Jannata Waadaa Galamte Kafaruu fi Shirkii Dalaguun hin dhabinaa-kutaa 2.3

Qananii Jannataa-kutaa 3
Faayaa fi Uffata Warra Jannataa
Bareedinna faayaa fi uffata warra Jannataa hin gaafatin. Akkuma isaan addunyaa keessatti iimaanaa fi hojii gaggaariin of faayan Jannata keessattis faayaa fi uffata garmalee bareedan faayamu. Jechama, “Al-Jazaa’u min jiinsil amal (Jazaan gosa hojiitini)” jedhamu hin dhageenyee? Namni addunyaa keessatti qalbii isaa qulqulleesse, keessaa fi ala isaa iimaanaa fi hojii gaggaariin faaye, Aakhiraatti keessi isaa ni qulqulleefama, gubbaan isaa ni faayama. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

55:60

Sila mindaan toltuu toltu malee ni jiraa?” Suuratu Ar-Rahmaan 55:60

Keessi warra Jannataa qulqulleefamu ilaalchise, Rabbiin olta’aan ni jedha:

“Jibba irraa wanta qoma isaanii keessa jiru ni baafna, [kanaafu isaan] obboleeyyan sireewwan irratti walitti garagalan ta’u. Achi keessatti dadhabbiin isaan hin tuqu. Isaan achi keessaas kan baafamanii miti.” Suuratu Al-Hijr 15:47-48

[Kana jechuun qalbii isaanii keessaa jibba, waanyu (hinaaffi) fi diinummaa hunda ni baafna. Jannata keessa obboleeyyan wal jaallatan ta’anii jiraatu. Sireewwan (algaa) gurguddaa irra fuula walitti garagalchanii taa’u. Jannata keessatti dadhabbiin isaan hin tuqu. Isaan abadii achi keessa jiraatu.]

Mee amma gubbarraan maal akka uwwifamanii fi faayaman haa ilaallu:

Dhugumatti, warri amananii fi hojii gaggaarii hojjatan, dhugumatti Nuti mindaa nama hojii bareechisee hin balleessinu. Warra san Jannata Qubsumaatu isaaniif jira; laggeen isaan jala yaa’u. Achi keessatti isaan gumeewwan warqee irraa ta’een miidhagfamu. Uffata magariisaa hariira haphii fi furdaa irraa [hojjataman] uffatu. Ishii (Jannata) keessatti sireewwan faayaman irratti hirkatanii taa’u. Mindaan waa tole! Iddoon boqonnaas waa bareede!” (Suuratu al-Kahf 18:30-31)

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa mindaa nama hojii bareechisee akka hin balleessinee dubbata. Garuu kana yommuu jedhu nama hojii bareechise hunda mindaa isaa hin balleessu jechuudhaa? Lakki, dubbiin akkanaa miti. Yaada kana oofuf, jalqaba irratti namni hojii bareechisu amala akkami qabaatu akka qabu ni dubbate. “Dhugumatti, warri amananii fi hojii gaggaarii hojjatan…” Namni hojii jalaa hin balleessine nama hundeewwan iimaanatti amane ta’uu qaba. Namni hundeewwan kanatti hin amanne, kufriin isaa hojii isaa gaarii hunda jalaa balleessa.

Namni erga Rabbii olta’aatti, Malaaykotatti, Kitaabban Isaatti, Ergamtoota Isaatti, Guyyaa Aakhiraatti fi qadaratti amane booda hojii isaa bareechisee, Rabbiin olta’aan mindaa isaa jalaa hin balleessu. Garuu hojii bareechisu jechuun maal jechuudhaa? Hojii bareechisuu jechuun Rabbiif jedhanii hojii gaarii hojjachuu fi yommuu hojjatan shari’aa Rabbii hordofuudha. Fakkeenyaf, namni salaata Rabbii olta’aaf jedhe salaate fi akkaataa Nabiyyiin (SAW) itti salaatanitti sharxii fi arkaana eegun yoo salaate, inni hojii bareechise. Namni haala kanaan hojii gaarii hojjate, Rabbiin mindaa isaa akka baduu hin taasisu. Kanaafi itti aanse mindaa namoota akkanaa ni dubbate:

Warra san Jannata qubsumaatu isaaniif jira.” Kana jechuun namoota amananii fi hojii gaggaarii hojjataniif Jannata yeroo hunda keessa turanii fi jiraatantu jira. Golootaa fi manneen isaanii jala laggeentu yaa’a. Achi keessatti namoonni kunniin gumeewwan warqiitin faayamu. Gumeewwan faaya harka irratti godhataniidha. Uffata magariisa hariira haphii fi furdaa irraa hojjatame uffatu. Sireewwan agoobaraan haguuggamanii fi miidhagfaman irratti hirkatanii taa’u.[1]

Aayaan (keeyyattonni) armaan olii hojii gaggaarii hojjachuu fi bareechisuuf kakkaa’umsa guddaa namaaf ta’u. Sababni isaas, namni hojii gaggaarii hojjatu hundaaf mindaa akka argatu yoo beeke, hojii gaarii hojjachuu irratti ni jabaata. Mindaan isaaf kennamu gaarii akka ta’e yoo beeke immoo hojii hojjatu caalatti bareechisuuf carraaqa. Dhugumatti, Jannani mindaa hunda caalaa gaarii taatedha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

9:72

Rabbiin mu’mintoota dhiiraatii fi dubartootaf Jannata laggeen jala yaa’an, achi keessatti kan hafan ta’anii fi manneen gaggaarii Jannataa qubsumaa keessa jiran waadaa galeefi jira. Jaalalli Rabbiin irraa ta’e kana hundarra caala. Suni milkaa’inna guddaadha.” (Suuratu At-Tawbaa 9:72)

Jannata keessatti qananiin hundarra guddaan maal akka ta’e beektuu?
Mee itti yaadaa! Nyaataa dhugaatin, manneen, firaashni, minxaafin, uffanni, faayni fi qananiin lakkaawame hin dhumne Jannata keessa ciisa. Kunniin wantoota Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa uumedha. Mee itti yaadaa! Uumama addaa takkuu hin argine, garmalee kan bareedu fi nama dinqiisisuu yeroo jalqabaatiif yommuu argitan hangam gammadduu? Dhugumatti garmalee gammaddu. Jannani uumama takkuu hin argine garmalee tan nama dinqiisiistudha. Garuu Khaaliqa Jannata tana, samii fi dachii uume osoo ijaan argitanii hangam isin gammachiisaa? Khaaliqa tokkicha fakkaataa hin qabne, amaloonni Isaa gara hundaan guutuu hanqinna hin qabne osoo ilaaltanii gammachuu akkamiitu isinitti dhagahamaa?  Rabbii olta’aa si uumee fi si kunuunsu ilaaluun hangam si gammachiisaa?

Dhugumatti, qananii fi gammachuun hunda caalaan Jannata keessatti argatan Rabbii olta’aa ilaaludha. Warri Jannataa yommuu Rabbii olta’aa argan, qananii biroo ni dagatu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“Fuulli [gariin] Guyyaa san ni ifu. Gara Gooftaa isaanii ilaalu.” Suuratu Al-Qiyaamah 75:22-23

Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Yommuu warri Jannataa Jannata seenan, Rabbiin tabaaraka wa ta’aalaa ni jedha: Isiniif dabalaa waa ni barbaaddu?” Isaanis ni jedhu, “Fuula keenya hin ibsinee? Ibidda irraa nu baraarun Jannata nu hin seensifnee?”, Ergasii Rabbiin haguuggi Isaa ni saaqa (ni kaasa). Gara Gooftaa isaanii ilaalu caalaa wanti isaan biratti jaallatamaa ta’e hin jiru.” Itti aanse aaya tana ni qara’e:

10:26

 “Isaan toltuu hojjataniif [mindaa] gaarii fi dabalataatu jira. Gurraachinnii fi salphinni homaatu fuula isaanii hin haguugu. Isaan sun warra Jannataati. Isaan ishee keessatti hafoodha.” (Suuratu Yuunus 10:26) Sahiih Muslim 181Jaami’u At-Tirmizii 3388

Imaamu ibn Al-Qayyim ni jedha: Addunyaan Rabbiin beekuu fi Isa jaallachuun malee gaarii hin taatu, Jannanis Isa ilaalun malee gaarii hin taatu. ” Madaariju Saalikiin 976 (Ar-Risaalah Publisher)
Dhugumatti, akkuma addunyaa keessatti qananii fi gammachuun hunda caalu Rabbiin beeku fi Isa jaallachu ta’e, Jannata keessattis qananii fi gammachuun hunda caalu Isa ilaaludha.


[1] Tafsiir Muyassar-297, Tafsiir Sa’dii- 553

Print Friendly, PDF & Email
Jannata seenuuf ulaagaaleen barbaachisan maal fa’aa?
Jannata Isiniif Waadaa Galamte Kafaruu fi Shirkii Hojjachuun hin dhabinaa-kutaa 2.2

Leave a Reply