Tafsiira Suuratu Qaaf-Kutaa 6

Offline dubbisuf

Namni addunyaa tana keessa yommuu jiraatu uumamtonni gosa lamaa kan inni ijaan hin agarre isatti qindaa’u. Uumamni tokko hojii isaa kan galmeessu yommuu ta’u, uumamni biraa immoo wanta badaatti kan isa kakaasu fi waamudha. Kutaa darbe keessatti malaykoonni lama nama waliin ta’uun hojii namaa akka galmeessan ilaalle jirra. Kuni haqa hin jijjiramneedha. Gama biraatin sheyxaanni badiitti nama kaasu nama waliin jira. Akka dhiigni qaama keessa naanna’utti nafsee namaa keessa deemun baditti waama. Mee wanta sheyxaanni kuni Guyyaa Murtii jedhu haa ilaallu.

(27)-Qindiin isaa (sheyxaanni) ni jedha: Gooftaa keenya! Ani akka daangaa darbu isa hin taasifne. Garuu inni jallinna fagoo keessa ture.” (28)– [Rabbiin] ni jedha, “Na biratti wal hin falminaa. Ani dursee wa’iid (zaacha) gara keessaniitti ergee jira. (29)-Jechi Na biratti hin jijjiramu, Anis gabroota kan miidhu miti.” Suuratu Qaaf 50:27-29

Asitti qindiin sheyxaana addunyaa keessatti isatti qindaa’aa, isatti hasaasaa, kufrii fi badii hojjachuutti isa kakaasaa tureedha. Sheyxaanni kuni nama kana waliin adabbii cimaatti akka darbamu yommuu argu, yakka nama jallisuu irraa of qulqulleessuuf carraaqa. Akkana jechuun lallaba: “Gooftaa keenya! Ani akka daangaa darbu isa hin taasifne. Garuu inni jallinna fagoo keessa ture.” kana jechuun Gooftaa keenyaa! Hanga kufriitti kufuu akka inni daangaa darbu isa hin taasisne. Garuu daangaa qajeelinnaa fi iimaanaa irraa jallinna fagoo keessatti isa argadhe. Kanaafu, ani isa hordofee isatti hasaasu jalqabe.

Wal falmiin sheyxaanaa fi kaafira jidduutti ni uumama. Akka waan kaafirri hiriyyaa isaa sheyxaanan akkana jedhuuti: “situ hasaasaa fi dharraasisuu sobaa keetiin daangaa akka darbu na taasise.” Sheyxaannis isaan ni jedha: Situ jallinna fagoo keessa ture. Ani si irratti aangoo (too’annaa) hin qabu ture. Garuu si affeeraa ture, ati immoo naaf awwaatte.” Isaan lamaan jidduutti falmii fi mormiin ni cima.[1] Ergasii Rabbiin olta’aan ni jedha:

“Na biratti wal hin falminaa. Ani dursee wa’iid (zaacha) gara keessaniitti ergee jira.”

Kana keessa faaydan waan hin jirreef bakka qorannoo fi jazaatti Ana biratti wal hin falminaa. Nama kafaree fi Na faallesseef Aakhiratti adabbii Kiyya arraba Ergamtoota irratti isinitti beeksiisee jira. Adabbii namoota kafaraniif qopheesse kitaaba buusuu fi Ergamtoota erguun isinitti beeksiisee jira.

“Jechi Na biratti hin jijjiramu,” Mindaa fi adabbii irraa wanta waadaa galee keessatti jechi Na biratti hin jijjiramu.[2]Anis gabroota kan miidhu miti.” Kana jechuun badii nama biraatin nama tokko hin adabu. Badii nama tokko nama biraa irratti hin baachisu. Ragaan erga irratti dhaabbate booda badii isaatin malee isa hin adabu.[3]

Jannani Warra Taqwaa qabaniif dhiyeefamu

(30)-Guyyaa Jahannamin, “Guuttamtee?” jennuun, ishiinis “Dabalanni jiraa?” jettu. (31)-Jannanis namoota Rabbiin sodaataniif ni dhiyeeffamti, fagoo miti. (32)Nama gara Rabbii deebi’aa, tiiksaa ta’e hundaaf, ‘Kuni wanta waadaa galamtaniidha.’ [jedhama]. (33)-Nama gheybiitti Rahmaanin sodaatee fi qalbii deebituun dhufe. (34)-Nagahaan ishii seenaa. Suni Guyyaa hafiinsaati. (35)-Achi keessatti isaaniif wanta fedhantu jira. Nu bira dabalanni jira.” Suuratu Qaaf 50:30-35

Guyyaa Murtii kaafironni Jahannamitti akka darbaman ni ajajamu. Erga darbamanii booda marsaan Jahannam itti gaafatamtu ni dhufa: “Guuttamtee jirtaa?” Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa jinni fi namoota irraa Jahannamiin akka guutuu murteessee jira.

Jechi Gooftaa keeti, “Dhugumatti wali gala jinnootaa fi namoota irraa ta’aniin Jahannamiin Nan guuta” jettu guuttamtee jirti.” Suuratu Huud 11:119

Jahannam lubbuu tan hin qabne haa taatuyyu malee Rabbiin waan hundaa dubbachiise ni dubbachiisa. Kuni Isarratti ulfaataa miti.
Rabbiin azza wa jalla Jahannamin akkana jedha: “Guuttamtee jirtaa?
Jahannamis ni jetti: “Dabalanni ni jiraa?

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa guuttamu ykn guuttamu dhiisu ni beeka. Garuu namoota achi keessa seenaniif waqqasaa fi jibbiinsa dabaluufi.[4]

“Jannanis namoota Rabbiin sodaataniif ni dhiyeeffamti, fagoo miti.”
Jannanii bakka isaan irraa fagoo hin taanetti namoota Rabbiin sodaataniif ni dhiyeefamti. Kanaafu isaan Jannata ni argu. Gammachuun isaaniif dabalama.[5]

Jannani tuni kitaaba Rabbiin buusee fi arraba Ergamatoota irratti wanta isaaniif waadaa galameedha. Haa ta’uu malee, waadaan kuni namoota hundaaf waadaa kan galamee miti. Garuu nama amaloota gaggaarii aayaata (keeyyattoota) tanniin keessatti dhufan qabaateef waadaa galamte:

Amala 1ffaa:Awwaab– gara Rabbii deddeebi’aa nama ta’e. Akkuma badiin isa irraa mul’atuun tawbaan, gaabbii fi araarama kadhachuun gara Rabbii baay’isee deddeebi’a. Akkasumas, dafee gara Rabbii deebi’a. Ma’asiyaa (badii) hojjachuu itti hin fufu.[6]

Amala 2ffaa: “Hafiiz (tiiksaa)”- wanta Rabbiin itti ajaje iklaasa fi haala guutu ta’een hojjachuun kan eegudha (Fakkeenyaf salaata iklaasa fi sirnaan salaatu itti fufa, gonkumaa addaan hin kutu). Akkasumas, daangaa Rabbii ni eega. Nafsee ofii badiitti mucucaachu irraa ni tiiksa. Qalbii, nafsee fi yaada isaa wanta gara Rabbiitti nama dhiyeessuun soora.

Namni qabeenya isaa tiikfatu, rakkoo fi balaan itti bu’uu ni sodaata. Kanaafu, balaan akka itti hin buune ni tiiksa, akka baay’atuus xiyyeeffannoo itti kenna. Namni tiiksaa ta’ees qalbii isaa badii irraa ni tiiksa, ishii qulqulleessuu fi fooyyessuuf carraaqa.

Amala 3ffaa: Gheybiitti Rahmaanin sodaachu- kuni hiika lama qaba: 1ffaa-Osoo ati Rabbiin ijaan hin argin Isa sodaachu. Isaan wal qunnamuun dura addunyaa keessatti Rabbiin sodaachun Isaaf ajajamuu fi ajaja Isaa hordofuu. 2ffaa- Rabbiin malee bakka dhoksaa eenyullee hin argineetti Rabbiin sodaachu.[7]

Amala 4ffaa:qalbii deebituun dhufuu”- kana jechuun qalbii gara Gooftaa isaatti deebitun, badii irraa tawbatteen, araarama kadhatteen, gadi of qabdee fi sodaattu taateen du’a isaatiin booda gara Gooftaa isaatti nama dhufeedha.[8] Jecha biraatin nama qalbiin isaa badii irraa tawbattee Guyyaa Qiyaamaa Rabbiin qunnameedha. (Akka kaafiraa osoo hin tawbatin nama du’e miti.)

Namoota amaloota kanniin qabaniin akkana jedhama: “Nagahaan ishii seenaa.” Kana jechuun Jannata nagahaan seenaa. Sababni isaas, isaan adabbii Rabbii irraa nagaha ta’anii jiru.[9] Erga achi keessa seenanii boodas yaaddo, gadda, jijjirrama fi badii irraa nagaha ta’u.

Suni Guyyaa hafiinsaati.” Kana jechuun Guyyaan warri Jannata keessa seenan guyyaa zalaalamii dhuma hin qabneedha. Jannata keessa erga seenanii achi keessa yeroo hundaa jiraatu, gonkumaa hin du’an, achi keessaa hin bahan, gara biraattis jijjiramu hin barbaadan. “Achi keessatti isaaniif wanta fedhantu jira.” Wanti fedhiin isaanii itti rarraate hundi achi keessatti argama. “Nu bira dabalanni jira.” Wanta isaaniif kennine irratti dabalatee qananii dabalaatu jira. Kana keessaa hundarraa guddaa kan ta’e gara Fuula Rabbii olta’aa ilaaludha.[10]

Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) akkana jedhan: “Yommuu warri Jannataa Jannata seenan, Rabbiin tabaaraka wa ta’aalaa ni jedha: isiniif dabalaa waa ni barbaadduu?” Isaanis ni jedhu: Fuula keenya hin ibsinee, ibidda irraa nu baraarun Jannata nu hin seensifnee?” Ergasii Inni (Rabbiin) haguuggi ni saaqa. Gara Gooftaa isaanii jabaa guddaa ta’e ilaalu caalaa wanti isaan biratti jaallatamaa ta’e isaaniif hin kennamne.” Sahiih Muslim 181 (Rabbii isaanii ilaalun wanta hunda caalaa isaan biratti garmalee jaallatamaa kan ta’eedha.) Qur’aana keessatti:

“Fuulli [gariin] Guyyaa san ni ifu. Gara Gooftaa isaanii ilaalu.” Suuratu Al-Qiyaamah 75:22

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa rahmataa fi tola Isaatiin warra kana keessaa nu haa taasisu.


[1] Ma’aariju at-tafkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi 3/108-110[2] Zaadul Masiir-1343[3] Tafsiiru Muyassar-519, Tafsiiru Xabarii-21/443[4] Ma’aariju at-tafkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi 3/113, Zaadul Masiir-1343[5] Tafsiiru Muyassar-519[6] Ma’aariju at-tafkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi 3/116[7] Tafsiiru Sa’dii-951, Tafsiiru Xabarii-21/453, Tafsiiru Qurxubii-19/455[8] Ma’aariju at-tafkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi 3/117[9] Zaadul Masiir-1344[10] Ma’aariju at-tafkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi 3/113, Tafsiiru Ibn Kasiir 7/19, Tafsiiru Sa’dii-952

Tafsiira Suuratu Qaaf-kutaa 7
Tafsiira Suuratu Qaaf-Kutaa 5
Offline dubbisuf

Leave a Reply