Fakkeenya Nama Hojii Gaarii hojjatee Ergasii Of jalaa Balleessuu

Kufrii fi shirkiin hojii gaggaarii hojjatan akka nama jalaa balleessu hanga amma fakkeenya waliin ilaalle jira. Namni hojii gaarii yommuu hojjatu, akka nama biqiltoota dhaabuu fi kunuunsuti. Biqiltoota dhaabuu fi kunuunsu waliin balaas irraa eegu qabaa miti ree? Namni hojii gaggaarii hojjatus akkanuma. Mee amma kana fakkeenyaan haa ilaallu:

2:266

Sila tokkoon keessan dullummaan isa tuqee fi ijoollee dadhaboo kan qabu ta’ee osoo jiru ashaakiltii temiraa fi inaba irraa taate tan laggeen jala yaa’an, achi keessa fuduraalee hunda irraa isaaf jiran, ergasii bubbeen ibiddi keessa jiru tuqee gubatte akka isaaf taatu ni jaallataa?Akka xinxallitaniif akka kanatti Rabbiin aayaata isiniif addeessa.” Suuratu Al-Baqarah 2:266

Isin keessaa namni tokko dullummaan isa tuqxee fi ijoollee dadhaboo kan qabu ta’ee osoo jiru ashaakilti temira, inabaa fi gosoota firaafiree hunda of keessa qabdu fi laggeen jala yaa’an, ergasii bubbeen hamaan itti dhufe gubatte isaaf akka taatu ni jaallataa?

Temiraa fi Inaba

Ashaakilti kana keessa temira, inaba fi firaafiree gosa adda addaatu jira. Gara adda addaatin laggeen jala yaa’u.

Nama kana dullummaan itti dhufte. Kanaafu, ashaakilti kana kunuunsu fi eegu ni dadhabe. Kana waliinu ijoollee dadhaboo homaa hojjachuu hin dandeenya qaba. Ergasii yeroo inni ashaakilti tanatti garmalee hajamutti bubbeen cimtuun ibidda of keessa qabdu ashaakilti tana tuqxe. Ashaakiltin tunis hanga baalli fi firiin ishii kukkufanii fi dameen fi hiddi gogoganitti ni gubatte.

Bubbee ibidda of keessaa qabdu

Haalli nama kanaa akkam ta’aa? Gadda cimaa keessa ta’a. Sababni isaas, haala dullummaa fi ijoollen isaa dadhaboo itti ta’anitti ashaakilti tana dhabe. Inni nafsee ofiitin hojjachuu hin danda’u, ijoollen isaas isaafis ta’e nafsee ofiitiif waa hojjachuu hin danda’an. Addunyaan garmalee isatti dhiphatti. Gadda cimaa gadda.[2]

Fakkeenyi kun fakkeenya nama Rabbiif jedhee hojii gaggaarii kan akka sadaqaa fi kanneen biroo hojjateef dhiyeefameedha. Ergasii hojii badaa hojii gaarii isa jalaa balleessu hojjate. Fakkeenyi isaa akka abbaa ashaakilti tanaa tan gosoota firaafire hunda of keessa qabduuti. Sadarkaan isaanii ol’aanaa fi faayda baay’ee waan qabaniif temiraa fi inaba addatti baasee dubbate. Ashaakiltii tana keessa laggeen jala yaa’antu jira. Humna guddaa osoo hin baasin ashaakiltin tuni obaafamti. Abbaan ashaakilti tanaa ashaakiltin tuni garmalee isa gammachiiste. Garuu inni dulloome, homaa hojjachuu hin danda’u. Kanaafu, ashaakilti tana garmalee barbaadun isaa ni dabale. Ijoollee dadhaboo isa gargaaru hin dandeenye qaba. Isa irratti hirkatoodha. Galiin isaatii fi ijoollee isaa ashaakilti tana irraayyi. Osoo inni haala kana irra jiruu bubbeen cimtuun ibidda of keessa qabdu ashaakilti tanatti dhufte gubde. Gaddaa fi dhiphinna irraa wanta namticha dulloomaa kana qunnamu hin gaafatin. Osoo gaddi kan nama ajjeesu ta’e silaa isa ni ajjeesaa ture.

Kuni akka nama hojii Rabbiif jedhe hojjatee [ergasii shirkii fi kufriin balleesseti]. Hojiin isaa akka sanyii oomishaa fi firaafire argachuuf facaasaniiti. Hojii isaa irraa ashaakilti garmalee bareedaa hanga argatutti hojjachuu itti fufa. Wantoonni hojii balleessan immoo akka bubbee ibidda of keessaa qabduuti. Namni garmalee hojii isaatti kan hajamu yommuu du’ee fi haala cimaa homaa hojjachuu hin dandenye keessatti ta’eedha. Hojiin inni bu’aa irraa abdate akka awwaaraatti bittinaa’e arga.[3]  

Al-Bukhaarin akka gabaasetti, Umar ibn al-Khaxxaab (radiyallahu anhu) gaafa tokko sahaabota Nabiyyiitiin (sallallahu aleyh wassallam) akkana jedhe: “Tokkoon keessan Ashaakiltin….isaaf akka taatu ni jaallataa?” aayah tana ilaalchisee maal yaaddu?” Isaanis ni jedhan: Rabbiin hundarra beeka.” Umaris ni dallane. Ergasii ni jedhe, “Ni beekna yookin hin beeknu jedhaa.” Ibni Abbaas ni jedhe, “Yaa hogganaa Mu’mintootaa! Nafsee tiyya keessa aayah tana ilaalchise wayitu jira.” Umaris ni jedhe, “Yaa ilma obboleessa kiyyaa! Jedhi. Nafsee tee hin tuffatin.” Ibn Abbaasis ni jedhe, “Hojiif akka fakkeenyaatti dhiyeefamte.” Umaris ni jedhe, “Hojii kamiin?” Ibn Abbaasis ni jedhe, “Hojiif” Umar ni jedhe, “Kuni fakkeenya namticha dureessa Rabbiif ajajamuun hojii gaggaarii hojjatuu ergasii Rabbiin sheyxaana itti ergeeti. Namtichi kunis hanga hojii isaa hunda balleessutti ma’asiyaa (badii) hojjata.” Sahiih Al-Bukhaari 4538

Wanta armaan olitti dubbatame haala armaan gadiitiin chaartin agarsiisuun ni danda’ama.

Namni jireenya isaa guutuu hojii gaggaarii hojjatee dhumarratti wanta hojii isaa balleessu hojjachuun yoo du’e haalli isaa akka haala nama armaan oli kanaati. Akkuma namni dullooman kuni ashaakilti isaatti garmalee hajamu, Guyyaa Qiyaamaa namni kaafira ykn munaafiqa ta’ee Rabbii olta’aa qunnames hojii gaggaaritti garmalee hajama.

Akkuma namni dullooman kuni ashaakilti isaa deebisee dhaabu fi misoomsu hin dandeenye, namni kaafirri ykn munaafiqnis lamuu addunyatti deebi’ee hojii gaggaarii hojjachuu hin danda’u.[4]

Kanaafu, namni wanta hojii isaa jalaa balleessu irraa of eeggachu qaba. Kan akka kufrii (hundeewwan iimaanatti amanuu diduu ykn shakkuu, of tuulu irraa kan ka’e Rabbiif ajajamu diduu, hojii Islaama keessaa nama baasu hojjachuu), shirkii, na argaaf ykn na dhagayaaf hojii gaggaarii hojjachuu, sadaqaa yommuu kennan nama rakkisuu fi tola isatti oolan yaadachisuu.


Kitaabban wabii
[1] https://www.islamweb.net/ar/article/214951/%D8%A5%D8%B9%D8%B5%D8%A7%D8%B1-%D9%81%D9%8A%D9%87-%D9%86%D8%A7%D8%B1
[2] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Al-Baqarah 3/331, Ibn Useymiin
[3] Tafsiir Sa’dii-117
[4] Tafsiir Ibn Kasiir-2/265, Tafsiir Qurxubii-4/342

Print Friendly, PDF & Email
Fakkeenya Hojii Mushrikootaa/Kaafirotaa-Kutaa 2

Leave a Reply