Fakkeenyota Ajaa’iba Balaa irratti Obsuu-3

2-Obsa Nabii Ayyuub (Aleyh salaam)–kutaa 2
Kutaa darbe keessatti obsa Nabii Ayyuub ilaalle turre. Har’as itti fufuun kutaa dhumaa ni ilaalla. Rabbiin olta’aan Nabii Ayyuubin ilaalchisee ni jedha:

(41)-Gabricha keenya Ayyuubinis yommuu “Dhugumatti sheyxaanni rakkinnaa fi adabbiin na tuqe.” jechuun Gooftaa isaatti lallabe yaadadhu. (42)-[Lafa] miila keetin rukuti. Kuni [bishaan] qabbanaa’aa dhiqannaa fi dhugaatiif ooludha.” [isaan jedhame]. (43)-Nu irraa rahmataa fi warra sammuu qabaniif yaadachisa akka ta’uuf maatii isaatii fi isaan waliin fakkaataa isaanii isaaf kennine. (44)-“Harka keetitti qaboo margaa fuudhii [haadha manaa tee] rukutiin. Kakuu kee hin diigin.” [isaan jenne]. Obsaa ta’uu isa arganne. Gabricha akkam tole! Dhugumatti inni baay’isee [gara Rabbii] deebi’aadha.” Suuratu Saad 38:41-44

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Gabrichaa fi Ergamaa Isaa Ayyuubin aleyh salaam fi rakkoo ittiin isa qore dubbata. Rakkoon kuni qaama, qabeenyaa fi ijoollee isaa tuqe. Qalbii isaa malee hanga qaama isaa irra bakki fayyaan lilmoo itti waraanan hin jirre gahuutti rakkoon dhibee isatti bu’e. Qabeenyi isaas jalaa bade, ijoolleen isaas ni dhuman. Niiti isaa malee homtu isa biratti hin hafne. Niitin isaa mindaadhaan namoota tajaajiluun gara waggaa kudha saddeeti (18) isa nyaachisaa fi tajaajilaa turte. Nabii Ayyuub kana dura dureessaa fi ijoollee baay’ee qabaa ture. Addunyaa keessatti haala mijaa’aa fi badhaadhinna keessa ture. Ergasii kuni hundi isarraa fudhatame. Niiti isaa malee sababa dhibee isaatiin firaa fi alagaan isa gate. Rabbiin ishirraa haa jaallatu. Yeroo namoota tajaajiltu malee ganamaa galgala isarraa adda hin baatu. Ergasii yoosu isatti deebiti. Yommuu haalli kuni dheeratu fi jabaatu, murtiin xumurame fi yeroon murteefame dhumate, Gooftaa aalamaatti warwaate.[1] Ni jedhe: “Dhugumatti sheyxaanni rakkinnaa fi adabbiin na tuqe.”

Namni yommuu rakkoon akka dhibee, qabeenyi jalaa baduu ykn namni jaallatu isa jalaa du’uun isatti bu’u, sheyxaanni rakkoo cimaan isa tuqa. Rakkoo cimaa kana keessaa, waa’ee Rabbii ilaalchisee waan badaa akka yaadan namatti hasaasudha.

 “Dhugumatti sheyxaanni rakkinnaa fi adabbiin na tuqe.”
Sheyxaanni sababa balaa natti bu’eef waa’ee Kee ilaalchisee waan badaa yaadutti na dhiibuuf baay’inna hasaasaa, gowwoomsaa fi dhara isaatiin rakkoo nafseetii fi dadhabinnaan na tuqe. Asitti adabbiin wanta nafsee irratti ulfaatu fi laaleessudha.[2]

Kuni rakkoo nafsee sheyxaanni isa tuqeedha. Tarii sheyxaanni dhibee isaatiifis sababa ta’uu danda’a. Rabbiin hundarra beeka.[3]

Sheyxaanni carraa rakkootti fayyadame nama jallisuuf hasaasa badaa adda addaa namatti naqa. Namni balaa isatti bu’ee darbuu fi badhaasa guddaan milkaa’uuf hasaasa badaa kanaaf deebii deebisuu hin qabu. Hasaasni badaan kuni kan akka murtii Rabbiitti akka dallanan, obsa dhaban, lubbuu ofii balleessan (galaafatanii) fi kan kana fakkaatanitti nama kakaasudha.

Nabii Ayyuub rakkoo cimaa kana irratti baroota dheeraaf erga obsee fi danda’ee booda, gara Rabbii olta’aatti warwaate. Rabbiinis kadhaa isaatiif deebii deebise. Karaa wahyiitiin akkana jechuun isa ajaje: “[Lafa] miila keetin rukuti. Kuni [bishaan] qabbanaa’aa dhiqannaa fi dhugaatiif ooludha.”

Ayyuubis ajaja kana fudhachuun olka’ee dachii luka isaatin ni rukute. Ergasii Rabbiin burqaa bishaanii qabbanaa’aa ta’e lafa keessaa olbaasef. Ayyuubis bishaan kanarraa ni dhiqate, ni dhuges. Rabbiinis dhibee isatti bu’ee isarraa oofe isa fayyise. Ammas, Guyyoota dhibee cimaa keessatti maatii dhabee ture isaaf deebisee. Isaan waliin fakkaataa isaanii isaaf dabale. Kuni hundi Isarraa rahmata.

Nabii Ayyuub yeroo dhibee isaa sababa wayiitiif haadha manaa isaa irratti dallanee ture. Yoo fayyee, rukuttaa dhibba akka ishii rukutu kakate. Yommuu Rabbiin isa fayyisuu akkamitti tajaajilli fi mararfannaan guddaan ishiin isaaf goote rukuttaan kafalamaa ree? Kanaafu, Rabbiin karaa bahiinsa isaaf godhe. Innis, qaboo margaatin ykn harcummee xixxiqooleen ishii rukutuudha. Qaboo jechuun haala guutuu ta’een wanta harka namaa keessatti qabamuudha.

Seenaa Ayyuub aleyh salaam keessatti marsaa obsaa garmalee ulfaata ta’ee milkaa’innaan akka darbe ni hubanna. Kanaafi Rabbiin subhaanahu wa ta’aala isa faarse: “Dhugumatti, obsaa ta’uu isa arganne. Gabricha akkam tole! Dhugumatti inni baay’isee [gara Rabbii] deebi’aadha.

Guduunfaa:
✐Dhugumatti obsi nabii Ayyuub fakkeenya guddaa namaaf ta’a. Keessattu, namoota dhibee hamaan qabaman, maatii fi qabeenya dhabaniif fakkeenya guddaa ta’a. Nabii Ayyuub gara waggoota baay’eef dhibee cimaa dhibame. Haadha manaa isaa malee namoonni isarraa dheessan. Kanarratti dabalate, qabeenyaa fi maatii isaa ni dhabe. Ijoolleen jalaa duute. Mee itti yaadi guddinna rakkoo kanaa!
✐Nabii Ayyuub aleyh salaam qormaata kana hunda obsaan dabarse. Waa’ee Rabbii ilaalchisee yaada badaa hin yaanne. “Rabbiin maaliif kana natti hojjataa? Ana namaa gaarii hin turree?” jechuun hin nyakkisne. Kana hunda achi dhiisun murtii Rabbiitiif harka kenne, ni obse. Kanaafu, mindaan isaa maal ta’ee ree?
✐Addunyaa tana keessatti Rabbiin subhaanahu wanta isarraa fudhate isaaf deebise. Fayyaa, qabeenyaa fi maatii isaaf deebise. Aakhirattis sadarkaan isaa guddaadha.
✐Nabii Ayyuub namoota sammuu qabaniif fakkeenya guddaa ta’a. Namoonni sammuu waa hubattu qaban, obsa Nabii Ayyuub (aleyh salaam) ilaalun firii fi mindaa obsaa ni beeku. Kanaafu, rakkoo isaan qunnamuuf ni obsu.
✐Ammas seenaa Nabii Ayyuub irraa kana ni baranna: namni hanga fedhe gaarii fi Rabbiif kan ajajamu haa ta’u, addunyaa tana keessatti karaa adda addaatin ni qorama. Namni tokko “Ani nama hojii gaarii hojjatudha, rakkoon na hin tuqu” jedhee yaadu hin qabu. Kana irra, rakkoo irratti obsuuf of qopheessu qaba.
✐Yommuu rakkoon gurguddaan si qunnamu, Nabii Ayyuubin yaadadhu. Akkana jechuun ofitti hasaasi, “Nabii Ayyuubin balaan guddaan kana caalu isa qunname ture. Yeroo tokko keessatti dhibee cimaan ni qabame, qabeenya ni dhabe, ijoolleen jalaa dhumte. Inni kana hunda irratti jaalala Gooftaa isaa barbaadun waggoota baay’eef ni obse. Dhumarratti, mi’aa firii obsaa ni argate. Rakkoon kiyya rakkoo isaatin yommuu wal bira qabamu hangami? Dhugumatti, rakkoon kiyya xiqqaadha. Kanaafu, maaliif akka isaatti obsee mindaa hin argannee?”


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiir ibn Kasiir 6/429
[2] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-3/581
[3] Tafsiiru Qur’aanil Kariim- Suuratu Saad-fuula 184,Ibn Useymiin
Al-Akhlaaqul Islaamiyyatu wa ususuhaa-2/316-317

Print Friendly, PDF & Email
Tarkaanfi Gara Gammachuu-Kutaa 1
Fakkeenyota Ajaa'iba Balaa Irratti Obsuu-2

Leave a Reply