Tafsiira Suuratu Qaaf-Kutaa 5

Offline dubbisuf

Dhugumatti namni qoratamuu fi jazaa guutuu argachuuf riqicha tokko darbu qaba. Riqichi (dildilli) kuni maal akka ta’e beektu? Dhugumatti, riqichi kuni du’a. Riqicha kana erga ce’ee booda yeroo muraasaf ni tura. Ergasii kaafamuun gara iddoo qorannootti oofama. Aayaatni (keeyyattonni) armaan gadi dhugaa kana ifa godhu:

(19)-Machiin du’aa haqaan dhufte. “Kuni waan ati irraa dheessaa turteedha.” [jedhama]. (20)-Xurunbaan ni afuufama. Suni Guyyaa wa’iidati. Nafseen hundi oofaa fi ragaa bahaan ishii waliin ta’ee ni dhufti. (21)-Dhugumatti kana irraa gaflaa keessa turte. Haguuggi kee sirraa saaqna, kanaafu har’a argituun tee qara.” Suuratu Qaaf 50:19-21

“Machiin du’aa haqaan dhufte” Jabeenyi fi haguuggin du’aa haqa deebisuu fi jalaa miliquun hin jirreen dhufte. Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) yommuu duuti itti dhuftu, harka bishaan keessa kaa’un fuula isaa ittiin haxaawuun akkana jedhe: “Laa ilaah illallah (Dhugaan Gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru.) Dhugumatti duuti machii qabdi.” Sahiih Al-Bukhaari 6510

“Haqaan” hiika lama qaba:
1-Machiin du’aa du’a haqa ta’een dhufte. Duuti haqa eenyullee hin shakkineedha. Osoo jireenya jaallachuun irraa dheesseyyuu duuti haqa ta’u ni mirkaneefata.
2-Machiin du’aa dhimma Aakhirah irraa haqaan isatti dhufte. Dhimma Aakhirah irraa wanta duraan namaaf ifa hin taane machiin du’aa isaaf ifa gooti. Yeroo du’aatti haqni Rabbiin waadaa galee isatti mul’ata. Aa’ishah irraa Muslim akka gabaasetti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Namni Rabbiin qunnamuu jaallate, Rabbiinis isa qunnamu jaallata. Namni Rabbiin qunnamu jibbe, Rabbiinis isa qunnamu jibba.” Aa’ishaanis ni jette, “Yaa Nabiyyii Rabbii! Sila du’a jibbuudhaan moo? Nu hundu du’a jibbina.” Nabiyyinis ni jedhan: “Akkasi miti. Garuu mu’minni yommuu rahmata Rabbiitiin, jaalalaa fi Jannata Isaatiin gammachiifamu, Rabbiin qunnamu jaallata. Rabbiinis isa qunnamu jaallata. Kaafirri immoo yommuu oduun adabbii Rabbii fi dallansuu Isaa isatti himamu, Rabbiin qunnamu jibba. Rabbiinis isa qunnamu jibba.” Sahiih Muslim 2684

“Kuni waan ati irraa dheessaa turteedha.” Kana jechuun kuni du’a irraa dheessaa turteedha. Kunoo amma sitti dhufe, jalaa miliquu fi sokkuun hin jiru.[1] Namni akka hin duunef yommuu dhukkubsatu qoricha fudhata, mana yaalaa deema. Yommuu beela’uu fi dheebotu akka hin duunef ni nyaata, ni dhuga. Wanta du’atti nama geessu hundarraa dheessa. Garuu yommuu yeroon du’aa dhufu, gonkumaa du’a jalaa dheessu hin danda’u. “Kunoo duuti ati irraa dheessaa turte haqaan sitti dhufte” isaan jedhama. Du’uu jechuun achumaan baduu osoo hin ta’in ruuhin qaama irraa addaan bahuun hanga yeroo murtaa’e bakka tokko turuudha. Hanga yeroo murtaa’e erga turanii booda qorannoo fi jazaaf gara jireenya lammataatti kaafamu. Kunis yeroo xurunbaan si’a lammataaf afuufamuudha:  

“Xurunbaan ni afuufama. Suni Guyyaa wa’iidati.” Kana jechuun kaafamaaf afuuffin lammataa ni afuufama. Suni Guyyaa Rabbiin kaafiroota akka adabu waadaa galeedha. Jecha biraatin Guyyaa adabbiin waadaa galame itti argamuudha.[2] Wa’iid-zaachaa, itti dhaadachu, adabbii waadaa galuufi.

“Nafseen hundi oofaa fi ragaa bahaan ishii waliin ta’ee ni dhufti.” Nafseen hundi malaaykan lama ishii waliin ta’ee dhufti. Malaaykan tokko gara iddoo wali gahiitti (mahasharaatti) oofa, kan biraa immoo wanta addunyaa keessatti hojjatteen ragaa irratti baha.[3] Ergasii nama Guyyaa Qiyaamaa kijibsiisaa fi irraa garagalaa tureen akkana jedhama:

Dhugumatti kana irraa gaflaa keessa turte. Haguuggi kee sirraa saaqna, kanaafu har’a argituun tee qara. Kana jechuun addunyaa irratti Guyyaa kana irraa gaflaa keessa turte. Gaflaa jechuun wanta tokkotti xiyyeefannoo kennu dhiisudha. Guyyaa kana kan itti hin amannee fi isaaf hin hojjannee turte. Haguuggi qalbii, dhageetti fi argituu kee haguuge sirraa saaqna. Haguuggin kuni fedhii lubbuu, faaya addunyaa, sobaa fi kkf ni dha.

Namni Guyyaa Murtii kijibsiisuu jireenya addunyaa keessatti fedhiin lubbuu fi dharraan isaa ko’oomsanii jiru. Mallattoolee Rabbii samiii fi dachii keessa jiranitti xiyyeefannoo hin kenniine. Ragaalee Guyyaa Qiyaamaa agarsiisanii fi keeyyattoota (aayaataa) Rabbii bu’an irraa ni garagalee, irraa dheesse. Kanaafu, ni jallate, gheybi (wanta hin mul’annetti) hin amanne.

Garuu Guyyaa kaafamu Rabbiin argituu isaa haguuggamte irraa ni saaqa. Kanaafu, wanta Guyyaa Murtii adeemsifamu sirritti arga. Guyyaan kuni jireenya qormaataa keessa osoo jiru kan inni kijibsiisaa tureedha.[4]

Guyyaa Qiyaamaa namoonni duraan kafaran (amanu didan), “Rabbii keenya! Argine, dhageenye. Kanaafu, hojii gaarii hojjannaa nu deebisi. Dhugumatti, nuti amma dhugaan amannee jirra.” Jedhu. (Suuratu As-Sajdah 32:12) Garuu kuni homaa isaan hin fayyadu. 

Namni Guyyaa Qiyaamaatti hin amanne erga wanta hundaa sirritti argee booda, gara qorannoo fi jazaa isaaf kafaluutti dabarfama:

50:23

Qindiin isaa (malaykaan) ni jedha, “Kuni wanta na biratti qophaa’edha.” Suuratu Qaaf 50:23

Malaykaan addunyaa irratti namatti qindaa’un ykn maxxanuun hojii badaa namni hojjatu galmeessaa ture, Gooftaa isaatiin ni jedha: wanta itti na ramadde barreessee jira. Kunoo hojii badaa isaa irraa kuni wanta ani isa irratti galmeessedha. Galmeen kuni osoo homaa hin hir’isinii fi itti hin dabalin kan qophaa’ee na biratti argamuudha.”[5] Ergasii Rabbiin azza wa jalla haqaan ni murteessa. San booda akkana jechuun malaykoota lamaan ajaja:

(24)-Nama akkaan kafaraa, haqa didaa hunda Jahannam keessatti darbaa. (25)-Garmalee kheeyri kan dhoorgu, daangaa darbaa, shakkisiisaa [ta’e darbaa]. (26)-Kan Rabbiin waliin gabbaramaa biraa godhe. Kanaafu, adabbii garmalee cimaa keessatti isa darbaa.” Qaaf 50:24-26

Kaafirri Jahannam keessatti akka darbamu ajajame kuni amaloota armaan gadi qaba:
Amala 1ffaa– “Kaffaar”- kana jechuun garmalee kan kafaruu, badii baay’ee hojjatuu. Haalli nama baay’isee kafaruu yommuu qoratamu, inni nama ragaaleen iimaanaa isaaf dhiyeefamanii ragaalee kanniin dhoksee fi awwaaledha. Nafsee isaa irratti dhiibbaa akka hin geessineef ragaalee kanniin ni dhoksaa, irraa garagala. Ragaalee kanniin yoo fudhate ni amana. Erga amanee booda iimaanni (amanuun) fedhii isaa akka faallessu isa dirqisiisa. Inni kana hunda waan hin barbaanneef haqa kijibsiisa. 

Amala 2ffaa-“Aniid” kana jechuun osoo haqa beeku kan faallessu. Akeekachisni adabbii isatti dhufa, garuu xiyyeeffannoo itti hin kennu. Haqa fudhachuu diduu itti fufa. Osoo beeku sobaan haqa Rabbiin irraa dhufe faallessa.

Amala 3ffaaKheeyri (waan gaarii) kan dhoorguudha– kana jechuun inni doy’a qaama, qabeenyaa fi sadarka isaa irraa homaayyu hin baasnedha. Karaa namoota toltuu hojjatanii keessa taa’uun hojii gaarii hojjachu irraa isaan dhoowwa.

Akkasumas, ergaan Rabbii namoota keessa babal’achuu irraa ni dhoowwa. Sababni isaas, haqaa fi wanti gaariin namoota keessa babal’achuun aangoo inni gabroota Rabbii irratti qabuu fi mirga isaanii sarbuu isa jalaa miliqsa. Karaa yakka isaa addaan kuta. Sababa kana hundaaf jazaa Rabbiitti hin amanu.

Amala 4ffaa-“Mu’atad” kana jechuun daangaa darbaadha. Inni kheeyri dhoorgu qofatti of hin qusatu. Kana irra, haqa namootaa irratti daangaa darba. Qabeenya isaanii jalaa saama, kabaja isaanii keessattis isaan arrabsa, maqaa xureessa. Qaama isaanis ni rukuta, ni madeessa, ni ajjeesa. Loluun midhaanii fi beelladoota balleessa.

Amala 5ffaa“Muriib” (Nama shakkiitti nama darbu)- jechi “muriib” jedhu xumura “أرابَ (araaba)” jedhu irraa baafame. Araaba jechuun shakkisiisu, akka shakku taasisuudha. Rabbii fi Guyyaa Aakhiratti kafaruu qofarratti hin dhaabbatu. Kana irra, dhara isaatti fayyadamuun qalbii namootaa keessatti shakkii darbuuf carraaqa. Dubbii faayun namoonni amantii haqaa (Islaama) akka shakkan taasisa.

Amala 6ffaa: “Rabbiin waliin gabbaramaa biraa godhe.” Kana jechuun Rabbii gaditti wanta biraa gabbara (waaqefata). Inni mushrika.

Namni amalli isaa kana ta’e adabbii Jahannamitti akka darbamu isaaf hin maluu? Rabbiin azza wa jalla akka isa darban malaykoota lamaan ajaja: “Kanaafu, adabbii garmalee cimaa keessatti isa darbaa.” [6]


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Muyassar-519, Ma’aariju at-tafkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi 3/94-95, Zaadul Masiir-1341, Ibn Al-Jawzi
[2] Tafsiiru Qurxubii-19/443, Zaadul Masiir-1341
[3] Tafsiiru Muyassar-519
[4] Tafsiiru Sa’dii-950, Ma’aariju at-tafkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi 3/99-101
[5] Zaadul Masiir-1342, Ma’aariju at-tafkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi 3/102
[6] Ma’aariju at-tafakkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi 3/108-110

Tafsiira Suuratu Qaaf-Kutaa 6
Tafsiira Suuratu Qaaf-kutaa 4
Offline dubbisuf

Leave a Reply