Miidhaa Shirkii-Kutaa 1

Jalqaba miidhaa shirkii sirritti hubachuuf mee hiika isaa gosoota tawhiidaatin wal qabsiisne haa ibsinu. Tawhiinni bakka sadiitti qoodama:
1ffaa-Gooftummaa keessatti Rabbiin tokkichoomsu (tawhiidu ar-Rubuubiyyah)
2ffaa-Ibaadaa keessatti Rabbiin tokkichoomsu (Tawhiidu al-uluuhiyyah)
3ffaa-Maqaalee fi sifaata keessatti Rabbiin tokkichoomsu (tawhiidu al-asmaa’i wa sifaat)

Shirkiin immoo faallaa wantoota kanaati. Kanaafu, gosoota tawhiida irratti hundoofne shirkiis bakka sadiitti qoodu dandeenyaa jechuudha:
1ffaa-Gooftummaa keessatti Rabbitti qindeessu (shirkii)
2ffaa-Ibaadaa keessatti Rabbitti qindeessu (shirkii)
3ffaa-Sifaata keessatti Rabbiitti qindeessu (shirkii)

Gooftummaa keessatti Rabbiin tokkichoomsu jechuun hojii Isaatiin Isa tokkichoomsudha. Kan akka uumuu, samii irraa bishaan buusu, wantoota hundaa too’achu, seeraa fi murtii baasu fi kkf. Faallaa kanaa, Gooftummaa keessatti Rabbiitti qindeessun (shirkiin)-Isa waliin wanti tokko uumamtoota ni uuma, ni too’ata, ni nyaachisa fi hojii biroo ni hojjata jedhanii amanuudha. Yookiin hojii Rabbiin qofti hojjatu, wanti biraa of danda’e ni hojjata jedhanii amanuudha. Fkn, urjiileen ykn namni tokko rooba ni roobsa jedhanii amanuu. Waliyyiin ykn malaykaan ilma namaaf kenna jedhanii amanu. Kuni hundi shirkiidha.

Ibaadaa keessatti Rabbiin tokkichoomsu jechuun ibaada hunda Rabbi qofaaf gochuudha. Kan akka du’aayi (kadhaa), salaata, sooma, hajji, zakaa, gadi of qabuu, gadi jechuu, sodaa, kajeella, tawakkula, nazrii (silati) fi kkf. Ibaadaa keessatti Rabbitti qindeessu (shirkii) jechuun immoo ibaada kanniin Rabbiin ala wanta biraatiif gochuudha. Fakkeenyaaf, Rabbiin ala wanta biraatiif gadi jechuu, sagaduu, soomu…

Sifaata keessatti Rabbiin tokkichoomsu jechuun sifaanni (amaloonni) gugguutun hundi Rabbii qofaaf akka ta’an amanuudha. Sifaata keessatti Rabbiitti qindeessu (shirkii) jechuun immoo Sifaata (amaloota) Rabbii olta’aa amaloota uumamtoota Isaatiin wal fakkeessudha. Kan akka nama akkana jedhu, “dhageettin Isaa akka dhageetti kiyyaati…”[1]

Ammas, sifaata keessatti shirkiin amaloota Rabbi qofaaf ta’an uumamtootaaf kennuudha. Fakkeenya, wanta ghaybi (ijaan hin mul’anne) kan beeku Rabbiidha.  Wanta ghaybi kan Rabbiin malee eenyullee hin beekne, raagdun ykn eebalu ni beeka jedhe namni yoo amane, kuni shirkiidha.

Wanta armaan olii ifa gochuuf mee jecha aalimota (beektotaa) muraasa haa dhiyeessinu: Shekhul Islaam ibn Taymiyah-rahimahullahu- ni jedha: Rubuubiyyah (Gooftummaa) keessatti shirkiin- Dhugumatti Gooftaan subhaanahu Qabaataa, too’ataa, qindeessaa, kennaa, dhoorgataa, kan fayyadu, Kan gadi buusu, olkaasu, Kan jabeessu fi kan xiqqeessudha. Namni Kan kennu ykn dhoorgatu ykn fayyadu ykn jabeessu ykn xiqqeessu Rabbiin ala kan biraati jedhee ragaa bahe, rubuubiyyah (Gooftummaa) Isaa keessatti shirkii hojjate.” (Majmuu’al Fataawaa 1/92)[2]

Ash-Shawkaanii ni jedha: Dhugumatti shirkiin wanta Rabbii qofaaf ta’e keessatti Isaan ala kan biraa kadhachuudha yookiin wanta Isa malee homtu hin dandeenye keessatti Isaan ala kan biraa dandeetti akka qabu amanuudha. Yookiin wanta gara Isaatti malee homattu ittiin hin dhiyaanneen Isaan ala kan biraatti ittiin dhiyaachudha. (Fkn, sooman ykn silati seenun Rabbiin ala wanta biraatti dhiyaachu. Kuni shirkiidha.)… (Ad-Daru nadiidi fuula 18)[3]

Muhammad Rashiid Ridaa ni jedha: “[Shirkiin] namni tokko ‘Uumuu keessatti kan Rabbii olta’aa waliin hirmaatu ykn hojii Isaa keessatti Isa gargaaru ykn hojii garii akka hojjatu Isa taasisu ykn Isatti dhiyoo waan ta’eef Isa biratti jaarsummaa ta’uun hojii garii irraa Isa dhoowwu ni jira’ jedhee amanuudha.” (Tafsiirul Manaari-2/55)[4]

Ibaadaa keessatti hiika shirkii haala wali galaatin Sheykh Abdurahmaan Sa’dii akkana jechuun ibsa: “Daangaan shirkii guddaa fi hiikni isaa gosootaa hunda walitti qabu: Gosoota ibaadaa irraa wanta tokko Rabbiin ala kan biraatiif gochuudha. Amantii ykn dubbii ykn hojii hunda Rabbiin itti ajaje, Rabbii qofaaf gochuun tawhiida, iimaanaa fi ikhlaasa. Isaan ala wanta biraatiif gochuun immoo shirkii fi kufriidha. Qajeelfama bu’uuraa shirkii guddaa kana qabachuun sirratti haa jiraatu.” (Al-Qawlu As-Sadiid fuula 43)[5]

Haala kanaan waa’ee shirkii erga hubanne, mee amma miidhaa shirkiin fiduu haa ilaallu.

Shirkiin zulmii hundarra guddaadha
Jalqaba irratti mee hiika zulmii fi gosoota isaa haa ilaallu. Akka lugaatti, zulmii jechuun wanta tokko bakka isaa malee kaa’udha. Ammas, zulmii jechuun haqa irraa gara baaxilaa (sobaa)tti darbuudha. Zulmiin faallaa haqummaati. Hundeen zulmii-miidhuu, daangaa darbuu fi wanta sirrii barbaadame irraa jallachuudha.

Akka wali galtee beektotaatti hiika zulmii
Zulmii jechuun miidhuu, cunqursuu, daangaa darbuu, haqa dhoowwachu, seera malee jijjiruun yookiin hir’isuun yookiin dabaluun haqummaa irraa jallachuudha.

Ammas zulmii jechuun mirga namaa keessatti haqa malee akka fedhanitti hojjachuudha. Zulmiin qabeenyaa fi kabaja namootaa keessatti daangaa isaan irratti darbuudha. Namni kana keessaa waa hojjate, nafsee ofiis miidhee jira, nama biraas miidhee jira. Zulmiin badii guddaa badiin hundi irraa burquudha.

Ahli Sunnah wal jama’a biratti zulmiin sadarkaalee wal caalan qaba:
Jecha “zulmii” jedhu- kufrii, shirkii, badii gurguddaa fi achii gadii ibsuuf itti fayyadamu. Sababni isaas, ma’asiyaan hanga feete haa xiqqaatu ishii keessa zulmiitu jira. Haalli nama ma’asiyaa hojjatu xiqqaate xiqqaatu nafsee ofii miidhudha.

Zulmiin gosa sadiitu jira:
1ffaa-Zulmii gabrichaa fi Gooftaa isaa subhaanahu wa ta’aalaa jidduu jiru- Zulmiin hundarra guddaan kufrii, shirkii fi nifaaqa. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Dhugumatti shirkiin zulmii guddaadha.” Suuratu Luqmaan 31:13

2ffaa-Zulmii nama tokkoo fi namoota biroo jidduu jiru-kunis haqa isaanii irratti daangaa darbuun ta’a. Haqni kunis: kabaja, qaamaa fi qabeenyaa isaaniiti. Fkn, namni tokko maqaa namaa xureessu, qaama isaanii madeessu, ajjeesu, qabeenya isaan jalaa saamu. Kuni hundi zulmiidha. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
 اتَّقُوا الظُّلْمَ فَإِنَّ الظُّلْمَ ظُلُمَاتٌ يَوْمَ الْقِيَامَةِ

Zulmii irraa of eeggadhaa, dhugumatti Guyyaa Qiyaamaa zulmiin dukkana.” Musliim 2578

 3ffaa-Zulmii namaa fi nafsee isaa jidduu jiru- kunis zanbii fi ma’asiyaa hojjachuu fi karaa sheyxaanaa hordofuun daangaalee Rabbii darbuun ta’a. Qur’aana keessatti: “Ergasii gabroota Keenya keessaa kanneen filanne kitaabicha dhaalchifne. Isaan keessaa nama nafsee ofii miidhutu jira, isaan keessaa nama karaa jiddu-galeessa hordofutu jira, isaan keessaa hayyama Rabbiitiin nama hojiwwan gaggaarii irratti dursutu jira. Suni isumatu tola guddaadha.” Suuratu Faaxir 35:32

Zulmiin gosoota sadanii kuni haqiiqadhaan nafsee ofii miidhudha. Namni yeroma jalqaba zulmii yaadu, nafsee ofii miidhee fi adabbii Rabbiitiif of saaxilee jira. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa warra badii hojjatan ilaalchisee ni jedha:

Nuti isaan miine, garuu isaanumatu of miidhaa ture.” Suuratu An-Nahl 16:118

Zulmii Islaama keessaa nama baasu fi baasu dhiisu irratti hundaa’e bakka lama gurguddaatti qoodama:
Zulmii guddaa-kuni shirkii guddaa fi kufriidha. Zulmiin gosa kana Islaama keessaa nama baasa.
Zulmii xiqqaa-kuni wanta shirkii guddaa gadi jiruudha. Kan akka badii gurguddaa hojjachuun nafsee ofii miidhuu, namoota irratti daangaa darbuu. Kuni Islaama keessaa nama hin baasu.[6]

Zulmii haala kanaan erga qoqqoonne, zulmiin hundarra guddaan shirkii fi kufrii ta’uu ni hubannaa jechuudha. Namni zulmii hojjatu zaalima jedhama. Kanaafu, namni shirkii fi kufrii hojjatu zaalima. Namni Rabbitti kafaru (kaafirri) zaalima. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Kaafironni isaanumatu zaalimoota.” Suuratu Al-Baqarah 2:254

Sababni isaas, kaafironni adabbii Rabbii cimaa ta’ee saniif nafsee ofii saaxilu. Namni adabbiif of saaxile zaalima (nama nafsee ofii miidhedha.) Nama osoo beeku ibiddatti of darbe maal jettaan? Nama nafsee ofii miidhe hin jettuuni? Kanaafu, kaafironni Gooftaa isaan uumetti waan amanuu didanii fi ajajamu dhiisaniif adabbii cimaaf of saaxilu.

Shirkiin zulmii hunda caaledha. Sababni isaas, namni shirkii hojjatu ibaada bakka isaatiin ala bakka biraa kaa’e. Akkuma irranatti jenne hiika zulmii keessaa, wanta tokko bakka isaatin ala kaa’udha. Ibaadan Rabbii qofaaf ta’a. Kanaafu, namni shirkii hojjatu ibaada Rabbii isa uumee fi kunuunsuf gochuu dhiise wanta biraa isa hin fayyanneef godha. Asirraa miidhaan shirkii: “Namni shirkii hojjatu nama zaalima nafsee ofii adabbii cimaaf saaxilu ta’a” jenne goloobu dandeenya. Qur’aana keessatti: “Dhugumatti, namni Rabbitti waa qindeesse, Rabbiin isarratti Jannata haraama (dhowwaa) taasiseera. Teessoon isaas ibidda. Zaalimotaaf gargaartonni wayiitu hin jiran.”  Suuratu Al-Maa’ida 5:72


Wabii:
[1] https://www.islamweb.net/ar/fatwa/7386/%D8%A3%D9%86%D9%88%D8%A7%D8%B9-%D8%A7%D9%84%D8%B4%D8%B1%D9%83
[2] https://www.sammubani.com/2020/04/05/dubbii-iimaana-diigu-kutaa-2/#.XtY9CDr7TIV
[3] https://www.sammubani.com/2020/04/26/dubbii-iimaana-diigu-kutaa-6-7/#more-14472
[4] https://www.sammubani.com/2020/04/19/dubbii-iimaana-diigu-kutaa-6-2/#more-14412
[5] Madda olii
[6] Al-Imaanu haqiiqatuh, khawaarimuh, nawaaqiduh inda ahli sunnati wal jama’a-fuula 711-718, Abdullah bin Abdulhamid Al-Asarii

Print Friendly, PDF & Email
Miidhaa Shirkii-Kutaa 2
Miidhaa, Fokkinnaa fi Soba Shirkii-Seensa

Leave a Reply