Soba Shirkii-Kutaa 4

Wantoonni Rabbii olta’aa gaditti gabbaraman (waaqefataman) waa hundaa irratti too’annaa fi dandeetti qabuu?
Gabbaramaan gabbaramaa dhugaa ta’uuf wanta hundaa kan harkaa qabu, too’atu fi dandeetti irratti qabu ta’uu qaba. Namni wanta tokko kan gabbaruuf (waaqefatuuf) isarraa faayda argachuu ykn miidhaa ofirraa ittisuu barbaadeti. Akkasi miti ree? Kan gabbaramu kuni faayda barbaadan namaaf kennu fi miidhaa namarraa deebisuuf faayda kana kan harkaa qabuu fi miidhaa kana deebisuuf dandeetti qabaachu qaba. Ta’uu baannan, wanta harkaa hin qabnee fi dandeetti irratti hin qabne akkamitti namaaf gochuu danda’aa?

Akkuma beekkamu wantoota hundaa Kan harka qabuu, too’atu fi dandeetti irratti qabu Rabbii olta’aa qofaadha. Dhugaa kana akkana jechuun ibsa:

“Inni halkan guyyaa keessa seensisa; guyyaas halkan keessa seensisa. Aduu fi ji’as ni laaffise, hunduu hanga beellamaa murtaa’atti ni fiigu. Suni Gooftaa keessan Allaah dha; mootummaan kan Isaati. Kanneen isin Rabbii gaditti kadhattan wanta hanga qoola haphii ija temiraayyu hin qaban.Yoo isaan kadhattaniis kadhaa keessan hin dhagahan. Osoo dhagahaniillee isiniif hin awwaatan. Guyyaa Qiyaamaas shirkii (Rabbitti qindeessu) keessan ni mormu. [Yaa Muhammad] akka Rabbii keessa beekaatti homtuu sitti hin beeksisuu.” Suuratu Faaxir 35:13-14

“Inni halkan guyyaa keessa seensisa; guyyaas halkan keessa seensisa.”
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa sa’aati halkanii irraa guyyaa keessa seensisa, kanaafu hamma halkan irraa hir’ateen guyyaan ni dabala ykn ni dheerata. Ammas, sa’aati guyyaa irraa halkan keessa seensisa, kanaafu hamma guyyaa irraa hir’ateen halkan ni dabala ykn ni dheerata.[1]

Fakkeenyaf, Biyyoota Eeshiyaa fi Awrooppa garii keessatti yeroo bonaa guyyaan ni dheerata halkan ni gabaabbata, yeroo gannaa immoo halkan ni dheerata guyyaan ni gabaabbata. Fkn, Ji’a waxmajji (June) aduun kan baatu gara sa’aati 11:00 yoo ta’u kan dhiitu immoo galgala gara sa’aati 2:00 ti. Kanaafu, guyyaan dheeradhaa jechuudha. Ji’aa sadaasaa keessa immoo aduun ganama gara sa’aati 2:00tti baati, galgala immoo gara sa’aati 11:40tti dhiiti. Kanaafu waqtii kana keessa guyyaan gabaabadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa dandeetti Isaa guutuu ta’een halkan guyyaa keessa, guyyaas halkan keessa seensisa.

“Aduu fi ji’as ni laaffise” Kana jechuun isin irratti tola ooluuf, rahmata isiniif gochuuf, lakkoofsa waggootaa fi guyyoota akka beektaniif, halkan guyyaa irraa akka adda baastaniif aduu fi ji’a akka deeman isiniif taasise.[2] Akkuma beekkamu aduu fi jiiyni faaydaa guddaa lubbu-qabeenyif qabu. Aduun madda annisaa fi humnaati. Osoo aduun jiraachu baatte silaa lubbu-qabeenyin hin jiraatan. Sababni isaas, biqiloonni guddachuu fi firii buusuf ifa aduutti hajamu. Namoonni galii ittiin jiraatan argachuuf ifa aduutti hajamu.

“hunduu hanga beellamaa murtaa’atti ni fiigu.” Kana jechuun aduu fi jiiyni, hundi isaaniitu hanga Rabbiin fedhetti sarara isaanii irra ni fiigu. Yommuu ajalli dhufee fi dhumti addunyaa dhiyaate, adeemsi aduu fi ji’aa ni dhaabbata, aangoon isaanii ni dhabama. Jiyni ifa dhaba, aduun ni maramti, urjiileen ni bittinnaa’u.

Ajala jechuu hamma yeroo wanta tokkoof murtaa’ee fi jalqabaa fi xumura jedhuutti daangefameedha. Akkasumas, ajala jechuun yeroo dhumaa wanta tokkooti.[3] Fakkeenyaaf, namni ajala qaba. Kana jechuun yeroo itti du’u qaba. Aduu fi jiiynis yeroon isaanii kan murtaa’edha. Jalqabaa fi xumura qabu. Erga uumaman irraa kaasee hanga xumura isaaniitti hojii isaanii ni hojjatu. Guyyaa guyyaan ni deddeebi’u. Garuu Qiyaamaan yommuu dhootu yeroon isaaniif murtaa’e ni dhumata. Kanaafu, adeemsi isaanii ni cita. Aduun ni maramti, jiiyni ifa dhaba.

“Suni Gooftaa keessan Allaah dha.” kana jechuun yaa namoota hojiiwwan kanniin Kan hojjatu Gabbaramaa keessan kan ibaadaan Isaaf malee homaafu hin taanedha. Innis Allaah Gooftaa keessani.[4]

Gooftaa jechuun Uumaa (Khaaliqa), Qabaataa, Too’ataa, Kan qananiisu fi kunuunsudha. Kanaafu, Kan isin uume, too’atu, halkanii fi guyyaa isiniif fiduun, aduu fi ji’a isiniif laaffisuun, rooba samii irraa buusun, biqiltoota isiniif biqilchuun isin qananiisuu fi kunuunsu Allaah qofa.

“mootummaan kan Isaati.”
Mootummaan (mulk) hiika lama qaba:
1ffaa-wanta tokko qabaachu fi mirga wanta fedhan hojjachuu dhuunfachuu
2ffaa-Aangoo ajajuu fi dhoowwu qabaachu.[5]

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa samii torban, dachii fi wantoota isaan keessa jiran hunda Kan uume Isa waan ta’eef, wantoonni kunniin hundi Kan isaati, wanta fedhe keessatti hojjachuu danda’a, aangoo fi dandeetti guutuu irratti qaba.

Asi olitti tuqaa jalqaba irratti eerre mirkaneessine jirra. Tuqaan kunis: Kan gabbaramu (waaqefatamu) Gabbaramaa dhugaa ta’uuf wanta hundaa kan harkaa qabu, too’atu fi dandeetti irratti qabu ta’uu qaba. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa samii, dachii fi wantoota isaan keessa jiran hunda Kan uume Isa waan ta’eef, wantoota kanniin hunda harkaa qaba. Aangoo, too’annaa fi dandeetti guutuu irratti qaba. Kana jecha, “mootummaan kan Isaati.” Jedhu irraa ni hubanna.

Mee amma haa ilaallu wantoota Rabbiin alatti gabbaraman (waaqefataman): “Kanneen isin Rabbii gaditti kadhattan wanta hanga qoola haphii ija temiraayyu hin qaban.” Suuratu Faaxir 35:13
Qixmiir- qoola haphii ija (firii) temiraa irratti argamuudha. Fakkii armaan gadi irraa ilaalun ni danda’ama.

Kana booda hiikni hima armaan olii: kawnii (yunivarsii) guutuu keessatti mootummaan hundi kan Rabbii qofa. Kanaafu, Rabbii gaditti wantoonni mushrikoonni waaqeffatan kawnii Rabbii irraa homaa hin qaban. Waa uumuus, waa keessatti hojjachuus hin danda’an. Kanaafu, yaa mushrikoota! Wantoonni isin waaqeffatan nama fayyaduuf kawnii irraa wanta hanga qoola haphii firii temiraa kan hin qabne erga ta’anii, wanta qoola firii temiraa caale irratti hoo too’annaa qabaachu danda’uu? Kan akka uumuu, rizqii (soorata) namaaf kennu, nama gargaaru. (Mushrikoota jechuun namoota Rabbiin waliin waan biraa gabbaraniidha (waaqeffataniidha)).

Kanaafu, yaa mushrikoota! Rabbii gadiitti wantoonni isin gabbaramaa godhachuun gabbartanii fi kadhattan irraa faaydan isin argattan maaliidhaa? “Yoo isaan kadhattaniis kadhaa keessan hin dhagahan. Osoo dhagahaniillee isiniif hin awwaatan.” Kana jechuun Yaa mushrikoota! Gooftaa keessanii gaditti wantoota gabbartan irraa faaydaa ykn gargaarsa ykn miidhaa ittisuu ykn kaasuu barbaadun yoo isaan waammattan, waamicha keessan hin dhagahan. Sababni isaas, isaan wantoota lubbu-dhabeenyi hin dhageenyedha yookiin namoota du’an kan sagaleen keessan ruuhi isaanii hin geenyedha. Isaan sagalee keessan kan hin dhageenye ta’anii osoo jiranuu sammuun keessan akkamitti akka isaan kadhattan hayyamee?

Wantoota isaan gabbaran keessaa tokko kadhaa isaanii osoo dhagayee, kan akka jinni yookiin malaaykaa osoo ta’e, isaan kadhaa nama isaan kadhatetiif deebii hin deebisan. Sababni isaas, isaan keessaa tokko deebii deebisuuf osoo barbaade, kana gochuu hin danda’uu ture. Aangoo Rabbii jala waan jiruuf kuni isaaf hin danda’amu. Malaaykonni osoo kadhaa nama isaan kadhate dhagahaniyyuu namoota isaan gabbaraniif deebii hin deebisan. Sababni isaas, isaan uumamaan Rabbiin hin faallessan, wanta itti ajajaman hojjatu.

Jinnooni fi sheyxaanonnis aangoo Rabbiitiin kadhaa nama isaan gabbarutiif deebii deebisuu irraa ni dhoowwamu. Namoota qoruuf dhimmoota sihrii garii keessatti hayyama Rabbiitin yoo ta’ee malee.[6]

“Guyyaa Qiyaamaas shirkii (Rabbitti qindeessu) keessan ni mormu.” Kana jechuun Guyyaa Qiyaamaa isin isaan gabbaruu keessan ni mormu, isin irraa qulqullaa’u. “Isin nu gabbaraa hin turre. Nuti akka nu gabbartan isin hin ajajne.” jechuun isin mormu.

 “[Yaa Muhammad] akka Rabbii keessa beekaatti homtuu sitti hin beeksisuu.” Kana jechuun xumuraa fi bu’aa dhimmootaa, eessa akka gahan, akka Keessa Beekaatti homtu sitti hin himu.[7] Keessa beekaan suni Rabbii homtu Isarraa hin dhokanneedha. Inni qulqullaa’e.

Rabbii gaditti wanta isaan hin miinee fi hin fayyanne gabbaru. Ni jedhus, “Isaan kunniin Rabbiin biratti jaarsummaa (shafa’aa) nuuf ta’u.” Jedhi, “Sila isin wanta Inni samiiwwanii fi dachii keessatti hin beekne Rabbiitti himtuu?”  Wanta isaan Isa waliin gabbaran irraa Inni qulqullaa’e olta’e.”  Suuratu Yuunus 10:18

Namoonni Rabbiin alatti wanta biraa gabbaran (waaqefatan) wanta isaan hin miinee fi addunyaa fi Aakhiratti isaan hin fayyanne waaqefatu. Kan nuti isaan gabbarruuf Rabbiin biratti jaarsummaa akka nuuf ta’aniifi jedhu. Jedhi, “Sila isin wanta Inni samiiwwanii fi dachii keessatti hin beekne Rabbiitti himtuu?”  Kana jechuun wanta samii torbanii fi dachii keessatti ta’uu hin dandeenye Rabbitti ni beeksiiftuu? Kunis, wantoonni isaan gabbaranii fi kadhatan, samiiwwan keessattis ta’ee dachii keessatti Rabbiin biratti jaarsummaa isaaniif hin ta’an. Mushrikoonni, “wantoonni nuti gabbarruu fi kadhannu kunniin Rabbiin biratti shafa’aa (jaarsummaa) nuuf ta’u” jechuun odeessu. Rabbiin nabiyyii Isaatiin (SAW) akkana jedhi jedhaan:“wanti samii fi dachii keessatti jaarsummaa hin taane nuuf jaarsummaa ni ta’uu” jettanii Rabbitti ni beeksiftuu? Kuni soba dhugaa irraa fagaateedha. Wantoonni isin gabbartan eenyufillee jaarsummaa hin ta’an, nama hin fayyadan, hin miidhanis.[8]

Guduunfaa
✐Namni wanta tokko kan gabbaruuf (waaqefatuuf) faayda irraa argachuuf ykn miidha akka isarraa deebisu kajeeleti. Fakkeenyaf, namni yommuu du’aayi godhuu maal barbaadaa? Namni sagadu maal barbaadaa?
✐Kan waaqeffatan wanta barbaadan irraa argachuuf wanta san kan harkaa qabuu fi dandeetti guutuu irratti qabaachu qaba.
✐Wanta isarraa kadhatan yoo hin qabaatin ykn wanta barbaadan namaaf gochuuf dandeetti yoo hin qabaatin, akkamitti wanta irraa kadhatan isarraa argatanii?
✐Wantoonni Rabbii olta’aa gaditti gabbaraman waa hunda harkaa hin qaban, dandeetti fi too’annaa guutus hin qaban. Kanaafu, Rabbiin alatti wantoota kanniin gabbaruun (waaqeffachuun) soba.
✐Mee itti yaadi, wanta irraa kadhatan yoo hin qabaatin ykn miidha namarraa deebisu yoo hin danda’in, wantoota kanniin kadhachuu fi waaqeffachuun bu’aan isaa maalidhaa?
Ammas, wanta barbaadan irraa argachuuf kadhaa nama yoo hin dhagahinii fi haala namaa yoo hin beekin, wanta rakkoo fi haala namaa hin dhageenye fi hin beekne kadhachuun faaydaa maali qabaa?


Kitaabban wabii
[1] Tafsiiru Muyassar-112 [2] Tafsiiru Xabarii-19/348
[3] Ma’aariju Tafakkuri-7/104 [4] Tafsiiru Xabarii-19/348
[5] Ma’aariju Tafakkuri-7/105
[6] Madda olii
[7] Tafsiiru Ibn Kasiir-6/305 [8] Tafsiiru Xabarii-12/142-143

Print Friendly, PDF & Email
Soba Shirkii-Kutaa 5.1
Soba Shirkii-Kutaa 3

Leave a Reply