Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 6.1

Kutaa darbee keessatti tawhiida rubuubiyyah fi asmaa’a wa sifaat keessatti dubbii iimaana diigu ilaalle jirra. Har’a immoo Tawhiida Al-Uluuhiyyah keessatti dubbii iimaana diigu ilaalla.

Tawhiidu Al-Uluuhiyyah (Ibaadaa) keessatti dubbii iimaana diigan
Seensa kana keessatti gara hiika tawhiidu al-uluuhiyyah fi barbaachisummaa isaatti akeekna. Tawhiidu al-uluuhiyya ykn ibaadaa hojii gabrootaatiin Rabbiin tokkichoomsudha. Kunis kan ta’u, gosoota ibaadaa hunda Rabbii tokkicha shariika hin qabneef gochuudha. Tawhiinni kuni hundee amantiiti. Sababa isaatiif Ergamtoonni ergaman, kitaabban buufaman.

Kana mirkaneessu keessatti dubbii warra beekumsaa irraa hanga ta’e ni dhiyeessina: Ibn Taymiyaan ni jedha: Dhugumatti haqiiqaan (dhugaan) tawhiidaa Rabbii tokkicha gabbaruudha. Isa malee hin kadhatamu, Isa malee hin sodaatamu, Isarratti malee hin hirkatamu, amantiin Isaaf malee hin ta’u. Uumamtoota keessaa eenyufillee hin ta’u. malaaykota, Nabiyyoota gooftolee hin godhannu…” Manhaaji sunnati-3/490)

Ammas ni jedha: Tawhiinni Rabbiin kitaaba Isaa keessatti dubbate, kitaabban Isaa ittiin buuse, ergamtoota Isaa ittiin erge, Muslimoonni irratti wali galan, shahaada (ragaa bahuu) “Laa ilaah illallah (Rabbiin malee haqaan gabbaramaan hin jiru)” kan jedhuudha. Hiikni isaa: Rabbii Tokkicha shariika hin qabne gabbaruudha. Akkuma jechaa Isaa keessatti ifa godhe:

2:163

“Gabbaramaan keessan Gabbaramaa tokkicha. Isa malee haqaan gabbaramaan hin jiru. [Inni] Ar-Rahmaan Ar-Rahiim.” Suuratu Al-Baqarah 2:163

Gabbaramaan gabbarama tokkicha akka ta’e ni beeksise. Isaan ala gabbaramaa (waaqefatamaa) biraa godhachuun hin hayyamamu. Isa malee homtu hin gabbaramu.” (At-Tas’iiniyah-fuula 208)

Hanga akkana jedhuutti: Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkana jedha:

‘Rabbiin gabbaraa, xaaghuuta irraa fagaadhaa’ [jechuun] ummata hunda keessatti ergamaa erginee jirra. Isaan keessaa nama Rabbiin qajeelchetu jira. Isaan keessaas nama jallinni isarratti mirkanaa’etu jira.” Suuratu An-Nahl 16:36

Tawhiida kanaan ergamtoota hunda akka ergee fi ummata hundatti isaan (tawhiida kanaan) ergamtoota akka erge Rabbiin subhaanahu ifa godhe.  Kuni Islaama Rabbiin warra jalqabaa fi xumuraa irraa isa malee amanti biraa hin qeeballedha (hin fuunedha). Rabbiin olta’aan ni jedha:

3:83

“Samiiwwanii fi dachii keessa kan jiru hundi fedhiinis ta’i dirqamaan Isaaf harka kennee osoo jiruu diinii Rabbiitiin ala kan biraa barbaadu? Isaan hundu garuma Isaatti deebifamu.” Suuratu Aali-Imraan 3:83

Diinin Rabbii gabroonni Isa qofa gabbaru, Isaaf gadi jechuu, ajajamuu fi buluudha. Kuni Islaama. Namni kanaan ala amanti biraa barbaade, isarraa hin fuudhamu. Akkuma kana aayah biraa keessatti ni jedhe:

“Rabbiin haqaan dhaabbataa ta’e Isa malee dhugaan gabbaramaan akka hin jirre ragaa bahe. Malaaykonni fi warri beekumsa qabanis [ragaa bahanii jiru]. Dhugaan gabbaramaan Isa malee hin jiru, [Inni] Injifataa, Ogeessa. Dhugumatti Rabbiin biratti amantin [fudhatama qabu] Islaama qofa.Suuratu Aali-Imraan 3:18-19

Haqaan gabbaramaan Rabbiin malee akka hin jirree Inni ragaa akka bahuu, malaaykonni fi warri beekumsa qabanis ragaa akka bahan erga beeksisee booda Rabbiin biratti amantiin fudhatama qabu Islaama qofa ta’uu ni dubbate. Ilaah (gabbaramaan) ibaadaa haqa kan godhatuudha. Namni Rabbiin Gooftaa fi Khaaliqa waan hundaa akka ta’e amanee garuu kana waliinu Isaan ala wanta biraa gabbaru, inni Gooftaa isaatti qindeessadha (mushrika), Isaa gaditti gabbaramaa biraa kan godhateedha. Akka warri bid’aa gariin “Ilaahiyyat (gabbaramummaan) uumuudha ykn uumuu irratti dandeetti qabaachudha” jechuun hiikani miti. Araboota fi kanneen biroo irraa mushrikoonni Rabbii fi Ergamaan Isaa mushrikoota ta’uu isaanii ragaa bahan, Rabbiin Khaaliqa fi Gooftaa waan hundaa akka ta’e kan shakkan hin turre. Osoo kuni ilaahiyyat ta’e, silaa “Laa ilaah illallah” ni jedhu turan. Kuni mata duree garmalee guddaa sirritti beekun barbaachisa ta’eedha. Sababni isaas, namoota keessaa garee hundeen Islaamaa isaaniif ifa hin taanetu jira, hanga dhimmoota guddaa- innis shirkii Islaama faallessu keessa seenanitti. Isaan shirkii ta’uu hin yaadan.” (At-Tas’iiniyah-fuula 208)

Ibn Al-Qayyim gosoota ibaadaa hunda Rabbii Tokkichaaf gochuun dirqama akka ta’e akkana jechuun jabeessa: “Sujuudni, ibaadan, tawakkulli, taqwaan, sodaan, of herreegun (of qorachuun), tawbaan, nazriin (silatin), kakuun, tasbiih (subhaanallah jechuun), takbiir (Allahu akbar jechuun), tahliil (laa ilaah illallah jechuun), tahmiid (Alhamdulillah jechuun), istighfaarri (araarama kadhachuun), gadi jechuu fi gabbaruuf mataa haadachuun, Ka’abaa xawaafun, du’aayin, kuni hundi haqa Rabbii qofa. Isaan ala malayka dhiyeefameef ykn nabiyyi ergameef hin ta’u, hin malu.” (Al-Jawaabul Kaafi-180-181)

Ammas, Ibn Al-Qayyim barbaachisummaa tawhiida kanaatii fi guddinna haajaa namni tawhiida kanaaf qabu akkana jechuun ifa godha: “Beeki! Haajan gabrichi jaalala Isaa, Isa sodaachu, abdachuu, Isarratti hirkachuu, Isaaf hojjachuu, Isaan kakachuu, Isaaf silati seenu, gadi jechuu, gadi of xiqqeessu, sujuudu fi Isa ol-guddisuu, Isatti dhiyaachu keessatti osoo homaa Isatti hin qindeessin Rabbiin qofa gabbaruutti qabu haajaa qaamni ruuhitti, ijji ifatti qabu caala. (Jecha gabaaban: haajaan gabricha Rabbii tokkicha gabbaruutti qabu haajaa qaamni ruuhitti qabu fi ijji ifatti qabdu caalaa.) Inumaa haajaa kanaaf fakkaatan ittiin wal bira qaban hin jiru. Haqiiqan gabrichaa ruuhii fi qalbii isaati. Ishiif (qalbiif/ruuhiif) fooyya’insi hin jiru gabbarama ishiitiin malee. Zikrii Isaatiin malee hin tasgabbooftu. Gara Isaatti ifaaje cimaa qunnamu heddu ifaajji. Isa qunnamuun waan ishiif hin hafneedha. Isa jaallachuu fi gabbaruun malee qalbiif fooyya’iinsi hin jiru.” (Xariiqul Hijrateyni-57-58)

Shekhu Muhammad bin Abdulwahhaab hiika tawhiida ibaadaa fi mirkaneessu, guddinna dhimma isaa bal’innaan ibse. Kitaabota isaa baay’ee keessatti yommuu tawhiida kana mirkaneessuu fi namoota faalleessan irratti deebii deebisu ni dheeresse, ni sirreesse, ni guute. Rabbiin rahmata isaaf haa godhu akkana jedha:

“Dhugumatti, Rabbiin tabaaraka wa ta’aalaa dhufaatin ergamtootaa wal duraa duuban dhufan erga addaan cite booda Muhammadin (Sallallahu aleyh wassalam) gara keenyaatti erguun gara amantii fi seera guutuutti qajeelche. Kana keessaa inni guddaa fi wiirtuun, Rabbii tokkicha shariika hin qabne gabbaruun amanti Isaaf qulqulleessuu fi shirkii irraa dhoowwudha. Isaa gadiitti nabiyyoonni fi malaykoonnu akka hin kadhatamne (hin gabbaramnee) dha… Ibaadan hundi Rabbii tokkicha shariika hin qabneef malee homaafu hin ta’u. Kuni hiika jecha, “Laa ilaah illallah (Rabbiin malee haqaan gabbaramaan hin jiru).” Gabbaramaan kan itti qajeelan, irratti hirkataniidha. Kuni nama hin beekne biratti dhimma salphaa ta’eedha. Nama beeku biratti immoo garmalee guddaadha.” (Ad-Duraru As-Sinnayatu 2/21 gabaabbinnaan)

Tawhiida kana yommuu jabeessu shekh Muhammad ibn Abdulwahhaab irraa yeroo akkana jedhu fedhii cimaa inni qabu ni hubanna: “Yaa obboleyyan koo! Hundee amanti keessanii sirritti qabadhaa. Jalqabni fi dhumti isaa, miilli fi mataan isaa shahaada (ragaa bahuu) “Laa ilaah illallah” dha. Hiika jecha tanaa beekaa, jaalladhaas. Warra jecha tana qabates jaalladhaa, obboleeyyan keessan godhadhaa, osoo isin irraa fagoo ta’aniyyu. Xaaghuutatti kafaraa, diina itti ta’aa. Nama xaaghuuta jaallate ykn irraa falme jibbaa… Kana qabadhaa (Rabbiin qofa gabbaruu fi xaaghuutatti kafaruu). Osoo homaa Isatti hin qindeessin Gooftaa keessan qunnamuun ni kajeellama. Yaa Rabbii Muslimoota godhii nu ajjeesi, saalihotan nu qunnamsiisi.” (Tafsiiru Kalimatu tawhiid-fuula 252) (Wanti Rabbii gaditti gabbaramee fi gabbaritti gammade hundi xaaghuta.)

Madda:
Nawaaqidul Iimaani al-qawliyah wal amalayah” fuula 131-134 Abdulaziz bin Muhammad

Print Friendly, PDF & Email
Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 6.2
Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 5.3

One comment

Leave a Reply