Tafsiira Suuratu Qaaf-Xumura

Kunoo Suuratu Qaaf, boqonnaa bareeddu osoo ilaallu as geenye. Dhugumatti boqonnaan tuni shakkii fi dhama’iinsa baay’ee saaqxi. Gaafi, “Namni erga bututee daaraa ta’e booda ni kaafamaa?” jedhuuf deebii gaha deebisti. Namoota qorachuuf jecha du’aan booda kaasun dirqama erga ta’ee wanta qorannoo fi murtiif barbaachisu ni ibsiti. Har’a kutaa xumuraa suuratu Qaaf ni ilaalla.

(41)-Guyyaa lallabaan iddoo dhiyoo irraa lallabuu dhageefadhu. (42)-Guyyaa dhugaan iyyansa dhagahan, suni Guyyaa [qabrii keessaa] bahiinsaati. (43)-Dhugumatti Nuti ni jiraachisna, ni ajjeesna, deebiin dhumaa garuma Keenya. (44)-Guyyaa dachiin isaan irraa babbaqaqxu, ariitidhaan [ishii keessaa ol yaa’u]. Suni walitti qabuu Nurratti salphaa ta’eedha.” Suuratu Qaaf 50:41-44

Guyyaa lallabaan namootatti dhiyoo ta’ee lallabuu lallaba isaa dhageefadhu. Namoonni akka walitti qabamaniif malaykaan ni lallaba. Lallabni kuni namoota hunda dhaqqaba.

 “Guyyaa dhugaan iyyansa dhagahan.” Kana jechuun afuuffi lammataa xurunbaan afuufamu haqa shakkiin keessa hin jirreen Guyyaa dhagayan. Akkuma namni rafe hirriba keessaa dammaqu Guyyaa iyyansa kana dhagayan namoonni du’anis ni jiraatu. “suni Guyyaa [qabrii keessaa] bahiinsaati.” Guyyaan lallabbi fi Guyyaan iyyansa dhagahan guyyaa qabrii keessaa bahuuti.[1]

“Dhugumatti Nuti ni jiraachisna, ni ajjeesna, deebiin dhumaa garuma Keenya.” Kana jechuun dhugumatti, Nuti jiraattoota ni ajjeefna, warra du’anis ni jiraachifna. Qorannoo fi jazaaf Guyyaa Qiyaamaa gahuumsi hunda isaanii garuma Keenya.[2] Ergasii namni hundu wanta hojjateef qoratame mindaa ykn adabbii argata.

“Guyyaa dachiin isaan irraa babbaqaqxu, ariitidhaan [ishii keessaa ol yaa’u].” Rabbiin jabaan guddaa ta’ee rooba qaamni uumamtoota hundaa qabrii isaanii keessatti ittiin margu samii irraa buusa. Akkuma sanyiin midhaanii bishaaniin margitu, qaamni isaaniis ni marga (ni biqila). Yommuu qaamni guutuu ta’e, Rabbiin Israafilin xurunbaa akka afuufu ajaja. Innis ni afuufa. Ruuhin qaawwa xurunbaa keessa kaa’amte jirti. Yommuu Israafil xurunbaa afuufu, ruuhin achi keessaa bahuun samii fi dachii jidduu balaliiti. Rabbiin Jabaan guddaa ta’e ni jedha: jabeenyaa fi guddinna Kiyyaan kakadhe! Dhugumatti, ruuhin hundi qaama duraan keessa jiraachaa turtetti ni deebiti.” Kanaafu ruuhin hundi qaama ishiitti ni deebiti. Akkuma summiin bofaa qaamatti lixu, ruuhinis qaamatti lixxi. Ergasii dachiin isaan irraa baqaqxi. Isaanis ariitidhaan ajaja Rabbiitiif deebii deebisuun ka’anii gara iddoo qorannootti fiigu.[3]

54:8

Gara Lallabaatti fiigaa, kaafironni ni jedhu, “Kuni Guyyaa garmalee ulfaataa ta’eedha.” Suuratu Al-Qamar 54:8

“Suni walitti qabuu Nurratti salphaa ta’eedha.” Kana jechuun iddoo qorannootti walitti sassaabun Nurratti baay’ee salphaadha.

50:45

“Nuti wanta isaan jedhan hundarra beekna. Ati isaan irratti abbaa irree miti. Kanaafu, nama wa’iid (zaacha) Kiyya sodaatu Qur’aanan gorsi.” Suuratu Qaaf 50:45

Rabbiin irratti sobuu, aayata Isaa kijibsiisuu fi si arrabsuu irraa wanta mushrikoonnii kunniin jedhan hunda caalaa beekna. “Ati isaan irratti abbaa irree miti “ kana jechuun Yaa Rasuula! Islaama akka fudhatan isaan hin dirqisiistu. Ati ergaa geessu qofaaf ergamte.

Kanaafu, nama wa’iid (zaacha) Kiyya sodaatu Qur’aanan gorsi.” Kana jechuun nama adabbii namoota Na faallessaniif waadaa galee sodaatu Qur’aanan gorsi.[4] Namni adabbii Rabbiin waadaa galee sodaatu, Qur’aanan ni gorfama. Namni hin amannee fi hin sodaanne immoo hin gorfamu.

Guduunfaa
Dhugumatti, suuran (boqonnaan) tuni namoota du’aan booda kaafama mormanii fi shakkaniif deebii gahaa deebisti. Ragaalee ciccimoo dhiyeessun nama amansiisti. Du’aan booda kaafamuun haqa gurguddaa hafuu hin qabne keessaa tokkoodha.

Suuraan tuni wantoota afur gurguddaa irra naannofti:
1ffaa-Du’aan booda kaafamuun haqa akka ta’e amansiisuu
2ffaa-Qorannoo fi jazaaf hojii fi dubbii namootaa beekuu fi galmeessu.
3ffaa-Du’aan booda namoota kaasu, qorannoo fi jazaa raawwachuu.
4ffaa-Seenaa keessatti namoota dhugaa armaan olii mormanii fi kijibsiisan balleessu

Dubbii fi hojiin namootaa tokkon tokkoon erga galmaa’e Guyyaa Murtii hojii isaanii irratti hundaa’e ni qoratamu, ni mindeefamu. Kanaafu, namoonni bakka lamatti qoodamu. 1ffaa-namoota Jahannamiin seenan, 2ffaa-namoota Jannata seenaniidha.

Suuran tuni amaloota garee lamaan kanniini ni dubbatti.Mee haa ilaallu:
Amala nama Jahannam seenu:
✏Baay’isee kan kafaruu. Kana jechuun Rabbii olta’aatti, Ergamtoota, kitaabban, malaykota Isaatti, Guyyaa Qiyaamaa fi qadaratti hin amanu. Keeyyattootaa, mallattolee fi ragaalee Rabbii ni kijibsiisa.
✏Haqa Rabbii olta’aa irraa dhufe osoo beeku faallessa.
✏Wanta gaarii (kheeyri) dhoowwa. Mataa ofiiti hin hojjatu, namootas waan gaarii irraa dhoowwa. Haqni Islaamaa isaan keessa babal’achuu irraa ni dhoowwa.
✏Namoota irratti daangaa darba.
✏Amanti haqaa ilaalchise namoota shakkisiisa.
✏Rabbii gaditti wanta biraa gabbara (waaqefata).

Amala nama Jannata seenu:
✒Gara Rabbiitti baay’isee deddeebi’a, tawbaa ni baay’isa.
✒Daangaalee Rabbii subhaanahu ni eega. Wanta Inni itti ajaje ni hojjata, wanta irraa dhoowwe ni dhiisa.
✒Rabbiin dhoksaa fi kophaatti ni sodaata.
✒Qalbii tawbattu fi gadi of qabduu taateen Rabbii olta’aa qunnama.
Alhamdulillah Rabbil aalamiin. Tafsiirri suuratu Qaaf asirratti xumurame.


Kitaabban wabii:
[1] Ma’aariju at-tafkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi 3/134-135
[2] Tafsiiru Qurxubii-19/465, Tafsiiru Muyassar-520
[3] Tafsiir Ibn Kasiir-7/24
[4] Zaadul Masiir-1346, Tafsiiru Qurxubii-19/467, Tafsiiru Xabarii-21/478

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 1.1
Tafsiira Suuratu Qaaf-kutaa 7

Leave a Reply