Dubbii Iimaana Diigu-kutaa 10.2

Kutaa darbe keessatti jiraachu malaykotaa mormuun iimaana akka diigu ilaalle jirra. Ammas, itti fufuun jiraachu jinni mormuun wanta iimaana diigu akka ta’e ni ilaalla.

Jinni ilaalchisee immoo Qur’aanni kabajamaa fi hadiisa keessatti sunnaan Nabiyyii bal’innaan haala isaanii dubbatanii jiru. Waa’ee garee jinniitii fi Qur’aana dhageefachu isaanii Qur’aana keessatti suuran (boqonnaa) guutuun dhufee jira. Suuratu Al-Jinn keessatti Qur’aana dhageefachu jinni bal’innaan ni dubbata. Rabbiin olta’aan ni jedha:

72:1

Jedhi, [Yaa Muhammad] “Jinnii irraa gareen wayii, [Qur’aana] dhageefatanii ergasii ‘Qur’aanaa ajaa’ibaa dhageenye’ akka jedhan gara kiyyatti buufame jira.” Suuratu Al-Jinn 72:1

Ibn Baxxah ni jedha: “Namni [jiraachu] jinni mormee, inni Rabbiitti kan kafare, aayaata Isaa waakkatuu fi kitaaba Isaa kijibsiisuudha.” (Al-Ibaanatu Sughraa fuula 213=gabaabbinnaan)

Qurxubiin ni jedha: “Ogeenyi fayyaa fi falaasfota irraa gareen kaafirootaa Rabbii olta’aa irratti kijibuun jinni mormanii jiru. Qur’aanaa fi sunnaan isaan irratti deebisu.” (Tafsiiru Qurxubii-19/6)

Ibn Taymiyaan ni jedha: “Jiraachun jinni Kitaaba Rabbiitiin, sunnah Ergamaa Isaatiin sallallahu aleyh wassallam fi wali galtee salafa ummataa fi iimaamota isaanitiin kan mirkanaa’edha. Haaluma kanaan, jinniin qaama nama keessa seenun wali galtee ahli Sunnah wal jama’aatin kan mirkanaa’edha.” (Majmuu’al fataawaa 24/276)

Al-Uluusi ni jedha: “Akkuma hin dhokanne, jinni dhabamsiisuun kufrii ifa baheedha.” (Ruuhul Ma’aani 29/72)

Akkasumas, malaaykotaa fi jinni mormuun kitaabban bu’anitti amanuu diiga. Kitaabbanitti amanuun wanta isaan keessa jiru mirkaneessu fi dhugoomsu of keessatti qabata. Malaaykotaa fi jinnii mormuun aayaata (keeyyattoota) Rabbii kijibsiisu fi waakkachuudha. Kanaafu, mirkaneessu fi dhugoomsu kana diiga. Kana irraa kan ka’e, Rabbiin olta’aan namoota keeyyata Isaa morman adabbii nama salphisuu fi ibidda Jahannam keessatti yeroo hundaaf turuun isaanitti dhaadate (zaate) jira. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

7:40

“Dhugumatti, kanneen keeyyattoota Keenya kijibsiisanii fi isaan irraa of tuulan, balbaloonni samii isaaniif hin banaman, hanga gaalli qaawwa lilmoo keessa seentutti Jannata hin seenan. Akka kanatti yakkamtoota mindeessina.” Suuratu Al-A’araaf 7:40

Gaalli qaawwa lilmootin gonkumaa seenu hin dandeessu. Kanaafu, namoonni keeyyattoota Rabbii kijibsisanii fi isaan hordofuu irraa of tuulan gonkumaa Jannata seenu hin danda’an.

Inumaa keeyyattoota Rabbii kan kijibsiisu kaafirota malee hin jiru. Akkuma Rabbiin tabaraka wa ta’aalaa jedhe:

“Kaafiroota malee keeyyattoota Keenya kan mormu hin jiru.” Suuratu Al-Ankabuut 29:47

(B)-Ulamaa’onni nama malaaykota ykn jinni morme ykn malaykotatti qoosee fi gadi xiqqeesse ykn arrabse akka kafaru irratti wali galanii jiru.

Qaadi Iyaad ni jedha: Murtiin nama nabiyyoota Rabbii hafanii fi malaykota Isaa arrabse fi isaan gadi xiqqeesse, ykn wanta isaan fidan keessatti isaan kijibsiise ykn isaan mormee fi waakkate, murtii Nabiyyii keenyaati sallallahu aleyh wassallam…” (Ash-Shafaa 2/1097)

Nama kitaaba Rabbii irraa aayata takka morme akka kafaru irratti wali galanii, nama aayatota baay’ee jiraachu malaaykotaa fi jinni mirkaneessan mormee hoo haalli isaa akkam ta’a jette yaaddaa?

Jiraachuun malaykota (aleyhum salaam) Qur’aana fi sunnan mirkanaa’e, wali galtee Muslimootatinis kan mirkanaa’edha. Akkuma kana jiraachuun jinniis kan mirkanaa’edha.

Ibn Hazm ni jedha: “Malaykoonni haqa akka ta’an, Jibriili fi Miikaa’iil malaykoota fi Ergamtoota Rabbii olta’aa akka ta’an, Rabbii olta’aa biratti kan dhiyeefamanii fi gurguddaa akka ta’an irratti wali galanii jiru. Akkasumas, malaykoonni hundi mu’mintoota akka ta’anii fi jinninis haqa (jiraachun isaanii haqa) akka ta’e irratti wali galanii jiru.” (Maraatibul Ijmaa’I fuula 174)

Ibn Hazm, Muslimoonni, Kiristaanonni, majuusonni, saabi’onni fi yahudoonni irra hedduun jiraachu jinni irratti akka wali galan ni dubbata. (Ilaali Al-Fasl 5/112)

Ibn Taymiyaan ni jedha: “Malaykota fi jinni mirkaneessun ilmaan Aadam keessatti wali gala kan ta’eedha. Ummattota garii irraa kan kophatti baye malee eenyullee kana hin mormine. Kanaafi, ummanni nabiyyoota kijibsiisan akkana jedhan: “Rabbiin osoo fedhee malaaykota buusa.” (Al-Mu’minuun 23:24) Inumaa ummanni Nuuh, Aad, Samuud fi ummata Fira’awna gahuutti malaaykota hin morman. Ummanni Nuuh ni jedhan: “Kuni akkuma keessan ilma namaa malee waan biraati miti. Isin irratti of caalchisu barbaada. Rabbiin osoo fedhee malaaykota buusa.” (Suuratu Al-Mu’minuun 23:24)… Ummattoota keessaa ummanni mormii wali gala mormu hin jiru. Kana mormuun garii isaanii qofa keessatti argama. Fakkeenyaf kan akka nama falaasafu, beekumsa waan hin qabneef morma.” (An-Nubuwaat fuula 21-22=gabaabbinnaan)

Bakka biraattis ni jedha: “Akkuma dirqamaan beekkamu, Ergamtoonni malaaykotaa fi Jinnii beeksisanii jiru. Isaan kan dubbatanii fi ofiin dhaabbataniidha.”

Hanga akkana jedhutti: “Namni jiraachu jinnii fi sheyxaana, dhiibbaa isaanii morme…, akka walii galte warra amantiitti fi harka caalaa falaasfotatti kijibsiisaa ta’a. Nama arguun ykn oduu dhugaatin dhimmoota kanniin beeke biratti kijibni isaa beekkamaadha.” (As-Safdiyyah-1/192-193)

(C)– Malaykotatti amanuun akka isaan kabajan nama taasisa. Isaan gabroota kabajamoodha. Wanta Rabbiin itti ajaje keessatti Isa hin faallessan, wanta itti ajajaman ni hojjatu. Halkanii guyyaa Rabbiin qulqulleessu, ni faarsu, hin hifatan. Kanaafi, isaan arrabsuu fi isaanitti qoosuun isaan kabajuu waliin bakka tokkotti waliin hin ta’u.

(D)-Malaaykotatti amanuun akka isaan jaallatan namarraa barbaada. Isaan arrabsuun immoo isaan jibbuu fi diina isaanitti ta’uu irraa kan ka’eedha. Isaan jibbuu fi diina itti ta’uun isaanitti amanuu diiga. Akkuma Rabbiin olta’aan jedhe:

2:98

“Namni Rabbiif, malaaykota Isaatiif, Ergamtoota Isaatiif, Jibriili fi Miikaa’ilaf diina ta’e, dhugumatti, Rabbiin kaafirotaaf diina.” Suuratu Al-Baqarah 2:98

Tafsiira aayah tanaa ilaalchise wanta Baydaawi jedhe keessaa: “…. Malaaykotaa fi Ergamtootatti diina ta’uun kufriidha.” (Tafsiiru Baydaawi-1/72) Gabaabamutti, jiraachu malaaykota ykn jinni mormuu fi kijibsiisuun ykn malaaykota arrabsuun, gadi xiqqeessuun, itti qoosu fi diina itti ta’uun wanta iimaana diigu keessaa tokkoodha.  Sababni isaas, kuni aayata Qur’aanaa fi hadiisa sahiih kijibsiisuudha. Waa’ee malaaykota fi jinni ilaalchise wanta Qur’aanaa fi hadiisa sahiih keessatti dhufe hundatti amanuun dirqama. Namni kanatti yoo hin amaniin iimaanni isaa ni diiggamaa jechuudha.

Madda:
Nawaaqidul Iimaani al-qawliyah wal amalayah” fuula 211-218 Abdulaziz bin Muhammad

Print Friendly, PDF & Email
Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 10.1

Leave a Reply