Tarkaanfi Gara Gammachuu-Kutaa 1

Dhugumatti, Faaruun hundi kan Rabbiiti, gargaarsaa fi araarama Isa kadhanna. Sharrii nafsee teenyaa fi badii hojii keenyaa irraa Isaan tiikfamna. Nama Rabbiin qajeelche kan isa jallisu hin jiru, nama Rabbiin jallise kan isa qajeelchu hin jiru. Itti fufuun: wanta shakkiin keessa hin jirre keessaa tokko gammachuun wanta namni hunduu garmalee barbaadudha. Namoonni hundu gammachuu ni kajeelu. Gammachuun kaayyoo isaanii ol’aanaadha. Garuu akkamitti wanta barbaadan kana argatanii?

Tarkaanfi Tokkoffaa:Haala sirriin amanuu (iimaanaa) fi Hojii gaggaarii hojjachuu
Hundeen, bu’uurri fi sababni hundarra guddaan gammachuutti nama geessuu amanuu (iimaanaa) fi hojii gaggaariidha. Rabbiin olta’aan ni jedha:

“Dhiiras ta’ii dubartii irraa nama mu’mina (dhugaan kan amane) ta’ee dalagaa gaarii hojjate, dhugumatti jireenyaa gaarii isa jiraachifna. Mindaa isaaniis irra gaarii waan isaan dalagaa turanitiin isaan mindeessina.” (suuratu An-Nahl 16:97)

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa nama amanuu (iimaanaa) fi hojii gaarii walitti qabeef addunyaa tana keessatti jireenyaa gaarii, addunyaa tanaa fi Aakhiratti mindaa gaarii waadaa gale.

Sababni kanaa ifa. Dhugumatti namoonni Rabbiitti haala sirriin amanan, amanuun (iimaanni) sirriin kuni hojii gaariitti nama geessa, qalbii fi amala namaa fooyyessa, addunyaa fi Aakhirah sirreessa. Namoonni akkanaa hundee fi bu’uura sababoota gammachuu fi mirqaansu, sababoota dhiphinnaa, yaaddoo fi gaddaa ittiin qunnaman qabu. (Yeroo gammachuu fi mirqaansu, yeroo gaddaa fi dhiphinnaa maal hojjachu akka qaban bu’uura isaan qajeelchu qabu.)

Wantoota jaallatamoo fi nama gammachiisan fudhachuun, galata galchuu fi wanta faaydaa qabu keessatti itti fayyadamuun qunnamu. Yoo haala kanaan itti fayyadaman, itti gammaduun, [wanti gaariin kuni] akka turuu fi barakaa qabaatu kajeelu fi mindaa warra galatoofatanii abdachuun isaaniif argama.

Yeroo rakkoon, yaaddoo fi gaddi isaan qunnamu immoo wanta ittisuu danda’aniin ni ittisu, wanta laaffisuu danda’aniin ni laaffisu. Wanta humna irratti hin qabneef immoo obsa bareedaa obsu. Haala kanaan bu’aa rakkoo irraa humni ittisaa cimaa fi muxannoon isaaniif argama. Obsaa fi mindaa abdachuun wantoonni jibbamoon ni badu. Bakka kanaa gammachuun, abdiin, tolaa fi mindaa Rabbii kajeelun bakka qabata.

Akkuma Nabiyyiin (sallallahu aleyh wassallam) kana ilaalcisee hadiisa sahiih keessatti jedhan: Dhimmi mu’minaa ajaa’iba. Dhugumatti, dhimmi isaa hundi kheeyrii (gaaridha). Kuni mu’minaaf malee eenyufillee hin ta’u. Yoo wanta gammachisaan isa tuqe, ni galateefata. Kanaafu isaaf gaarii ta’a. Yoo rakkoon isa tuqe, ni obsa. Kanaafu, isaaf gaarii ta’a.” Sahiih Muslim 2999

Gammachuu fi rakkoo mu’mina(nama dhugaan amane) tuqu hunda keessatti kheeyri fi firiin hojii isaa akka dachaa ta’uu Nabiyyiin (sallallahu aleyh wassallam) ni beeksiisan. Kanaafi, kheeyri fi sharrii qunnamu keessatti namoota lama akka wal caalan ni argita. Kunis hamma iimaanaa fi hojii gaggaariin wal caalu irratti hundaa’a.

Namni jalqabaa iimaanaa fi hojii gaggaarii qabu kheeyri fi sharrii galataa fi obsaan qunnama. (Yeroo kheyri (waan gaarii argatu) galata galcha, yeroo rakkoo ni obsa.) Kunis gammachuu fi mirqaansu isaaf argamsiisa. Yaaddon, dhiphinni, gaddii fi dararaan jireenyaa isarraa deema. Addunyaa tana keessatti jireenyi gaariin isaaf guuttamti.

Namni lammataa immoo wantoota jaallatamoo of tuuluun, daangaa darbuu fi dhaadachuun qunnama. (Wanta gaarii yommuu argatu of tuula, daangaa darba.) Kanaafu, amalli isaa karaa qajeelaa irraa jallata. Akkuma horin haafayu, innis ni haafaya. Inni kana waliinu qalbiin isaa boqonnaa fi tasgabbii hin argattu. Gama baay’een kan jeeqamuudha.
Gama 1ffaa-Wanta jaallatu dhabuu ni sodaata.
Gama 2ffaa-Rakkoon wanta jaallatamu kanarraa madduu ni sodaata
Gama 3ffaa- Nafseen daangaa ishiitti waan hin dhaabbanneef, dhimmoota birootif dharra’a. Dhimma kana argachuus dhiisus danda’a. Dhimma kana yoo argate gama armaan oliitin ni jeeqama.

Wantoota jibbamoos dhiphinnaan, obsa dhabuun, sodaan, nuffiin qunnama. (Yommuu rakkoon isa qunnamu garmalee dhiphata, obsa dhaba, sodaa fi nuffiin guuttama.) Dararaa jireenyaa, dhibee sammuu fi qaamaa isa qunnamuu fi sodaa haala badaatti isa geessu hin gaafatin. Sababni kanaa, namni kuni mindaa (ajrii) hin abdatu, obsa isa jajjabeessu fi rakkoo isaaf laaffisu hin qabu.

Kuni hundi muxannoon kan mul’atuudha. Akka fakkeenyaatti gosa kana irraa nama tokko haala namoota irratti gadi buusun yoo qoratte, garaagarummaa guddaa mu’mina akkaata iimaana isaatiin hojjatuu fi nama akkana hin taane jidduu jiru ni argita. Amantiin rizqii fi tola Rabbiin namaaf kennetti akka quufanii fi gammadan nama kakaasa.

Mu’minni yommuu dhibeen ykn hiyyummaan ykn kan kana fakkaataniin qoramu, iimaana qabuu fi wanta Rabbiin isaaf murteessetti quufu isaatiin tasgabbaa’a ta’ee argita. Dhimma isaaf hin murteefamne qalbiin hin barbaadu. Nama isaa gadi jiru ilaala, nama isaa ol jiru hin ilaalu. Tarii gammachuun isaa gammachuu nama qabeenya walitti haru garuu quufun isaaf hin kennamne caaluu danda’a.

Gama biraatin, namni iimaana irratti hundaa’e hojii gaarii hin hojjanne immoo yommuu hiyyummaan ykn addunyaa irraa waa dhabuun qoramu, gadda cimaa fi dararaa keessatti isa argita.

Fakkeenyi biraa: yommuu sababoonni sodaa fi rakkoo argaman, nama iimaana sirrii qabu qalbiin isaa tan gadi dhaabbattee fi nafseen isaa tasgabboofte taate argita. Yaada, dubbii fi hojii isa bira jiruun dhimma isaa ni too’ata. Wanta nama jeeqan kanaaf nafsee ofii leenjisee jira. Haalli kuni boqonnaa namaaf kenna, qalbii gadi dhaaba.

Nama iimaana hin qabne immoo faallaa haala kanaa irratti argita. Yommuu wanti sodaachisaan argamu, qalbiin isaa ni jeeqamti, sammuun isaa ni dhiphata, yaanni isaa ni bittinnaa’a, sodaa fi naasun isatti seena. Sodaan alaa fi dhiphinni keessaa isarratti tuulama. Maalummaa kanaa jechaan ibsuun ni ulfaata. Namoota irraa gosti kuni yoo sababoonni uumamaa shaakallii baay’ee barbaachisuu isaaniif hin argamin, humni isaanii ni jiga, sammuun isaanii garmalee dhiphata. Kunis iimaana akka obsan nama taasisu dhabuu irraa madda. (Iimaana sirrii waan hin qabneef sodaa fi dhiphinna hangana hin jedhamnetti lixu.)

Namni gaarii hojjatu fi namni badii hojjatu, mu’minaa fi kaafirri, gootummaa muxannoon argamuu fi dandeetti uumamaa wanta sodaachisa laaffisuu argachuu keessatti qooda waliin fudhatu. (Mu’minnis kaafirris muxannoo fi leenjin gootummaa argachuu danda’a, akkasumas, dandeetti uumamaa sodaa itti laaffisan argachuu danda’a.) Garuu mu’minni jabeenya iimaana isaatiin, obsaan, Rabbiin irratti hirkachuu fi mindaa Isaa abdachuun [kaafira] irraa adda baha. Amaloonni kunniin gootummaa isaa ni dabalu, sodaa isarratti laaffisu, rakkoo isaaf salphisu. Akkuma Rabbiin olta’aan jedhe:

Yoo kan laalattan taatan, akkuma isin laalattan isaanis laalatu. Wanta isaan hin abdanne isin Rabbiin irraa abdattu.” Suuratu An-Nisaa 4:104 (Sababa waraanaatin yoo rakkattan, akkasuma diinonni keessan san caala rakkinna cimaa rakkatu. Isaan kana waliinu isiniin loluu irraa of hin qusatan. Isin isaan caalaa kanaaf warra maltaniidha. Sababni isaas, isin mindaa, injifannoo fi gargaarsa Rabbiin irraa abdattu. Isaan immoo kana hin abdatan.[1])

Mu’mintoonni Rabbiin irraa gargaarsa addaa sodaa bittineessu argatu. Rabbiin olta’aan ni jedha:

“Obsaa. Dhugumatti Rabbiin warra obsan waliin jira.” Suuratu Al-Anfaal 8:46

Sababoota yaaddo, gaddaa fi dhiphinna oofan keessaa tokko dubbii fi hojiin uumamtootatti tola ooludha. Kuni hundi kheeyri fi ihsaana (tola ooludha). Rabbiin sababa kanaan hamma tola oolan irratti hundaa’e nama gaarii fi badaa irraa yaaddoo fi gadda oofa. Garuu mu’minni nama biraa caalaa qooda guddaa fi guutuu ta’e qaba. Tola oolun isaa ikhlaasaa fi mindaa abdachuu irraa kan burqee waan ta’eef mu’minni adda baha. Kanaafu, Rabbiin waan gaarii hojjachuu isaaf laaffisa, ikhlaasa qabaachu fi mindaa abdachuu isaatiif wanta jibbamaa isarraa ittisa. Rabbiin olta’aan ni jedha:

4:114

“Nama sadaqatti yookiin waan gaariitti yookiin namoota jidduutti araara buusutti ajaje malee maqoo isaanii baay’ee keessa kheeyrin hin jiru. Namni jaalala Rabbii barbaadun kana hojjate, mindaa guddaa isaaf kennina.” Suuratu An-Nisaa 4:114

[Dubbii namoonni dhoksaan wal jidduutti haasawan baay’ee keessa faaydan hin jiru, dubbii waan gaarii hojjachuutti ykn sadaqaa kennutti ykn jecha gaariitti ykn namoota walitti araarsutti waamuu yoo ta’e malee. Namni dhimmoota kanniin irraa jaalala Rabbii barbaadu fi mindaa Isaa kajeelun hojjate, mindaa guddaa isaaf kennina.[2]] Rabbiin olta’aan dhimmoonni kunniin kheeyri akka ta’anitti beeksise. Kheeyrin kheeyri biraa fida, sharrii ittisa. Mu’mina ajrii abdatuuf Rabbiin ajrii (mindaa) guddaa isaaf kenna. Mindaa guddaa kana keessaa yaaddoo fi gaddi namarraa deemudha


Madda:
Al-Wasaa’ilul Mufiidati lihayaati Sa’iidati -Fuula 13-17, Sheykh Abdurahmaan ibn Naasir As-Sa’di
[1] Tafsiiru Muyassar-95 [2] Madda olii

Print Friendly, PDF & Email
Tarkaanfi Gara Gammachuu-Kutaa 2
Fakkeenyota Ajaa'iba Balaa irratti Obsuu-3

Leave a Reply