Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 3

Yeroo Kam Mu’minaa fi Munaafiqni addaan baafamuu?
Eeyyen! Namoonni hundu arrabaan “Rabbiitti amanne, Islaama qabanne” jechuu danda’u. Garuu dubbii isaanii kana keessatti hangam dhugaa akka ta’an ifatti baasuf Rabbiin osoo isaan hin qorre hin dhiisu. Ta’uu baannan, namni dhugaati fi sobaa addaan hin baafamu. Yeroon namni dhugaa fi sobaa addaan baafamu yeroo wanti jibbamaan (rakkoon) isa qunnamudha. Yeroo kanatti, haqiiqaan (dhugaan keessa isaa jiru) ifatti baha. Suuratu Al-Ankabuut irraa keeyyattoonni armaan gadii kana nuuf ibsu.

“Namoota keessaa nama “Rabbitti amanne” jedhutu jira. Garuu yommuu karaa Rabbii keessatti rakkifamu, fitnaa namootaa akka adabbii Rabbii taasisa. Injifannoon Gooftaa kee irraa yoo dhufe immoo, “Dhugumati nuti isin waliin turre” jedha. Sila Rabbiin wanta qoma aalamaa keessa jiru hundarra beekaa mitii? Dhugumatti, Rabbiin warroota amanan beekuf jira, munaafiqootas beekuf jira.” Suuratu Al-Ankabuut 29:10-11

Namoota keessaa nama Rabbitti amanne jedhutu jira. Sababa Rabbiitti amanuu isaatiif yommuu kaafironni isa rakkisanii fi azzaban, fitnaa namootaa akka azaaba (adabbii) Rabbii taasisa. Asitti Fitnaan namootaa sababa inni Islaama qabateef rakkinnaa fi dararaa kaafironni isarraan gahaniidha. “Akka adabbii Rabbii taasisa” kana jechuun dararaa fi rakkinna namoonni isa irraan gahan adabbii Rabbiitiin wal qixxeessa. Jecha biraatin adabbii namootaa addunyaa keessatti isarra gahuu adabbii Rabbii Aakhiraatti kaafirota irra gahuun wal qixxeessa.[1] Adabbiin namootaa akkuma adabbii Rabbii guddaa fi cimaadha jedhee sodaachuun Islaama irraa duubatti deebi’a.

Nama akkana ilaalchisee Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

22:11

“Namoota keessaa nama [amantii irraa] moggaatti ta’ee [shakkiin] Rabbiin gabbarutu jira. Yoo toltuun isa tuqe, isatti (toltuu kanatti) tasgabbaa’a. Yoo rakkoon isa tuqxe immoo fuula isaa irratti garagala (amantii irraa duubatti deebi’a). Inni addunyaa fi Aakhiraa kasaare. Suni isumatu kasaaraa ifa bahaadha.” Suuratu Hajj 22:11
(Namni kuni iimaana faayda addunyaatin walitti hidha. Yoo fayyaa fi mijaa’inna keessa jiraate, Rabbiin gabbaruu isaa itti fufa. Yoo rakkoon isa qunname immoo Islaama irraa duubatti deebi’a. Islaama irraa duubatti deebi’uun isaa addunyaa isaaf murteefame irraa homaa waan hin jijjireef addunyaa kasaare. Aakhirattis sababa kufrii isaatiin ibidda seenun kasaara.)

Namni amanee (mu’minni) nama biraatiin rakkifamuun qormaata ittiin qoramuudha. Namni gariin yoo amanee fi Islaama qabatee ergasii sababa kanaaf namoonni isa rakkisan, obsuu hin danda’u. Islaama irraa duubatti deebi’a. Rabbiin irraa eeggumsa kadhanna. Namni gariin immoo iimaana cimaa qaba. Yommuu rakkifamu, ni obsa. Iimaanni isaas ni dabala.[2]

Garuu namni “Rabbitti amanne” jedhee fi iimaanni qalbii isaa keessatti hidda hin qabanne, iimaanaa fi Ergamtootaaf ajajamuu isaatiif dararaa fi rakkinna namoonni isarraan gahan akka adabbii Rabbii kaafirota ittiin adabuu godha.

Akkuma namni tokko adabbii Rabbii sodaachuun kufrii fi badii irraa dheessu, namni kunis dararaa fi rakkinna namoonni isarraan gahan sodaachun iimaanaa fi gaarummaa irraa dheessa. Amanuu isaatiin booda yommuu kaafiroota irraa zaachan, hidhaa fi roorroon isa qunname, sababa kufrii isaatiin Jahannam keessatti adabbii Rabbii isa qunnamu san caalaa cimaa akka hin taanetti ilaala. Kanaafu, adabbii addunyaa irraa of baraaruu fi jireenya mijaa’innaa dabarsuuf iimaana dhiisuu fi kaafirootaan wal qunnamu murteessa.

“Injifannoon Gooftaa kee irraa yoo dhufe, ‘dhugumati nuti isin waliin turre’ jedha.”
Har’a amantii (diinii) Rabbii babal’isuu keessatti qoreenu akka isa waraantu qophii waan hin taanef gogaa isaa baraaruuf kaafirotatti dabalame. Mu’mintoota ni dhiise. Garuu yommuu Rabbiin namoota karaa Isaa keessatti qabsaa’aniif injifannoo kennuuf, namni kuni firii injifannoo irraa qooda isaa argachuuf gara fuunduraatti baha. Muslimotaan akkana jedha, ‘Qalbiin teenya isin waliini, milkaa’inna keessaniif du’aayi gochaa turre; dirqama keessan bahuu fi wareega isin kafaltan akka guddaatti yaadaa turre.’”[3]

“Sila Rabbiin wanta qoma aalamaa keessa jiru hundarra beekaa mitii?” kana jechuun osoo isiniin wali galuu mul’isaniyyuu sila Rabbiin wanta qalbii isaanii keessa jiruu fi keessa isaaniitti dhoksan hundarra beekaa mitii?[4] Rabbiin wanta qalbii isaanii keessa jiru hunda caalaa beeka. İimaanaa fi nifaaqa isaanii sirritti beeka.

“Dhugumatti, Rabbiin warroota amanan beekuf jira, munaafiqootas beekuf jira.”
Aayah tana irraa waa lama ni hubanna:
1ffaa-Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wanta qalbii namootaa keessa jiru isaan qoruun dura ni beeka. Garuu isaan qoruudhaan dhugaan Inni qalbii isaanii keessatti beeku ifatti baha. Namoonni qalbii isaaniitin amanan yeroo qormaataa haalli isaanii ifatti baha. Munaafiqoonni qalbiin osoo hin amanin arrabaan amanne jedhanis haalli isaanii ifatti baha. Kanaafu, yeroo qormaataa namni dhugaan amane (mu’iminaa) fi munaafiqni (namni sobaan amane) addaan baafamu.

2ffaa-Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wanta beeken qofa namootaaf mindaa hin kennu ykn hin adabu. Kana irra, erga isaan qoree (fattanee) booda wanta isaan irraa mul’ateen mindaa isaaniif kenna ykn adaba.[5] Nama dhugaan amanee fi yeroo qormaataa iimaana irratti gadi dhaabbate, mindaa warra dhugaan amananii isaaf kenna. Munaafiqa immoo adabbii munaafiqootaa isa adaba. Adabbiin isaas ibidda Jahannam irraa sadarkaa hundarra gadi aanaa keessa ta’uudha. Rabbiin kanarraa nu haa tiiksu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

4:145

Dhugumatti munaafiqoonni ibidda irraa sadarkaa hundarra gadi aanaa keessa ta’u. Tumsaas isaanif hin argitu.” Suuratu An-Nisaa 4:145[6]

Faaydaalee muraasa aayaata kanniin irraa argannu:
Faaydaa 1ffaa: Arrabaan amanuun qofti nama hin fayyadu.
Faaydaa 2ffaa: Qormaanni safartu namni dhugaa nama biraa irraa ittiin adda bahuudha. Ta’uu baannan, namoonni hundu “Ani mu’mina” jedhu turan.
Faaydaa 3ffaa: Namni iimaanni qalbii isaa keessatti hidda hin qabanne, yommuu sababa isaatiif rakkifamu iimaana irraa dubbatti deebi’a.
Faaydaa 4ffaa: Munaafiqonni yeroo mijaa’innaa fi injifannoo mu’mintoota waliin hirmaatu. Yeroo rakkoo immoo isaan irraa adda bahu.
Faayda 5ffaa: Injifannoon Rabbi qofa irraayyi.

Faayda 6ffaa: nifaaqa irraa akeekachiisuu. Rabbiin akkana waan jedhuuf: “Sila Rabbiin wanta qoma aalamaa keessa jiru hundarra beekaa mitii?”
(Nifaaqa jechuun kufrii fi waan badaa dhoksuun Islaamaa fi waan gaarii mul’isuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wanta namni qalbii keessatti dhokse hunda waan beekuuf namni nifaaqa irraa of eeggachu qaba. Ta’uu baannan, kufrii fi wanti badaan inni dhoksee yeroo qormaataa ifatti bahee salphata.)

Faaydaa 7ffaa: kaayyoon namoota qoruu mu’mina munaafiqa irraa adda baasudha.[7]


Kitaabban wabii
[1] Tafsiir Xabarii-18/364, Tafsiir Tahriir wa Tanwiir 20/216
[2] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Al-Ankabuut-Ibn Useymiin, fuula 43
[3] https://www.englishtafsir.com/Quran/29/index.html#sdfootnote14sym
[4] Tafsiir Ibn Kasiir-6/49 [5] Tafsiiru Sa’dii-736
[6] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Al-Ankabuut-Ibn Useymiin, fuula 48
[7] Madda olii

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 4
Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 2.2

Leave a Reply