Tarkaanfi Gara Gammachuu-Kutaa 3

Dhugumatti, boqonnaa, tasgabbii fi gammachuu qalbii argachuun, yaaddoo fi dhiphinni qalbirraa deemun wanta namni hundu barbaadudha.Namoota keessaa nama sababoota gammachuu baay’ee argatee jireenya gammachuu fi gaarii jiraatetu jira. Ammas, isaan keessaa nama sababoota kanniin dhabee jireenya dararaa jiraatetu jira. Ammas, isaan keessaa hamma Rabbiin isa milkeessen nama jiddu-galeessa ta’etu jira. Mee tarkaanfilee gammachuutti nama geessan ilaalu itti haa fufnu

Tarkaanfi 4ffaa: Wantoota yaaddo fi gadda namatti fidan oofuu fi wantoota gaggaarii gammachuu fidan argachuuf carraaqu

Gammachuun akka dhufuuf, yaaddoo fi gaddi akka deemuuf wantoota sababa ta’an keessaa: wantoota yaaddoof sababa ta’an kaasuuf carraaqu fi wanta gammachuuf sababa ta’an argachuuf tattaafachuudha. Kunis kan ta’u, wantoota jibbamoo yeroo darban uumaman kan deebisuun hin danda’amne dagachuudhaan, wanta darbe kanaan yaada ofii ko’oomsun taphaa fi gowwummaa akka ta’e beekudhaani. Wanta darbee kanatti yaadu irraa qalbii ofii buqqisuuf ni qabsaa’a. Akkasumas, wanta gara fuunduratti dhufu kan akka hiyyummaa, sodaa fi wantoota jibbamoo kan inni sammuu ofii keessatti yaaduf dhiphachuu irraa qalbii ofiitti ni qabsaa’a. Kheyris ta’ii sharriis ta’ii, dhimmoonni gara fuunduraa kan hin beekkamne ta’uu ni hubata. Dhimmoonni kuni hundi harka Rabbii Injifataa Ogeessa ta’ee jiru. Waan gaarii argachuu fi waan badaa ittisuuf carraaqu malee [wanti gara fuunduraatti dhufu] harka gabrootaa keessaa miti. Namni wanta gara fuunduraatti dhufutti dhiphachuu irraa yaada ofii yoo naannesse, fooyya’iinsa isaatiif Gooftaa isaatti hirkatee fi kana keessatti Isatti tasgabbaa’e, yommuu kana hojjatu qalbiin isaa ni tasgabboofti, haalli isaa ni fooyya’a, yaaddoo fi dhiphinni isarraa deema.

Dhimmoota gara fuunduraa ilaalu keessatti wantoota hundarra faayda qaban keessaa tokko du’aayi Nabiyyin sallallahu aleyh wassallam godhaa turanitti fayyadamuudha:

‏ اللَّهُمَّ أَصْلِحْ لِي دِينِيَ الَّذِي هُوَ عِصْمَةُ أَمْرِي وَأَصْلِحْ لِي دُنْيَاىَ الَّتِي فِيهَا مَعَاشِي وَأَصْلِحْ لِي آخِرَتِي الَّتِي فِيهَا مَعَادِي وَاجْعَلِ الْحَيَاةَ زِيَادَةً لِي فِي كُلِّ خَيْرٍ وَاجْعَلِ الْمَوْتَ رَاحَةً لِي مِنْ كُلِّ شَرٍّ ‏

Allaahumma aslih-lii diiniya-llazi huwa ismatu amrii waslih-lii dun’yaaya-llatii fiihaa ma’aashi waslih-lii aakhirati-llati fihaa ma’aadi, waj’alil-hayaata ziyaadatan lii fii kulli kheyr, waj’alil mawta raahatan lii min kulli sharrin.

Yaa Rabbii! Amanti kiyya kan dhimma kiyya eegu ta’e naaf fooyyessi, addunyaa jireenyi tiyya keessa jirtus naaf fooyyessi, Aakhirah deebiin kiyya keessa jiru naaf fooyyessi. Jireenyi kheeyri hunda keessatti daballi akka naaf taatu taasisi. Duuti sharrii hundarraa boqonnaa akka naaf taatu taasisi” Sahiih Muslim 2720

Akkasumas, Nabiyyiin (sallallahu aleyh wassallam) akkana jedhanii jiru:

اللَّهُمَّ رَحْمَتَكَ أَرْجُو فَلاَ تَكِلْنِي إِلَى نَفْسِي طَرْفَةَ عَيْنٍ وَأَصْلِحْ لِي شَأْنِي كُلَّهُ لاَ إِلَهَ إِلاَّ أَنْتَ

“Allaahumma rahmataka arjuu falaa takilnii ilaa nafsii xarfata ayn, waslih lii sha’anii kullahu, laa ilaah illaa anta.

Yaa Rabbii! Rahmata kee kajeela. Kanaafu libsuu ijaatiif nafsee tiyyatti na hin dhiisin. Dhimma kiyya hunda naaf fooyyessi. Si malee haqaan gabbaramaan hin jiru.” Sunan Abi Daawud 5090

Namni du’aayi fooyya’insi amantii fi addunyaa gara fuunduraa keessa jiru kana qalbii argamtuun (xiyyeefannoon), niyyaa dhugaatiin, wanta kana isaaf mirkaneessu hojjachuu waliin yoo haala itti fufaan godhe, Rabbiin wanta inni kadhate fi kajeele dhugaa isaaf taasisa. Kanaafu, yaaddoon isaa gara gammachuu fi mirqaansutti jijjirama.

Guduunfaa
Wantoonni yaaddoo fi gaddaaf sababa ta’an gurguddaan sadii:
1ffaa-Dilii ykn cubbuu hojjachuu, 2ffaa-wanti jaallatan nama jala darbuu ykn wanti jibban namatti bu’uu, 3ffaa-wanta jibbamaa gara fuunduraatti dhufuuf sodaachu. Karaan wantoota kanniin itti oofan:
1ffaa-Tawbachuu fi Rabbiin irraa baay’isanii araarama kadhachuu, hojii gaggaarii baay’isuu.
2ffaa-Wanta nama jala darbeef ykn rakkoo namatti bu’eef mindaa obsaa abdachuun obsuu.
3ffaa– Wanta gara fuunduraatti sodaataniif du’aayi armaan olii gochuu fi Rabbin irratti hirkachuu. “Hasbunallahu wani’mal wakiil” jechuu.

Ibn Abbaas (radiyallahu anhu) aayah tana, “Hasbunallahu wani’mal wakiil (Rabbiin nuuf gahaadha. Inni Tiiksaa akkam tole!)” (Suuratu Aal-Imraan 3:173) ilaalchisee ni jedha: Jecha tana yommuu Nabii Ibraahim (aleyh salaam) ibiddatti darbamuu jedhee jira. Nabii Muhammadis (sallallahu aleyh wassallam) yommuu namoonni, “Dhugumatti, namoonni isiniif walitti qabaman. Kanaafu isaan sodaadhaa.” isaaniin jedhan jecha tana jedhee jira. Iimaana isaaniif (Nabiyyii fi sahaabotaaf) dabale, ni jedhaniis: “Hasbunallahu wani’mal wakiil.”


Tarkaanfilee jireenya gammachuutti nama geessan hafan beeku barbaadduu? Yoo barbaaddan as tuqaati kitaaba guutuu dubbisaa: https://sammubani.files.wordpress.com/2020/05/tarkaanfile-jireenya-gammachuutti-nama-geessan-1.pdf

Print Friendly, PDF & Email
Tarkaanfi Gara Gammachuu-Kutaa 2

Leave a Reply