan hin qabnee fi niyyaan isaanii gaarii waan hin taanef, dubbii badaa fi sobaa jedhan. Kunoo yeroo qormaataa namoonni akkanatti adda baafamu. Namni qormaanni jabaan isatti dhufuun dura iimaana ofii beekumsaa fi hojii gaggaariin jabeesse, qormaata ni darba. Namni dhiise immoo ni kufa.

“[Kuni] amanuu fi harka kennuu malee waan biraa isaaniif hin daballe.” Kana jechuun ahzaaba arguun Rabbiitti amanuu, waadaa Isaa dhugoomsuu, murtii Isaatiif harka kennuu fi ajaja Isaatiif masakamu malee waan biraa isaaniif hin daballe. Qalbiin amanuu, qaamoleen harka kennu. Kana jechuun qalbiin ni amanan, qaamolee isaanitiin ajaja Rabbiitiif ni bulan (ni ajajaman).

Bakki amanuu qalbiidha, bakki harka kennuu fi masakamu immoo qaamoleedha. Amantiin namaa wantoota lamaan kanniinin malee hin guuttamu: amanuu fi harka kennu (ajajamuu). Namni harka kennee (wanta itti ajajame hojjatee) garuu hin amanne, inni munaafiqa. Namni amanee garuu harka hin kenninee, inni of tuulaa (mustakbir) ta’a. Namni amanee fi harka kenne, inni mu’mina dhugaa, gabricha dhugaa ta’a.[4]

Guduunfaa
Dhugumatti aayaanni (keeyyattoonni) armaan olii wanta namni amane yeroo sodaa fi rakkoo jechuu fi hojjachuu qabu namatti akeeku.

1ffaa-Rasuula fakkeenya godhachuu. Namni rakkoo cimaa keessaa bahuuf wanta Nabiyyiin (SAW) hojjatanii fi itti ajajan haa hojjatu. Akkaataa Nabiyyiin rakkoo keessa itti darban haa ilaalu

2ffaa-Rakkoon addunyaa tana keessatti nama qunnamu Rabbii olta’aa irraa qormaata akka ta’e haa mirkaneefatu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa gabroota Isaa akka qoru irra deddeebi’e waadaa galee jira. Kanaafu, namni yommuu rakkoon isatti bu’uu “Kuni waadaa Rabbiin galeedha.” jechuun yoo obse, mindaa inni argatu hin gaafatin. (Mindaa guddaa argata).

3ffaa-Yeroo rakkoo waadaa Rabbiitti amanuu, murtii Isaatiif harka kennu fi ajaja Isaatiif bulu. Aayah armaan olii keessatti: “[Kuni] amanuu fi harka kennuu malee waan biraa isaaniif hin daballe.” jedhu ni arganna. Kuni kan agarsiisu, yeroo rakkoo namni Rabbiitti fi wanta Isarraa dhufeetti amanuu, murtii Isaatiif harka kennuu fi wanta Inni ajaje hojjachuu fi wanta Inni dhoowwe dhiisudha.

Akka fakkeenyaatti yeroo koronaa kana keessatti kana hojii irra oolchun baay’ee barbaachisaadha. Sababa koronaatin yoo namni jaallatan du’e ykn qabeenya dhaban, “Kuni wanta Rabbiin waadaa galeedha.” jechuun obsuu, Rabbiitti fi waadaa Isaatti amanuu, murtii Isaatiif harka kennuu, wanta Inni ajaje hojjachuu fi wanta Inni dhoowwe dhiisu barbaachisa. Namni kana yoo hojjate, haala salphaan qormaata cimaa keessa darba. Kana hubachuuf, wanta Nabiyyiin (SAW) fi sahaabonni isaa qormaata cimaa san booda argatan kutaa itti aanu keessatti ni ilaalla. Namni wanta armaan olii hin hojjanne immoo akka munaafiqota ta’a.

Addunyaa Keessatti Namoota Qoruun (Mokkoruun) Maaliif Barbaachisee?” Deebii kanaa argachuuf: As tuqaa: https://www.sammubani.com/2020/04/12/yommuu-sodaa-fi-rakkoon-cimu-kutaa-7/#more-14323


Kitaabban wabii:
[1] Al-Misbaahu  Al-Muniir fii zahziib Tafsiir Ibn Kasiir-1121
[2] Tafsiiru Al-Qur’aanil Kariim-Suuratu Al-Ahzaab-Ibn Useymiin-fuula 165-166
[3] Al-Misbaahu Al-Muniir fii zahziib Tafsiir Ibn Kasiir-1121
[4] Tafsiiru Al-Qur’aanil Kariim-Suuratu Al-Ahzaab-Ibn Useymiin-fuula 170

Print Friendly, PDF & Email
Yommuu Sodaa fi Rakkoon Cimu-Kutaa 7
Yommuu Sodaa fi Rakkoon Cimu-Kutaa 5

Leave a Reply