Tafsiira Suuratu Qaaf-kutaa 4

Offline dubbisuf

Du’aan booda kaafamuu ragaaleen erga mirkaneessee booda, itti aansun qorannoo fi jazaaf wanta barbaachisu dubbate. Dhugumatti, ilma namaa qorachuu fi jazaa isaaf kafaluuf hojiin isaa galmaa’u qaba. Aayaata armaan gadi keessatti dhugaa kana ifa baasa:

(16)-Dhugumatti, nama uumneerra. Wanta nafseen isaa isaatti hasaastus ni beekna. Nuti hidda dhiigaa caalaa gara isaatti dhiyoodha. (17)-Mirgaa fi bitaa irra taa’anii yeroo fuutonni lamaan [jecha fi hojii] fuudhan. (18)-Namni jecha homaatu hin dubbatu isa bira tiiksaa [galmeessuf] qophaa’e yoo jiraate malee.” Suuratu Qaaf 50:16-18

“Dhugumatti, nama uumneerra.”
Khaaliqni guddaan ilma namaa kana haala ajaa’ibaa irratti erga uumee, wanta isa keessatti adeemsifamu, hojii fi dubbii isarraa bahu, hasaasa nafsee fi yaada sammuu hunda beeka. Uumaan wanta uumee sirritti beeka. Bakka biraatti ni jedha:

67:14

Inni kan uume hin beeku sila? Inni Al-Laxiif, Al-Khabiir.” (Suuratu Al-Mulk 67:14) “Inni kan uume hin beeku sila?” kana jechuun sila Khaaliqni uumamtoota Isaa hin beekuu? Uumamtoonni keessa ofiitu kan hin beekne ta’uu danda’u. Garuu Uumaan akkamitti isaan wallaalaa? Hidda dhiigaa qaama keeti hunda kan uume, qalbii, qoma, sammuu fi kutaalee qaama kee hunda kan uumee Isa. Inni akka hargantu waan si dandesiseef ni harganta, kutaaleen qaama keetii akka hojjatan kan taasise Isa. Kanaafu, akkamitti wanti dhoksitan, ifa baastanii fi qoma keessan keessa jiru Isarraa dhokataa? Kana waliinu, “Inni Al-Laxiif, Al-Khabiir” dha. Hiika Al-Laxiif keessaa tokko, wantoonni hanga fedhan haa xiqqaatan ykn haa haphatan, wanta hundaa kan beekudha. Xiqqeenya irraa kan ka’e, wantoonni ija namaatin hin mul’anne baay’etu jiru. Wantoota kanniin hunda Rabbiin Guddaan ni beeka. Beekumsi Isaa wantoota hunda dhaqqaba. “Al-Khabiir” jechuun immoo keesso fi iccitii wantoota hundaa kan beekudha. Dhimma keessaa fi garmalee dhokate hunda beeka.*

“Nuti hidda dhiigaa caalaa gara isaatti dhiyoodha.” Beekumsa keenyaan hidda dhiigaa caalaa isatti dhiyoodha.

Kuni kan agarsiisuu beekumsi Rabbii waan hunda kan haguuge ta’uudha. Wanta namni nafsee ofii keessatti hasaasu fi sammuu keessatti yaadu hunda ni beeka. Dubbii ifatti dubbatuu fi hojii hojjatu immoo daran beeka. Kuni namni Gooftaa isaa irraa akka saalfatu fi wanta Inni hin jaallanne yaadu fi hojjachuu irraa akka of eegu isatti akeeka. “Rabbiin wanta ani qalbii kiyya keessatti dhoksee hunda ni beeka” jechuun yoo amane, wanta badaa irraa of qusata.

Beekumsa Isaa waan hundaa haguuge waliin Rabbiin malaykoota lama hojii fi dubbii namaa galmeessan kaa’e jira:

“Mirgaa fi bitaa irra taa’anii yeroo fuutonni lamaan [jecha fi hojii] fuudhan.”

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa yeroo malaykoonni lama mirgaa fi bitaa irra taa’anii jechaa fi hojii nama fuudhan hidda dhiigaa caalaa isatti dhiyoodha. Malaykaan tokko gara mirgaa namaatin taa’un hojii gaarii galmeessa. Malaykaan biraa immoo gara bitaatin taa’un hojii badaa galmeessa. Malaykoonni kunniin hanga du’aatti isarraa addaan hin bahan. Qa’iid-kan namatti maxxanu, isarraa adda hin bahu.[1]

 “Namni jecha homaatu hin dubbatu isa bira tiiksaa [galmeessuf] qophaa’e yoo jiraate malee.”

Namni jecha homaatu hin dubbatu isa bira malaykaan jecha isaa eeguu fi galmeessu yoo jiraate malee. Inni malaykaa nama waliin jiru kanaaf qopheefameedha. Akkuma Rabbiin olta’aan jedhe:

Dhugumatti, isin irra eegdotatu jira. Kabajamoo barreessitoota ta’an. Wanta isin hojjattan hunda ni beeku.” Suuratu Al-Infixaar 82:10-12   

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa nama hundaafu malaykoota lama bitaa mirgaan kitaaba Guyyaa Qiyaama isaaf kennamu keessatti jecha fi hojii isaa galmeessan ramadee jira. Guyyaa Qiyaamaa kitaabni kuni isaaf kennamuun akkana isaan jedhama:

17:14

Kitaaba kee dubbisi. Har’a ati mataan kee of irratti herregaa ta’uuf gahaadha.” Suuratu Al-Israa 17:14

Guyyaa Qiyaamaa kitaabni hojiin namootaa keessatti galmeefame haala lamaan isaaniif kennama:
1-Gareen tokko kitaabni isaanii gara fuula duraatin mirga isaaniitiin isaaniif kennama. Isaan kuni mu’mintoota (warra dhugaan Rabbii olta’aatti amananii fi Isaaf ajajamaniidha).
2-Gareen biraa immoo gara dugdaatiin bitaa isaanitiin kitaabni isaaniif kennama. Isaan kuni kaafirota (namoota Rabbii olta’aatti hin amanne fi Isaaf hin ajajamne).

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa malaykoota lamaan kanniin amaloota afuriin ibse:
Amala 1ffaa: wanta namni hojjatu fuudhanii galmeessu. Akka meeshaa waraabbi wanta namni hojjatu fi dubbatu galmeessuti. Kaameraan wanta namni hojjatu fi dubbatu hunda fuudhee ulfaatinna tokko malee galmeessa. Malaykoonnis ulfaatinna tokko malee wanta namni hojjatu fi dubbatu fuudhanii galmeessu. Tarii namni dhokatee yakka hojjachuu danda’a. Garuu osoo inni hin argin kaameraan bakka wayiitti suuqame hojii isaa hunda galmeessa. Nuti malaykoota ijaan arguu hin dandeenyu. Garuu isaan bakka nuti hin argine irraa dubbii fi hojii keenya ni galmeessu. Kanaafu, namni hojii fi dubbii isaa keessatti of eeggachuu qaba.
Amala 2ffaa: Bakka wayii ta’uun nama waliin taa’u, isatti maxxanu, isarraa adda hin bahan. Malaykan tokko gara mirga isaatiin, kan biraa immoo bitaa isaatin taa’a.
Amala 3ffaa: Tiiksadha. Kana jechuun hojii fi dubbii nama irraa bahu galmeessuuf dammaqinnaan kan eegudha.
Amala 4ffaa-Qophaa’adha. Kana jechuun hojii isaa hojjachuuf garmalee cimaa fi kan qophaa’edha.[2]

Namni wanta dubbatuuf akka qabamuu hadiisa keessattis dhufee jira: Mu’aaz akkana jechuun Ergamaa Rabbii (SAW) gaafate: Yaa Nabiyyii Rabbii! Sila nuti wanta dubbannuuf ni qabamnaa?” Nabiyyinis ni jedhan: Yaa Mu’aaz!Haati tee si hin argatin. Haamaa arraba isaanii malee wanti biraa namoota fuula isaaniitiin ibiddarratti gonbisuu ni jiraa?” Ibn Maajah 3973, Jaami’u Tirmizi 2626

Haamaa arrabaa-kana jechuun dubbii badii fi Rabbiin faallessuun keessa jiru irraa wanta arrabni isaanii haammate. Kuni arraba haamtun, dubbii immoo wanta haamamuun wal fakkeesse. Akkuma beekkamu haamtun midhaan faayda qabus ta’i dobaa miidhaa qabu ni haamti. Haaluma kanaan arrabnis dubbii faayda qabuu fi dubbii miidha qabu ni dubbata.

Hadiisa sahiih ta’e keessatti Ergamaan Rabbiin (SAW) akkana jedhan: “Dhugumatti, namni tokko osoo xiyyeefannoo itti hin kenniin jecha Rabbiin gammachiistu ni dubbata, sababa saniin Rabbiin sadarkaa isaa olkaasa. Osoo xiyyeefannoo itti hin kenniin namni tokko jecha Rabbiin dallansiistu ni dubbata, sababa saniin Jahannam keessatti darbama.” Sahiih Al-Bukhaari 6478


[1] Tafsiiru Xabarii-21/422, Tafsiiru Muyassar-519, Ma’aariju at-tafkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi 3/88
[2] Ma’aariju at-tafkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi 3/89-90
*Tafsiiru Sa’dii-fuula 1034, Ma’aarij Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabbur 14/623, Bidaa’u Tafsiir-ibn Al-Qayyim 3/173 https://www.englishtafsir.com/Quran/67/index.html#sdfootnote21sym

Tafsiira Suuratu Qaaf-Kutaa 5
Tafsiira Suuratu Qaaf-Kutaa 3
Offline dubbisuf

Leave a Reply