Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 11.3

Akkaataa Du’aan booda Kaafama Mormuun Iimaana itti diigu-kutaa 1
2-Shakkii hin qabu, kaafama mormuun iimaana kan diigudha. Kaafama mormuun karaa adda addaatin ta’a: kaafama ruuhii fi qaamaa mormuun ta’uu danda’a, deebii ruuhii amanuu waliin deebii qaama mormuu ta’uu danda’a. Yeroo biraa immoo kaafama mormuun ruuhin gara qaama biraatti dabarti jechuun ta’uu danda’a.

Amma, akkaataa du’aan booda kaafama mormuun wantoota iimaana diigan keessaa tokko itti ta’uu haala armaan gadiitin ni dhiyeessina:
(A)-Rabbiin azza wa jalla du’aan booda kaafama mormuun Gooftaa aalamatti kafaruu akka ta’e beeksisee jira. Ni jedha:

Yoo dinqisiifatte, wanti dinqisiisaan jecha isaanii “Biyyee erga taanee uumama haarawa keessatti ni taanaa?” [kan jedhuudha]. Isaan sun warra Gooftaa isaanitti kafaraniidha. Isaan sun sakaallan morma isaanii irra jira. Isaan sun warra ibiddaati. Isaan achi keessatti hafoodha.” Suuratu Ar-Ra’d 13:5

Yoo ajaa’ibsiifatte, wanti ajaa’ibaa jecha warra kaafama mormanii, “Akkuma du’a keenyaan dura turetti uumamni keenya ni haaromfamaa?” jedhuudha. Kan isaan akkana jedhaniif du’aan booda kaafama mormuu fi kijibsiisuufi. Namoonni du’aan booda kaafama morman, mindaa fi adabbii waakkatan, isaan warra dandeetti Gooftaa isaanii waakkatanii fi Ergamaa Isaa kijibsiisaniidha. (Rabbiin subhaanahu namoota du’an hin kaasu jechuun dandeetti Isaa mormu. Waa’ee du’aan booda kaafamu ilaalchise odeefanno Ergamaan fide akka sobaatti ilaalu.) Guyyaa Qiyaamaa sakaallan morma isaanii irra ta’a. Isaan warra ibidda keessa jiraataniidha. Abadii achii keessa turu.[1]

Ammas, Rabbin olta’aan ni jedha:

“Guyyaa Qiyaamaa fuula isaanii irratti jaamaa, kan hin dubbannee fi duudaa ta’anii walitti isaan qabna. Itti galli isaanii Jahannami. Dhawaatuma gadi laaftun, gubaa ibiddaa isaaniif daballa. Sababa isaan keeyyattoota Keenyatti kafaranii fi “Sila erga lafee fi wanta butute taanee, nuti dhugumatti uumama haarawa taanee ni kaafamnaa?” jedhaniif suni jazaa isaaniiti.” Suuratu Al-Israa 17:97-98

Du’aan booda kaafamuun iimaana diiga, dhugoomsu qalbii fi mirkaneessuu arrabaa faallessa.

(B)– Du’aan booda kaafamu mormuun maqaalee fi sifaata Rabbii dhabamsiisu of keessatti qabata. Akkasumas, beekumsa, dandeetti fi ogummaa Rabbii subhaanahu mormuu of keessatti qabata. Rabbiin olta’aan ni jedha:

Sila Nuti taphumaaf waan isin uumnee fi gara Keenyatti kan hin deebifamne ta’uu ni yaaddu? Rabbiin Mootii haqaa ta’e olta’e. Isa malee Kan haqaan gabbaramu hin jiru. Inni Gooftaa Arshii kabajamaati.” Suuratu Al-Mu’minuun 23:115-116

Imaamu ibn Al-Qayyim ni jedha: Dhugumatti mootummaan Isaa haqa ta’e ajaja, dhoowwaa, mindaa fi adabbii Isaa barbaachisa. Akkuma kana, Ergamtoota erguu, kitaabban buusu, Guyyaa jazaa namni gaarii hojjate gaarumma isaatiin itti mindeefamu, namni badi hojjate badoomsa isaatin ittiin adabamuuf kaasu barbaachisa. Namni kana morme, haqiiqaa motummaa Isaa mormee jira, mootummaa haqaa Isaaf hin mirkaneessine. Kanaafi, namni kana mormu, Gooftaa isaatti kan kafareedha, osoo addunyaa kan uumee ta’uu mirkaneesseyyu. Mootii haqaa sifaata gurguddaan ibsamutti hin amanne.” (At-Tibyaanu fii aqsaamil Qur’aani-fuula 101)

(Mootii jechuun kan ajajuu fi dhoowwu, mindaa kennuu fi adabuu, wanta fedhe kennuu fi dhoowwatuudha. Ammas, Mootiin aangoo ol’aanaa kan qabuudha. Kanaafu, Rabbiin Mootii haqaa waan ta’eef ni ajaja, ni dhoowwa, ni mindeessa, ni adaba. Mootiin kan ajajuu fi dhoowwu, mindaa kennuu fi adabu erga ta’ee, karaaleen wantoota kanniin itti raawwatu jiraachu qabu. Akkasi miti ree? Ilmi namaa addunyaa tana keessatti Rabbiin ilaalu waan hin dandeenyeef, karaan hundarra gaariin isaan itti ajajuu fi dhoowwu Ergamtoota erguu fi kitaabban ajajoota Isaa of keessaa qaban buusudha.

Ajajuu fi dhoowwu booda wanti sammuu namaa keessatti dafee dhufu qorannoo fi jazaadha. Namni wanta tokkotti erga ajajamee fi wanta tokkorraa erga dhoowwame booda, qoratamee jazaa argachuu qabaa miti ree? Wanta itti ajajamaniif mindaan yoo hin jiraatin, wanta irraa dhoowwamaniif adabbiin yoo hin jiraatin, bu’aan ajajuu fi dhoowwu maali ree? Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Mootii haqaa waan ta’eef namoota erga ajajee fi dhoowwe booda dhumarratti isaan qorachuun jazaa isaaniif ni kafala. Garuu iddoo fi Guyyaan qorannoo fi jazaan kuni itti adeemsifamu murtaa’a ta’uu qaba. Namni tokko yoo qaxaramee, jiiyni mindaa itti kafalamu osoo hin gahiin mindaan ni kafalamaafi? Yeroo murtaa’e keessatti hojii isaa erga hojjatee booda mindaan ni kafalamaaf.

Rabbiin Mootii Ogeessa waan ta’eef Guyyaa fi iddoon mindaa nama hundaaf itti kafalu dursee murteessee jira. Guyyaa kanaan Guyyaa Qiyaamaa ykn Guyyaa Murtii jennaan. Iddoon immoo dirree wal-qixxaa’a bakka namoonni hundi walitti qabamaniidha.[2] Kanaafu, isaan qorachuu fi jazaa isaaniif kafaluuf du’aan booda namoota kaasun dirqama ta’aa jechuudha. )

Ibn Al-Qayyim bakka biraattis ni jedha: “Rabbiin subhaanahu beekumsi, dandeetti fi ogummaan Isaa guutuu akka ta’e dubbachuun du’aan booda kaafamu mirkaneessa. Warroonni du’aan booda kaafama morman yaadota sadan kana sammuu keessatti galchuun kaafamatti amanuu didu ykn shakku:
1ffaa-Kutaaleen qaama namootaa haala addaan baasun hin danda’amneen biyyeen walitti makamuu.
2ffaa-Dandeettin kanaan wal hin qabatu. (Kutaaleen qaama bututanii lafa keessa erga badanii booda dandeettin kana walitti qabuun nama guutuu godhu hin jiru jechuun yaadu.)
3ffaa-“Kuni dhimma faaydan keessa hin jirreedha. Yookiin sanyiin ilma namaa tokkoon booda kan biraa akka itti fufu ogummaan barbaachise. Akka kanatti abadii itti fufa. Akkuma dhaloonni tokko du’uun dhaloonni biraa bakka bu’a. Sanyiin ilma namaa hundi dhumee ergasii kaafamu keessa immoo ogummaan (hikmaan) hin jiru.” jechuun yaadu. Kanaafu, ragaan kaafamu agarsiisan Qur’aana keessatti hundee sadan irratti ijaarramuun dhufan:

1ffaa-Beekumsi Gooftaa guutuu akka ta’e mirkaneessu. Akkuma nama: “Lafee erga bututtee booda eenyutu jiraachisa?” jedhu irratti deebii deebisuuf jedhe: JedhiKan yeroo jalqabaa ishii (lafee) uumetu jiraachisa.” Inni uumama hundaa Beekaadha.” Suuratu Yaasin 36:78-79

Ammas Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

50:4

Dhugumatti, waan dachiin isaan irraa hir’iftu beeknee jirra. Galmee tiiksatu Nu bira jira.” Suuratu Qaaf 50:4

“Kana jechuun lafee, foon, gogaa fi rifeensa isaanii irraa wanta dachiin nyaattu dhugumatti ni beekna. Eessatti qaamni isaanii akka bittinaa’e fi lafeen isaanii bututte takka takkaan ni beekna. Dabalataan galmeen kuni hundi keessatti galmaa’e Nu bira jira.” (Ibn Kasiir 7/395)

2ffaa-Dandeettin Isaa guutuu akka ta’e mirkaneessu. Dandeetti Isaa kana mirkaneessuf ni jedha:

46:33

Rabbiin Kan samiiwwanii fi dachii uume, isaan uumuu keessatti kan hin dadhabin du’aa kaasu irratti danda’aa akka ta’e hin arginee sila? Eeyyen! Dhuugumatti, Inni waan hundaa irratti Danda’aadha.” suuratu Al-Ahqaaf 46:33

22:6

“Suni Rabbiin Haqa waan ta’eefi, Inni warra du’an waan jiraachisuufi, Inni wanta hundaa irratti Danda’aa waan ta’eefi.” Suuratu Al-Hajj 22:6

3ffaa-Ogummaan Isaa guutuu akka ta’e mirkaneessu- (Ogummaa (hikmaa) jechuun keessaa fi ala, jalqabaa fi xumura wantoota beekuu fi wanta hundaa bakka isaaf malu kaa’udha. Kanaafu, ogeessi wanta hojjatu hundaa kaayyoof kan hojjatudha. Gonkumaa wanta taphaa hin hojjatu.) Kanaafi, hunda caalaa Ogeessa kan ta’e ni jedha:

Samiiwwan, dachii fi wantoota isaan lamaan jidduu jiran taphaaf hin uumne. Haqaan malee isaan lamaan hin uumne. Garuu irra hedduun isaanii hin beekan.” Suuratu Ad-Dukhaan 44:38-39

Ammas ni jedha: “Sila Nuti taphumaaf waan isin uumnee fi gara Keenyatti kan hin deebifamne ta’uu ni yaaddu?” Suuratu Al-Mu’minuun 23:115

Kanaafi, wanti sirriin, du’aan booda kaafamuun shari’aa waliin sammuun kan beekkameedha. Gooftaan guutuu ta’uun, maqaalee fi sifaanni Isaa guutuu ta’uun du’aan booda kaafamu dirqama taasisa. Akkuma guutummaan Isaa hanqinna biroo irraa qulqulluu ta’e, wanta namoonni kaafama morman jedhan irraa Inni qulqulluudha.” (Al-Fawaa’id-fuula 6-7)

Kanarratti dabalatee, kaafama mormuun waa’ee Rabbii azza wa jalla ilaalchisee yaada badaa yaadudha. Akkuma Ibn Al-Qayyim jedhe: “Namni, ‘Du’aan booda mindaa fi adabbiif, uumamtoota Isaa dhugaa waan isaan irratti wal dhabanii isaaniif ifa gochuuf, aalama hundaaf dhugaa Isaatii fi dhugaa Ergamtootaa Isaa mul’isuuf, diinonni Isaa kijibdoota akka ta’an ifatti baasuf, gabroota Isaa ganda Aakhiratti walitti hin qabu.” jechuun yaade, dhugumatti Isa ilaalchise yaada badaa yaade jira.” (Zaadul Mi’aad 3/230)

Guduunfaa

Faaydan du’aan booda namoota kaasu keessa jiru: nafseen hundi wanta hojjatteef jazaa argatti, namni miidhame haqa isa argata, namni miidhes (zaalimnis) adabbii isaaf malu argata, “warri du’aan booda kaafamni hin jiru” jechuun morman kijibdoota akka ta’an ni beekkama, wanta namoonni irratti wal dhaban ifa gochuu fi isaan jidduutti murteessu.

Ragaan kanaa: Al-Qur’aan 20:15, 16:39, 32:25,10:4

Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Xabarii-13/432-434
[2] https://www.sammubani.com/2019/10/11/maqaalee-rabbii-subhaanahu-kutaa-7-5/#more-11824
Nawaaqidul Iimaani al-qawliyah wal amalayah” fuula 222-224 Abdulaziz bin Muhammad

Print Friendly, PDF & Email
Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 11.4
Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 11.2

Leave a Reply