Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 11.2

Du’aan booda kaafamun dhugaa shakkii homaatu hin qabneedha. Garuu namoonni baay’een nama du’ee kaafame waan hin argineef du’aan booda kaafamu ni shakku. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala shakkii kana oofuf Kitaaba Isaa keessatti bakka adda addaatti ibsee jira. Mee san keessaa tokko haa ilaallu:

Rabbiin tabaaraka wa ta’aalaa ni jedha:

Yaa ilmaan namaa! Kaafamuu irraa shakkii keessa yoo taatan, dhugumatti Nuti biyyee irraa isin uumne; ergasii copha bishaan saalaa irraa, ergasii dhiiga ititaa irraa, ergasii muraa foonii alanfatamu kan uumama guuttatee fi hin guuttatin irraa isin uumne; [humnaa fi dandeetti Keenya] isiniif ibsuuf [kana goone]. Hanga yeroo murtaa’etti wanta feene gadaamessa keessa teessifna. Ergasii daa’ima goonee isin baafna. Ergasii akka umrii jabinnaa keessan irra geessaniif [isin jiraachifna]. Isin irraas nama du’utu jira. Erga duraan waa beekee akka homaa hin beekneef isin irraas nama gara umrii gadi aanaa deebi’utu jira. Dachiis gogduu taatee agarta. Yeroo Nuti bishaan ishii irratti buufne, ni sochooti, ni iitoftis, akaaku biqiltootaa bareedinna qaban hunda irraas ni biqilchiti.” Suuratu Al-Hajj 22:5

Ibn Al-Qayyim aayah tana ilaalchise ni jedha: Rabbiin subhaanahu ni jedha: Kaafamu irraa shakkii keessa yoo taatan, isin uumamtoota akka taatan hin shakkitan. Hanga du’aatti uumamni keessan haala tokko irraa haala biraatti darbuu hin shakkitan. Kaafamni Ani isiniif waadaa galee fakkaatama uuminsa jalqabaati. Isaan lamaan ta’uu fi argamuu keessatti wal fakkaatu. Du’aan booda uumama haarawaan isin deebisuun akkuma uumama jalqabaa isin hin shakkineeti. Kanaafu, akkamitti uumiinsa lamaan keessaa tokko mormitu, fakkaataa isaa argaa osoo jirtanuu?

Rabbiin subhaanahu hiika kana Kitaaba Isaa keessatti ibsa gabaaban, hundarra ragaa dhiyeessuni fi uzrii muruun deddeebisee jira. Akkuma jecha Rabbii olta’aa:

Nutu isin uume. Kanaafu, maaliif hin dhugoomsinee? Argitanii wanta dhangalaastan? Isintu isa uuma moo uumaan Nuhi? Nuti isin jidduutti du’a murteessine, Nuti dadhabsiifamoo miti. Fakkaataa keessan bakka buusuu fi wanta isin hin beekne keessatti isin uumuu irratti [dadhaboo miti]. Dhugumatti akkaataa uumama jalqabaa beektani jirtuu, kanaafu maaliif hin yaadannee?” Suuratu Al-Waaqi’ah 56:57-62

(Asitti “Nuti” maq-dhaala guddinna agarsiisuudha. Yaa namoota! Nutu isin uume. Isin uumamuun dura homaa hin turre. Kanaafu, maaliif du’aan booda kaafamu hin dhugoomsinee? Copha bishaan saalaa gadaamessa dubartoota keessanii keessatti dhangalaaftan san argitanii? Copha kana nama gochuun isintu uuma moo Nutu uumaa? (Copha kanarraa isintu daa’ima uuma moo Nutu uumaa?) Nuti isin jidduutti du’a murteessine. Guyyaa Qiyaamaa uumama keessan jijjirree amaloota fi haala isin hin beekne keessatti isin uumuu irraa hin dadhabnu. Dhugumatti, homaayyu kan hin turre taatanii osoo jirtanuu Rabbiin uuminsa jalqabaa akka isin uume beektanii jirtuu. (Garaa haadhaa keessatti uumamuun dura isin homaa hin turre. Lubbuu fi qaamni keessan hin jiru. Ergasii Rabbiin copha xiqqoo irraa isin uumee fi qaama isiniif guutee lubbuu isinitti seensisee.) Kanaafu, lamu isin uumuu irratti Rabbiin danda’aa akka ta’ee maaliif hin yaadannee?[1])

Uuminsa lammataa irratti Uumiinsa jalqaba ragaa isiniif dhiyeesse. Osoo yaadatanii, dandeettin isaan lamaanin wal qabatu keessatti garaagarummaan akka hin jirree ni beeku turan. (I’ilaamul Mawqi’iin 1/140-141)

As-Safraanii ni jedha: Qaamni du’aan booda deebi’uun haqa argamuudha, dhugaa dhugaa ta’eedha. Gabaasni sahiih (sirrii ta’ee) ni agarsiisa. Kanaafu, isatti amanuu fi dhugoomsun dirqama. Sababni isaas, gabaasa sirrii gabaafame keessatti dhufee jira, ummata harka caalu biratti wanti ifaan ifatti hubatamu ni agarsiisa. Innis Rabbiin olta’aan namoota du’an qabrii keessaa ni kaasa. Rabbiin olta’aan ni jedha:

36:79

JedhiKan yeroo jalqabaa ishii (lafee) uumetu jiraachisa.” Inni uumama hundaa Beekaadha.” Suuratu Yaasin 36:79

Warri xabaa’iyyuun (naturalists), dahriyyah fi mulhida (atiest) jedhaman du’aan booda kaafamuu mormanii jiru. Kana keessa gabaasa ifaatii fi sammuu sirrii kijibsiisutu jira. Falaasfonni wanta bade mataa isaa deebisuun hin danda’amu yaada jedhu irratti hundaa’un deebiinsa qaama mormanii jiru… kaafamu jechuun deebiinsa qaamati (qaamni deebifamuudha.) Yommuu gadi furamu wanta jalqaba sammuu namaatti dhufuudha. Itti amanuunis dirqama kan ta’e sani. Namni isa mormu ni kafara. (Guyyaa Qiyaama qaamni akka deebifamu amanuun dirqama. Namni qaamni hin deebi’u jedhee mormu ni kafara.)… (Lawaami’ul Anwaar 2/157)


[1] Tafsiiru Muyassar-536

Print Friendly, PDF & Email
Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 11.3
Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 11.1

Leave a Reply