Tafsiira Suuratu Qaaf-Kutaa 3

Offline dubbisuf

Kutaa darbe keessatti ragaalee du’aan booda kaafama agarsiisan erga dhiyeesse booda kutaa kana keessatti jechoota gaggabaaboon seena keessatti namoota sababa badii fi kufrii isaaniitiin addunyaa irraa xuruuraman dubbata. Itti aanse ragaa dabalata du’aan booda kaafama agarsiisu, eenyullee mormuu hin dandeenye dhiyeessa.

Isaaniin dura ummanni Nuuh, warri Eelaa (Biirii) fi Samuud kijibsiisan. Aad, Fira’awnaa fi obboleyyan Luuxis. Warri Bosonaa, ummanni Tubba’i, hundi isaanitu Ergamtoota kijibsiisan. Kanaafu, wa’iid (zaachan) Kiyya ni mirkanaa’e.” Suuratu Qaaf 50:12-14

Qureeshota irraa mushrikoota kanniin dura ummanni Nuuh, warri Eelaa, Samuud, Aad, Fira’awna, ummanni Luux, warri bosonaa, Ummanni Tubba’i kijibsiisanii jiru. Hundi isaaniitu Ergamtoota kijibsiisanii jiru. Zaachan Rabbiin sababa kufrii isaaniitif isaanitti zaate isaan irratti mirkanaa’e.[1]

Akkuma kutaa darbe keessatti ilaalle suuran tuni dhimmoota lama kaafironni dinqisiifatanii fi morman dhiyeessiti: 1ffaa-Isaan keessaa Ergamaan nama ta’e isaanitti dhufu. 2ffaa-Qaamni isaanii erga badee booda Guyyaa Qiyaamaa qorannoo fi jazaaf kaafamu

Aayaanni (keeyyattoonni) armaan olii kunniin dhimmoota sadii of keessatti qabachuun dhufan:
Dhimmi 1ffaan-Ergamaan Rabbii Muhammad (SAW) seenaa ilma namaa keessatti Ergamaa jalqabaati miti. Isa dura ergamtoonni baay’een ummattoota garagaraatti dhufanii jiru. Kanaafu, Ergamaan nama waan ta’eef wanti nama dinqisiisu hin jiru. Sababni isaas, uumamtoota Isaa keessatti kuni seera Rabbii deddeebi’uu fi hin jijjiramneedha. Akkasumas, wanta ogummaan walitti galuudha. Osoo Ergamaan nama hin taane dhufe, isa erguun ogummaa guutuu faallessa.

Sila Rabbiin azza wa jalla namoota irraa Nuuhin, Huudin, Saalih, Muusaa, Haarun, Luux, Shu’ayb hin erginee? Ergamtoonni kunniin hundi namoota turan. Kanaafu, dinqisiifachuun maaliif barbaachisee?

Dhimmi 2ffaan-Namoonni Ergamaa Rabbii Muhammadin (SAW) kijibsiisan seenaa ilma namaa keessatti namoota jalqabaati miti. Isaaniin dura ummattoonni baay’een ergamtoota isaaniitii fi oduu Guyyaa Murtii kijibsiisan darbanii jiru. Dubbiin isaanii dubbii namoota Nabii Muhammadin (SAW) kijibsiisaniin wal fakkaata. Yaanni, nafsee fi qalbiin isaanii wal fakkaatu.

Sila isaaniin dura ummanni Nuuh, ummanni Huud, Ummanni Saalih, Fira’awnaa fi ummanni isaa, ummanni Luux fi ummanni Shu’ayb hin kafarree?

Dhimmi 3ffaan: kijibsiistoota jalqabaa keessatti seerri Rabbii, kufrii isaanii yoo itti fufan, adabbii fi balleessuun isaanitti zaatuu fi haalli isaan irra gahan adabbii itti buusu yoo ta’ee zaachaa kana isaan keessatti hojii irra oolchudha. Kunis kan ta’u yommuu haalli isaanii haala abdi murachiisu ta’uu fi balleessaan isaanii dachii keessatti baay’atuudha.

Namoonni Muhammadin (SAW) kijibsiisan seerri Rabbii kuni isaan irratti hojii irra kan oolu ta’a. Kanaafu, yommuu haalli isaanii haala abdii murachiisaa irra gahee fi dachii keessatti balleessaan isaanii baay’ate badiinsa isaanii haa eegan.

Garuu haalli mushrikoota Nabii Muhammadin (SAW) kijibsiisanii sadarka kana irra hin geenye. Kanaafi, Rabbiin adabbii wali galaa isaan hunda balleessu isaanitti hin buusne. Kana irra, isaan keessaa namoota dhuunfaa adabe. Dirree lolaatti diinota Isaa irratti waliyyoota Isaa gargaare.

Seerota Rabbii keessaa seera kana asitti dhiyeessuun kijibsiistootaaf akeekachisaa fi zaachadha. Yeroo haalli isaanii sadarkaa adabbiin wali galaa isaaniif malu irra gahu, Rabbiin akkuma ummattoota darban balleesse isaaniis balleessa. Seera kana isaan irratti hojii irra oolchu irraa kan dhiifamanii miti. Seerri Rabbii jijjirraa hin qabu.

Rabbiin azza wa jalla aayaata tanniin keessatti ummattoota saddeet sababa kufrii fi balleessaa isaaniitiin badan ni dhiyeessa. Ummattoonni kunniin Ergamaan Rabbii akkuma isaanii nama ta’u ni dinqisiifatan, dhimma Guyyaa Murtii kaafamu ni fageessan (akka hin danda’amnetti ilaalan).

1-Ummata Nuuh-ummata jalqabaa Nabii Nuuhin kijibsiisaniidha. Du’aan booda kaafamu ni fageessan. Kanaafu, sababa kufrii isaanitiin dachii irraa ni xuruuraman (ni badan).
2-Warra Rass (eelaa)-Ergamaan isaan keessaa ta’e isaanitti dhufuu fi oduu du’aan booda kaafamu dinqisiifachuu keessatti haalli namoota kanaas haala ummata Nuuh (aleyh salaam) ta’uun waan hin hafneedha. Ergamaa Gooftaa isaanii irraa dhufe ni kijibsiisan. Kanaafu, warra badan keessaa ta’an.
3-Samuud– kuni ummata Nabii Saalih (aleyh salaam) itti ergameedha. Ergamaan isaan keessaa ta’e isaanitti dhufuu fi oduu du’aan booda kaafamu dinqisiifachuu keessatti haalli namoota kanaas haala ummata Nuuh (aleyh salaam) kan ta’eedha.  Iddoon jireenya isaanii lafa Arabaa irraa bakka Hijr jedhamtuudha. Yeroo ammaa مدائن صالح (Madaa’in Saalih) jedhamun beekkamti. Ummanni kuni Ergamaa isaanii ni kijibsiisan. Kanaafu ni badan.

4-Aad-kuni ummata Nabii Huud (aleyh salaam) ta’aniidha. Akkuma ummata Nuuh ergamaan isaan keessaa ta’e isaanitti dhufuu fi oduu du’aan booda kaafamu ni dinqisiifatan. Iddoon jireenya Aad lafa Arabaa irraa bakka Ahqaaf jedhamuudha. Ummanni kunis nabiiyyi isaanii waan kijibsiisaniif dachii irraa ni duguuggaman.

5-Fira’awna-asitti ummata osoo hin dubbatin Fira’wna qofa dubbate. Sababni isaas, ummanni isaa isa hordofu. Ilaalcha isaa malee ilaalcha biraa hin qaban. Osoo inni amane ni amanu turan. Inni ummata isaa hunda bakka bu’a. Yommuu jecha takka jedhu isaaniis ni jedhu. Fira’awnaa fi ummanni isaa Nabii Muusaa fi Haarunin waan kijibsiisaniif ni badan.

6-Ummata Luux-ummanni kuni ummata ganda iddoo galaana du’aa (dead sea) jirtu keessa jiraataa turaniidha. Ergamaa isaaniiti fi Guyyaa Qiyaamaa kijibsiisuu waliin badii fokkuu hojjachaa waan turaniif Rabbiin iddoo jireenya isaanii isaan irratti gadi garagalche. Balleessaa hamaa isaan balleesse.

7-Warra Bosonaa (As-haabul Aykati)-isaan kuni warra Madiyan jedhamuun beekkamu. Nabiyyiin isaanitti ergame Nabii Shu’ayb (aleyh salaam). Haalli isaaniis haalla ummata Nuuh, Aad, Samuuditi.
8-Ummata Tubba’i-Isaan kuni immoo Araba Yaman irraayyi. Tubba’i maqaa nama biyyoota Yaman hunda bulchaa tureef kennamuudha. Ummanni Tubba’is ergamaa isaanitti ergamee ni kijibsiisan.

hundi isaanitu Ergamtoota kijibsiisan. Kanaafu, wa’iid (zaachan) Kiyya ni mirkanaa’e.”

Ummanni armaan olitti eeraman hundi Ergamtoota Rabbiin isaanitti erge ni kijibsiisan. Kanaafu, zaachaa fi adabbiin Rabbii isaan irratti bu’e. Zaachan kuni zaacha ergamtoonni Gooftaa isaanii isaan akeekachiisaa turaniidha. Kanaafu, dhugaa ta’ee argame. Warri beekumsa qabu ittiin gorfamu.[2] Wa’iid-zaachaa, itti dhaadachu, adabbii waadaa galuufi.

Jalqaba uumuu Kan danda’e lamuu deebisuun itti ulfaataa?

50:15

Sila uuminsa jalqabaatiin ni dadhabnee? Lakki! Isaan uuminsa haarawa irraa shakkii keessa jiru.” Suuratu Qaaf 50:15

Uumama jalqabaa homaa hin turre uumuu dadhabnee jirraa? Ergasii erga badanii booda isaan deebisuu ni dadhabnaa?

Dhugumatti beekumsa Rabbii keessatti malee hundemaa uumamtoonni uumamuun dura kan hin jirre turan. Ergasii haala qadaa fi qadaraan walitti galuun uuminsi jalqabaa ni guuttamee. Kanaafu, uumama jalqabaatin uumamtoonni dhimma dhugaan mul’atan ta’an. Khaaliqni guddaan olta’e uumamtoonni kan hin jirree erga ta’anii booda uumama jalqabaa argamsiisu irraa dadhabee jiraa?  Deebiin kanaa: Dhugumatti Khaaliqni uuminsa jalqabaa keessatti uumamtoota argamsiisu hin dadhabne.

Yeroo jalqabaa nama uumuu Kan hin dadhabne akkamitti lamuu isa uumuu dadhabaa? Lakki, kuni Isa hin dadhabsiisu. Garuu isaan dhimma du’aan booda kaafamuu ilaalchisee dhama’iinsaa fi shakkii keessa jiru.

Namoonni du’aan booda kaafamu kijibsiisan Rabbiin subhaanahu jalqaba uumuu akka hin dadhabne kan shakkanii miti. Garuu qabrii isaanii keessatti erga badanii fi bututanii booda uumiinsa haarawa isaan uumuu irratti Dandeetti Rabbii irraa shakkii keessa jiru.

Namoonni kunniin Khaaliqni uumiinsa jalqabaa keessatti kan hin dadhabne ta’uu yoo amanan, uuminsa lammataa (haarawaa) keessattis kan hin dadhabne ta’uu amanuun isaan irraa eeggama. Kuni wanta dirqamaan barbaachisuudha.

Wanta tokko jalqaba irratti uumuu kan danda’e, wanti suni erga badeen booda deebisee uumuu irratti danda’aadha.[3] Mobaayili jalqaba hojjachuu kan danda’e, lamuu hojjachuu ni dadhabaa?

Khaaliqni guddaan waan hundaa irratti danda’aa ta’e namoota jalqaba uumee ergasii lamuu isaan uumuu ni dadhabaa? Gonkumaa hin dadhabu. Kutaalee qaamaa xixxiqoo hunda dachii keessa badan tokkoon tokkoon walitti qabuun qaamatti deebisee qaama guutuu ijaarun akka ulaagaatti hin kaa’amu. Kana irra, qaama isaanii irraa haftee hin banne “Ajbu az-zanabi (lafee eegee)” jedhamtu gahaadha. Lafeen tuni lafee xiqqoo gara taa’aa irratti argamtuudha. Akkuma maniyyi (ispermii) xiqqaa irraa qaama guutuu kana ijaare, yeroo kaafamaas lafee xiqqoo tana irraa qaama guutuu ijaara.

Guduunfaa
✒Ummattoonni darban sababa Ergamtoota isaaniitii fi du’aan booda kaafamu kijibsiisaniif addunya tana irraa ni xuruuraman (ni badan). Guyyaa Murtii immoo adabbii san caalutu isaan eeggata. Kanaafu, namoonni sammuu qaban isaan irraa barnoota fudhachuun wanta isaan hojjatan hojjachu irraa of eegu.
✒Uumamtoota jalqaba uumuu Kan danda’e, erga badanii booda lamuu isaan uumuu ni dadhabaa?
✒Erga du’anii booda namoota lamuu uumuun wanta Rabbiin irratti ulfaatu miti. Baay’ee salphaadha. Qur’aana keessatti: Inni uuminsa Kan jalqabu, ergasii deebisuudha. Suni (deebisuun) Isa irratti baay’ee salphaadha.” Suuratu Ar-Ruum 30:27


[1] Tafsiiru Muyassar-518 [2] Ma’aariju at-tafkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi 3/72-79[3] Tafsiiru Muyassar-518, Ma’aariju at-tafkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi 3/80-82, Tafsiiru Xabarii-21/420

Tafsiira Suuratu Qaaf-kutaa 4
Tafsiira Suuratu Qaaf-Kutaa 2
Offline dubbisuf

Leave a Reply