Zakaatul Fixr

Offline dubbisuf

Bismillah! Ramadaanni yommuu xumura irra gahuu dhimma barbaachisaa keessaa tokko zakaatul Fixriidha. Barruu tana keessatti haala gabaabaan waa’ee zakaatul fixr ni ilaalla.

Jalqaba Zakaa jechuun maal jechuudhaa?
Akka lugaatti, zakaa jechuun barakaa (daballii, baay’inna), dagaaginsa, qulqullinna, fooyya’iinsa.
Akka shari’aatti zakaa jechuun qabeenya adda baafame irraa, yeroo murtaa’aa keessatti bakka murtaa’etti qooda kennamuudha.

Qoodni qabeenya irraa baafamu kuni zakaa jedhamee kan waamameef qabeenya irraa baafamee kana ni dabala, badii irraa eega. Ammas, nafsee nama zakaa kennuu qulqulleessa.[1] Akkuma Rabbiin olta’aan jedhe:

Sadaqaa ittiin isaan qulqulleessituu fi isaaniif dabaltuun qabeenya isaanii irraa fuudhi.” Suuratu At-Tawbah 9:103

 Kanaafu zakaan doy’ummaa, xurii badii fi kkf irraa nama qulqulleessa. Akkasumas, qabeenya ni dabala, barakaa itti godha.

Zakaan nama ulaagaalee zakaa itti kennan guute hunda irratti dirqama (waajiba). Arkaana Islaamaa keessaa arkaana sadaffaadha. Namni “Zakaan dirqamaa miti” jedhee morme akka kafaru beektonni irratti wali galanii jiru. Namni dirqama zakaatti amanuu waliin zakaa kennu dide immoo nama ma’asiyaa (badii) guddaa hojjate ta’a.

Qabeenya irraa zakaa baasun dirqama kan ta’uu ulaagaaleen armaan gadii yoo guuttamaniidha:
1-Qabeenyi gosa zakaan dirqama itti ta’e keessaa ta’uu. Kunis gosa afuri: Gosti 1ffaan: midhaanii fi sanyii lafa keessaa ol bahu. Kan akka qamadii, garbuu, ruuza fi temira. Gosti lamaffaan: beelladota manaa. Isaan kuni horii, re’ee, hoolaa, gaala. Gosti sadaffaan: warqii fi meeta. (Yoo nisaaba geesse maallaqa waraqaa irrattis zakaan dirqama.) Gosti afraffaan: meeshaalee daldalaa.[2]

2-Qabeenyi nisaaba gahuu-kana jechuun hamma zakaan itti dirqama ta’u gahuu. Namni hamma kana hin qabne ykn hamma kanaa gadi qabaate, zakaan isarratti dirqama miti. Nisaabni garaagarummaa qabeenyaa irratti hundaa’e garagara. Fakkeenyaaf, nisaabni gaalaa shan. Kana jechuun gaala irraa zakaa baasuf xiqqaate xiqqaatu gaala shan qabaachu barbaachisa. nisaabni horii soddoma, kan hoolaa fi re’ee immoo afurtama (40). Nisaabni warqii giraama 85, nisaabni meetaa immoo giraama 595.

3-Qabeenya kanatti guutumatti abbaa itti ta’uu. Kana jechuun qabeenyi kan isaa ta’uu.

Kuni zakaa qabeenya irraa wagga waggaan bahuudha. Namni caalatti hayyoota gaafachun zakaa kana wagga waggaan baasuf haa carraaqu.

Zakaatul Fixr maalidhaa? Sila zakaan kuni fi zakaatul fixr tokkoo?
Zakaatul Fixr sadaqaa yeroo sooma Ramadaanaa dhumarratti kennamuudha. Fixr jechuun sooma hiikudha. Kanaafu zakaatul fixr sadaqaa yeroo sooma hiikkaa kennamu jechuu dandeenya. Zakaan qabeenya irraa baafamu dirqamaa fi arkaana Islaamaa keessaa tokkoodha. Zakaatul fixris dirqama, garuu arkaana Islaamaa keessaa tokko miti. Zakaan qabeenya irraa baafamu ulaagaalee armaan olii fi kanneen biroo qaba. Zaakatul fixr immoo ulaagaalee kanniin hundaa guutuun hin barbaachisu. Fkn, zakaatul fixr baasuf qabeenyi nisaaba gahuun hin barbaachisu. Namni wanta halkanii guyyaa nyaatu yoo qabaate, zakaatul fixr isarratti dirqama.

Ibn Umar (radiyallahu anhumaa) ni jedha: Ergamaan Rabbii (SAW) temira Saa’a takkaa ykn garbuu Saa’a takkaa akka zakaatul Fixritti kennamu Muslimoota irraa nama bilisaa yookiin gabricha, dhiira yookiin dubartii hunda irratti dirqama godhee jira.” Sahiih Al-Bukhaari-1504

Ibn Munzir ni jedha: warra beekumsa qaban irraa namni beekumsa irraa haffaznu (qabannu) hundi sadaqaan sooma hiiku (zakaatul fixr) dirqama akka ta’e irratti wali galanii jiru. (Al-Ijmaa’u-Ibn Munzir-fuula 49)

Zakaatul Fixr maaliif barbaachisee?
Zakaatul fixr kaayyoo lama qaba:
1ffaa-Namoota harka qalleeyyi gargaarun guyyaa iida isaan gammachiisu fi kadhachutti akka hin hajamne taasisuudha.

2ffaa-Dubbii badaa fi faayda hin qabne yeroo soomaa itti kufe irraa nama soomu qulqulleessa. Namni yeroo soomaa hammi inni dubbii fi hojii badaa irraa of qabuu baay’ee xiqqaadha. Kanaafu zakaatul fixr karaa hanqinnaa fi dilii kana itti haaqu ta’aaf. Abdullah ibn Abbaas (radiyallahu anhu) ni jedha: Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) nama soomuuf dubbii qullaa fi badaa irraa qulqullinna akka ta’uu fi hiyeeyyiif nyaata akka ta’uuf zakaatul fixr dirqama godhan. Namni salaata [iidaatiin] dura kenne, suni zakaa fudhatamtuudha (qeebalamtuudha). Namni salaata booda kenne immoo suni sadaqaa akkuma sadaqaa birooti.” Sunan Abu Daawud 1609

Zakaatul Fixr eenyurratti dirqamaa?
Zakaatul Fixr nama ulaagaaleen armaan gadi guute irratti dirqama:
1-Islaama: sababni isaas zakaatul fixr wanta gara Rabbii subhaanahu wa ta’aalaa ittiin dhiyaatan keessaa tokkoodha. Akkasumas, nama soome dubbii badaa irraa qulqulleessa. Kaafirri warra kanarraa miti. Garuu Aakhiratti dhiisu isaatiif ni adabama. Kanaafi, hadiisa ibn Umar armaan oli keessatti, “…Muslimoota irraa” jedhe. Akka beektota harka caalaatti Islaamni sharxii (ulaagaa)dha. Faallaa kanaa, warra mazhaba Shaafi’i biratti firoota isaa Muslima ta’an irraa zaakatul fixr kafaluun kaafira irratti dirqama.

2-Zakaatul Fixr baasu irratti dandeetti qabaachu:
Daangaan dandeetti kanaa: halkanii fi guyyaa iidaa hamma ofii fi maatii isaa nyaachisu ol isa bira jiraachudha.

Gabaabumatti, namni humna ofii fi maatii ofii ittiin gargaaru qabu zakaatul fixr ofii fi namoota inni baasi irratti baasu, kanneen akka niiti, ijoollee isaati fi tajaajiltota isaa irraa zakaatul fixr baasun dirqama.[7]

Gosoota nyaataa zakaatul fixr irraa baafamu
Zakaatul fixr wanta Muslimoonni nyaatan irraa baafama. Kan akka garbuu, qamadii, temira, ruuza, xaafii, boqoolloo, shunburaa, misira, baaqelaa, harcee (daaku) fi kkf[3]

Akka beektota (aalimota) harka caalatti zakaatul fixr mallaqaan kennuun hin hayyamamu. Sababn isaas, kuni faallaa wanta Ergamaan Rabbii (SAW) itti ajajaniiti. Nabiyyiin (SAW) wanta nyaatamu kennuutti ajajan. Maallaqa kennuutti hin ajajne. Zakaatul fixr ibaadaa waan ta’eef ibaadan akkaataa itti ajajamaniin hojjatan. Kanaafu, uzrii (rakkoo) tokko malee gara maallaqaatti dabuun hin barbaachisu.

Nama hundarraa hammi dirqamaa zakaatul fixr:
Nama tokkoon tokkootif hammi dirqamaa zakaatul Fixr: wanta namoonni nyaatan irraa Saa’a tokko baasudha. Saa’a tokko gara kilo 2.4. Kana jechuun kilogiraama lamaa fi giraama afurtama.[4] Beektonni biroos saa’an kilogiraamaan yommuu madaalamu 2.157 jedhanii jiru, ammas gariin kiloogiraam sadii jedhan. Sababni garaagarummaa kanaa Saa’a madaalaa hangaa osoo hin ta’in madaala qabee waan ta’eefi.[5] Saa’an wanta akka quccubalii (xaasaa) midhaan ittiin safaraniidha. Beektonni madaala hangaatin kan tilmaamaniif akka namootaaf salphatuufi. Akka biyya keenyaatti kilogram 2.5 baasu. Kana ilaalchise wanta aalimman biyyatti jedhan hordofu barbaachisa.  

Zakaatul Fixr yoom baafamaa?
Zakaatul Fixr salaata iidaatiin dura baasuun dirqama. Ibn Umar ni jedha: “Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) namoonni gara salaatatti bahuun dura zakaatul fixr akka kennamu ajajanii jiru.” Sahiih Al-Bukhaari 1509

Waqtiin zakaatul fixr dirqama ta’uu itti jalqabu Ramadaana irraa guyyaa dhumaa aduun itti seentudha. Ramadaana irraa guyyaa isa dhumaa aduun erga seente booda nama jiru hundarratti zakaatul fixr baasun dirqama. Kanarratti hundaa’un osoo namni tokko guyyaa dhumaa aduun seenun dura du’e, zakaatul fixr isarraa baasun dirqama miti. Garuu aduun erga seente booda yoo du’e, zakaatul fixr isarraa baasun dirqama.

Sababni aduun erga seente booda dirqama itti ta’eef waqtiin kuni yeroo Ramadaana hiikun itti jalqabuudha.[6]

Zakaatul Fixr waqtii dirqamaa isaatiin dura baasun ni danda’ama:
Ramadaana hiikun dura guyyaa tokko ykn guyyaa lama dursanii zakaatul fixr kennuun ni danda’ama. Naafi’i akkana jedha: Ibn Umar zakaatul fixr namoota fudhaniitti kennaa ture. Namoonni zakaatul fixr iidaan dura guyyaa tokko ykn lamaan dura kennaa turan.” Sahiih Al-Bukhaari 1511

Yeroon darbuun zakaatul fixr ni hafaa?
Beektonni akka irratti wali galaniitti yeroon darbuun zakaatul fixr hin hafu. Sababni isaas, eeggumsa isaa jalatti namoota haqa godhataniif dirqama ta’e jira. Idaa (dayni) isaaniif ta’e kan yoo kafalan malee hin hafneedha. Sababni isaas, zakaatul fixr haqa gabrichaati. Garuu yeroo isaa irraa tursiisuun haqni Rabbii tawbaa fi araarama kadhachuun malee hin guuttamu.[7]

 (Zakaatul fixr gama tokkoon haqa gabrichaa waan ta’eef yeroon osoo darbeellee kennuun dirqama. Gama biraatin ajaja Rabbii waan ta’eef haqa Isaati. Namni uzrii (rakkoo) tokko malee yeroo zakaatul fixr yoo dabarse, cubbamaa ta’a. Kanaafu, tawbaa fi istighfaara (araarama kadhachuu) isa barbaachisa.)

Namoota Zakaatul Fixr fudhatan
Zakaatul fixr namoota hiyeeyyii ta’aniif kennama.[8] Hadiisa armaan olii keessatti, Abdullah ibn Abbaas (radiyallahu anhu) ni jedha: Ergamaan Rabbii (sallalahu aleyh wassallam) nama soomuuf dubbii qullaa fi badaa irraa qulqullinna akka ta’uu fi hiyeeyyiif nyaata akka ta’uuf zakaatul fixr dirqama godhe.” Sunan Abu Daawud 1609

Hiyyeessa tokko ol hiyeeyyi baay’eef zakaatu fixr qoqoodun ni danda’ama. Akkasumas, zakaatul fixr baay’ee walitti qabuun hiyyeessa tokkoof kennuun ni danda’ama.[9] Hiyyeeyin naannoo isaa yoo hin jirre bakka hiyeeyyin jiranitti erguu danda’a.


Kitaabban wabii:
[1] Sahihu Fiqhu Sunnaah-jildii 2ffaa, fuula 5 Abu Maalik
[2] Majaalisu shahri Ramadaan– ibn Useymiin fuula 114-119,
https://islamqa.info/en/answers/49632/the-difference-between-zakaah-on-wealth-and-zakaat-al-fitr
[3] https://islamqa.info/en/answers/124965/types-of-food-that-may-be-given-as-zakat-al-fitr
[4] Majaalisu shahri Ramadaan– ibn Useymiin fuula 211,
Essentials Of Ramadhan By Taajuddin B.Shu’aib (fuula 124)
[5] https://islamqa.info/en/answers/49793/how-much-zakaat-al-fitr-is-and-when-it-should-be-paid
[6] Majaalisu shahri Ramadaan– ibn Useymiin fuula 211
[7] Sahihu Fiqhu Sunnaah-jildii 2ffaa, fuula 84-85 Abu Maalik
[8] The Concise Presentation of the Fiqh of the Sunnah and the Noble Book-304,
[9] Majaalisu shahri Ramadaan– ibn Useymiin fuula 212

Faaydaa fi Mindaa Soomaa
Offline dubbisuf

Leave a Reply