Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 10.1

Ghaybi hafan ilaalchise wantoota iimaana diigan
Ghaybitti amanuun amaloota gabroota Rabbii mu’mintoota ta’an irraayyi. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa jecha Isaa kanaan isaan faarse jira:

 “Alif Laam Miim. Kuni Kitaaba (Qur’aana) mamiin isa keessa hin jirreedha; warra Rabbiin sodaataniif qajeelfama. Isaan warra Ghaybitti amanan, kan salaata dhaabanii fi wanta Nuti isaaniif kennine irraa arjoomaniidha. Ammas, isaan warra waan gara keetti buufamee fi waan si dura buufametti amananii fi Aakhiraatti [shakkii tokko malee] dhugaan amananiidha. Warri suni qajeelfama Gooftaa isaanii irraa ta’e irra jiru. Ammas, warri suni isaantu milkaa’odha.” Suuratu Al-Baqara 2:1-5 (kan salaata dhaabanii-sharxii fi arkaana eegun kan salaata sirnaan salaatan)

Ghaybi jechuun wanta qaamolee miiraati fi sammuun dhaqqabuu hin dandeenyedha. Kan inni beekkamuun odeefannoo nabiyyoonni beeksiisaniin qofa. Namni odeefannoo kana fudhachuu yoo dide, maqaan ilhaada jedhamu isatti maxxanfama.

Ibn Taymiyaan ni jedha: bu’uurri iimaanaa ghaybitti amanuudha. Akkuma Rabbiin olta’aan jedhe: “Alif Laam Miim. Kuni Kitaaba (Qur’aana) mamiin isa keessa hin jirreedha; warra Rabbiin sodaataniif qajeelfama. Isaan warra Ghaybitti amanan…” Suuratu Al-Baqara 2:1-3

Ghaybin itti amanan dhimmoota wali galaa irraa wanta Ergamtoonni beeksisaniidha. Rabbiitti, maqaalee fi sifaata Isaatti, malaaykota Isaatti, Jannataa fi ibiddatti amanuun kana keessa seena.  Rabbiitti, Ergamtoota Isaatti fi Guyyaa Aakhiratti amanuun ghaybitti amanuu of keessatti qabata…” (Majmuu’al Fataawaa 13/233)

Sa’diin ibsa “Isaan warra Ghaybitti amanan” jedhu ilaalchise akkana jedha: “Haqiiqaan iimaanaa: masakamuu qaamolee waliin wanta Ergamtoonni beeksiisan haala guutuu ta’een dhugoomsudha. Iimaana keessatti dhimmichi wanta qaamolee miiraatiin mul’atanitti amanuu miti. Sababni isaas, wanta mul’atutti amanuun Muslimni kaafira irraa addaan hin baafamu. Iimaana keessatti dhimmichi ghaybi hin arginee fi ragaa hin baanetti amanuudha. Odeefannoo Rabbii fi odeefannoo Ergamaa Isaa [irraa dhufe] qofa dhugoomsina. Iimaana kanaan Muslimni kaafira irraa ittiin adda baha. Sababni isaas, kuni Rabbii fi Ergamaa Isaa dhugoomsu qofa waan ta’eefi. Mu’minni wanta Rabbiin beeksise ykn Ergamaan Isaa beeksise hundatti ni amana. Argee dhiisee, sammuun hubatee dhiisee [ni amana]. Faallaa kanaa, zandiiqonni fi warroonni dhimmoota ghaybi kijibsiisan, [ghaybitti amanuu ni didan]. Sababni isaas, sammuun isaanii gabaabdudha, itti hin qajeelle, wanta beekumsa isaa hin marsinee ni kijibsiisan. Kanaafu, sammuun isaanii ni badde.” (Tafsiiru Sa’dii 1/41)

Ghaybitti amanuu keessaa tokko malaykootatti amanuu fi jinniitti amanuudha. Malaykootatti amanuu jechuun jiraachu isaaniiti fi uumamtoota Rabbii irraa akka ta’an jala muranii mirkaneessudha.  

Isaan gabroota kabajamoodha. Dubbiin Isa hin dursan, isaan ajaja Isaatiin hojjatu.” (Suuratu Al-Anbiyaa 21:26-27) Ammas Isaan “wanta Rabbiin isaan ajaje hin faallessan, wanta ajajaman ni hojjatu.” Suuratu At-Tahriim 66:6

Malaykootatti amanuun hudeewwan iimaana keessaa hundee tokko. Iimaanni gabrichaa hin mirkanaa’u hanga jiraachu malaykotatti amanutti malee. Ammas, Qur’aanaa fi Sunnah keessatti waa’ee isaanii ilaalchisee wanta dhufee bal’innaan amanuun isarra jirra. Akkuma amaloota fi hojii isaan hojjatanitti amanuun isarraa eeggamu.

Barbaachisummaa Malaykootatti amanuu ilaalchisee Muhammad Rashiid Ridaa akkana jedha: “Malaykootatti amanuun wahyiitti (beeksisa Rabbiin irraa bu’etti) amanuuf hundeedha. Kanaafi, kitaaba fi nabiyyootatti amanuu dura malaykootatti amanuun dursa dubbatame. Rabbiin olta’aan suuratu Al-Baqarah keessatti ni jedha, hiikni: “Garuu dalagaan gaariin nama Rabbitti, Guyyaa Aakhiraatti, Malaykotatti, Kitaabaa fi Nabiyyootatti amanee, osoo jaallatu qabeenya firaaf, yatimaaf, hiyyeeyyiif, kara-deemaaf, kadhattootaaf, gabra bilisoomsuuf kenne, salaatas sirnaan salaate, zakaa kenne, yeroo waadaa seenan waadaa isaanii kanneen guutan, warra rakkinna, dhukkubaa hamaa keessatti fi yeroo lolaa obsaniidha.” Suuratu Al-Baqarah 2:177

Malaykoonni nabiyyootaaf warra kitaaba fidaniidha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Dhugumatti, Qur’aanni buufama Gooftaa aalamaati.
Ruuhi amanamaa ta’e (Jibriiltu) isaan bu’e (Qur’aana Rabbiin irraa fide).
Akka ati Akeekachisaa irraa taatuf qalbii kee irratti [fide].
Lugaa (qooqa) Arabiffaa ifa ta’een.” Suuratu Ash-Shu’araa 26:192-195

Malaykoota mormuun wahyii, nabiyyummaa fi ruuhi akka morman nama taasisa. Kuni immoo Guyyaa Aakhirah mormuutti nama geessa.” (Tafsiiru Al-Manaar 2/113)

Dhimma kana ilaalchisee Sa’diin ni jedha: “Malaykootatti amanuun hundee iimaanaa keessaa tokko. Rabbiitti, Ergamtootaa fi Kitaabban Isaatti amanuun hin guuttamu malaykootatti yoo amanan malee.” (Tafsiiru Al-Laxiif-il-Mannaani fii khulaasati tafsiiril Qur’aani- fuula 29)

Akkuma kana, addunyaa kana keessa jiraachu jinniitti, uumamtoota Rabbii olta’aa keessaa uumamtoota akka ta’an, lubbuu kan qabanii fi waa hubatan, kan ajajamanii fi dhoowwaman akka ta’an itti amanuun dirqama. Kuni dhimma dirqamaan beekkamaa ta’eedha.

2-Malaykoonni fi jinnooni akka jiran amanuun dirqama ta’uun erga mirkanaa’e, dubbii irraa wanta iimaana kana diigutu jira, kan akka malaykoonni fi jinniin jiraachu mormuu ykn malaykoota arrabsuu fi isaanitti qoosu. Akkaatan dubbiin kuni iimaana kana itti diigu:

(A)-Jiraachu malaykoota ykn jinni mormuun, Qur’aanaa fi Sunnah irraa ragaalee sirrii ifa jiran kijibsiisuu fi waakkachuudha. Waa’ee malaykootaa fi jinni ilaalchisee keeyyattoonni Qur’aanaa fi hadiisaa wal duraa duuban baay’inaan dhufanii jiru. Kanarraa kan ka’e, jiraachun malaaykotaa fi jinni dhimma amanti Islaamaa keessatti shakkii tokko malee beekkamaa ta’eedha.

Fakkeenyaaf, Malaaykota ilaalchise Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

2:285

“Ergamaan waan Gooftaa isaa irraa gara isaatti buufametti amaneera, mu’mintoonnis. Hundumtu Rabbiitti, malaaykota Isaatti, kitaabban Isaatti fi Ergamtoota Isaatti amanan. “Ergamtoota Isaa irraa tokkos adda hin baafnu” [jedhan]. “Dhageenye, ajajamne. Gooftaa keenya! Araarama Kee [barbaanna]. Deebiinis garuma Keeti.” Jedhan.” Suuratu Al-Baqarah 2:285

Ammas ni jedha:

“Yaa warra amantan! Rabbitti, Ergamaa Isaatti, kitaaba Ergamaa Isaa irratti buusettii fi kitaaba san dura buusetti amanaa. Namni Rabbitti, Malaaykota Isaatti, Kitaabban Isaatti, Ergamtoota Isaatti fi Guyyaa Aakhiraatti kafare, dhugumatti jallinna fagoo jallatee jira.” Suuratu An-Nisaa 4:136

(Yaa warra Rabbii fi Ergamaa Isaa dhugoomsitanii fi shari’aa Isaatti bultan, Rabbii olta’aa, Ergamaa Isaa Muhammad sallallahu aleyh wassallam dhugoomsu fi isaaniif ajajamuu itti fufaa. Akkasumas, Qur’aana isarratti buusee fi kitaabban Rabbiin ergamtoota darban irratti buuse dhugoomsu itti fufaa. Namni Rabbii olta’aatti, Malaaykota Isaa kabajamootti, kitaabban uumamtoota qajeelchuf buusetti, Ergamtoota ergaa akka geessaniif filatetti fi Guyyaa Dhumaa namoonni du’an qorannoo fi jazaaf itti kaafamanitti amanuu didee fi morme, amanti keessaa bahee fi karaa haqaa irraa fageenya guddaa fagaatee jira.[1])


[1] Tafsiiru Muyassar-100
Nawaaqidul Iimaani al-qawliyah wal amalayah” fuula 208-211 Abdulaziz bin Muhammad

Print Friendly, PDF & Email
Dubbii Iimaana Diigu-kutaa 10.2
Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 9.2

Leave a Reply