Tafsiira Suuratu Qaaf-Kutaa 2

Offline dubbisuf

Kaafironni namoonni du’an akkamitti kaafamu jechuun dinqisiifatan. Dhugumatti kuni beekumsa, dandeetti fi ogummaa Rabbii olta’aa wallaalu irraa burqa. Kutaa darbe keessatti beekumsi Rabbii waan hundaa akka marsee fi haguuge ilaalle jirra. Akka yaadachisaatti: “Dhugumatti, wanta dachiin isaan irraa hir’iftu beeknee jirra. Nu bira galmee tiiksatu jira.” Suuratu Qaaf 50:4

Keeyyattoota (aayaata) armaan gadi keessatti immoo dandeetti fi ogummaa Isaa ifatti baasa.

(6)-Sila gara samii gubbaa isaanii jirtu akkamitti akka ijaarree fi miidhagsine hin ilaallee? Uraa (qaawwa) homaatu hin qabdu. (7)-Dachii diriirsinee gaarreen gadi dhaabbatoo ishii keessatti darbine; akaaku [biqiltoota] babbareedoo hunda irraa ishii keessatti magarsine. (8)-Gabricha [gara Rabbii] deebi’u hundaaf hubachiisaa fi yaadachiisa.” Suuratu Qaaf 50:6-8

Uumamtoonni gurguddoon kunniin mallatoolee gara dandeetti, ogummaa, rahmata fi sifaata gurguddaa Rabbiitti akeekaniidha. Aayaata kanniin keessatti mallattooleen samiin wal qabatan sadii, mallatooleen dachiin wal qabatanis sadii dhufanii jiru.

Mallatooleen samiin wal qabatan:  1ffaa- Samii hangana bal’attu utubaa malee ijaaru fi olkaasu. 2ffaa- samiin gara hundaan qaawwi fi baqaqiinsi homaatu kan keessatti hin argamne ta’u. 3ffaa- Urjiileedhaan samii miidhagsuudha. Namni kanatti yommuu xinxalluu Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wanta hundaa irratti danda’aa akka ta’ee fi namoota du’an akka kaasu ni hubata.

Dachii keessas mallatoolee sadii dubbate: 1ffaa- jireenya lubbu-qabeeyyitiif akka mijooftuuf dachii diriirsu. 2ffaa-Dachiin akka hin sochoone gaarreen keessatti gadi dhaabu, 3ffaa- gosoota biqiltootaa garagaraa nama hawwatan dachii keessatti magarsu. Mallatooleen kunniin “Gabricha [gara Rabbii] deebi’u hundaaf hubachiisaa fi yaadachiisa ta’u.

At-Tabsiir– hubachiisu(akka hubatu gochuu), barsiisuu. Samii fi dachii keessatti mallattooleen Rabbii sifaata Isaa nama barsiisuu, ni hubachiisu. Nama isaanitti xinxalle sifaata Isaa hubachuutti isa qajeelchu. (Fakkeenyaaf, namni yommuu samii guddoo fi bal’oo, gaarreen fi biqiltootaatti xinxallu, amaloota Rabbii olta’aa hubata. Dandeettin, beekumsi, ogummaa fi rahmanni Rabbii guutuu akka ta’e ni beeka.  Samii fi dachii garmalee gurguddatan Kan uumee namoota du’an kaasun Isatti hin ulfaatu jechuun ni hubata.

Mallattoolee gurguddoo kanniin irraa barnoota fi hubannoo erga argatee booda isaan irra deddeebi’e ilaaluun yaadannoo isaaf ta’a. Yeroo jalqabaa wanta mallattoolee kanniin irraa baratee isa yaadachisuu.)

Namni xinxallaan akkuma samii fi dachii keessatti mallattoolee Rabbii ilaalun wanta haarawa irraa barata. Dhugaa Khaaliqa isaanii ilaalchisee beekumsa isaaf dabalu. Akkasumas, wanta duraan irraa barate, isa yaadachiisu. Haala kanaan, mallattooleen kunniin hubachiisa, barsiisaa fi yaadachiisa isaaf ta’u.[1] Garuu kana hunda kan hubatuu fi yaadatu nama yeroo hundaa gara Rabbii deebi’uudha. Mallattooleen kunniin nama Rabbiitti amanuu fi Isaaf ajajamutti deebi’u hundaaf hubachiisaa fi yaadachiisa ta’u. Nama hin amannee ykn irraa garagalee immoo homaa isaa hin fayyadan.

Itti aanse Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa dachii keessatti kunuunsa namootaaf godhee dubbata:

(9)Samii irraa bishaan barakaa qabu buufnee ashaakiltiwwanii fi midhaan haammamu ittiin biqilchine. (10)-Mukkeen temiraa dhedheeroo daraaraa walirratti kuufame qabanis [ni biqilchine]. (11)-Gabrootaaf soorata akka ta’uuf. Lafa duute isaan (bishaan roobaatin) jiraachifne. [Qabrii keessaa] bahuunis akkanuma.” Suuratu Qaaf 50:9-11

Akka lugaatti samii jechuun wanta gara gubbaa ykn olii ta’eedha. Barakaa jechuun kheeyri (waan gaarii) irraa daballi, baay’inna. “Samii irraa bishaan barakaa qabu buufnee… kana jechuun duumessa irraa bishaan faaydaa baay’ee qabu buusne. Bishaan kanaan ashaakilti mukkeen baay’ee qabanii fi midhaan facaafamaa haammamu biqilchine. Akkasumas, mukkeen temiraa dhedheeroo daraaraa walitti kuufame qabanis ni biqilchine.[2]

“Gabrootaaf soorata akka ta’uuf.” Kana jechuun gabrootaf soorata akka ta’uuf bishaan samii irraa buufnen ashaakiltiwwan, midhaanii fi temira biqilchine.[3]

Samii fi dachii keessatti hojiin mallattoolee fi qananii Rabbii maalidhaa?
Keeyyattoota armaan olii sirritti yoo itti xinxallinne Rabbiin kawni (yunivarsi) keessatti mallattolee fi qananii Isaa hojii gurguddaa lama qaban taasise:

1ffaa- Addunyaa keessatti jireenya namootaa itti fufsiisuu fi fooyyessu.Qananiiwwan Rabbiin uumee namoonni akka jiraatanii fi jireenya isaanii fooyyessan gahee ol’aana taphatu. Fkn, nyaataa dhugaati, uffata, mana ijaarrachu fi kkf. Mu’minas ta’e kaafiras ta’e namni sababa barbaachisu yoo hojjate, qananii kanatti ni fayyadama.  

2ffaa- Ragaalee isaaniitiin gara Rabbii olta’aa fi amaloota Isaa gurguddootti qajeelchu, ogummaa Rabbii fi kaayyoo namoota uumuu hubachiisuudha. Wantoonni Rabbiin uumee gara sifaata (amaloota) Isaatti nama qajeelchu, beekumsa, dandeetti, ogummaa fi tokkichummaa Isaa akka hubatan nama taasisu. Ergasii yaadachiisa namaaf ta’u. Kanaafu, dirqamni namoota irra jiru uumamtoota gurguddoo kanniinitti xinxalluun Rabbii isaanitti amanuu fi Isaaf ajajamuudha. Yoo akkana godhan Aakhiratti warra milkaa’an ta’u. Hojiin lammataa kuni fooyya’insa Aakhiraatin wal qabataa jechuudha. Namni kanarraa fayyadamu nama gara Rabbii deebi’uudha.  

Lafa duute isaan (bishaan roobaatin) jiraachifne.Kana jechuun bishaan samii irraa buufne kanaan lafa gogde tan midhaanii fi biqiltoonni irra hin jirree jiraachifne.

Yeroo roobaa ykn birraa lafti biqiltoota misoomanii fi magarisaan tan uwwifamteedha.Yeroo roobni dhabamu, biqiltoonni kunniin ni gogu. Sanyiin isaanii lafa keessa faca’a. Laftis gogdee biyyee taati. Ergasii Rabbiin rooba itti roobsun lafa gogdee duute tana ni jiraachisa. Kana jechuun biqiltoota lafa keessatti jiraachisa.

 “[Qabrii keessaa] bahuunis akkanuma.” Kana jechuun akkuma lafa duute tana bishaan roobaa kanaan jiraachifne, biqiltootaa fi midhaan ishii baafne, akkuma kana erga qaamni keessan bututee booda Guyyaa Qiyaamaas qabrii keessaa jiraattoota goone isin baafna.

Dachii keessaa namoonni du’an bahuun, sanyii midhaanii ykn hundee hidda biqiltootaa biyyee keessa faffaca’e irratti wanta adeemsifamuun wal fakkaata. Yeroo roobni dhabamu ykn yeroo bonaa lafti ni gogdi. Biqiltoonnis ni gogu. Sanyiin biqiltootaa biyyee keessa bittinaa’a. Biqiltuun sanyii hin qabne immoo hundeen hidda isaa biyyee keessatti bada. Yommuu roobni roobee biyyeen walitti makamuu fi bishaan sanyii ykn hundee hiddaa dhaqqabu, jireenyi biqiltuu isaan keessa naannawa. Kana jechuun sanyiin ykn hundeen hiddaa kuni lubbu-qabeenyi ta’uun lafa keessaa ol baha. Jirma, baalaa fi damee godhachuu ol guddata, ni dagaaga.  

Guyyaa Qiyaamaas namoota du’an jiraachisuun sanyii qaama isaanii irraa ta’a. Yommuu Rabbiin olta’aan bishaan samii irraa dachii irratti buusu, bishaan kuni biyyeen walitti makamuun sanyii qaamaa dhaqqaba. Ergasii wanti sanyii biqiltootatti ta’e, sanyii qaama namaa kanattis ni ta’a. Sanyiin qaama namaa kuni ni guddata, ni dagaaga. Ergasii Rabbiin Malaykaa xurunbaa afuufu akka afuufu ni ajaja. Innis ni afuufa. Ergasii ruuhiin gara qaama ishiitti seenti.

Sanyiin qaama lubbu-qabeenyi hundaa amaloota isaa hunda of keessatti qabate garaa ajbu az-zanabi (lafee eegee) jedhamtu keessa kan kaa’ameedha. Lafeen eegee (ajbu Az-zanabi) gonkumaa hin baddu. Gubbaan lafee tanaa osoo jijjiramelle keessi ishii gonkumaa hin jijjiramu, hin badu.[4]

Namoonni du’aan booda kaafamu shakkan haala du’aan booda itti kaafaman beeku yoo barbaadan, sanyii biqiltootaa haa ilaalan. Akkuma yeroo bonaa biqiltoonni goganii dameen, baalli, jirmii fi sanyiin isaanii biyyee keessatti bututuu fi bittinnaa’u, namnis erga du’ee booda rifeensi, gogaa fi lafeen isaa biyyee keessatti bututanii bittinnaa’u. Biqiltoonni dameen, jirmii, baalli fi sanyiin isaanii erga bututee fi bittinaa’e booda maaltu hafaa? Dhugumatti sanyiin ykn hundeen hiddaa ni hafa. Haaluma kanaan, rifeensi, gogaan, lafeen namaa erga bututanii booda, lafeen xiqqoon sanyii biqiltootaatin wal fakkaatu ni hafti. Lafeen xiqqoon tuni ajbu az-zanabi (lafee eegeeti). Lafeen eegee tuni lafee gara taa’a irratti argamtuudha.

Akkuma sanyii biqiltootaa irratti bishaan roobsun sanyiin kuni hiddaa fi jirma godhachuun lafa keessaa ol bahu, Guyyaa Qiyaamaas lafee eegee tana irratti bishaan roobsun qaamni namaa ni ijaarrama. Mee ilaali, Rabbiin subhaanahu sanyii biqiltuu xiqqoo tana irraa muka guddaa jirmaa fi damee qabu baasa. Guyyaa Qiyaamas lafee xiqqoo tana irraa qaama namaa harkaa lugaa, afaani funyaan qabu ijaara. Mee kana ilaalchise hadiisa keessatti wanta dhufe haa ilaallu:

Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Dhugumatti ilma namaa keessa lafee gonkumaa ardiin (biyyeen) hin nyaannetu jira. Guyyaa Qiyaamaa ishii irraa [qaamni ilma namaa] lamuu ijaarrama.” Namoonni ni jedhan, “Lafee tami (kami) Yaa Ergamaa Rabbii?” Innis ni jedhe, “Ajbu az-zanabi (lafee eegeeti)Sahih Muslim 2955 c

Qur’aana irraa kana ilaalchise aayata dabalataa ilaalun ni danda’ama:

30:19

Du’aa keessaa jiraataa baasa, jiraataa keessaas du’aa baasa, dachiis du’a ishiitiin booda ni jiraachisa. Akkuma kana isinis baafamtu.” Suuratu Ar-Ruum 30:19

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa du’aa keessaa jiraataa baasa, kan akka killee keessaa allaatti baasu, sanyii gogduu keessaa biqiltuu baasu. Ammas, jiraataa keessaa du’aa baasa, kan akka lukkuu keessaa killee baasu. Dachii duutes bishaan itti roobsun jiraachisa. Yaa namoota! isinis Guyyaa Qiyaamaa akkuma kana qabrii keessaa ol baafamtu.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa du’aa keessaa jiraataa baasu irratti Danda’aa waan ta’eef, Guyyaa Qiyaamaas lafee duute keessaa nama ni baasa. Akkuma bishaan itti roobsun sanyii biqiltuu gogduu taate irraa baala, jirmaa fi damee baase, Guyyaa Qiyaamaas bishaan itti roobsun lafee xiqqoo san irraa qaama namaa harkaa luka, afaani funyaan qabu baasa. Dachii keessatti qaama uumee erga guute booda xurunbaan akka afuufamu ajaja. San booda afuuffi kanaa irraa ruuhin qaamatti seenti. Ergasii qabrii keessaa ol yaa’un gara iddoo wal gahiitti oofamu.

Guduunfaa:
Du’aan booda kaafamuun haqa shakkiin keessa hin jirreedha. Namni kana yoo shakke waa afur haa ilaalu:
1ffaa-Beekumsa Rabbii subhaanahu wa ta’aalaa-Rabbiin wantoota hundaa waan beekuuf wanti Isa jala miliqu tokkollee hin jiru. Lakkoofsa namoota du’anii fi lafeen isaanii eessatti akka bittinoofte sirritti beeka.
2ffaa-Dandeetti Rabbii subhaanahu wa ta’aalaa- samii fi dachii garmalee gurguddatanii fi wantoota isaan keessa jiran Kan uumee namoota du’an kaasun Isa dhibaa?
3ffaa-Wantoota guyyaa guyyaan deddeebi’an ilaalu-innis biqiltoota goganii erga bututanii booda sanyii ykn hundee hiddaa irraa biqilchu fi magarsu. Kan sanyii gogduu biqiltootaa biliyoonatti lakkaawaman guyyaa guyyaan biqilchu, lafee xiqqoo namoota biliyoonatti lakkaawaman irraa qaama isaanii biqilchuun Isatti ni ulfaataa? Ammas, namoota guyyaa guyyaan dhalatan haa ilaalu. Copha bishaan saalaa xiqqoo irraa nama Kan uumee, lafee xiqqoo irraa lamuu uumuun homaa Isatti hin ulfaatu. Qur’aana keessatti: “Uumamni keessanii fi kaafamni keessan akka nafsee (lubbuu) takkatti malee homaayyu miti. Dhugumatti Rabbiin Dhagahaa, Argaadha.” Suuratu Luqmaan 31:28
4ffaa-Qorannoo fi jazaaf du’aan booda namoota yoo hin kaasin, isaan uumuu fi qormaatun tapha ta’a. Zaalimonni (namoonni cunqursaa hojjatan) zulmii isaaniitiif osoo hin adabamin du’aan baay’eedha. Namoonni cunqurfamaniis osoo haqa hin argatan du’an baay’eedha. Kunniin hundi akkanumatti du’anii achumaan ni baduu? Kuni gonkumaa hin ta’u. Kanaafu, zaalimonni akka adabamanii fi namoonni toltu hojjatan akka badhaafamaniif du’aan booda kaafamun dirqama.


Kitaabban wabii:
[1] Maariju at-tafkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi 3/39-40, Abdurahman Hanbakah
[2] Ma’aariju at-tafkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi 3/45, 59, Tafsiiru Muyassar-518
[3] Tafsiiru Xabari-21/414
[4] M’aariju at-tafkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi 3/63,60-70

Tafsiira Suuratu Qaaf-Kutaa 3
Tafsiira Suuratu Qaaf-Kutaa 1
Offline dubbisuf

Leave a Reply