Tafsiira Suuratu Qaaf-kutaa 7

Offline dubbisuf

Namoonni yommuu qabeenya baay’ee fi humna cimaa horatan, balaa kamiyyuu akka ofirraa deebisan godhanii yaadu. Kanaafi, dachii keessatti wanta fedhan hojjachuu fi daangaa darbu barbaadu. Seenaa keessatti dhaloonni qabeenyaa fi humna ofii dinqisiifachuun daangaa darban, ergasii addunyaa irraa badan baay’eedha. Qabeenyi fi humni isaanii homaa isaan hin fayyanne. Dhaloota sababa badii isaaniitiin addunyaa tana irraa duguugaman irraa barnoota baay’ee fudhanna. Qur’aanni seenaa isaanii dhiyeessun namoota ittiin gorsa. Mee haa ilaalu.

“Isaan dura dhaloota baay’ee humnaan isaan irra ciccimoo ta’anii fi biyyoota keessa abuuran balleessine. Miliquun jiraa? Dhugumatti, kana keessa nama qalbii qabuuf yookiin kan argamuu ta’ee gurra itti kenneef yaadachiisatu jira.” Suuratu Qaaf 50:36-37

Qureeshota irraa mushrikoota kanniin dura dhaloota baay’ee balleessinee jirra. Dhaloonni badan kunniin Qureeshota Muhammadin (SAW) kijibsiisan caalaa humnaan ciccimoodha. “biyyoota keessa abuuran…” Kana jechuun rizqii barbaaduuf, daldalaaf biyyoota keessa deddeeman. Humna cimaa qabaniin dachii keessatti qonna, biqiltoota dhaabu, ijaarsa, gaarreen jala qotu, jogolaa (dallaa) fi mooraa dhaabu ni hojjatan. Kanaafu, Qureeshota caalaa dachii keessatti haftee ni hanbisan, lafa ni misoomsan.[1]

Yommuu isaan Ergamtoota Rabbii kijibsiisanii fi keeyyattooota Rabbii morman, Rabbiin adabbii laalessaa fi cimaan isaan qabe. Kanaafu, “Miliquun jiraa?” Kana jechuun yeroo adabbiin Rabbii isaanitti bu’uu jalaa dheessu danda’anii jiru? Bakka itti dheessan argatanii jiruu? Samii fi dachiin hundii too’annaa Rabbii jala osoo jiranuu akkamitti bakka itti dheessan argachuu danda’uu? Qabeenyi isaan walitti qabanii fi humni isaanii isaan fayyadee jiraa? Adabbii isaan irraa deebisee? Qabeenyi, humnii fi ijoolleen isaanii homaa isaan hin fayyanne. Isin hoo yoo Rabbiin faallessitanii fi ajaja Isaatiif buluu diddan, qabaa fi adabbii Isaa jalaa miliquu dandeessuu?

Dhugumatti, kana keessa nama qalbii qabuuf yookiin kan argamuu ta’ee gurra itti kenneef yaadachiisatu jira.”

Dhugumatti dhaloota darban balleessu keessa nama qalbii ittiin waa hubatuu qabuuf yookiin qalbii isaatiin kan argamuu ta’ee sirritti dhageefatuuf gorsaa fi barnootatu jira.[2]

Akkuma beekkamu oduun dhaloota darban balleessuu dhufee jira, hafteen iddoo jireenya isaanii akka badan agarsiisu ragaa baha. Oduu fi hafteen isaanii kuni kan ittiin gorfaman ta’a. Namni badiinsa isaanii kana yaadannoo isaa keessatti galche, qalbiin isaa gorsaan sochooti. Kanaafu, adabbii Rabbii irraa sodaachuun gorfamee kufrii fi kijibsiisu isaa irraa ni buqqa’a. Garuu gorsii fi yaadachiisni bu’aa fidu kuni argamuuf dhimmoota lamaan keessaa tokko argamuun ni barbaachisa:

Dhimmi 1ffaan-namni qalbii dammaqxuu, xinxallituu fi gabroota Isaa keessatti seera Rabbii beekuuf fedhii qabdu qabaachu. Nama kana qalbiin isaa dammaqxuu fi xinxallitu taate isa qajeelchiti. Ammaa amma seera Rabbii yaadanno isaa keessatti fida. Haala kanaan ammaa amma gorsa isaaf ta’a. (Dhaloota dachii irraa badan yommuu ilaalu sababa akka badan isaan taasise itti xinxalla. Sababni kunis kufrii fi badii hojjachuudha. Kanaafu, sababa kufrii fi badii isaanitiin adabbiin isaanitti bu’e isattis akka hin buune, kufrii fi badii irraa buqqa’uun gara Rabbii isaa deebi’a.)

Dhimmi 2ffaan-Keeyyattoota dhaloota badan kanniin nama yaadachisaniif gurra isaa itti kennuuf qophii ta’uu.[3] (Yommuu oduun dhaloota darban kana dubbatamu gaafila ta’ee osoo hin ta’in xiyyeefannoo itti kenne dhageefachuudha. Qur’aana keessatti oduun namoota badan kanaa dhufe jira. Kanaafu, badiinsi dhaloota darbanii kuni yaadachisaa fi barnoota namaaf ta’uuf keeyyattoota Qur’aana waa’ee isaanii dubbatanii dammaqinnaan dhageefachu ykn dubbisuu barbaachisa.)

Kana haala kanaan guduunfu dandeenya: jalqaba oduu dhaloota badanii xiyyeefannoon ni dhageefata. Ergasii itti xinxalluun barnoota irraa fudhata. Akka adabbiin isatti hin buunef hojii isaan hojjatan hojjachuu irraa of qusata.

Dadhabbiin Homaatu Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa hin tuqu

50:38

Dhugumatti samiiwwanii fi dachii akkasumas wantoota isaan lamaan jidduu jiran guyyoota jaha keessatti uumnee jirra; dadhabbiin homaatu Nu hin tuqne.” Suuratu Qaaf 50:38

Kana keessa du’aan booda kaafamu mirkaneessutu jira. Sababni isaas, Samii torbaa fi dachii uumuu Kan danda’ee fi isaan uumuu hin dadhabne, dhugumatti namoota du’an jiraachisu irratti caalatti danda’aadha. Qur’aana keessatti:

46:33

Rabbiin Kan samiiwwanii fi dachii uume, isaan uumuu keessatti Kan hin dadhabin du’aa jiraachisuu irratti danda’aa akka ta’e hin arginee sila? Eeyyen! Dhugumatti Inni waan hundaa irratti Danda’aadha.” suuratu Al-Ahqaaf 46:33

Ammas aayan suuratu Qaaf armaan oli tuni Yahudootaa fi Kiristaanota Rabbiin samii fi dachii erga uumee booda boqonnaa fudhate jedhan irratti deebii deebisti. Qataadan ni jedha: Yahuudonni-abaarsi Rabbii isaan irratti haa jiraatu-ni jedhan: Rabbiin samii fi dachii guyyaa jaha keessatti uume. Ergasii guyyaa torbaffaa ni boqate. Kuni guyyaa Sabti (Sanbataati). Isaan guyyaa boqonnaa (ayyaanaa) jechuun waamu. Rabbiin wanti isaan jedhan kijiba akka ta’e ibsuuf aayah tana ni buuse.[4]dadhabbiin homaatu Nu hin tuqne.”

Dhugumatti, Yahuudonni fi Kiristaanonni kijibanii jiru. Hanga boqonnaatti hajamuu wanti Rabbiin dadhabsiisuu fi akka ifaaju taasisu hin jiru. Uumamtoonni waan dadhabaniif boqonnaatti hajamu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa waan hin dadhabneef boqonnaatti hin hajamu. Wanta tokko yoo fedhe ajajni Isaa “Ta’i” jechuu qofa. Wanti sunis yoosu ta’a (argama).

Kabaja Isaaf maluu Rabbiin hin kabajne. Nafsee ofiitiin wal bira qaban. Wanta isaan jedhan irraa Rabbiin olta’iinsa guddaa olta’ee. Wanta isaan jedhan irraa Inni qulqullaa’e.[5]

Wanta jedhan irratti obsi, biiftun bahuun duraa fi lixa [ishiitin] dura faaruu Gooftaa keetitiin [Isa] qulqulleessi. Halkan irraa fi sujuuda boodas Isa qulqulleessi.” Suuratu Qaaf 50:39-40

Yaa Rasuula! Wanta kijibsiiftonni jedhan irratti obsi. Dhugumatti Rabbiin isaan ilaala. Biiftun bahuun dura Isa faarsun Gooftaa keetiif salaata subii salaati, aduun seenun duras salaata Asri salaati. Halkan irraayis salaati. Salaata boodas faaruu Gooftaa keetitiin Isa faarsi.[6]

Mushrikoonni wanta badaan Ergamaa Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) yakkaa turan. Isa arrabsaa fi dubbii badaa isatti dubbataa turan. Kanaafu, Rabbiin akka dubbii isaanii kana irratti obsuu Nabiyyi ajaje. Ajajni kuni jalqaba nabiyyiif haa ta’uu malee hordoftoota isaa hundaaf kan ta’uudha. Keessumaayyuu namoota gara Islaamatti waamaniif (daa’iwwaniif) kan ta’uudha. Ergasii itti aanse wanta obsarratti nama jabeessu ni dubbate. Innis Rabbiin faarsu waliin Isa qulqulleessudha. Kunis yeroo salaataa fi salaata booda kan ta’uudha.

Faarsu waliin Isa qulqulleessun kan ta’uu sifaata (amaloota) gugguutuun Isa faarsuu fi amaloota hanquu hundarraa Isa qulqulleessudha. Fakkeenyaf akkana jechuu: Subhaanallahi walhamdulillah (Rabbiin qulqullaa’e, faarun hundi kan Rabbiiti), Subhaanallahi wabihamdihi.


[1] Tafsiiru Xabarii-21/460, Tafsiiru Tahriir wa tanwiir-26/323, Tafsiiru Ibn Kasiir 7/21, Tafsiiru Sa’dii-952[2] Tafsiiru Muyassar-520[3] Ma’aariju at-tafkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi 3/123-124[4] Tafsiir Ibn Kasiir-7/22[5] Ma’aariju at-tafkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi 3/126-127 [6] Tafsiiru Muyassar-520

Tafsiira Suuratu Qaaf-Xumura
Tafsiira Suuratu Qaaf-Kutaa 6
Offline dubbisuf

Leave a Reply