Guyyaa Qiyaamaa Iyyasuus Namoota isa waaqeffatan ni morma

Shirkiin Aakhiratti Salphinna Guddaatti Nama geessa-Kutaa 4
Rabbii olta’aan alatti wanta biraa waaqefachuun shirkiidha. Shirkiin kuni salphinna guddaatti nama geessa. Namoonni Iyyasuus gooftadha jechuun waaqefatan shirkii hojjatanii jiru. Guyyaa Murtii Iyyasuus (nageenyi isarratti haa jiraatu) namoota isa waaqefatan ni morma. Qur’aana keessatti:

(116)-Yeroo Rabbiin “Yaa Iisaa ilma Mariyam! Sila situ namootaan ‘Anaa fi haadha tiyya Rabbii gaditti gabbaramaa (gooftaa waaqefatamu) lama taasifadhaa’ jedhee?” jedhu [yaadadhu]. Innis ni jedha, “Ati Qulqulloofte! Ani wanta haqa naaf hin taane jechuun naaf hin ta’u. Yoo ani san kan jedhu ta’e, dhugumatti Ati beektee jirta. Wanta lubbuu kiyya keessa jiru ni beekta, ani waan nafsii Kee keessa jiru hin beeku. Dhugumatti Ati sirritti beekaa wantoota hin mul’anne hundaati. (117)-Waan Ati itti na ajajje, “Rabbii Gooftaa kiyyaa fi Gooftaa keessan ta’e gabbaraa” jechuu malee waan biraa isaaniin hin jenne. Hangan isaan keessa turetti isaan irratti ragaan ture. Erga ol na fuutee booda, Ati isaan irratti Tiiksaa turte. Ati waan hundaa irratti ragaadha. (118)-Yoo isaan adabde (azzabde), gabrootuma Keeti. Yoo isaaniif araaramtes, Ati Simatu Injifataa Ogeessa.” Suuratu Al-Maa’ida 5:116-118

Yommuu Rabbiin Guyyaa Qiyaamaa: Yaa Iisaa ilma Mariyam situ namootaan, ‘Anaa fi haadha tiyya Rabbiin alatti gabbaramaa (waaqefatamaa) lama godhadhaa jedhee?’ jedhu yaadadhu. Rabbiin waan hundaa beekadha. Mufassiroonni akka jedhanitti  gaafi kana kan gaafatuuf  sababa lamaafi:
1ffaa-Namoota Iisaan (Iyyasuus) gabbaramaadha (gooftaadha)” jedhan waqqasuuf; akkasumas, gaafin booda mormiin isaa isaan kijibsiisuu keessatti daangaa akka gahuufi. Kana jechuun kijiba isaanii daran ifatti baasufi.
2ffaa-Gaafi kanaan Iisaa booda ummanni isaa amanti akka jijjiranii fi wanta inni hin jenne akka jedhan isatti beeksiisuufi.[1]

Kiristaanonni Iyyasuus gooftadha jechuun isa kadhatu, ni faarsu, ni waaqefatu. Akkasumas, haadha isa Mariyam (Maariyaam), ni kadhatu, gadi jedhuuf, ni sagaduuf. Suuraa ishii beetakiristaanaa fi bakka adda addaatti maxxansani “haadha gooftaati” jechuun waaqefatu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Guyyaa Qiyaamaa namoota kanniin waqqasuu fi wanti isaan hojjatan badii garmalee guddaa akka ta’e ibsuuf, “Yaa Iisaa situ namootaan ‘Anaa fi haadha tiyya waaqefadhaa’ jedhee?” jechuun gaafata. Iisaanis ni jedha, “Ati Qulqulloofte!” Kana jechuun jecha fokkuu isaanii kana irraa fi wanta Siif hin malle irraa Ati qulqulloofte.[2] Kiristaanonni “Iyyasuus gooftadha, ilma gooftaati, Rabbiin sadaffaa sadeeniti (silaase), Mariyam haadha gooftaati” jechuun soba guddaa dubbatu. Iyyasuus (aleyh salaam) “Yaa Rabbii jechoota fokkuu kana hundarraa Ati qulqulloofte!” jedha.

Itti fufuun ni jedha: “Ani wanta haqa naaf hin taane jechuun naaf hin ta’u.” Kana  jechuun namootaan “Anaa fi haadha tiyya waaqefadhaa” jechuun anaaf gonkumaa hin ta’u. Sababni isaas, ani gabricha uumameedha, haati tiyyas gabritti Keeti. Kanaafu, gabrichaa fi gabrittiin “Ani Gooftadha, [na waaqefadhaa]” jechuu danda’uu?[3]

Yoo ani san kan jedhu ta’e, dhugumatti Ati beektee jirta.” Kana jechuun osoo ani “anaa fi haadha tiyyaa waaqefadha” namootaan jedhe, Ati ni beekta. Dhugumatti, wanti Sirraa dhokatu tokkollee hin jiru. Ani kana akka hin jennee fi itti isaan hin ajajne Ati ni beekta. “Wanta lubbuu kiyya keessa jiru ni beekta,” Yaa Rabbii! Wanta nafseen tiyya dhoksite Sirraa hin dhokatu.  Wanta hin dubbatinii fi ifatti hin baasin kan nafsee tiyya keessa jiru sirritti beekta. Wanta dubbadhee fi ifatti baasee hoo? Osoo namootaan, “Anaa fi haadha tiyya waaqefadhaa” jedhee, Ati ni beektaa turte. Sababni isaas, wanta nafseen dhoksitee fi hin dubbatinu sirritti beekta. Wanta nafseen dubbatte hoo akkam ta’inna?

ani waan nafsii Kee keessa jiru hin beeku.” Kana jechuun ani wanta Ati narraa dhoksitee fi natti hin beeksisin hin beeku. Sababni isaas, ani wanta Ati natti beeksifte qofa beeka. “Dhugumatti Ati sirritti beekaa wantoota hin mul’anne hundaati.” Kana jechuun dhugumatti Ati dhimmoota dhokatoo hunda beekta.[4]

Keeyyata armaan olii haala kanaan gabaabsu dandeenya: “Kuni yoo narraa bahe yaa Rabbii Ati ni beekta. Sababni isaas, homtu Sirraa hin dhokatu. Arraba kiyyaan “ana fi haadha tiyya waaqefadhaa” jechuun hin dubbanne, nafsee tiyya keessattis hin barbaanne, hin dhoksinees.”[5]

Ergasii wanta isaaniin jedhaa ture akkana jechuun ibsa:  “Waan Ati itti na ajajje, ‘Rabbii Gooftaa kiyyaa fi Gooftaa keessan ta’e gabbaraa’ jechuu malee waan biraa isaaniin hin jenne.” Kana jechuun Yaa Rabbii! Wanta Ati akka namootatti geessu itti na ajajje malee wanta biraa isaaniin hin jenne. Wanti suni maalidhaa? Wanti suni, “Rabbii Gooftaa kiyyaa fi Gooftaa keessan ta’e gabbaraa” kan jedhuudha. Kuni wanta ani isaaniin jedheedha.

“Hangan isaan keessa turetti isaan irratti ragaan ture.” kana jechuun yeroo isaan keessa turetti hojii fi dubbii isaanii irratti ragaa bahaan ture. “Erga ol na fuutee booda, Ati isaan irratti Tiiksaa turte.” Kana jechuun erga gara samii ol na fuute booda, iccitii isaanii ni beekta, hojii isaanii ni argita. “Ati waan hundaa irratti ragaadha.” Wanta hundaa irratti beekumsaan, dhageetti fi argituun ragaa baata. Ati wanta hundaa ni beekta, ni dhageessa, ni argita. Dachii fi samii keessatti wanti Sirraa dhokatu tokkollee hin jiru.[6]

Kuni kan agarsiisu Iisaan (Iyyasuus) gara samii erga ol fuudhame booda jallinnaa fi kijiba namoonni uuman hin beeku. “ani hanga isaan keessa turetti hojii isaanii nan argaa ture. Tawhiida irra jiraachu ragaa nan bahaa ture. Erga ol na fuute booda ani haala isaanii hin beeku. Haala fi hojii isaanii kan beeku fi argu Yaa Rabbii Sihi.” Jechuun labsa. Iyyasuus (aleyh salaam) jallinna isaanii kan hin beekne erga ta’e, kadhaa isaanii hin dhagayuu jechuudha. Faaruu Kiristaanonni isa faarsan, kadhaa isa kadhatan, sagada isaaf sagadan hunda quba hin qabu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Nama Rabbiin ala wanta hanga Guyyaa Qiyaamaatti deebii isaaf hin deebisne kadhatu caalaa jallataan eenyuIsaan (warri kadhataman) kadhaa isaanii irraa gaafilota (quba hin qaban). Yommuu namoonni walitti qabaman, isaaniif diinota ta’u, gabbarri (waaqefanna) isaaniis ni mormu.” Suuratu al-Ahqaaf 46:5-6

Nama Rabbiin alatti gabbaramtoota (wantoota waaqefataman) kadhaa isaa gonkumaa isaaf hin deebisnee kadhatu caalaa namni jallataa fi wallaalan hin jiru. Sababni isaas, wantoonni waaqefataman kunniin warra du’an ykn fagoo jiran ykn mukkeeni ykn dhagaalee fi kkf dha. Kadhaa namoota isaan waaqefatanii quba hin qaban (hin beekan, hin dhagayan). Yommuu namoonni Guyyaa Qiyaamaa qorannoo fi jazaaf walitti qabaman, wantoonni isaan waaqeffataa turan kunniin diinota isaanitti ta’u, gabbarri (waaqefannaa) isaanii ni mormu. Akkana jechuun mormu: “Akka nu gabbaran (waaqefatan) isaan hin ajajne. Akka isaan nu gabbaraa (waaqefataa) jiranis nuti hin beekne. Yaa Gooftaa keenya isaan irraa gara keetti qulqulloofne.”[7]

Guduunfaa
✐Kiristaanonni Iyyasuus gooftadha jechuun isa kadhatu, ni faarsu, ni sagaduuf. Haadha isaas Mariyamin ni kadhatu, ni sagaduuf. Haala kanaan, Rabbiin alatti Iyyasuusi fi haadha isaa waaqefatu. Gabbaramaa (Waaqefatamaa) lama godhatan.
✐Iyyasuus (aleyh salaam) namoonni akka isa ykn haadha isaa waaqefatan gonkumaa hin ajajne. Inumaa, kitaaba Kiristaanota keessatti, Iyyasuus, “Ani Waaqayyoo, na waaqefadhaa.” bakki jedhe gonkumaa hin jiru. Wanti Iyyasuus itti ajajaa ture: “Rabbii Gooftaa kiyyaa fi Gooftaa keessan ta’e gabbaraa” kan jedhuudha.
✐Guyyaa Murtii Iyyasuus namoota isa waaqefatan ni morma. Inumaa kitaaba Kiristaanota keessatti akkana jedha: “Guyyaa isa dhumaa sanatti namoonni baay’een, “Yaa gooftaa, yaa gooftaa, nuyi maqaa keetiin raajii dubbanneerra, maqaa keetiin hafuurota hamoota baafneerra, hojii aangoos maqaa keetiin baay’ee hojjanneerra mitii?” anaan jedhu. Ani immoo yeroo sanatti, “Matumaa ani isin beeku, isin yaa warra hamaa hojjettanii ija koo duraa badaa!” jechuun mul’innatti (ifatti) isaanitti hima.” Maatewos 7:22-23
✐Kuni wanta Qur’aana keessatti dhufeen walitti gala. Aayah armaan olii keessatti: “Yommuu namoonni walitti qabaman, isaaniif diinota ta’u, gabbarri (waaqefanna) isaaniis ni mormu. Suuratu al-Ahqaaf 46:6

Keeyyatta armaan olii keessatti “isin yaa warraa hamaa hojjettanii” jedhu itti xinxallaa. Wanti hamaan kufrii fi shirkii caale ni jiraa? Rabbii olta’aa dhiisanii Iyyasuusin gooftaa jedhanii waaqefachuun shirkiidha. Kanaafu, kuni wanta hamaa ta’edha.

Dabalataan waa’ee Iyyasuusin waaqefachu ilaalchisee dubbisuuf as tuqaa: https://sammubani.com/category/yesuus-iyyasuus/#.YWcloRpBzIU


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Qurxubii-8/301 [2] Tafsiiru Sa’dii-276[3] Tafsiiru Xabarii-9/136[4] Tafsiiru Xabarii-9/136-137[5] Tafsiir ibn Kasiir-3/515[6] Tafsiiru Qur’aanil Kariim-Suuratu Maa’idah-2/550, Ibn Useymiin, Tafsiiru Muyassar-127, Tafsiiru Sa’dii-276[7] Tafsiiru Muyassar-502-503, Tafsiiru Xabari-21/117

Print Friendly, PDF & Email
Shirkiin Salphinna Aakhiraatti Nama Geessa-Kutaa 5
Shirkiin Aakhiratti Salphinna Guddaatti Nama Geessa-Kutaa 3

Leave a Reply