Miidhaa, Fokkinnaa fi Soba Shirkii-Seensa

Dhugumatti Faaruun hundi kan Rabbiiti. Isa ni faarsina, ni gargaarsifanna, araarama Isa kadhanna. Sharriwwan nafsee teenyaa fi hamtuwwan hojiiwwan keenyaa irraa Rabbiin eeggamna. Nama Rabbiin qajeelche kan isa jallisu hin jiru. Nama Rabbiin jallise kan isa qajeelchu hin jiru. Rabbii Tokkicha shariika hin qabne malee dhugaan gabbaramaan akka hin jirre ragaa nan baha. Akkasumas, Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa nan baha.

3:102

Yaa warra amantan! Sodaa dhugaa Rabbiin sodaadhaa. Muslimoota taatanii malee hin du’inaa.” Suuratu Aali-Imraan 3:102

Dhugumatti Muslima ta’anii du’uun milkaa’inna guddaadha. Sababni isaas, namni Muslima ta’ee yoo du’e qofa, adabbii (azaaba) Guyyaa Qiyaamaa jalaa nagaha baha. Muslima jechuun nama Rabbiif ajajamuu fi Isa qofa gabbaruudha. Namni osoo Rabbiif hin ajajaminii fi Isa qofa hin gabbarin du’e, Guyyaa Murtii yakkamaa ta’ee Rabbiin wal qunnama.

20:74

Namni yakkamaa ta’ee Gooftaa isaatti dhufe, dhugumatti, isaaf Jahannamtu jira, achi keessatti hin du’us, hin jiraatus.” Suuratu Xaahaa 20:74

Kana jechuun namni Rabbitti hin amanne, Isaaf hin ajajamne fi Isaan ala wanta biraa osoo gabbaruu Guyyaa Qiyaamaa Isa qunname, nama kanaaf adabbii ibidda Jahannam ittiin adabamutu isaaf jira. Akka boqatuuf achi keessatti hin du’u, jireenya gammachuus hin jiraatu.[1]

Namni Rabbitti amane, Isaaf ajajamee fi Isa qofa gabbaree Isa qunname immoo mindaan isaa kana fakkaata:

Namni mu’mina ta’ee [fi] hojii gaggaarii hojjatee Isatti dhufe, isaan sun sadarkaalee ol’aanootu isaaniif jira. Jannata qubsumaa kan jala ishii laggeen yaa’antu [isaanif jira]. Achi keessa yeroo hundaa jiraatu. Kuni mindaa nama of qulqulleesseti.” Suuraa Xaahaa 20:75-76

Kana jechuun namni qalbii isaatiin Rabbii isaatti amanee fi hojii gaggaarii hojjatee Guyyaa Qiyaamaa Isa qunname, Jannata yeroo hundaa turtu taate keessatti sadarkaalee ol’aanotu isaaf jira. Gamoowwanii fi mukkeen Jannata tanaa jala laggeentu yaa’a. Isaan achi keessa abadii turu. Qananiin itti fufaan kuni Rabbiin irraa mindaa nama nafsee isaa xurii badii fi shirkii irraa qulqulleessee, Rabbiin qofa gabbaree fi Isaaf ajajameef ta’a. [2]  Namni kuni nafsee ofii wanta Rabbiin dhoowwe hojjachuun hin xurreessine.

Wanti hundarra nafsee xureessu shirkiidha. Nama xurii kanarraa qulqullaa’etu Guyyaa Qiyaamaa adabbii jalaa nagaha baha. Nabii Ibraahim (aleyh salaam) akkana jechuun du’aayi akka godhe Qur’aanni nuuf hima:

Guyyaa isaan kaafaman na hin salphisin. Guyyaa qabeenyi fi ilmaanis homaa hin fayyanne. Nama qalbii qulqulluun Rabbitti dhufe malee.” Suuratu Ash-shu’uraa’i 26:87-89

Lugaa keessatti salphinni hiika adda addaa qaba:
Hiikni 1ffaan-Sharrii, balaa, adabbii fi musiibaa keessatti kufuu
Hiikni 2ffaan– wantoota fokkuun, badii fi yakkaan ifatti saaxilamuu
Hiikni 3ffaan: sababa xiqqeenyaa fi salphinni namatti bu’eef garmalee qaana’u ykn saalfachuu.[3]

“Guyyaa isaan kaafaman na hin salphisin.” Kana jechuun Yaa Rabbii! Guyyaa Qiyaamaa uumamtoonni Murtiif kaafaman san na hin adabin, na hin salphisin.
Guyyaa Qiyaamaa qabeenyis ta’ee ilmaan nama hin fayyadan, nama qalbii qulqulluun dhufe malee. Qalbu saliim (qalbiin qulqulluun) qalbii wantoota badoo lama irraa qulqulluu taatee fi wantoota gaggaarii lamaan ibsamteedha.[4]

Wantoonni babbadoon lama:
1ffaa– wantoota iimaana faallessan kanneen akka kufrii, shirkii, shakkii fi nifaaqa irraa qulqulluu ta’uu.
2ffaa– Shahwaata irraa qulqulluu ta’uu- kana jechuun fedhii lubbuu badaa fi qullaa hordofuu irraa qulqulluu ta’uudha. Kanneen akka badii gurguddaa. Fakkeenyaf, bid’aa (wanta haarawa amanti keessatti uumuu), zinaa, hanna, lubbuu haqa malee ajjeesu, qabeenya namaa haqa malee nyaachu fi badiwwan biroo. Ammas, amaloota badaa akka riyaa (na argaa), of tuulu fi kkf irraa qulqulluu ta’uudha.

Wantoota gaggaarii qalbiin qulqulluun ittiin ibsamu qabdu
1ffaa- Iimaana-kuni dhugaan amanuu, ikhlaasa, sodaa Rabbii, Isa jaallachuu fi hojiiwwan qalbii biroo kan hammatuudha.
2ffaa– Shari’aa hordofuun hojii gaggaarii hojjachuu- wanta dirqamaa fi jaallatamoo shari’aan Islaamaa itti nama ajaje hojjachu. Fedhii fi yaada ofiitiin osoo hin ta’in akkaataa shari’aan itti nama ajajeen hojjachu. Jecha biraatiin, Ergamaa Rabbii (SAW) hordofuu.

Kanaafu, namni qalbii isaa kufrii, shirkii, nifaaqa, shakkii fi badiiwwan gurguddoo biroo irraa qulqulleessee fi iimaanaan of faayee Guyyaa Qiyaamaa dhufe, qabeenya karaa Rabbiin hayyameen argachuun karaa kheeyri irratti baasetti ni fayyadama. Qabeenya kana karaa halaalaatiin argatee karaa kheeyrii irratti yoo baase, Guyyaa Qiyaamaa mindaa (ajriitti) ni fayyadama. Haaluma kanaan, ilmaan isaa Islaama irratti yoo guddise, mindaa ifaajee isaa galmee isaa keessatti ni argata. Du’aayi ilmaan isaa isaaf godhan irraayyis ni fayyadama.[5] Kanaan alatti, namni kufrii, shirkii, nifaaqa irraa of hin qulqulleessin, qabeenyaa fi ilmaan isaatirraa homaa hin fayyadamu.

Aayaata armaan oli irraa akkuma hubannu, milkaa’inni namaa shirkii irraa qulqullaa’u irratti hundaa’a. Namni shirkii irraa yoo of hin qulqulleessin, balaa fi adabbii guddaatti kufaa jechuudha. Kanaafu, waa’ee shirkii fi miidhaa isaa beekuu fi garmalee of eeggachuu barbaachisa. sammubani.com irratti waa’ee shirkii fi hiika isaa ilaalle jirra. Shirkiin faallaa tawhiidati. Tawhiida jechuun Rabbiin Tokkichoomsudha. Shirkiin immoo Rabbitti waa qindeessudha. Dabalataan barruu tana ilaalun ni danda’ama: https://www.sammubani.com/2020/04/03/hiika-shirkii/#more-14195

In sha Allah miidhaa shirkii kutaa itti aanu keessatti ilaalu itti fufna.


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Muyassar-316
[2] Tafsiiru Muyassar-316
[3] Ma’aariju at-tafkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi 8/634, Abdurahman Habanka
[4] Bidaa’u tafsiir 2/275-276, Imaamu ibn Al-Qayyim
[5] Ma’aariju at-tafkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi 8/634, Abdurahman Habanka

Print Friendly, PDF & Email
Miidhaa Shirkii-Kutaa 1
Dhuguma Iyyasuus Gooftaadhaa?-Kutaa 1

Leave a Reply