Fakkeenya waliin Fokkinnaa fi Soba Shirkii-kutaa 2

Fakkeenya dadhabinna gabbaramtoota mushrikootaa
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wantoonni mushrikoonni waaqeffatan uumamtoota hunda caalaa uumama baay’ee dadhabaa fi xiqqaa ta’e uumuu irraa dadhaboo akka ta’an, inumaa uumamni dadhabaan kuni osoo waa harkaa bute deebisu akka hin dandeenye ibsuuf fakkeenya ni dhiyeessa:

Yaa namoota! Fakkeenyi dhiyeefamee jiraa dhageeffadhaa. Dhugumatti, kanneen isin Rabbii gaditti kadhattan osoo isaaf walitti qabamaniillee tiisisa tokko hin uuman. Yoo tiisisni wanta tokko isaan harkaa bute, wanta san [tiisisa] harkaa buusu hin danda’an. Barbaadaa fi barbaadamaaniis dadhaboodha. Kabaja dhugaa Rabbiif maluu hin kabajne. Dhugumatti, Rabbin Jabaa Injifataadha” Suuratu Al-Hajj 22:73-74

 “Yaa namoota!” Waamichi kuni warra amananii fi kaafirotaafi. Warri amanan (mu’mintoonni) beekumsaa fi waa sirritti arguun isaaniif dabalama. Kaafirota irratti immoo ragaan ni dhaabbata. “Fakkeenyi dhiyeefamee jiraa dhageeffadhaa” Kana jechuun gurra keessan itti kennaa, wanta of keessatti qabate hubadhaa.[1]Dhugumatti, kanneen isin Rabbii gaditti kadhattan osoo isaaf walitti qabamaniillee tiisisa tokko hin uuman.” Kana jechuun sanamoonni fi wantoonni biroo isin Rabbiin alatti gabbartan (waaqeffattan) hundi osoo walitti qabamanii tiisisa xiqqaa kana uumuu hin danda’an. Inumaa uumuu dhiisiti, “Yoo tiisisni wanta tokko isaan harkaa bute, wanta san [tiisisa] harkaa buusu hin danda’an.”

Mushrikoonni sanamoota isaanitiif shittoo fi nyaata dhiyeessaa turan. Yeroo muraasan booda tiisisni shittoo fi nyaata san irra qubata. Sanamoonni isaanii wanta tiisisni fudhate harkaa buusu hin danda’an.

Barbaadaa fi barbaadamaaniis dadhaboodha.” Kana jechuun barbaadaan wanta Rabbii gadiitti gabbaramuudha, barbaadamaan tiisisa.  Akkanas jedhame jira, barbaadaan: nama sanama waaqefatu, barbaadamaan: sanama.[2]

Kabaja dhugaa Rabbiif maluu hin kabajne.” Kana jechuun yommuu Rabbiin waliin wanta tiisisa ofirraa ittisuu hin dandeenye gabbaran, guddinna Isaaf maluu ol hin guddisne. “Dhugumatti, Rabbin Jabaa Injifataadha.” Rabbiin wanta fedhe uumuu irratti Jabaadha. Mootummaa Isaa keessatti homtu Isa hin dhaqqabu, eenyullee mootummaa Isaa irraa waa harkaa butu hin danda’u. Yaa mushrikoota! Inni akka wanta isin gabbartanii kan tiisisaayyu uumuu hin dandeenyeti miti.[3] Rabbiin subhaanahu waan hundaa irratti danda’aadha, wantoota hundaa kan injifatuudha. Wantoonni namoonni Isaa gaditti gabbaran immoo tiisisaayyu uumuu hin danda’an. Inumaa tiisisa harkaa waa buusu hin danda’an.

Kanaafu, namni sanama tiisisa uumuu dhiisitii wanta isarraa bute harkaa buusu hin dandeenye akkamitti faayda naaf fida ykn miidhaa narraa deebisa jedhee waaqeffataa?    

Fakkeenya nama isaan gabbare eegu dadhabuu
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wantoonni namoonni Isaa gaditti gabbaran nama isaan gabbare eegu akka hin dandeenye ibsuuf mana sharariititiin wal fakkeessuun fakkeenya ni dhiyeesse:

29:41

“Fakkeenyi warra Rabbiin ala kan biraa awliyaa’a godhatanii, akka sharariitii mana ijaarratteeti. Dhugumatti, manni hundarra laafaan mana sharariititi. Osoo kan beekan ta’anii, [silaa awliyaa’a hin godhatanii turan].”  Suuratu Al-Ankabuut 29:41

Fakkeenyi namoota Rabbiin alatti kan biraa gabbaramaa godhachuun gargaarsaa fi faaydaa irraa abdatanii akka sharariitii mana ijaarratteeti. Manni sharariitii hoo’as ta’e qorra ishirraa hin dhoowwu, miidhaa ishitti bu’us ishirraa hin deebisu. Sharariitiin wanta akka jirbii qaqal’aa mana godhatti. Manni kuni garmalee laafaa fi dadhabaa homaa ishirraa hin eegnedha. Haaluma kanaan, mushrikoota kanniinitti dallansuun Rabbii yoo bu’e, wantoonni isaan gabbaran homaa isaan hin fayyadan, adabbii Rabbii isaan irraa hin deebisan. Sanama mana sharariitiitiin wal fakkeesse. Akkuma manni sharariiti homaa ishirraa deebisuu hin dandeenye, sanamoonni isaaniis Rabbiin irraa isaan eegu hin danda’an.

PA Spiders - Put the "Haunted House" look away - Boo's Bug Stoppers

Kana ilaalchise ibn Al-Qayyim ni jedha: “Rabbiin subhaanahu namoonni kunniin dadhabdoota akka ta’an ni dubbate. Kanneen isaan awliyaa’a (gargaaraa fi tiiksaa) godhatan immoo isaan caalaa dadhaboodha. Isaan dadhabinna isaaniiti fi awliyaa’a godhachuu irraa wanta niyyatan keessatti akka sharariiti mana ijaarratteeti, manni ishii mana hunda caalaa dadhabaadha. Fakkeenya kana jala, mushrikoonni kunniin yommuu Rabbiin ala kan biraa gabbaramaa godhatan duraan caalaa dadhaboo ta’u. Kan gabbaramaa godhatan irraa homaayyu hin fayyadamne dadhabinna malee. (Dadhabinna irratti dadhabinna isaaniif dabale.) Akkuma Rabbiin olta’aan jedhe:

Humnaa fi kabaja akka isaaniif ta’aniif Rabbii gaditti gabbaramtoota godhatan. Haa dhoorgaman! Isaan gabbarrii isaanii ni mormu, isaan irratti faallaa ta’u.” Suuratu Mariyam 19:81-82[4]

Kana jechuun mushrikoonni akka isaan gargaaraniif, kabajaa fi humna isaaniif akka ta’aniif Rabbiin alatti wantoota biraa gabbaramtoota godhachuun gabbaran. “Nu gargaaru, kabajaa fi humna nuuf ta’u” jedhanii yaadun Rabbiin ala wantoota biraa gabbaru (waaqeffatu). Kan akka sanamaa. Dhimmichi akka isaan odeessanii miti. Wantoonni isaan waaqeffatan humnaa fi kabaja isaaniif hin ta’an. Kana irra, wantoonni isaan waaqeffatan kunniin gabbarri (waaqefannaa) isaanii Guyyaa Qiyaamaa ni mormu. Akkana jedhu, “Namoonni kunniin nu waaqeffataa hin turre.”

Fakkeenya armaan olii ilaalchisee wanta Sheykh Abdurahmaan As-Sa’dii jedhe itti haa daballu: “Kuni fakkeenya Rabbiin nama jabeenya, humnaa fi faayda irraa barbaadun wanta biraa Isa waliin gabbareef dhiyeessedha. Dhimmichi faallaa wanta inni yaadeti. Fakkeenyi isaa akka sharariitii hoo’a, qorraa fi balaa irraa akka ishii eeguuf mana ijaarratteeti. Manni hundarra laafaa fi dadhabaa ta’e mana sharariitiiti. Sharariitiin lubbu-qabeenyi dadhaboo ta’an keessaa tokko. Manni ishiis mana hundarra dadhabaa ta’eedha. Mana kana godhachuun dadhabbinna malee homaa ishiif hin daballe. Haaluma kanaan, namoonni kunniin Rabbii gaditti kan biraa awliyaa’a (tiiksaa fi gargaaraa) godhatan gara hundaan hiyyeeyyi fi dadhabdoota. Yommuu Rabbiin alatti awliyaa’a godhachuun ittiin jabeefamuu fi gargaarsa irraa barbaadan, dadhabinna irratti dadhabinna dabalatan, laafinna irratti laafinna dabalatan. Sababni isaas, kaayyoo isaanii baay’ee galmaan gahuuf isaan irratti hirkatan, ni hojjatan jedhanii yaadun awliyaa’a kanaaf ni dhiisan. Mataa ofiiti carraaqu ni dhaaban. Garuu awliyaa’an isaan hin gargaarre, kanaafu, karaa isaanitiin bu’aa homaatu galmaan hin geenye, isaan irraa gargaarsa homaatu hin arganne.

Osoo dhugaadhaan haala isaanitii fi haala wantoota awliyaa’a godhatanii beekanii, awliyaa’a isaan hin godhatanii turan. Isaan irraa qulqullaa’u turan. Gooftaa waan hundaa irratti danda’aa fi mararfataa ta’ee gargaaraa fi tiiksaa godhatu turan. Yommuu gabrichi tiiksaa fi gargaaraa Isa godhate fi Isarratti hirkate, Inni isaaf gahaadha. Qalbii, qaamaa, haalaa fi hojii isaa keessatti humna irratti humna dabalata.”[5]

Dhugumatti, namni Rabbiin ala wanta biraa gargaaraa fi tiiksa godhachuun gadi jedhuuf, sagaduuf, gargaarsa, jabeenyaa fi kabaja irraa kajeelu akka sharariiti mana godhatteeti. Akkuma manni kuni sharariiti homaa fayyaduu fi balaa irraa deebisuu hin dandeenye, nama kana irraayis wanti inni Rabbiin alatti gabbaru (waaqefatu) homaa isa fayyadu fi balaa isarraa deebisu hin danda’u.

Namni Muslima ta’ee Rabbii olta’aa gargaaraa fi tiiksaa godhate fi Isarratti hirkate, qalbii fi qaama isaa keessatti jabeenya argata. Namni Rabbii olta’aa dhiisee wanta biraatti rarra’e immoo qalbii fi qaama isaa keessatti dadhabbinna argata. Tarii yeroo muraasaf wanti suni jabeenya waan isaaf ta’u isatti fakkaata. Garuu yommuu balaan isatti bu’u, isarraa balaa kana deebisu hin danda’u. Qalbiin isaa tan cabdee fi keessi isaa dadhabaa ta’e taa’a.

Ammas, fakkeenya kanarraa wanti ijoon biraa barannu: sharariitiin jirbii qaqal’aa kana mana godhachuun yommuu itti rarraatu, addaan cite ishii waliin kufuu danda’a. Akkuma kana namni Rabbii olta’aan ala wanta biraa gabbarus wanti inni na fayyada jedhee itti rarra’u isaan cite kufa.

Faallaa kanaa, namni Muslimni Rabbii olta’aa qofa gabbaru immoo qabannoo jabaa addaan hin cinne qabata. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Namni xaaghuutatti kafaree Rabbitti amane, dhugumatti qabannoo jabaa addaan hin cinne qabatee jira.” Suuratu Al-Baqara 2:256

Kana jechuun namni xaaghuutatti amanu didee, mormee fi Rabbiin ala wanta biraa gabbaruu dhiisee Rabbiitti amanee fi Isa qofa gabbare, dhugumatti inni qabannoo jabaa addaan hin cinne sirritti qabatee jira. Xaaghuutni sheyxaana, sanama, taabota, raagdu fi wantoota biroo sobaan gabbaraman kan gabbaramutti gammade of keessatti qabata.


Kitaabban wabii
[1] Tafsiir Sa’dii-638
[2] Tafsiir Ibn Kasiir-5/442
[3] Tafsiir Xabarii-16/637
[4] Ash-Shirku fiil qadiimi wal hadiisi-fuula 1369, Abu Bakr Muhammad Zakariya
[5] Tafsiir Sa’dii-741

Print Friendly, PDF & Email
Soba Shirkii-Kutaa 7
Soba Shirkii-Kutaa 6

Leave a Reply