Fakkeenya Nama Rabbiin ala wanta biraa waaqeffatuu-kutaa 3

3-Gabricha nama baay’een horatamuun wal fakkeessu
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa mushrika gabricha namoota baay’een horatamuutiin wal fakkeesse. Nama Rabbiin qofa gabbaru immoo gabricha namticha tokko qofaan horatamuun wal fakkeesse. Ergasi isaan lamaan akka wal hin qixxoofne ni ibse.

39:29

Rabbiin gabricha shariikonni irratti wal mormanii fi gabricha namticha tokkoof qofa ta’e fakkeenya dhiyeessa. Isaan lamaan wal-qixaa? Faaruun hundi kan Rabbiiti. Garuu baay’een isaanii hin beekan.” Suuratu Az-Zumar 39:29

Asitti shariikonni namoota wanta tokko waliin horataniidha.

Fakkeenyi kuni haala nama Rabbitti waa qindeessu (Isa waliin wantoota baay’ee gabbaruu) fi sheyxaanotaaf ajajamu, isaan wal jidduutti wal dhabanii, amalli isaanii badaa fi haala nama mu’minaa Rabbiin malee homaa hin gabbarree ibsa. Mushrikni akka gabricha namoota baay’ee wal mormanii fi amala badaa qabaniif ta’eeti. Isaan keessaa namni hundu faayda isaatiif gabrichi kuni akka isa tajaajilu barbaada. Muwwahid (Namni Rabbii tokkicha qofa gabbaru) immoo akka gabricha nama tokko qofaaf buleeti. Inni tasgabbaa’aa, namoonni isarratti wal dhabuu irraa ni boqota. Sababni isaas, namni namoota baay’ee wal mormanii fi amalli isaanii badaa ta’eef gabricha ta’e, hundi isaanitu haqa waan isarraa qabaniif caafi isaa qabanii ofitti harkisu. Muhawwid immoo Gabbaramaa tokko qofaaf gabricha ta’a. Kuni fi namni wantoota gabbaraman baay’eef gabricha ta’e wal hin qixxaa’an.

Ibn Al-Qayyim aayah armaan oli ilaalchisee ni jedha: Kuni fakkeenya Rabbiin subhaanahu mushrikaa fi muwwahidaaf dhiyeessedha. Mushrikni akka gabricha gareen baay’een wal morman, wal dhabanii fi walitti nyakkisan isa hortaniiti. Namni nyakkisu amalli isaa dhiphaadha. Mushrikni wantoota gabbaraman adda addaa waan gabbaruuf gabricha garee baay’eef gabra ta’een wal fakkeesse. Namoonni kunniin akka gabrichi kuni isaan tajaajiluuf wal dorgomu. Innis isaan hunda gammachiisu hin danda’u.

 Muwwahid immoo Rabbii tokkicha qofa waan gabbaruuf fakkeenyi isaa akka gabricha namticha tokko qofaaf ta’eeti. Isaaf harka kenne, wanta inni barbaaduu fi karaa jaalala isaatti geessu beekee jira. Namoonni isarratti wal mormuu fi nyakkisu irraa hara galfata. Wal mormii tokko malee bulchaa isaa qofaaf ta’ee jira. Kana waliinu bulchaan isaa rahmata isaaf godha, isaaf mararfata, tola itti oola, faayda isaa eegaf. Gabroonni lamaan kunniin wal qixaa? Kuni fakkeenya daangaa ol’aanaa irra gaheedha. Dhugumatti, wanti nama namoota wal mormaniif gabricha ta’eef hin mallee caalaa nama bulchaa tokko qofaaf gabricha ta’e ni mala. Namni bulchaa tokko qofaaf gabricha ta’e gargaarsa, tola, kunuunsa, haala fi dhimmoota isaa fooyyessu ni argata.[1]

(Akkuma kana namni Rabbii olta’aa qofaaf gabricha ta’e gargaarsa, tolaa fi xiyyeeffannoo Isaa argata. Rabbiin isa gargaara, haala isaa ni fooyyessaaf. Namni Rabbii olta’aa dhiisee wantoota baay’ee gabbare immoo gargaarsa, tola fi xiyyeeffannoo Rabbii dhaba.)


[1] Ash-Shirku fiil qadiimi wal hadiisi-fuula 1373-1374, Abu Bakr Muhammad Zakariya

Print Friendly, PDF & Email
Fakkeenya qalbii muwwahidaa fi qalbii mushrikaa
Fakkeenya Nama Rabbiin ala wanta biraa waaqeffatuu-Kutaa 2

Leave a Reply