Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 8.1

Nabiyyummaa Himachuu
1-Nabiyummaan kennaa fi tola Rabbii olta’aa irraa ta’eedha. Nabiyyummaan gabroota Isaa keessaa gabricha tokkotti beeksisa (wahyi) geessuun Rabbiin isa filachuudha. Rabbiin olta’aan Muusaan:

7:144

“‘Yaa Muusaa! Dhugumatti Ani ergaa Kiyyaanii fi haasawa Kiyyaan namoota irra si filadheera. Kanaafu, wanta Ani siif kenne qabadhu, galateefattoota irraas ta’i.’ jedhe.” Suuratu Al-A’araaf 7:144

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

22:75

Rabbiin malaaykotaa fi namoota irraa ergamtoota filata. Dhugumatti, Rabbiin dhagayaa, Argaadha.” Suuratu Al-Hajj 22:75

Gooftaan keenya subhaanahu wa ta’aalaa wanta fedhe uuma, ni filatas. Ergaa Isaa eessa akka kaa’u hunda caalaa beeka. Nabiyummaan filannoo Rabbii olta’aa irraa erga ta’e, carraaqqin ykn qabsoon hin argamu. (Rabbiin qofatu nama fedhe filatee nabiyyii godha. Namni hojii fi qabsoo ofiitiin nabiyyii ta’uu hin danda’u.)

2-Dhimmichi erga akkana ta’ee, sobaan nabiyummaa himachuun kijiba hundarra fokkuu ta’eedha. Akkuma Ibn Abi Al-Izza Hanafiyy (rahimahullahu) jedhu: “Dhugumatti, nabiyyummaa namoota dhugaa dubbatan hunda caalaa nama dhugaa dubbatutu ykn namoota kijiban hunda caalaa nama kijibutu himata. Kuni sanitti walitti hin naqamu nama hundarra wallaalla ta’e irratti malee. Haalli qabatamaa isaanii waa’ee isaanii ni agarsiisa. Wanta nabiyyummaa himachu gadi jiru keessattiyyu nama dhugaa dubbatuu fi nama kijibuu addaan baasuuf karaalee baay’eetu jira. Nabiyyummaa himachuun hoo akkam ta’inna laata?” (Sharih Al-Aqiidati Ax-Xahaawiyyah 1/130)

Dhimma kana ilaalchise Ibn Taymiyaan akkana jechuun dubbata: “Akkuma beekkamu, namni Rabbiin irraa akka ergame himatu takkaa namoota hunda kan caaluu fi guutuu ta’eedha, takkaa immoo namoota hundaa gadi hir’itaa fi gadi aanaa kan ta’eedha. Kanaafi, namoota gurguddoo Saqiif keessaa tokko, yommuu ergaa itti geessu fi gara Islaamaa waamu Nabiyyiidhaan (sallallahu aleyh wassallam) akkana jedhe: Rabbiin kakadhe, jecha takka siin hin jedhu. Dhugaa kan dubbattu yoo taate, sirratti deebisuu irraa ati ija kiyya keessatti garmalee kabajamaadha. Yoo kan sobdu taate immoo, sirratti deebisu irraa ati gadii aanadha.” Kanaafu, akkamitti uumamtoota hunda kan caaluu fi guutuu ta’e nama hundarra hir’uu fi gadi aanaa ta’een walitti fakkeefama

Namoota kijiban irraa eenyullee nabiyyummaa hin himanne wallaalummaan, kijibni fi badiin isarratti kan mul’atu yoo ta’e malee. Sheyxaanni isarratti moo’e. Namoota dhugaa dubbatan irraa eenyullee nabiyyummaa hin himanne, beekumsi, dhugaan, toltuu fi gosoonni kheyri baay’een isarratti kan mul’atan yoo ta’e malee. (Namoota kijiban keessaa eenyullee nabiyummaa yoo himate, wallaalummaan, kijibnii fi hojiin badaan isarraa mul’ata. Faallaa kanaa, namoota dhugaa dubbatan keessaa namni nabiyummaa himate, beekumsi, dhugaani fi gosoonni kheeyri hundi isarraa mul’ata. Kuni nama dandeetti xiqqoo waa addaan baasuu qabuufu ifa ta’a.) (Sharih Al-Aqiidatil Asfahaanih fuula 89)

Ammas ni jedha: “Nabiyummaan beekumsaa fi hojiwwan Ergamaan ittiin ibsamuu qabu kan of keessatti hammateedha. Sunis beekumsaa fi hojiiwwan hundarra kabajamaa ta’eedha. Kanaafu, akkamitti kana keessatti namni dhugaa dubbatuu nama kijibaan walitti fakkeefamaa, dhugaan nama dhugaa dubbatu, kijibni nama kijibaa akkamitti addaan hin baafamnee? Kuni karaa baay’een [addaan baafama]. Keessumayyu Aadam irraa kaasee hanga zamana keenyaatti beekumsi haftee nabiyyii irraa duwwaa hin ta’u. Gosti wanta Nabiyyoonni fi Ergamtoonni fidan, itti waamaa fi ajajaa turan beekkamee jira. Hafteen ergamtoota dachii keessaa hin banne. Namoota birattis haftee ergamtootaa irraa gosa wanta Ergamtoonni fidan ittiin beekan, Ergamtoota fi ergamtoota kan hin taane ittin adda baasan hin banne. (Sharih Al-Aqiidatil Asfahaanih fuula 91)

Ibn Kasiir nabiyyii dhugaa fi nama kijibaan nabiyyi himatu jidduu garaagarummaa baay’ee fagoo ta’e yommuu jecha Rabbii olta’a kana ibsu ni dubbata.

10:17

Nama Rabbiin irratti kijiba uumee yookiin keeyyattoota Isaa kijibsiise caalaa namni zaalimni (miidhaa hojjataan) eenyu? Dhugumatti, yakkamtoonni hin milkaa’an.” Suuratu Yuunus 10:17

Ibn Kasiir ni jedha: “Rabbiin olta’aan ni jedha nama Rabbiin irratti kijiba uume, Rabbiin irratti dubbii sobaa dubbate, osoo isa hin ergin Rabbiin akka isa erge himate caalaa namni zaalimni, of tuuluu fi yakkaan cimaa ta’ee hin jiru. Nama kana caalaa namni yakkaa fi zulmiin guddaa ta’e hin jiru. Namni akkanaa dhimmi isaa namoota sammuun dadhaboo ta’an irraayyu hin dhokatu. Haalli nama kanaa akkamitti nabiyyootaan wal fakkeefamaa? Dhugumatti namni dhugaan ykn kijibaan jecha tana jedhe (ani nabiyyi ofiin jedhe), Rabbiin ragaa gaarummaa isaa ykn badoomsa isaa ifatti baasu osoo isaaf gadi hin dhaabin hin dhiisu. Nama isaan argeef garaagarummaan Muhammad sallallaahu aleyh wassallam fi Museylamah kijibaa jidduu jiruu, garaagarummaa waqtii waaree fi walakkaa halkanii jidduu jiruu caalaa ifa kan baheedha.” (Tafsiiru Ibn Kasiir 2/392)

Madda:
Nawaaqidul Iimaani al-qawliyah wal amalayah” fuula 184-186 Abdulaziz bin Muhammad

Print Friendly, PDF & Email
Dubbii Iimaanaa Diigu-Kutaa 8.2
Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 7.2

Leave a Reply