Yommuu Sodaa fi Rakkoon Cimu-Kutaa 8

Sodaa fi Rakkoo Booda Gargaarsi fi Injifannoon yommuu dhufu
Hanga ammaatti duula Khandaq/Ahzaab keessatti sodaa fi rakkoo cimaa Muslimoota muudate ilaalaa turreera. Wanta qormaata kanarraa barbaadamee fi haala namootaas hubanne jirra. Kuni nuuf barnoota guddaa ta’a. Amma gara xumuraatti dhufaa jirra. Qormaata sodaatii fi rakkoo booda gargaarsi fi injifannoon ni dhufa. Kunoo qormaata cimaa san booda gargaarsi fi injifannoon ni dhufe:

33:25

“Rabbiin kanneen kafaran dallansuu isaaniitiin deebisee, kheeyri homaatu hin arganne. Lola keessatti Rabbiin mu’mintootaaf ni gahe. Rabbiin Jabaa, Injifataa ta’eera.” Suuratu Al-Ahzaab 33:25

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkamitti garee diinaa gamtooman (ahzaaba) bubbee fi hoomaa malaaykotaa itti erguun Madiinaa irraa deebisee nutti hima. Osoo Rabbiin Ergamaa Isaa addunyaa guutuuf rahmata gochuu baatee, silaa bubbeen tuni bubbee gogduu ummata Aad irratti erge caalaa isaan irratti cimtu taati turtee. Garuu Rabbiin olta’aan ni jedhe:

“Ati osoo isaan keessa jirtuu Rabbiin kan isaan adabu miti.” (Suuratu Al-Anfaal 8:33)

Akkuma sababni tokkummaa isaanii fedhii lubbuu qullaa ta’e, bubbee tokkummaa isaanii bittineessitu isaanitti erge. Isaan gosoota fi gartuu garagaraa irraa yaada garagaraatin kan walitti makamaniidha. Kanaafu, bubbeen gamtoominna isaanii bittineessitu, dallananii fi kasaaranii akka deebi’an isaan taasistu isaanitti erguun wanta maluudha.

Gareen gamtooman kunniin dallansuun guuttamanii deebi’an. Akkasumas, “kheeyri homaatu hin arganne.” Kan jechuun wanta gaarii addunyaa irraa hawwan kan akka injifannoo fi boojii hin arganne. Ammas, Aakhiratti wanta gaarii hin arganne. Sababni isaas, Ergamaa Rabbiitti (SAW) lola banuu, isa ajjeesuu fi lola isaa balleessuuf yaada (niyyaa) qabu turan. Namni wanta tokko yaade fi yaada isaa hojiin dhugoomse, inni dhugaadhaan akka nama wanta san hojjateeti.

 “Lola keessatti Rabbiin mu’mintootaaf ni gahe.” Mu’mintoonni garee gamtooman biyya isaanii keessaa baasuuf isaaniin lolutti hin hajamne. Kana irra, Rabbiin tokkichi ni gahe, gabricha Isaa ni gargaare, loltu Isaa ni jabeesse. Kanaafi, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jechaa turan: “

‏”‏ لاَ إِلَهَ إِلاَّ اللَّهُ وَحْدَهُ أَعَزَّ جُنْدَهُ وَنَصَرَ عَبْدَهُ وَغَلَبَ الأَحْزَابَ وَحْدَهُ فَلاَ شَىْءَ بَعْدَهُ ‏“‏
“Rabbii tokkicha malee haqaan gabbaramaan hin jiru. Loltu Isaa ni jabeesse, gabricha Isaa ni gargaare, Kophaa Isaa garee diinaa gamtooman ni moo’ate, Isa booda homtu hin jiru.” Sahiih Muslim 2724

Sahiih al-Bukhaari fi Muslim keessatti Abdullah ibn Abi Awfaa radiyallahu anhu ni jedhe: Guyyaa Ahzaab Ergamaan Rabbii sallallahu aleyh wassallam Ahzaaba irratti akkana jechuun du’aayi godhe:

اللَّهُمَّ مُنْزِلَ الْكِتَابِ سَرِيعَ الْحِسَابِ اهْزِمِ الأَحْزَابَ اللَّهُمَّ اهْزِمْهُمْ وَزَلْزِلْهُمْ ‏”‏”
“Yaa Rabbii Buusaa Kitaabaa, qorachuutti saffisaa Kan taate, Ahzaaba moo’i (injifadhu), Yaa Rabbii isaan moo’i, isaan sochoosi.”
Sahiih Muslim 1742

“Lola keessatti Rabbiin mu’mintootaaf ni gahe.” Aayan tuni akka agarsiisutti isaan (Muslimootaa) fi Qureeshota jidduu lolli akka dhaabbate agarsiisti. Mushrikoonni Muslimoota irratti hin duulle. Kana irra, Muslimootatu biyya isaanii keessatti itti duule. Akkuma Imaamu Ahmad, Suleymaan bin Surad (radiyallahu anhu) irraa gabaasetti, Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) guyyaa Ahzaab ni jedhan: “Ammaan [booda] nutu isaanitti duulaa malee isaan nutti hin duulan.” Sahiih Al-Bukhaari 4110

“Rabbiin Jabaa, Injifataa ta’eera.”
Dandeetti fi humna Isaatiin kan kasaaran ta’anii duubatti isaan deebise. Waan gaarii homaatu hin arganne. Rabbiin Islaamaa fi hordoftoota isaa ni jabeesse, waadaa Isaa ni guute, Ergamaa fi Gabricha Isaa ni gargaare, faaruu fi tolli hundi kan Isaati.[1]

Wanta aaya tana irraa baratamu keessaa tokko: Rabbiin azza wa jalla mu’mintoota irraa balaa ni ittisa. Ragaan kanaa: “Lola keessatti Rabbiin mu’mintootaaf ni gahe.” Aayah tana keessatti: mu’mintoota addatti baase. Kuni kan agarsiisu sababa iimaana isaanitiif isaaniif gahaa ta’e. Mu’mintoonni wanta isaan yaachisu keessatti Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa isaaniif gahaadha, sababa iimaana isaanitiif isaan irraa ittisa. Akkuma Rabbiin olta’aan jedhe:

39:61

“Rabbiin warra Isa sodaatan milkii isaanitiin isaan baraara. Hamtuun isaan hin tuqu, isaan hin gaddanis.” Suuratu Az-Zumar 39:61[2]

Kanaafu, iimaana sirrii qabaachun eeggumsa Rabbii olta’aa akka argatan nama taasisa. Namni eeggumsa Isaa argate rakkoo fi yaaddo cimaa keessaa baha. Tarii addunyaa tana keessatti rakkoon mu’minatti (Muslima dhugaan amanetti) ni bu’a. Garuu kuni qormaata waan ta’eef isaaf gaariidha. Isa qulqulleessuun sadarkaa isaa olkaasa. Marsaalee jireenya afran keessatti rakkoon hundarra cimaan nama tuqu marsaa jireenyaa afraffaa irratti. Suni Guyyaa Qiyaamaati. Kanaafi, aayah armaan olii tana keessatti Guyyaa Qiyaamaa namoota Isatti amananii fi sodaatan rakkoon kan isaan hin tuqnee fi hin gaddine ta’uu ibse. Kanaafu, wanta badaa fi gaddisiisaa irraa isaan akka eegu waadaa galeef. Rakkoon addunyaa tanaa ni darba. Rakkoon Guyyaa Qiyaamaa hoo?

Guduunfaa
Wanta darbe irraa yommuu saamsinu: Qormaata keessa darbuuf wantoonni kunniin barbaachisoodha:
✏Iimaana-haala sirrii ta’een Rabbii olta’aatti fi haqa Isarraa dhufetti amanuu.
✏Addunyaan iddoo qormaata ta’uu beekun Rabbiin subhaanahu akka nama qoru mirkaneefachu.
✏Namoota qoruun waadaa Isaa akka ta’e amanuun murtii Isaatiif harka kennu fi Isaaf ajajamu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namoota akka qoru Qur’aana keessatti irra deddeebi’uun waadaa gale jira.
✏Wantoota yeroo qormaataa namarraa eeggaman hojjachu. Isaanis: Obsuu, wanta shari’aan itti ajaje hojjachuu fi wanta irraa dhoowwe dhiisu, rakkoo booda gargaarsi Rabbii akka dhufuu abdachuu, tawbachuu, araarama kadhachuu fi kkf.

★Waa’ee Rabbii subhaanahu wa ta’aalaa ilaalchise yaada badaa yaadu irraa of qusachuu. Tuqaan tuni tuqaa ijoo fi jabduu taatedha itti xiyyeefadhu. Mee wanta imaamu Ibn Al-Qayyim jedhe haa dhiyeessinu: Qur’aana keessatti Rabbiin ilaalchisee yaada badaa nama yaadetti zaatu (adabbiin isaaf waadaa galu) caalaa zaachan guddaan hin dhufne. Rabbiin olta’aan ni jedha:

48:6

“Munaafiqoota dhiiraatii fi dubartii, mushrikoota dhiiraatii fi dubartii, Rabbiin ilaalchisee yaada badaa yaadan adabuuf [injifannoo ifa ta’e si goonfachiifne]. Isaan irra marsaa badaatu jira. Rabbiin isaan irratti dallanee, isaan abaaree fi Jahannamiin isaaniif qopheesse jira. Gahuumsi waa fokkatte.” Suuratu Al-Fathi 48:6 (Munaafiqonni fi mushrikoonni Rabbiin Ergamaa Isaatii fi mu’mintoota isa waliin jiran hin gargaaru, Islaama ifatti hin baasu jechuun waa’ee Rabbii ilaalchise yaada badaa yaadan. Kanaafu, gargaarsaa fi injifannoo guddaa Nabiyyiif gochuun yaada badaa isaanii ni fashaleesse.)

“Namoonni baay’een wanta isaan qofaan wal qabatu keessatti ta’i, wanta namoota biroo irratti hojjatamu keessattis ta’i, waa’ee Rabbii ilaalchisee yaada badaa yaadu. Nama Rabbiin, maqaalee fi amaloota Isaa beekee malee kanarraa nagaha kan ta’u hin jiru. Namni qaruuten nafsee ofiitiif dhugaa ta’e, kanatti xiyyeefannoo haa kennu. Rabbii isaa ilaalchisee yaada badaa yaadu irraa gara Rabbiitti haa tawbatu (haa deebi’u), araarama haa kadhatu.”[3]


[1] Al-Misbaahu Al-Muniir fii zahziib Tafsiir Ibn Kasiir-1123-1124
[2] Tafsiiru Al-Qur’aanil Kariim-Suuratu Al-Ahzaab-Ibn Useymiin-fuula 192
[3] Fatihul Majiid Sharih Kitaabu Tawhiid-fuula 778
Nawaaqidul Iimaani al-qawliyah wal amalayah” fuula 124-Abdulaziz bin Muhammad

Print Friendly, PDF & Email
Obsa-Kutaa 1
Yommuu Sodaa fi Rakkoon Cimu-Kutaa 7

One comment

Leave a Reply