Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 6.2

Kutaa darbe keessatti hiikaa fi barbaachisummaa tawhiidu Al-Uluuhiyyah ilaalle turre. Tawhiida Al-Uluuhiyyah jechuun ibaadadhaan Rabbiin tokkichoomsudha. Kana jechuun ibaadaa hunda Rabbi qofaaf gochuudha. Har’as itti fufuun barbaachisummaa tawhiida kanaatii fi hiika shirkii ni ilaalla.

Barbaachisummaa tawhiida ibaadaa kana ilaalchisee wanta sheykhu Abdurahmaan Sa’dii barreesse keessaa: hundeen hundarra guddaan Qur’aanni mirkaneessuu fi ragaa itti dhiyeessu tawhiida uluuhiyyah (ibaadati). Hundeen guddaan kuni hundee hundarra guddaa, guutuu, dirqamaa fi fooyya’insa ilma namaatiif garmalee barbaachisaa ta’eedha. Kan Rabbiin sababa isaatiif namoota fi jinni itti uumedha. Isa gadi dhaabuuf uumamtoota uumee, seerota lafa kaa’e. Inni (tawhiinni al-uluuhiyyah) jiraachuun fooyya’insi ta’a, inni dhabamuun immoo sharrii fi badiitu ta’a. Aayaanni Qur’aanaa hundi takkaa isaa fi haqoota isaatti ajajuu yookiin faallaa isaa irraa dhoowwu ykn ragaa isa irratti dhaabu ykn addunyaa fi Aakhiratti mindaa warra isa qabatanii ibsuu ykn garaagarummaa isaanii fi mushrikoota jidduu jiru ibsuu…” (Al-Qawaa’idul Hisaani-fuula 192)

Bakka biraattis akkana jedha: “[Tawhiinni uluuhiyyah] sababa isaatiif Rabbiin uumamtoota uumee, isa gadi dhaabuuf jihaada lafa kaa’e, mindaa addunyaa fi Aakhirah nama isaan dhaabbate fi galmaan gaheef godhee, adabbii immoo nama isa dhiiseef taasise. Isaan (tawhiida kanaan) garaagarummaan warra gammachuu isaan dhaabbatanii fi warra dararaa isa dhiisanii beekkama. Dirqamni gabricha irra jiru, isa (tawhiida) beekuuf, galmaan gahuuf, daangaa fi hiika isaa beekuuf, murtii fi sadarkaa isaa beekuuf, bu’aa fi wanta isaaf barbaachisan, ragaa fi wantoota isa agarsiisan, wanta isa jabeessuu fi dagaagsu, wantoota isa diigan ykn hir’isan beekuuf carraaqudha. Sababni isaas, inni hundee hundee dhugaati, isaan malee hundeewwan sirrii hin ta’an. Dameewwan hoo akkam ta’innu laata?

Daangaan, hiikni fi rogoonni isaa immoo gabrichi beekumsaa fi yaqiina irratti hundaa’ee, Rabbiin gabbaramaa tokkichaa fi haqaa akka ta’e beekuu, amaloonni Gabbaramaa uumamtoota keessatti akka hin argamnee fi Rabbiin malee homtu haqa akka hin godhanne beekuu fi baruudha.” (Al-Haqqul Waadihu fii sharih tawhiidul anbiyaa’i wal mursaliin-fuula 57)

Tawhiida Al-Uluuhiyyah keessatti hiika shirkii

2-Hiikni tawhiida ibaadaa fi barbaachisummaan isaa erga mirkanaa’e, amma wanta isa diigu fi faallessuutti akeekna. Innis shirkiidha. Hiikaa fi balaa isaa haala armaan gadiitiin guduunfina.

Ibn Taymiyaan ni jedha: hundeen shirkii wantoota Rabbii qofaaf ta’ee garii keessatti uumamtoota Rabbii olta’aan wal qixxeessudha. Dhugumatti, dhimmoota hunda keessatti eenyullee umamtoota Rabbiin wal hin qixxeessine. Namni Isaan ala wanta biraa gabbaree ykn irratti hirkate, inni mushrika…” (Istiqaamah-1/344)

Ibn Al-Qayyim ni jedha: shirkii guddaa Rabbiin hin araaramu isarraa tawbachuun yoo ta’e malee. [Shirkiin guddaan kuni] Rabbii gadiitti gabbaramaa godhachuun akkuma Rabbiin jaallatan jaallachudha. Kuni shirkii wantoota mushrikoonni gabbaran Gooftaa aalamatin wal qixxeessu of keessatti qabateedha. Kanaafi, wantoota gabbaraniin ibidda keessatti akkana jedhan:

“Rabbiin kakanne! Dhugumatti jallinna ifa bahaa keessa turre, yommuu Gooftaa aalamaatti isin qixxeessinu.” Suuratu Ash-Shu’uraa 26:97-98

Rabbiin Khaaliqa waan hundaa, Gooftaa fi Dhuunfataa isaa akka ta’e, wantoonni isaan gabbaran (waaqefatan) homaa akka hin uumnee fi rizqii hin kenninee, hin jiraachisnee fi hin ajjeesne ta’uu mirkaneessu waliin, [dubbii armaan olii kana ibidda keessatti jedhu]. Wal qixxeessuun kuni jaalala, ol guddisuu fi ibaadaa keessatti ta’a. Akkuma haala irra hedduu mushrikoota addunyaa.” (Madaariju Saalikiin 1/339)

Shekh Abdulaxiif bin Abdurahmaan bin Hasan Aali sheikh akkana jedha: Nabiyyiin sallallahu aleyh wassallam hiika wali galaatiin shirkii hiikanii jiru. Akkuma hadiisa ibn Mas’uud keessatti dhufe. Ibn Mas’uud ni jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii! Zanbii (badii) kamtu hundarra guddaadhaa? Innis ni jedhe: Rabbiin si uumee osoo jiruu Isaaf nidda gochuudha. (Sahiih Al-Bukhaari-4477)

Nidda jechuun fakkeenya, fakkaataadha. Namni ibaadaa irraa wanta tokko Rabbiin ala wanta biraatiif godhee, shirkii tawhiida balleessuu fi faallessu Isatti qindeessee jira.” (Ad-Duraru Siniyyatu-2/153)

Shirkii kana ibsuu ilaalchisee wanta Muhammad Rashiid Ridaa barreessee keessaa: “[Shirkiin] namni tokko ‘Uumuu keessatti kan Rabbii olta’aa waliin hirmaatu ykn hojii Isaa keessatti Isa gargaaru ykn hojii garii akka hojjatu Isa taasisu ykn Isatti dhiyoo waan ta’eef Isa biratti jaarsummaa ta’uun hojii garii irraa Isa dhoowwu ni jira’ jedhee amanuudha.” (Tafsiirul Manaari-2/55)

(Hiikni shirki asi olitti Muhammad Rashiid Ridaa kenne kuni Gooftummaa keessatti hiika shirkii keessa seena.)

Tawhiidu uluuhiyyah (ibaadaa) keessatti immoo hiika shirkii haala wali galaatin Sheykh Abdurahmaan Sa’dii akkana jechuun ibsa:

“Daangaan shirkii guddaa fi hiikni isaa gosootaa hunda walitti qabu: Gosoota ibaadaa irraa wanta tokko Rabbiin ala kan biraatiif gochuudha. Amantii ykn dubbii ykn hojii hunda Rabbiin itti ajaje, Rabbii qofaaf gochuun tawhiida, iimaanaa fi ikhlaasa. Isaan ala wanta biraatiif gochuun immoo shirkii fi kufriidha. Qajeelfama bu’uuraa shirkii guddaa kana qabachuun sirratti haa jiraatu.” (Al-Qawlu As-Sadiid fuula 43)

Balaa Shirkii

Balaa fi fokkinni shirkii kanaa immoo dhimma muwahhida (nama Rabbiin tokkichoomsu) irraa hin dhokanneedha. Shirkiin Rabbiin biratti badii hundarra guddaa fi fokkuu ta’eedha. Akkuma hadiisa ibn Mas’uud keessatti darbe. Shirkiin zanbii (badii) tokkicha [nama osoo isarraa hin tawbatin du’eef] Rabbiin hin araaramneedha. Ibidda keessatti zalaalamii akka turan nama taasisa. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

4:48

Dhugumatti Rabbiin Isatti waa qindeefamuu hin araaramu. Waan sanaa gadii nama fedheef ni araarama. Namni Rabbitti qindeesse, dhugumatti cubbuu guddaa uumee jira.”Suuraa An-Nisaa 4:48

Namni osoo hin tawbatin shirkii irratti du’e, Rabbiin irraa araarama hin argatu. Kanaafi, Nabiyyiin sallallahu aleyh wassallam zanbii kanarraa akeekachiise: “Osoo cicciramteeyyu yookin gubamteeyyu Rabbiitti homaa hin qindeessin.” (Sunan ibn Maajah 4034)

Sa’dii kana yommuu ibsu akkana jedha: Shirkiin Gooftaa aalamaa fi tokkichummaa Isaa keessatti maqaa xurreessu fi makhluuqa ofirraayyu miidhaa deebisuu fi faayda ofiif fidu hin dandeenye, Kan aangoon fayyaduu fi miidhuu harka Isaa jiruun wal qixxeessu waan of keessatti qabateef Rabbiin olta’aan hin araaramu. Qananiin homaatu hin jiru Isa irraa yoo ta’e malee, Isa malee adabbii kan deebisu hin jiru. Inni gama hundaan guutuu fi Dureessa Kan ta’eedha. Zulmiin hundarra guddaa ta’ee fi jallinni hundarra fagoon, dhimmi fi guddinni Isaa kan akkana ta’eef ibaadaa qulqulleessu dhiisuu fi ibaada irraa wanta tokko makhluuqa amaloota guutuu hin qabneef gochuudha.” (Tafsiiru Sa’dii-2/165)

Jecha Rabbii olta’aa kana ilaalchisee:

Dhugumatti, shirkiin zulmii (miidhaa) guddaadha.” Suuratu Luqmaan 31:13

Sa’diin ni jedha: shirkiin zulmii guddaa ta’uun: nama, makhluuqa biyyee irraa uumame Rabbii gabroota too’atuun wal qixxeesse caalaa wanti rifachiisaa fi fokkuun hin jiru. Mahkhluuqa (uumama) dhimma homaatu hin qabne Khaaliqa dhimma hunda harkaa qabuun wal qixxeesse. Makhluuqa gara hundaan hir’ataa hiyyeesse ta’e Gooftaa gara hundaan guutuu fi dureessa ta’een wal qixxeesse. Qananii irraa hanga madaala atamii nama qananiisu hin dandeenye qananii hunda Kan nama qananiisuu fi badii namarraa deebisuun wal qixxeesse. Zulmi kanaa caalaa wanti guddaan ni jiraa?

Nama Rabbiin akka Isa gabbaruuf uumee ergasii nafsee isaa kabajamtuun deemun sadarka gadii aanaa keessa ishii godhe caalaa namni zulmiin hundarra guddaa ta’e ni jiraa?” (Tafsiiru as-Sa’dii-6/155-156)

(Jecha gabaaban: nama Rabbii isa uume gabbaruu dhiisee wanta biraa gabbaruun (waaqefachuun) nafsee ofii salphise caalaa namni zaalimni ni jiraa? Nama Rabbii olta’aaf gadi jechuu dhiisee dhagaa ykn nama isa hin fayyannee fi hin dhageenyeef gadi jedhu caalaa namni lubbuu ofii miidhe ni jiraa?)

Tawhiida al-uluuhiyyah keessatti hiika shirkii caalatti beekuuf: https://www.sammubani.com/2020/02/15/shirkiin-rabbiin-waliin-gabbaramaa-godhachuudha/#.Xpyoycj7TIU

Print Friendly, PDF & Email
Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 6.3
Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 6.1

One comment

Leave a Reply